Aside

“Warra nagaa jibbe, Qawwee na baachise”

Qalbeessaa Dhangi’aan
……
Daandii dheertuun silaa
Gordubaa kee ka’e
Utuman si jaalladhuun
Manaa gadi ba’e
Rukuttaa balbalaa
Isa guyyaa maraa
Hanga yoomiitti jedheen
Didee ba’e aaraa
Roorrifamu Biyyakootu, aarsee na kakaase
Qeerroo Bilisummaa Leenca na taasiae
.
Ganama sakattaa’amee
Galgalas sakattaa’amuu
Mana abbaakoottiin
Jibbame kotaa’amuu
Gaafan aariin fiileen
Sagalee baafadhee
Qeerroo Bilisummaa
Ta’eetan falmadhe
Sagaleekoon diina
Kofoo isa hiiksisee
Wadala Harree godhee
Sodaan halaaksisee Continue reading

Gochaan Oromoo irratti EPRDF’n bara kana raawwataa jiru haaloo bahannaa qabsoo sabichaa baroottan darbeeti!

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 16,2019
Finfinnee Oromiyaa

Qabsoo haqa qabeessa, fi qabsoo fakkeenya guddaa addunyaaf ta’u karaa nagaa gaggeesseen humna waraana isaa addunyaan sodaatu EPRDF’n roqomaasee raafama irratti gaggeesseen abidda qabatee dhaamuu hindandeenye diinoota dimokiraasii fi nageenya uummata Oromoof fi saboota cunqurfamoo impaayeera biyyattii sirna EPRDF tti qabsiise.

Abiddi warraaqsaa dargaggoota Oromoon EPRDF qabate kunis fakkeenya abidda guutuu mana citaa qabatee ta’uutiin, hanga barbadeessutti suuta suuta gubee balleessuutti adeemeen, qaamuma isaa paartilee EPRDF tti abidda qabsiiseen gubee mukukkula taasiisuun wal akka nyaatullee taasise. Kunis sababa bu’uura isaaniirraa abbaa irrummaa irratti ijaaramaniif amala dimokiraasii wal’aaluu isaanii irraa maddee, gartuun abbaa irreetti amanuuf dimokiraasitti amanu sirnicha keessatti walii galuu dadhabuun wal dhabbii uumaniiru jennee amanna.

Sochii biyyattii keessatti har’a taasifamaa jiru, jijjiiramaa fi abdii eegamuuf hawwamu dabalatee qabsichi bu’uura qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uuf aarsaa uummatni Oromoo akka sabaatti kaffaleen ta’uu eenyu duraa dhokataa miti.

Sirnichi humna dargaggoota Oromoo kana waggoota 28 guutuuf dararaa turee, sochii ABO dhaan hogganamee Qeerroon taasiseen irratti yaaddoo guddaa keessaa bahuuf hindandeenyeef siyyaasa walxaxaaf ulfaataa keessa gale. Humna qabsoo Oromoo dhaamsuu dadhabuutiin waggoottan arfan darban mukaa jirmatti of buusaa tureera. Sirni EPRDF rakkoo isaa akka ta’e amanee, qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan hogganamu morma isaa hudhuutiin akka gadi taa’ee of gamagamu dirqama taasise.

Dirqama sanaanis jijjiirama barcumaa keessoo isaatti taasiseen, kaan ammoo waadaa hinqabamne uummataa galuutiin akkasuma jijjiirama hundee hinqabne fakkeessaa, jijjiirama kanneen akka qaamota siyyaasaa adamsuu dhiisuu waadaa galeen sochiin akka yeroof nyaru/tasgabbaa’u taasise.

Tasgabbaa’uu sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo kana keessatti gantootaa fi ayyaan ilaallattoota ofitti hammatee humna jabaa ijaarrachuu itti fakkaachuudhaan EPRDF haaloo bahannaa nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessuu eegaleen shira dabaa nutti xaxaa waggaa tokkoo guutuuf deema.

