Gaaffii Abbaa Biyyummaa Uummanni Oromoo Gaafatu Itti Fufuun Godina Arsii Keessatti FXG Guutuutti Itti Fufee Jira. Waraanni Wayyaanees Magaalota Adda Adda Addaa Weeraree Jira.

Aside

Adoolessa 31,2016 Godinni Arsii guutumaan guututti dirree waraanaa fakkaatee jira waraana agaaziif feederaala qofaan guuttamtee jira. Har’aa fi  halkan edaa Adolessa 30, 2016 magaalota Asaasaa, Adaabbaa Dodola, Xijjoo qanxeraa Xiyyootti mromiin cimaan godhameera.

Ummanni magaalaa Asaasaa waraana Wayyaanee Agaazii lama irratti tarkaanfii fudhachuun tokko yeroo lubbuun darbu kaan ammo Hosptaala Awaasaa jiraachuun beekamee jira.

Godinuma Arsii bahaa magaalaa Ashmiira jedhamtu keessattis Adoolessa30, 2016 sagaleen mormii dhageesifamaa oluu Qeerroon naannicha irraa gabaase.

Asaasa keessatti qabeenya mootummichaafi jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an irratti uummani aariin guutamee fi roorroon itti hammaate adabbii sirreessaa kenneen mootummicha rifaasisee jira. waajjirri bulchiisa magaalaa kan balbala shan qabu waajjira bulchiilsa gandaa buusaa gonnoofa dhabamee jira. Kanumaan wal qabatee magaalaa Asaasaa keessaa dargaggoonni hedduun FXG qindeessaa jirtu sababaa jedhuun guyyaa har’aa hidhamanii kanneen jiran keessaa:-

 

  1. Dargaggoo Kaddii Abdallaa oggatoo
  2. Muktaar Abdallaa
  3. Daawud Abdallaa

Keessatti argamu.

 

Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti FXG Bifa Qindaayeen Deemsifamaa Oole

Aside

FXGGuyyaaa 30/07 /2016 G/W/Lixaa Aanaa Jjaarsoottii galgalaa keessa sa’a 2;30 irraa egallee Qeerroo Magaalaattiin FXG hangaa sa’aa amma kanattii geeggeeffamaa jira gutumaan magaalaa Jaarsoo dirree warrannaa ta’ee jira Qeerroon magaalaa Jaarsoos humnaa warrannaa Wayyannee irraattii tarkanfii fudhate jira… Abbaan biyyaa ABO , hoo balaa shunkurttii Wayyaneen lafaa gurgurttii jechuun sirbaa mormii jabaa ummannii jiru….dhukkasiis akkaa rooba gadii namaa namaa jira namonnii hedduun midhamanii jiru garuu addaa basuun hin dandamee.

Duulli Hammeenyaa Ummata Oromoo Irratti Jabeeffamaa Jiru, Xumurri Sirna Bittaa Alagaa Dhiyaachuu Mirkaneessa!

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

asxaa_oromoQabsoon Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa, Bilisummaa fi Walabummaa isaatiif gaggeessaa jiru gulantaa murteessaa irra gahuu, haalli Oromiyaa keessaa sirriitti agarsiisa. Sochiin warraaqsaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru gootummaa, bilchina jaarmayaa fi tooftaan akkasumas Impaayerattii keessattis tahe naannawa Gaanfa Afrikaatti fakkeenya murteessaa tahuu ummata Oromoo dirreetti baasee agarsiiseera. Keessumaa dhaloonni haaraan Gabrummaan Nu irratti Xumura Argachuu Qaba jechuun gootummaa fi murannoon bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf muxannoo qabsoo fi jaarmayaa hunda sochoosaa agarsiisaa jiran lammiif abdii, mootummaa gabroomfataaf ammoo naasuu akka malee itti ta’e.

