SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI

Waggoota dheeraadhaaf wanni akkaan na yaachisaa as gaye akkaata ummanni tokko sirna abbaa-irree ofirraa
ittisuufi dhabamsiisuu itti dandayani. Kuniis, hamma tokko, ilmi namaa cunqursaa akkanaa mudachuus, sarna
akkasiitin dhabamsiifamuus hinqabu yaanni jedhu na keessatti uumamuurraa dhalate. Amantii tuniis waa‟ee
barbaachisummaa bilisummaa ilma namaa, waa‟ee akkaagara abbootii irree (Arstootilirraa hanga xiinxaltoota sirna  ukkaamsaatti) seenaa sirna abbootii irree (keessumattuu sirnoota Naaziitiifi kan Staaliinistootaa) dubbisuu kiyyaan daranuu na keessatti akka cimtu taate.

Waggoota dabran keessatti warra mooraalee hidhaa jumlaa (concentration camps) Naazii keessa hiraariin jiraateefi kanneen dandamatanii as gayan qunnamee dubbisuuf hiree argadheera. Norweeyitti warra bittaa faashistootaatiin mormeefi kanneen dandamate qunnameera; warra laboobamaniis waa‟ee saanii dhagayeera. Yahuudoota mooraa Naazii keessaa baafataniifi warra isaan dandamachiisees argee odeeyfadheera.

Shoorarkaa bittaa kooministootaa jalatti biyyoota adda addaa keessatti taate oduudhaan osoo hintahin kitaaboota garagaraa dubbisuudhaanin hubadhe. Shoorarkaan sirnoota kanaa maqaa cunqursaafi samicha jalaa bilisoomutiin waan irratti fe‟ameef baay‟ee nama gaddisiisa.

Kurneelee muraasa as dhihoo kana keessattiis warra biyyoota sirna abbaa-irree jalatti kufan kanneen akka Panama, Poland, Tibetiifi Burma waliin walqunnamee dhugaa waa‟ee sirna abbaa irree kanneenii hubadheera. Warra Tibet kanneen weerara kooministoota China dura dhaabbatee lole, warra Russia kanneen yaalii fonqolcha mootummaa ji‟a Hagayyaa bara 1991 keessa fiinxaaleyyii godhame cabse, Taaylaandota yaalii biyya isaanii gara bittaa waraanaatti deebisuuf godhamte karaa nagayaatiin fashalsiisan ilaalchisee amala hamaafi ajaa‟ibsiisaa sirni abbaa irree waan baay‟ee barachuu dandayeetin jira.

Qabsoon bittoota garajaboo kanarra aanuuf godhamteefi aarsaan kafalame gadda hadhaawaa haa uumu malee,
biyyoota ammayyuu balaa irra-hamaa jala jiraniifi mormii jajjabduun keessatti mul‟atu daaw‟achuun murannoofi gootummaan haawaasa biyyoota sanii nama jajjabeessa. Kanneen keessaa, Panama bittaa abbaa irree Noriega jalatti, ummanni Vilnius /Lithuania ukkaamsitoota Sooviyeet durii jalatti, Beijing murruqii addababayii Tiananmen irratti raaw‟atameefi balaa „Burmaa bilisa baate‟ keessatti waajjira humnoota demokraatawoorratti bakka Manerplaw jedhamutti raaw‟atame akka fakkeenyaatti kaafamu.

Takkee bakkoota gootoonni itti kufan dhaqee daaw‟adheera: awwaalaafi utubaa TV Vinius/Riga/ keessatti argamu, parkiilee namoonni itti rashanaman, Ferrara kaaba Italia keessatti bakka fashistoonni mormitoo murruq itti godhan, akkasumas, Manerplaw keessatti awwaala jimlaa reefki azeebban kichuutiin guutame arguu danda‟eera. Abbootiin irree hundinuu fixiinsaafi badiinsa nama suukaneessu dhiisanii dabruu isaaniiti hubanna.

Moyxannoofi yaaddoo tana keessaahis cunqursaa ittisuun akka dandayamu, ,murriqiin osoo hinjirre qabsoo milkii qabdu sirna abbaa irreerratti akka dandayamu, sirna abbaa irree cabsuufi hahhaarayniniis daaraa duraanii keessaa akka hin dhalanne ittisuun akka dandayamu abdii guddoo murannoo cimtuu qabdu arganne. Gaaga‟ama lubbuutiifi gadadoo ummataa hamma danda‟ametti gad xiqqeessuudhaan sirna abbootii irree cabsuuf karaalee qabsoo milkii qabdu gochuun itti dandayamu qajeellotti if eeggachaa itti yaaduu yaaleen jira.Waggoota baay‟eef waa‟ee sirnoota abbootii irree, sochiilee diddaa cunqursaa, warraaqsa garagaraa, ilaalcha siyaasaa adda addaa, sirnoota taligaa mootummaatiifi keessaafuu qabsoo malchiiftuu karaa nagayaatiin godhamtu qorachuudhaan waanin hubadherraahin ka’e.

Kitaabni kuniis qormaata kanarraa dhalate.

Bal’ina Kitaabichaa mallattoo ittaanu tuqaatii dubbisaa: FDTD_Afan_Oromo

1 thought on “SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI

Leave a comment