Haaluma kanaan maatii dargaggoota jijjiirama baanamu/lallabamu kanaaf bu’uura ta’anii dararuu, manneen uummata Oromoo gubuu, ilmaan Oromoo ajjeesuutti fuulleffatee hojjetaa jira. Erga addi Bilisummaa Oromoo ABO’n biyya galee hojii suukanneessaa seenaan hindagannee nu Oromoo irratti hojjetaa jira.

Hojiin isaa kunis akka hinsaaxilamne miidiyaalee qabsoo dabalatee miidiyaalee biyyattii fi namoota beekamoo (Public Figure) ta’an ofitti hammachuun rakkoon saba keenya Oromoo irra biyya abbaa isaa Oromiyaa keessatti raawwataa jiru akka hinsaaxilamne hojjete.

Gocha suukanneessaa haalo baafannaa nu Oromoo irratti raawwateen Godinaalee Oromiyaa tokko keessaa manneen 200 ol waraana isaa raayyaa ittisa biyyaa bobbaase gubaa jira. Manneen 200 ol Godina tokko qofa keessatti miseensota ABO jalaa akkasuma uummata Oromoo jalaa gaafa gubatu reeshoon guutuu Oromiyaa keessaa meeqa akka ta’u tilmaamuun nii danda’aama ejjennoo jedhu qabna.

Haaluma wal fakkaatuun ajjeechaan ilmaan Oromoo maanguddaa, daraggeessa, dargaggeettii, Misirroo fi obbolaa lamaan wal faana ajjeesuu dabalatee baatii tokko keessatti yoo xiqqaate namoota 150 oltu ajjeefamaa jira. Erga hogganni dhaaba keenya ABO biyya galee as, baatii kudha tokko keessatti namootni ajjeefaman reeshoon gabaabsinee 150 X 11 = 1650 ol ajjeefamaniiru. Kun qorannaa mataa isaa dandaa’ate qaama walaba ta’een, namootni nagaan waraana irraa walaba ta’an ajjeefamu kan qoratu daddaffiin dhaabbatee akka rakkoo nu Oromoo irra gahaa jirutti daangaa taasisu gaafanna.

Itti dabaluudhaan hidhaan ilmaan Oromoo irraa nii dhaabbata, Oromoo boqonnaa nii argata jennee yeroo eegnetti ilmaan Oromoo qabsoo waggoottan arfan darban kana keessatti gahee olaanaa aarsaa gurguddaa kaffaluun qabsaa’aa turan har’as dararaan irraa dhaabbachuu hafee torban tokko keessatti guutuu Oromiyaa irraa tilmaamaan namoota 300 oltu hidhamaa jira. Haala kana keessatti reeshoon baatii tokko keessatti 300 X 4 = 1200 namoota kuma tokkoof dhibba lamaa oltu hidhamaa jira. Kana jechuun baatii 11 keessatti yoo xiqqaate 1200 X 11 = 13,200 namni kuma kudha sadiif dhibbi Lama hidhamaniiru jennee fudhanna.

Humni haala kanaan jumulaan hidhamaa jiru kun seeraaf heera biyyattiin eegeen gaafatamaa kan hinjirre, kanneen waraanni Mootummaa EPRDF olaantummaa seeraa cabsuudhaan badii tokkoon alatti waan miseensa ABO ta’an qofaaf, akkasuma waan miseensa KFO ta’an qofaaf hidhaa kan jiru yoo ta’u, miidiyaaleedhaaf ibsa laataa jiraniin qaamoleen mootummaa akka waan olaantummaa seeraa kabachiisaa jiraniitti utuu haasa’aa jiranii waan qaanii dhagaa’aa argaa jirra.

Akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromootti mormitootaa ofii ajjeesuun, hidhuun mana isaanii gubuudhaan nagaan nii argama, ykn Olaantummaan seeraa nii mirkanaa’a ejjennoo jedhu hinqabnu. Biyya keenya keessatti kan ta’aa jiru faallaa kanaa, mormitootaa ofii hiraarsuuf dararuun olaantummaa seeraa kabachiifna ilaalcha jedhu ilaalcha dogoggoraaf fokkuu gufuu dimokiraasii ta’an qabatanii socho’uutu jira. Gochaawwan dabaa fi ilaalcha mormitootaa ofii daguugaanii ajjeesuu jedhuun hojiin hojjetamu diigaminsaa fi barbadaa’insa dimokiraasii, dimokiraasiin baduun ammoo biyyattii jeequmsa hinfeesifneef saaxiluu fida waan ta’eef gocha badaa akkanaa cimsinee balaaleffanna.

Mirgoota namoomaa fi dimokiraasii mormitootaa irraa molqanii qaamota mootummaa olaantummaa seeraa cabsuudhaan manneen uummata keenya gubanii, imaan Oromoo ajjeesaa jiran seeraaf akka dhiyaatan kabajaan gaafanna! Akka sabaatti jaarraa hedduuf cunqurfamaa kan ture uummatni Oromoo mirgi lubbuun jiraachuu isaa fi mirgooleen dimokiraasii heeraaf seera biyyattiin mirkanaa’anii laatamaniif akka kabajamuuf qabsoo gochaa turre ka duraa olitti hanga hundeen nageenya biyyattii gadi dhaabnutti, olaantummaan seeraa mirkanaa’ee qaamota waraana mootummaa fi basaastota waraanaa kanneen nama ajjeesaa, mana uummataa gubaa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafataa Oromoon jabaatee ammallee hamiilee isaa utuu hincabin qabsoo isaa akka itti fufu gaafanna!

Walumaa galatti Gochaan Oromoo irratti EPRDF’n bara kana raawwataa jiru haaloo bahannaa qabsoo sabichaa baroottan darbeeti! Kana waan ta’eef Oromoon jabaatee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbatee akka of kabachiisuuf, rakkoo saba keenya Oromoo irra gahaa jiru kun daddaffiin qaama walabaan qoratamee yakkamootni akka seeratti dhiyaatanif qabsoo jabeessinee akka itti fufnu uummata keenyaafis diina uummata keenyaaf ibsina!

Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 16,2019

“Dirreen dimokiraasii mormitoota ofii hidhanii ajjeesuun bal’ata!” ilaalchi jedhu dogoggora!

Aside

“Dirreen dimokiraasii mormitoota ofii hidhanii ajjeesuun bal’ata!” ilaalchi jedhu dogoggora!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 8,2019

Akkuma yeroo garaa garaatti gochaa ajjeechaaf hidhaa uummata keenya Oromoo irra qaama mootummaan gahaa jiru balaaleffataa turre, irra deebi’uun gochaawwan Qeerroo kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu, hidhuu balaaleffachuu keenya ibsuu feena. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo nageenyi biyyattii keessatti dimokiraasiif tasgabbii uumuu qofaan mirkana jennee amanna akkasidhas. Kun hafee ilaalcha dogoggora baatanii paartilee mormituu ofii mirga dimokiraasiin laatuuf irraa molquudhaan, dabalataan mirga uumamaan qaban irraa molquudhaan dirree dimokiraasii balleessaanii utuu jiranii nii gabbisna jedhanii fudhatuun daba ta’uu ibsuu barbaanna.

