Irreessi Bishooftuu Kabajame. Loltooti Wayyaanee Ayyaana Kana Jeequuf Argaman lakkoofsaan ummata Ayyaanichaaf baheen gitu. Sabboontoti Oromoo 100 ol hidhaman.

Aside

Fulbaana 30,2012Guyyaa har’aa irreechi Bishooftuu Oromiyaa keessatti sirna howwaa fi haala addaan kabajamee jira.Sirna kana kabajuuf jecha sabboontotiin Oromoo Oromiyaa bakka gara garaa irraa kan fageenyaa fi dhihootti araman hedduun irratti argamanii qophicha adda godhanii jiru. Addatti dargaggoonni Oromoo guyyaa jala bultii isaa irraa kaasanii haala addaan hirmaannaa isaanii muldhisaa haajiraatan malee mootummaan Wayyaanee ayyaanicha fashalsuuf jecha humna waraanaa heddumminni isaa kan ummata irreechaaf bahe gadi kan hin taane gara kanatti bobbaasuun ayyaana kana fashalsuuf yaalii guddaa godhe.
Haala kana keessatti dargaggoota fi ummata Oromoo keessaa namoota 100 ol qabanii hidhaatti guuruu fi video waraabamee fi suuraalee kaka’an mara irraa saamee bakka inni buusee hanga ammaa hin baramiin jira. Ayyaana kana irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun Oromoonni aadaa isaanii akka hin muldhifne yaaliin hin godhamiin hin jiru. Sabni keenya bara irraa baratti guyyaa irraa guyyaatti rakkoo haala hamaa keessatti miidhamaa waan jiruuf jabaannee ka’uu fi tokkummaan gabrummaa akkaanii keessaa bahuu malee furmaati hin jiru.

Gama biraan video lee fi suuraaleen qindaayan gariin loltoota Wayyaanee fudhatameera. Kan hafe ammoo yeroo gabaabaa keessatti qindeessuun akka ummata keenyaan geenyu dhaammanna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Wallaga Aanaa Anifilloo Keessatti Sochiin Qabsoo Babaldhachuun Wayyaanota Yaaddesse.

Aside

Fulbaana 29,2012 Dambi Dolloo

Gabaasaa godina Qellem,Ona Anfilloo Fulbaana 28 addeessuun gaafa guyyaa Fulbaana 26 kaee maqaa ABOtiin shakkii fi sodaa ABOn biyyaa galuutiin kan kae Aanaa Anfilloo keessaa kaabinoonni wayyaanee uummata goolaa jiraachuu isaanii gabaasaan Qeerroo addeessa. Kana irratti hundaauudhaan addatti ati ABO dha jedhanii, ABO biyya galchuudhaaf daandii qopheessaa jirta,akkasuma miseensummaaf namoota jiraa jirta,yakka kana kanaan qabsiisanii barataa Kaliifa jedhamu barnoota isaa xumuree hoji dhabuu irraan kan kae naannoo Gabaa Kamisaa maatii isaa bira osoo jiraatuu gaafa guyyaa gaafa Fulbaana 26,2012 maatii isaa biraa qabamee ukkaamfamuun bakka gahe hin baramiin jira.
Kana malees barattoota magaalaa Aana Anfilloo, Muggi naannoo gabaa kamisaa keessaa heddumminaan waajiraalee bulchiisaatti yaamanii akka qorataa jiran gabaasi qeerroo addeessa.
Walumaa gala Qeerroon godina Qellem irraa gabaasaa dhaamaa jiru sodaanii fi raafamuun mootummaa jabaatee dhufuu irraan kan kae barattootaa fi uummata yakka tokko malee yakkuu fi gooluu irra akka jiran gabaasaan dubbata.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Wallagga Lixaa Ganda Yattii Bakka Deewweche Jedhamu Irraa Ummati Oromoo Dirqiin Qee’ee Irraa Buqifaman

Aside

Fulbaana 28,2012 Dambi Doolloo
Gabaasaa Qellem,Ona Anfiillo irraa addeessuun akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee lafa uummanni aanichaa qotee irra jiraatu keessattu uummanni ganda Yattii qotee kan irra jiraatu bakka Deewwechee fi Wayyaa jedhamuu dabarsanii Invesiteraaf kennuudhaan uummata jiraataa 300 ol ta’anii fi baroota dheeraa qonnaa fi hormaata looniin irra jiraachaa kanneen turan irraa kaasaa akka jiran gabaasaan Qeerroo ganda Yattii addeessa. Akkasuma lafa qonnaa jalisii kan taee uummata irraa fuudhanii abbaa qabeenyaatti gurgurachaa akka jiran gabaasaan addeessa. Bifa gorsaatiin qabanii lafuma ishee qabdan xaaoo fudhaati seeraan itti gargaaramaa isayyuu xaaoo kan hin fudhanne yoo tae lafti isin qabdan martiyyuu isin irraa fuudhama, kanaaf lafa isin irraa fuudhame dhiisaatii isa qabdan waliif hiraa, biyya keenya misoomsina investii goonaa jedhanii uummata gowomsaa akka jiran gabaasan addeessa. Lafa qonnaa kanneen biroo ammoo bosona dhaabnaadhaan uummata irraa ariaa akka jiran beekama. Qeerroon kana irra dhaabatee uummata ofitti qabuudhaan diddaa isaanii akka cimsaniif uummata gorsaa fi qajeelina adda addaatiin cina dhaabbachaa aka jiru gabaasan jiru addeessa.