Wayta ammaa kana goleen Oromiyaa fincilaa fi mormii hin keessummeessine hin jiru jechuun ni danda’ama. Magaalotaa fi baadiyyaalee Oromiyaa keessaa sagalee fedhii bilisummaa fi mormii gabrummaatu dhaga’ama. Alaabaa ABO waggoottan kudhanoota dabran goototni kumaatamni hedduun irratti wareegamanii asiin gahan tan faajjii bilisummaa taate qabatanii hiriira bahuu fi bakkoota addaa addaatti fannisanii balaliisuun, alaabaa Impaayerattii mallattoo gabrummaa taate irra ol kaasanii aduun gabroomsaa dhihuu, bilisummaan Oromoo dhiyaatuu labsaa jiru. Walumaagalatti warraaqsa gabrummaatti xumura gochuu akeekkatetu wareegama ilmaan oromoo qaqqaaliidhaan guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.Ibsa ABO Adoolessa 29 2016

Gooti Bara Dukkanaa Oromoo Ifatti Baasuuf Qabsoo Hadhooftuu Taasisaa Ture Jaal Tarfaa Dibaabaa Boqote.

Aside

Oduu Gaddisiisaa: Obbo Tarfaa Dibaabaa addunyaa kana irra boqote; Tarfa Dibaaba passed away

terfa_dibabaObbo Tarfaa Dibaabaa, har’a Adoolessa 29, 2016, magaalaa Hamburg, Jarmanii, keessati addunyaa kana irraa dhukkubaan boqoochuu isaanii gadda guddaan isin beeksisna. Obbo Tarfaan, Amajjii 6, 1940 magaalaa Dambidoollo, Wallaga, Oromiyaa tti dhalatan.

Obbo Tarfaan abbaa manaa Adde Arfaasee Gammadaa, abbaa Yared, Benjamin fi Talile, fi akaakayyuu Gilcha, Galan Hirtz-Dibaba, Hawani Yonas and Yadani Yonas turan. Maatii fi firootin isaanii jaalala fi kabaja guddaanisaan yaadatu.

Sirna, bakka fi yeroo awwaalcha isaanii yeroo dhihooti beeksisna.

Maatii Oboo Tarfaa Dibaabaa
——————————–
Sad News

Our family is deeply saddened to inform every one of the passing of our beloved Obbo Tarfaa Dibaaba, on July 29, 2016 in Hamburg, Germany. Obbo Tarfaa was born on January 6, 1940 in Dambidollo town, Wallaga, Oromia.

Obb Tarfaa is survived by his dear wife Adde Arfaasee Gammadaa, his loving adult children Yared, Benjamin and Talile, and his beloved grandchildren Gilcha, Galan Hirtz-Dibaba, Hawani Yonas and Yadani Yonas. He will be missed terribly and remembered fondly by his family and friends

Obbo Tarfa’s funeral arrangements will be announced soon.

Obbo Tarfa’s Family.

Seenaa Jaal Tarfaa Dbaabaa Qeerroon Bilisummaa gara fuula duraatti baldhinaan ni dhiheessa.

Godina Lixa Shaggar Aanaan Baakkoo Tibbee Humna Waraana Agaazii fi Kora Bittinneessaan Sakkatta’insii Guddaan Irratti Gaggeeffamaa jira .

Aside

Adoolessa 27/2016 Godina Lixa Shaggaar  Sodaa Guddaa Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG irraa kan Ka’een Aanaan Baakkoo Tibbee Humna Waraana Agaazii fi Kora Bittinneessaan Sakkatta’insii Guddaan Irratti Gaggeeffamaa jira .

Sochiin warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa baatii 8f itti fufinsaan adeemaa jiru; Godinaalee Oromiyaa Hedduu keessatti akkuma itti fufeen gara baatii 9ffaatti tarkaanfachaa wayita jiru kanatti Biyyattiin Caalmatti raafama guddaa keessa galtee jiraachuun beekame  Aanaan Baakkoo Tibbee Wallaggaa Bahaa Horroo Guduruu Wallaggaa fi Lixa Shaggar Iluu galaanii fi Calliyaa Daangessitee  kan Argamtuu Daandii Guddaa Gara Wallagga Bahaa Naqamtetti geessuu fi Daandii guddaa Gara Horroo Guduruu Shaambuutti geessuu irratti kan argamtuu guyyaa kaleessa human waraanaa guddaan weeraramtee sakkatta’insii guddaan Magaalaa Bakkoo daandii bakkoo fi iluu galaan Gidduu fi Daandii Gara Horroo Guduruutti geessuu irratti gaggeeffama kan olee guyyaa ha’aas ittuma fufee jira. Humni waraana Wayyaanees gara Aanota Lixa Shaggar  Iluu Galaan Ijaajjii, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii Baallammii, Daannoo fi Godina wallaggaa Bahaa fi Godina Horroo guduruu Wallaggaa Shambuu, Haratoo, Amuruu, Jaartee, Guduruu, Fincaa’aa fi Habaaboo Guduruu  dabalataan qubsiifamaa jiraachuu madden keenya Godinaalee dhihaa Oromiyaa garaagaraa irraa gabaasaan.
Akka guutummaa Godina Lixa Shaggarii fi Gidduu Galeessa Oromiyaa , fi Godinaalee Oromiyaa Bahaa Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa fi Lixaa,
Godina Booraanaa , Gujii fi Baaleetti  jabaachuu Sochii warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXGn cinatti Duullii gabaa lagachuu fi uggura
dinagdee buusuu itti fufee jiraachuu Maddeen keenyaa kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa gabaasa jiru, Guutummaa gabaasa kanaan walitti
deebina.