Namni kamuu paartii barbaadeef miseensa ta’uuf mirga dimokiraasiin laatuuf, Kan heeraaf seerri biyyattii ayyamuuf irraa molqanii, nagaan biyyaa boora’eera jedhanii waywaatuun abidda ofitti qabsiisan dagachuudha. Har’a biyya keenya Oromiyaa keessatti nageenya dargaggoota Oromoo fi addatti nageenya uummata Oromoo booreessuudhaan, dargaggoota mirga isanii irraa molqanii ka’anii badii dhalatuuf qaama mirga ofiif falmatutti quba qabuuf taa’uun yakka. Akka heerri biyyattiis ta’e seerri biyyattii ayyamutti, akka dimokiraasiin jedhutti mirga uumamaan qabnuuf mirga dimokiraasiin qabnu akka nuu kabajamu barbaanna. Continue reading

Qurciin kan waaqni ishii godheerraa ofiif deebitee madaa waliitti quba dhooftii!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 05/2019

Qabsoo Bilisummaa Oromoo aarsaa qaalii uummaanni oromoo irree tokkuummaattin irraatti kaffaalaa turee garaa dabaarsuuf murnoonni ijaaramanii faayidaa dhuunfaa fi aangoo tikfachuuf deemaan gara dabaarsuuf tattaaffii diinoonni keenya gochaa jiraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ilaaluun Taajjabbii fi obsaan biraa darbaa turree. kana biraas darbuun diinina yeroo garaagaraatti itti kennaa turree. Humnoonni badii oromoo abjootaan garuu irraa deeddebiin gochaa farraa uummaata oromoo gargaar qooduu fi egeree oromoo dukkaneessu hojjaachuu itti fufaanii jiru.
qaamni yeroo ammaa kana biyyaattin bulchaa jedhuus rakkiina kana ol tahuu nurratti hojjaataa jiraa. kanaas qaamni
kun akka irraa deebi’uuf irraa deeddebiine Qeerroon akeekkachiisaa turree. haa tahuutii garuu mootummiichi yeroo kanaas oromoo gargaar qooduuf hiriiroo oromoo diigaan ,diinoota oromoo tokkomsuu, uummaata oromoo awwaaluuf kutaatan qopheessaa jiruu. _kuniis Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ uummatasaaf aarsaa kaffaaluuf bahee irraatti holoola oofuun maqaa hin beekne itti moggaasuun Shiftaa fi shanee balaaleeffannaa jechuun hiriira diigumsaa waamaa fi qopheessaa jiruu. iddoo tokko tokkootti ammoo uummaataan dirqiidhaan bahaa jechuun dirqisiisaa jiruu. kanuumaa bahuu diddaan jechuun uummaata keenya hidhaa hiraarsaa fi saamaa jiruu. Qeerroon Bilisummaa Oromoodhaa gochaan isaanii kun faashistummaa tahuu itti himuun yeroo danuu akekkachiisaa fi diniinaa turee.
ammaas Qeerroon irraa deebidhaan akeekkachiisaa fi diniina xumuraa qaamoota hiriira kana mootummaa faashistii waliin tahuun qindeessaan, tumsaan, gaggeesanii fi bahaaniif dabaarsiina.
Qabxiin hiriirri kuni akka fudhaatama hin qabnee agaarsiisu.
1/ Osoo uummaanni Oromoo rogaa hundaan rakkootti jiruu, keessatuu naannoon akka gujii bahaa ,gujii dhihaa ,kibbaa fi dhihaa oromiyaatti uummatni rakkachaa jiruu, sagaalee sagaalee birmaana ummatni keenya hin argatiin, qaama biyyaa bulchuuf ykn aangoo mootummaa harkaa qabuf hiriiraa bahuun , rakkoo uummataa keenya ilaalu dhisnee , dibbee qaama biyyaa bulchuuf reebuun qeerroo bilisummaa oromoo fi WBO biratti , buqqee dudaatti bishaan naquudha!!