Dargaggoota Oromoo Ayiraa Gullisoo fi Dabballoota Wayyaanee Jidduutti Rakkoon Ture Itti Fufe.

Aside

Fulbaana 26,2012 FinfinneeMootummaan Wayyaanee yeroo irraa yerootti dabballoota isaa ummata keessa bobbaasuun yaadota fedhii ummataa waliin wal hin gitne facaasaa ture. Godina Wallaggaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti baatii jahaa oliif dabballoota naannoo sanii fi Qeerroo jidduutti rakkoon uumame itti fufee yeroo ammaa kana humni poolisa Wayyaanee dabballota isaa tumsuuf jecha qeerrootti bobbauun hiraarsaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Fulbaana 25,2012 irraa kaasee hanga ammaa magaalaa Ayiraa keessa dargaggoota Oromoo jiraatan mana irraa manatti adamsuun hiraarsaa kan jiru humni hidhataa Wayyaanee Oromoof gara laafina akka hin qabne muldhisa, miseensii fi qondaalli OPDO Tashoomee Darajjee kan jedhamu magaalicha keessa deemuun dargaggoota gabaasuu fi qabsiisuu akkasumas hiraarsuutti akka jiru beekamee jira.
Haala kanaan kan mufate ummanni Oromoo naannichaa diddaa fi sagalee mormii isaa dhageesifachaa akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Gama biraan Godina Shawaa lixaa aanaa Walmaraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Wal maraa keessaa mootummaa Wayyaaneen yakkamee ukkaamfamuun mana hidhaa Wayyaanee keessatti bara darbe kan darbame ture barataa Geetuu Dhaqqabaa erga hidhaa irraa gadhiifamee gara gabatee barnootaa isaatti deebiuuf yeroo gaafatu ati diina mana barumsaatti hin deebitu jedhanii mana barnootaa akka dhorkan beekame.Hoogganaan mana barumsaa kanaa Abbabaa Haayile Maariyam ajaja mootummaa Wayyaanee irraa kaee akka barataa kana mana barnootaatti hin deebifne tauu ibsee jira.

Godina Jimmaa keessatti Diddaan Ummataa jaabatee ittii fufe

Aside

Fulbaana 27,2012

Godina Jimmaa keessatti diddaan ummataa jabaatee itti fufuu qeerroon godinichaa gabaasa. Haaluma kanaan Fulbaana 22-24/2012 Aanotaa Limmuu Shaayii, Limmuu koosaa, Geeraa, Ummaannii Walgahii dhaabni jalee Wayyaanee OPDOn yaame irraatti gaffii gurguddaan ummataan itti ka’ee jira. Erga muumicha ministera Wayyaanee jijjiramee ummanni Oromoo akka OPDOn aangoo hin qabnee fi baroota 21 gutuu ummata Oromoo goyyomsaa turanii fi aangoo Oromoo biyyoolessa irratti muldhisuu akka dadhaban kallattiin itti himuun walgahicha irratti afaan qabsiisanii jiru. Sabboontoti tokko tokko aarii keessa darbuun hogganoota OPDOn kallattiin kan ittiin jedhan, OPDO’n angoo malii qabaa? Ofii iyyuu angoo hin qabdan maal nu gowwomsuuf kaatanii? Oromoon lamuu isiniin hin goyyomu walgahi keessanis hin hirmaannu jechuun walgahicha dhiitanii bahuu isaanii qeerroon godinicha irraa gabaasa.

Kana malees Anaa Limmuu Shaayii keessaatti hidhattonni Wayyaanee dirqamaan dargaggootaa walgahii baasuuf bobbaafaman dargaggotaan reebaman, dargaggoonnii Oromoos milishoota humnaan ummata doorsisuu fi reebuuf dhaqan irratti tarkaanfii of irraa ittisuu taasisan.

Ummaannii Anotaa (kkaa Geeraa,Saqqaa Coqorsaa, Deedoo, Gommaa ,Aggaaroo Maannaa, Aseendaaboo fi Shabee Buusii Gibiraa addaa addaa fi maallaqaa Waaldaa Liqii fi qusannaa Oromiyaa irraa Liqeeffatanii Ummataa irraa jiru Uummaannii hin kanfalluu, Ofii keenyaafuu Mootummaa hin qabnu enyuttii kaffallaa jechuun diddaa kaasaa jiraachuun hubatame, ergamtoonnii Wayyaanee Ummataa kanaa tasggabbeessuuf sossobaa jiirtuullee ummaannii diddaan of irraa deebisaa jirachuun ibsame