Guyyaan Kabaja Alaabaa Wayyaanee Diddaa Uummataa Kaase. Sabboontoti Oromoos Alaabaa Wayyaanee Diduu Irraan Hidhaatti Guuraman. ‏

Aside

Onkoloolessa 31,2012 Finfinnee

Sabboontoti Oromoo Godina Arsii magaala Asallaa keessa jiraatan guyyaa alaabaa mootummaa Wayyaanee fashalsan.Sirni TPLF Wayyaanee guyyaa alaabaa kan jedhu irratti akeeka hoggana Wayyaanee duraanii Mallasaa Zeenaawwii fiixaan baasuuf kabajna jechuun wayita ololutti alaabaan Ethiopia fi mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo hin ilaallatu,Oromoon alaabaa mataa isaa isa ibsu qaba jechuun fashalsanii jiran.Kaabinootaa fi milishootni magaala kanaa alaabaa baatanii bahuuf dirqamanis uummatni alaabaa bakka daldalaatti,hoteelotatti fannisaa jedhame didee jira.Mootummaan Wayyaanees gocha uummata kanaan hedduu kan rifate sabboontota ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsee isin ABO waliin hidhata qabdu jechuunrakkisaa jiraachuun gabaafame.Sabboontoti Oromoo hanga ammaatti hidhaman keessaa
1. Obbo Isheetuu Hurrisaa daldalaa
2. Balaay Mootummaa hojii dhabaa(TVET kan xumure
3. Umar Abduulqaadir barataa kutaa 12ffaa
Mana hidhaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu uummatni hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu kaasa malee haamilee keenya hin cabsu jechaa jira.

Haaluma wal fakkaatuun guyyaan alaabaa biyyattii Oromiyaa keessatti fudhatama dhabuun haala qorraa fi nuffisiisaan mootummaa wayyaanee haamilee kutee jira.Godina Shawaa lixaa magaala Geedoo keessattis mootummaan Wayyaanee poolisii Tamasgeen Dhufeeraa jedhamu guyyaaalaabaatti alaabaa baattee deemuu didde,Ati miseensa ABOti jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Godina Iluu abbaa booraa,Jimmaa,harargee fi Wallaggaa keessatti wayita mootummaan wayyaanee alaabaa kabajna jechuun uummatni Oromoo alaabaan kun nu hin ibsu jechuun ayyaana kana fashalsee hojii mataa isaa hojjechaa oolee jira.

Godina Lixa Shawaa Keessatti Ayyaanni Irreechaa Kabajame. Qeerroon Sirboota Warraaqsaan Dhaamsa Dabarse.

Aside

Gabaasaa Onkololeessaa 28,2012 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidaaruu bakka Dirree Calalaqii jedhamuttii Ayyaannii Irreechaa Ummataa Oromoo Godina Lixaa Shawaa kanneen aanotaa akkaa Amboo, Gudar Tokkee Kuttaayee, Dannoo, Iluu Galaan Calliyaa Geedoo,Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa  Jimmaa Raaree  Irraa walittii dhufuun haala ay’ee ho’aa ta’een Ayyaannii Irreechaa kun Dirree Calalaqiittii kabajamaa jira. Ummaanni Oromoos kallaattii garaagaraa irraa konkolataa kontiraataa qabachuun gara ayyaanai Irreechaa dirree Calalaqiittii deemaa akka ayyaaneffate  gabaafame,

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee akkuma aadeffate waranaa Geedoo fi Midaa Qanyii  gidduuttii bakkotaa sadiittii sakkatta’insaa guddaatu godhamaa akka ture beekama. Bakkoota akka Tulluu Leencaa Jedhamuu fi bakka mana barumsaa Cuqqaalaa Wangee jedhamutti sakkatta’insa guddaa akka taasifame gabaafame.

Haaluma kana keessa dargaggoonni Oromoo ganama irraa hamma xumura ayyaana kanaatti  ABO fi WBO faarsuun akkasumas walleelee qeerroo faarsaniin ifatti diina dura akka dhaabbatan gabaasaan nu gahe addeessa.  ” meeshaa bitannee mudhiitti hidhanna,yoo Wayyaaneen didde ABO itti himanna”   fi ” hamma yoom qabamnee hidhamna,wabii saba Oromo ABO yaammanna” jechuun ifatti poolisoota Wayyaanee rifaasaa turuun beekame. 

Joint Press Release: Sidama and Oromo National Youth Movement

Aside

October 26, 2012

 The oppressed people of Ethiopia have spent years of painful struggle against alien’s domination and dictatorship. To this end the struggle of the Sidama and Oromo people have already costed countless life and a great deal of material destruction.

