Godina Lixa Shaggar Gidduu Galeessa Oromiyaa Aanaa Walmaraa Magaalaa Holotaa Keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromoo FXG Itti Fufe.

Aside

Image may contain: one or more people, people walking, people standing, tree and outdoor

Adoolessa 29/2016 Godina Lixa Shaggar Gidduu  Galeessa Oromiyaa Aanaa Walmaraa Magaalaa Holotaa Keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromoo FXG Hojii dhabdoota, bara

ttooota dhaabbilee barnoota Olaanoo irraa #Degree_Diplomaneebbifamanii hojii dhabduu ta’ani jiran, fi dargaggootaa fi uummata hojii guyyaa

 hojjechuun Of jiraachisaaniin guyyaa hardhaa magaalaa Holotaa keessatti Warraaqsii Qabsiifamuun Hoomaa waraanaa Wayyaanee Waliin wal dura dhaabbatan.
Continue reading

Atileet, Fayyisaa Leellisaa baga milkiif injifannoon irra aantee , gammaddee nu gammachiifte.

Aside

Gootichi Oromoo Atileeti Fayyisaa Leellisaa Fiiggicha Walakkaa Maraatoonii Biyya Kolombiyaa Bogotatti gaggeeffame irratti Sadarkaa 1ffaa bahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse Warqee Badhaafame!!. Ilmi saba isaaf dhalate Yoom iyyuu kanuma sabaati, Atileeti Fayyisaa Leellisaa guyyaa har’aas akkuma Injifannoo galmeesseen Sagalee Mormii Mallattoo Diddaa Gabrummaa Rio irratti Argisiisee irra deebi’ee Addunyaa biyya lafatti argisiisuun mirgi bilisummaa uummata Oromoo akka kabajamuuf Sagalee uummata Oromoo ta’uu danda’eera.  Continue reading

US House Foreign Affairs Committee voted to advance a resolution, H. Res. 128

Aside

Dhiitaa Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Keessaa Laalchisee Wixineen Seeraa Miseensonni Mana Maree Yunaaytid Isteets Dhiheessan Koree Dhimmoota Biyyoota Alaatiin Fudhatama Argate
https://www.voaafaanoromoo.com/embed/player/0/3961959.html?type=audio
WAASHIGITAN, DIISII (VOA Afaan Oromoo) — Itoophiyaa keessatti akkaataa qabiinsa mirga dhala namaa akka fooya’u gochuu irratti an xiyyeeffate wixineen seeraa miseensonni mana maree Yunaaytid Isteets dhiheessan mana guutuudhaa akka dhihaatu fi sagaleen irratti kennamu koreen dhimmoota biyyoota alaa waligalteera gahe. Continue reading

Aside

#OromoRevolution #Didne_Didaa Adoolessa 25/2017Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti guyyaa kaleessaa warraaqsii FXG daldaltootnifi uummatni waliigaluun Manneen daldalaa suuqii(dunkanoota) isaanii Cufachuun duula gabaa lagannaa , diddaa gibiraafi gidiraa dhageessisa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama, har’a Immoo OPDO ergamtuun wayyaanee Manneen daldalaa uummataa irra adeemuun Saamsameera jechuun waraqaa irratti dhoobaa jiraachuu Maddeen Qeerroo Magaalaa Shaambuu gabaasan. Manneen daldalaa diddaa gi iraafi gidiraa akkasumas waamicha duula gabaa lagannaaf cufaman irra adeemtee Samsameera jechuun wayyaanee OPDOf furmaata kan hin taanee ta’uu hubachiisuun diddaa fala fidaa keenya qabsoon fulduratti jechuun ejjennoo isaanii jabeessa jiraachuu dhaammatan.

Aside

Adoolessa 28,2017/ Godina Harargee Bahaa Aanaa Masalaatti wayyaaneen Ummata Dirqamaan akka hojii eegalsiiftan jechuun Milishoota fi Poolisoota Walitti qabdee dirqama itti kennaa jiraachuun dhagayame.Magaalaa Masalaa fi gandoota magaalichaa hunda keessatti namoota dukkaana banaa jedhamanii banuu didan qabdanii akka mootummaaf dhiyeessitan warrior ummata jeequmsaaf kanaan duras ummata kakaasaa ture isaanii jechuun ummata hidhatti guuruf karoorfattee ka’uun guyyaa har’aa wal gahirra jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Gabaasanii jiru Continue reading