Dhaamsi  Hatattamaa  Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama

Aside

Damee Boruun

Barreessaa dhugaa baasa!Qeerroon Bilisummaa Oromoo Adoolesa 17,2016 Daamsa Hatattamaa uummata Oromoo dabrsee jira. Waamchi yaroo isaa eegate waan dhufeef ilmaan Oromoo onnumaan fudhachuu qabna jedheen amana. Bakka jirru marati gamtaan saba keenya wajjin dhaabbachuu fi aarsaa barbaachisu keennuuf of qopheessuuu nu irraa eegama. Gummaachi qabsoo bilisuummaa saba keenyaaf goonu dacha dachaan dabaluu qaba.

Mootummaa faashitii ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessaa jiru kana wajjin qabsoo karaa nagaa ni goona jechuun funyoo mormatti of hidhanii of fanisuu irraa adda hin  tahu.  Mootummaan TPLF sagalee nagaan rakkina furuu jedhu hiikaa isaa hin beeku. Kan beeku afaan qawween furuu duwwaa dha. Mirga keenya meeshaa qabnu maraan karaa dandeenyuu falmachuun haqa dhalootaan qabnu yoo tahu Waaqayyos akka nuyi wajjin jiru dagachuu hin qabnu. Filmaatni qabnu humnaa fi meeshaa qabnuun diina faashitii kana of irraa ittisna yookaan duguugamnee baduu dha. Amma yoonaatti qabsoon keenya karaa ifa taheen filmaata kana lamaan keessaa  murteefatee hin jiru . Garuu ammaan kana eejjennaan fudhatame jiraachuu saba Oromoof murteessaa dha.

Qabsoo bilisummaa biyya lafaa irratti godhame keessatti  yarooitti uummatni bal’aan gartuu waraana xiqqoon aangoo mootummaa cabse  aangoo qabate hin jiru. Hojiin humna garee waaraana uummata damaqisuu , ijaaruu fi dhidhachiisuu dha.  Mootummaa kan humnaan cabsuu danda’u gaafa uummtni bal’aa gamtaan kaa’ee  duraa dhaabbate qofa. Lolli bilisummaa lola uummata bal’aati malee lola humni muraasni mootumaa cabsee bilisummaa mirkaneessu miti. Haalli kun adda bahee hubatamuu qaba. Hojiin ijaarsaa daaba bilisummaaf dhaabbatee kaayyoo bilisummaa  dhaabbateef irratti hundeefatee  uummata bal’aa  dhamqisuu , ijaaruu fi hidhachiisuuf qabsaa’uu dha.  ABO waggaa afurtmaan darbaan kana keessaa qabsoo bilisummaa  uummatni Oromoo har’a itti jirru kana argamsiisuu wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasee jira. Gootonni Oromoo hedduun itti aarsaa tahanii jiru. Damaqinsi uummata keenyaa sadarkaa  har’a jiru kana irra gahuu kan danda’e tasa lafaa ka’ee akka hin taane bareechinee hubachuu qabana.Dhaamsi Hatattamaa Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama

SBO: Adoolessa 29 Bara 2016. Oduu, Fincils Xumura Gabrummaa(FXG) Godina Lixa Arsiitti finiinaa jirurratti gaaffii fi deebii Obboo Dhaqqaboo Waaqoo waliin taasifamee fi Qophii shira waajjiraalee Oromiyaa keessa jiranirratti xaxamaa jiru ilaallatu.

Aside