Recorded Audio 2016-Jan-28 10-51-48 AM.mp3
Tumsi Qeerroo Columbus Ohio guyyaa Ammajji 24, 2016 magaala Columbus keessati hawwaasa nannoo waliin guyyaa yaadannoo FXG irraati waregaaman yaadachun sura waregamtoota irra hababboo kawun yaadatee kadhana mangudoota oromoon akkasumas abbooti ammantiin godhamera akkasumas gargarsa Qeerroo FXG gocha jiraanf gargarsaa gaodhaani jiru hangaa xumuraa itti godhamutiis akka Qeerroo waliin dhaabataan wadaa seenani jiru.
Kana malees Jaal Magarsaan hundeeffama sochii Qeerroo bara 2011 keessatti qooda ol’aanaa kafalaa bahee har’a Wayyaaneetti qabamee didiraa argaa bahee jalaa bahuun yeroo ammaa biyya Ameerikaatti ergamu walgahii kana irratti argamuun sochii Qeerroo eessaa ka’ee akkamitti akka jiru ibsa kennee jira.
Monthly Archives: January 2016
Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan
Aside
Amajjii 28/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo FXGf qaban irraa Deebiuun Haaromsachuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLFtti Xummura gochuuf kan jiran tauu diddaan ibsatan. Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Waraanaa Mootummaa Wayyaanee Mooraa Dhihaa Biyyatti Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun halkanii guyyaa gidirfamaa utuu jiranii wareegamaa qaalii dachaan kanfaluuf qophii fi murannoo isaanii waadaa isaanii jabeessuun T-Shirt Suuraa Gooticha Oromoo Generaal Taddasaa Birruu qabuu fi Dhaamsa Lammiin barate, gaaffii mirgaa gaafata jedhuu fi Handhuurri lafa keenyaa Hin muramtu harmeen keenya Waadaa seenneerra lafeen eegna” jedhuu hojjechiifachuun Uummatanii ejjeennoo isaanii jabeeffachuun Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa qaarisuuf qabsoo wal irraa hin Citne FXG Oromiyaa cufa keessatti adeemaa jiruu daran jabeessuun kan finiinsaa jiran tauu ibsatan.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 28, 2016
Aside
Haala Sirna Awwaalcha Dargaggoo Gammachuu Xilaahun Magaala Najjoo Wallaggaa Keessatti Kan Waraana Wayyaaneen Wareegamee.
Aside
FXG Harage Baha Aanaa Meettaa Magaala Gooroo Muxii Keessaatti Amajjii 28,2016 Gaggeeffame
Aside
Barruuleen Warraaqsaa fi Waamicha Qabsoo Xumura Gabrummaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Daran Faca’aa Jira.
Aside
Aside
Aside
Halkan edaa Amajjii 27,2016 Barruuleen warraaksaa,alaabaan addabilisummaa Oromoo aasxaan Qeerroo fi dhaadannowwan garaagaraa naannoo Yuunibarsiitii Wallaggaa mooraa Yuunibarsiitichaa tii qabee hanga waraaba sukukkee akkasumas magaalaa Naqamtee kutaalee garaagaraatti faca’an
Waraqaleen maxxansaman kun
Kan nu ajjeese nun bulchu
Kan nuajjese seeratti haa dhiyaatu
Bulchiinsa garboomfattuu TPLF Tigiraay hin barbaaddu
OPDOn ergamtuudha fi kkf yeroo ta’an,guyyaa dheengadda naannoo Qophaa’inaa Naqamtee keessatti faca’uusaatiin guyyaa kaleessaa humni waraanaa uummata nagaa goolaan kan ture fi halkan edaas barruuleen warraaksaa maxxansamu irraan ka’e naannoo Yuunibarsiitichaatti humni waraanaa bobbaafamuu qeerroon gabaase
“Hin Kennu Dhaala Koo” Faarfatnaa Ababaa Tamasgeen 2016
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 27 January 2016
Aside