2/ Waraanni Bilisummaa Oromoo , Qeerroo kaleessaa harka duwwaa dhagaadhan rasaasa duraa dhaabbataa turaan irraa kan ijaaramee, roorroon itti hammannaan kanneen Qawwee kaasaan waan tahaaniif obbolaa keenya ykn Qaama keenya hin balaaleeffannu. bakkaa isaani bu’uun wareegamaa of qopheessina,ni tumsiina ni deeggaarra.
3/ Shirrii maqaa hiriira balaaleffaannaa shanee fi WBO jedhuun as deemaa jiru kun Holoola diigumsaa waan taheef qaama tokkuummaa oromoo sharafuu xiqqeessuun dhiibbaa keessa fi alaan dhufu deemu kamiyyuu ni balaaleeffannaa.
4/Mootummaa ilmaan oromoo kallaatti maraan duguugaa jiruu,Gujii lamaan keessatti maatiiwwaan kumaa shantamaa ol qe’ee irraa buqqasuun, mana isaan keessatti ibdaan gubuu,qabeenya isaan kan mana fi alaa ibdaan barbadeessuu fi maccaansuu, kumaatamaan hidhaa osoo jiruu,dubaartoota ulfaa ciniinsuutti jirtuu ajjeessuu, balaaleeffaachuu dhisnee , WBO falmaattoota haqaa yeroo balaaleeffannuu qophxeesinuu hin qabnu.
5/Yeroo itti Oromoo fi oromiyaan marfamaa waraana ,siyaasaa fi dinaagdee keessa galteetti,keessattuu, bakka warri aangoon harkaa bultee fi harkaa jirtu of harkaatti deebisuu fi turfachuuf wal nyaaachaa jiran keessatti ,Waraana bilisummaa oromoo ykn WBO ,kallachaa qabsoo oromoo ABO dhaaba keenya wajjiin dhabbii tokkoo qabachuun WBO humna humna caaluu gochuuf Gurmuu qabsoo hidhannoo jabeeffanna male WBO hin balaaleeffanu!!
6/ Walumaa galaatti mootummaan Itoophiyaa shiraa xaxuun uummaata oromoo hiree isaa dukkaneessuuf yaalii inni taasisaa jiruu kamiyyuu Qeerroon bilisummaa oromoo kan darbee caalaa akka wareegamaa dacha dachaadhan duraa dhaabbannuu tahuu isiin beeksiisna.
========/////=====\\\\\=========
Dhumaa irraatti dhaamsi nutii qaamoota dhuunfaniis tahee gareen ijaaramaan: mootummaa faashistii waliin tahuun gochaa badii kana kanneen dalaagaa jirtaanii,
hataattamaan gochaa kana duraa gootaniif ifaan ifaatti dhiifaama gaafattanii akka uummataa fi qabsoo sabaa keessatti ykn daandii qabsoo haqaa geejjibuu irraatti akka of sirreesitaan. ykn immoo harka keessaan sassaabbattanii ykn waa’ee qabsoo oromoo bobbocuu ykn bocoluu dhisuun akka teessan, duula fi amnoota sakata’aa mootummaan WBO fi miseensoota ABO irraatti isiin bobbaasu kamiyyuu irraa akka bilisaa taataan ykn immoo akka mootummaa kana waliin yakkaa ummataa keenya irraatti raawwachuu dhiistaan kabajaan isiin gaafanna.

Namoonni rakkoon oromoo walii galaa itti dhagahamuu dhabun,mootummaa Micciramaa kan wajjiin aannaan garaa walii taataan, WBO fi Qeerroo Bilisummaa oromoo wajjiin ammoo ibdaa fi ciddii akka tanuu hubbadha.Hangaa kaayyoon uummatichaa galmaa gahuutti kanneen akeekaa fi fedhii jaarmiyaa keenya dura dhaabbattaan bakka kaasuu qabna.wareegamaa qeerroo fi qaarree bilisummaa oromoo gaalii fi firii itti gochuuf WBO jabeessuun moonaa qabsoo gabbisuu fi diinoota qabsoo xiqqeessuun dhiigaa fi lafee keenyaan oromiyaa ijaaru dirqamaa keenya!!!!!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa
injifannoon Uummaata Oromoof
Adooleessa 05/2019
Oromiyaa
finfinnee