Gareen Tumsa Qeerroo Bilisummaa Culumbus Ohio Keessatti Hawaasa Waliin Walitti Dhufuun Sochii Nagaa fi Dimokiraasi Oromoof Gumaacha Maallaqaa Taasisan.

Aside

icon_10_generic_list.pngRecorded Audio 2016-Jan-28 10-51-48 AM.mp3
​ Tumsi Qeerroo Columbus Ohio guyyaa Ammajji 24, 2016 magaala Columbus keessati hawwaasa nannoo waliin guyyaa yaadannoo FXG irraati waregaaman yaadachun sura waregamtoota irra hababboo kawun yaadatee kadhana mangudoota oromoon akkasumas abbooti ammantiin godhamera akkasumas gargarsa Qeerroo FXG gocha jiraanf gargarsaa gaodhaani jiru hangaa xumuraa itti godhamutiis akka Qeerroo waliin dhaabataan wadaa seenani jiru.
Kana malees Jaal Magarsaan hundeeffama sochii Qeerroo bara 2011 keessatti qooda ol’aanaa kafalaa bahee har’a Wayyaaneetti qabamee didiraa argaa bahee jalaa bahuun yeroo ammaa biyya Ameerikaatti ergamu walgahii kana irratti argamuun sochii Qeerroo eessaa ka’ee akkamitti akka jiru ibsa kennee jira.

Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan

Aside

Amajjii 28/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo FXGf qaban irraa Deebiuun Haaromsachuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLFtti Xummura gochuuf kan jiran tauu diddaan ibsatan. Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Waraanaa Mootummaa Wayyaanee Mooraa Dhihaa Biyyatti Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun halkanii guyyaa gidirfamaa utuu jiranii wareegamaa qaalii dachaan kanfaluuf qophii fi murannoo isaanii waadaa isaanii jabeessuun T-Shirt Suuraa Gooticha Oromoo Generaal Taddasaa Birruu qabuu fi Dhaamsa Lammiin barate, gaaffii mirgaa gaafata jedhuu fi Handhuurri lafa keenyaa Hin muramtu harmeen keenya Waadaa seenneerra lafeen eegna” jedhuu hojjechiifachuun Uummatanii ejjeennoo isaanii jabeeffachuun Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa qaarisuuf qabsoo wal irraa hin Citne FXG Oromiyaa cufa keessatti adeemaa jiruu daran jabeessuun kan finiinsaa jiran tauu ibsatan.

Aside

Amajjii 28,2016 Sabboontoi Oromoo aanaa Buunaa Gindereti Keessatti loltoota Wayyaanen baatii tokko dura qabamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu isaanii Qeerroon gabaase. .
Kanneen kunis
1. Barsiisaa Moosisaa Lataa
2.Barsiisaa Baayisaa Dhaabaa
3. Bart Dhabbaa Kinfee
4. Masarat Dachaa
5. Amaanuu Dachasaa
6. Shaaru Gutama
7. Lammeesaa Ergabus
8. Girmachoo Dilii
9. obbo Lataa Hordofaa nama umuriin isaan guddaa kan ta’e poolisii federaalaan qabamii mana hidhaa aanaa Abuuunaa Gindabarat keessatti baatii tokko oliif dararamaa jiru.