Based on this foundation and fact, we the Youth Representative of Oromo and Sidama people, have meet from 24 – 26 October 2012 and discussed on wide range of matters concerning our people and the need for a common struggle against common enemy. We have noted the current TPLF government’s deliberate impoverishment, looting, exiling, confiscation of land and unlawful imprisonment being unleashed against the Oromo and Sidama people. After long deliberation, we have agreed on the need to keep the struggle inherited from our struggle’s hero and the need to realise them.

Accordingly we have agreed:

  1. To work together to realise our freedom and democratic rights, which we have lost during the absolute dictatorship of the consecutive Ethiopian regimes.
  2. To work in partnership on the pressing issues of the Oromo and Sidama People.
  3. To be a global voice for the other voiceless and oppressed people of Ethiopia.
  4. To work with other oppressed people of Ethiopia.
  5. To building an able structure with in the regime’s rank and files and increasing the enlightenment level of other citizens, until inherent and democratic right of the people are restored.
  6. To work with, train and enrol our people of different background and diverse age group for the just cause of our people.
  7. To work on breaking information barrier of the regime and inform our people and the public at large on the right time.
  8. To establish an able communication structure and keep our promise to finally realise the freedom of our people.

Finally, the joint leadership have agreed on a prompt communication, coordinated resistance and toppling the current Ethiopian dictatorial government.

The Struggle Shall Continue!!! Oppressors Will Fall!!!

Oppressed People Will Continue Their Struggle For Self Determination!!!

National Oromo Youth Movement (QEERROO)

Sidama Youth Movement

October 26, 2012 (Sidama

Afaan Oromoon:- Ibasa Ejjennoo Dargaggoota Sidaamaa fi Dargaggoota Oromoo(Oro)

Afaan Amaaraan:-Oromo and Sidama Youth Joint Statement-Amharic (1)

Afaan Ingiliziin:- Joint Press Release Sidama and Oromo National Youth Movement

Barattooti Oromoo University Dirree Daawaa Lama Wallee Artist Hirphaa Gaanfuree Raabsitan Jechuun Yakkaman.

Aside

Onkoloolessa 29,2012 Dirree Dawaa

Humni tikoota Wayyaanee Onkoloolessa 27,2012 galgala bakka ciisicha barattootaataa seenuun wallee warraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfuree VCDn barattoota kaaniif raabisitaniittu,doormii keessattis bararttoota haaraa kutaalee biyyaa irraa University san seenan akka isaan argataniif jecha wallee adda addaa osoo kennitanii argamtaniittu jechuun yakkaman.

Barataa Hafiiz Abdullee fi barataa Qixxaataa Wagii jedhaman kun humnoota tikaan fuudhamanii erga doorsifamaniin booda akka lakkifaman gabaasi Qeerroo Dirree Daawaa irraa nu gahe addeessa.

Ammaan duras Wallaga lixaa aanaa Airaa gullisoo fi University Miizaan Teeppii keessatti wallee Artist Hirphaa Gaanfureen wal qabatee barattooti hedduun akka hidhamanii turan beekamaa dha.

Barattooti Oromoo kanneen mooraalee University adda addaa keessa jiranii fi kanneen barnoota irraa ala jiran biratti walleeleen artistoota Oromoo kanneen bilisummaa faarsanii fi  Artist Ebbisaa Adduunyaa,Hirphaa Gaanfuree,Elemoo Alii,Muktar Usman,Ilfinesh Qannoo, Dirribee fi walleen Artist Hayiluu Kitaaba  “nu biyyi keenya Oromia hin beeynu Ethiopia” jedhu Oromoo biratti haalaan kan fudhatama qabuu fi warraaqsa Qeerroof gahee guddaa akka qabu ifaadha.

LAKKII DHIIROO

Aside

Bara 2000 kaafnee waan keessa jirru akka gaariitti yoo xiinxalle, Oromoon siyaasaaf hin dhalannee ? ykn Abaarsa qabnaayi ? ykn akka uumamaa fi Oromummaa keenyatti hin jirru ? Sabuma dhaabbanneef jennuuf of laannee hojjachaa jirraa ? siyaasaan eessa jirra ? saboota mirga isaanii falmatanii kabachiifan waliin akkamiin of ilaalla ? isaan irraa maaliin adda taane ? umamaan hanqina qabnaa ? beekumsi isaaniin fure nun maaf takaalee? jennee akka of gaafannu nu dirqisiisa .carraa sirnoota dabran keessa nu dabre dhiisneeyyuu , kan bara wayyaanee iyyuu yoo gilgaalle, ofiima keenyaan danqaa ofitti ta’aa jiraachuu waan nu qaabachiisuuu tarrisuu dandeenya. LAKKII DHIIROO