Barattooti Oromoo Yuuniverstiilee Adda Addaa FXG Jabinaan Itti Fufan,Waraanni Wayyaanees Humna Dabalataan Moraalee Yuuniverstii Weeraruun Dhukaasa Eegale.

Aside

Amajjii 10,2016 Gabaasa Qeerroo

Maddee gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii garagaraa irraa, Yuuniversitii Madda walaabuutti FXG dhowee jiruun barattootni hedduun miidhaan irra gahaa jiru doormii isaanii keessatti cabsuun humni waraana agaazii jedhamu gocha suukkanneessaa raawwataa akka jiru irra darbee
baayeen isaanii ukkaamfamuudhaan bakkka buuteen isaanii dhabama jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanatti ilmaan Oromoo bakka namni hin arginetti geessee ajjeeessaa jiraachuun kan beekameedha kaayyoon isaa kunis barattootni kana jiilanii sodaatanii fincila dhiisu kan jedhuudha. Gochi mootummaa faashistii wayyaaneetiin raawwataa jiru kun FXG kan jabeessee argamu malee kan duubatti hin deebisne tahee jira. kanumaan barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo keessaa yeroo ammaa kana halkan halkan butamanii iddoo itti geeffaman dhabamaa jiru. Barattootni dhibbaan lakkaawaman halkan edaa asitti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessaa dhabamanii jiran bakka itti geeffamanis dhabamee jira. Yeroo sadaffaa mooraa yuuuniversitii Haromayyaattii FXG itti fufee kan jiru yoo tahu ammas waraanni wayyaanee garasitti guuramaa jira. yuuniversitiilee Finfinnee, Adaamaa, Amboo, Wallaggaa,Bulee horaa,Aksum fi Maqalee fi  Jimmaa dabalatee barattootni yeroo ammaa kana tokko lamaan barattootni Oromoo tahan shamarranis tahe dhiirri humna waraana wayyaaneetiin butamanii bakka buuteen dhabamuun dabalaa akka dhufe Qeerroon gabaassaa jira. Walumaa gala yeroo ammaa FXG dachaadhaan dabalee itti fufee jira Oromiyaa mara keessatti.

Yuniversiti Haromayaa fi Buraayyutti Har’a Dhukaasni Wal Irra Hin Citne Ta’aa Jira‏.

Aside

Amajjii 10,2016 Amma galgala kana FXG mooraa Yuuniversitii Haromayyaatti ka’ee jiruun dhukaasni garmalee barattoota irratti dhuka’aa jira. wayita kana amalli dhukaasa banuu wayyaaneef doorisisa tahuun isaa ifaadha. Mooraa Yuuniversiti Haromayyaa qofa miti Buraayuu naannoo Maariyamii jedhamutti meeshaa gurguddaan har’a Amajjii 10/2016 sa’a booda dhuka’aa oole. Uummanni mana isaa cufate oole. Dhukaasni gurguddaan osoo wal irraa hin cinnee kan dhuka’aa ture yoommuu tahu itti fufee galgala kanas FXG mooraa yuuniversitii Haromayyaatti barattootaan ka’een dhukaasni wal irraa hin cinne ta’aa jira. amma akka odeesi Qeeyroo mooraan ala jiraate nuun gahaa jirutti galgala keeysaa sa’a 3:00 booda barattoota irratti dhukaafamaa jiraatuudha.

Waraanni warra Itiyophiyaa Wayyaanee naannoo Yuuniversitichaa meeshaa gurguddaadhaan buufatee jira.
akkana jechun Qeeyroon amma gabaasa jira.

Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

FB_IMG_1452428844005Amajjii 10,2016, Abboonni keenya Ayyaantuun leeqaa Kan buufatu Naqamtee Bakkejamee irraa Hindhee gidduu gala Leeqaa dullachaa fi Jimmaa Arjoo  Achirraa Immoo Tabba ykn Tulluu Korbootti jalatti dhibaafachiisuun Luugoo waamaatti karaa Malkaa Nyaaree Dhibaafatanii  Lafa har’a Waamaa keessaa Hambachoo jedhamutti ardaa jilaa geggeessaa turan boodas “ayyaantuun keenya asi tti godaane” jechuun Hoodi warra Leeqaa Hooda Jijoo Hambachoo jedhamu Lafa Darmiidha jedhan kana Darmootti sirna waaqeffannaa duudhaa Oromoo ganamaa qabachuun kan jirtudha Darmoon.

Argamni Darmoo Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu keessa yeroo taatu koyyaa kusaayee jedhamti!

Kunoo! Lafa seena qabeetti kana irratti dhaloonni seena qabeessi dhalate Jimaata darbe hiriira mormii sa’atii barnoota galgalaa akka geggeessan beekameera Jiraattoti gandichaa bulchitoota gandaan gurra ittiin isin dhaggeeffannu hin qabnu jechuun FXG dhageessisaniin diinatti waaroo salohinaa uffisaniiru

TV-n Gaadisa Dhugaa Sagantaa Isaa Itti Fufuuf Beeksisa Baase.

Aside

TVn Gaaddisa Dhugaa Guyyaa Gabaabaa Keessatti Sagantaalee Adda Addaa Qabatee isin biraan gahuuf Qophii Xumrachuu Isaa Yeroo Ibsinu Gammachuu Guddaadhaani.TV Gaaddisa Dhugaa karaa teessoo E-mail gadhtv@gmail yaada keessan gumaachuufii dandeessu.

Barataa Seeraa Waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Lalisaa Taaddasaa Humnoota Tikaatiin Ukkaamsame.

Aside

Amajjii 10,2015 Barataa Lalisaan,mormii bara 2014 Humnoota tikaa Wayyaaneen adamsamaa kan ture yeroo ta’u, roorroo fi dararaa diina keessaa fi alaan itti dhufu damdamatee Barataa barnoota isaatti cichuun diina afaan qabachiise,barnootasaan alatti yakka kamittis kan hin hirmaanne ta’ullee yeroo itti Oromoonni biyya abbaasaaniirratti dhalatanii guddatan Oromoo ta’uu isaaniif itti hidhaman waan ta’eef carraan mana hidhaa ukkaamsaa isaafis keñname jechuun hiriyoonni isaaa dubbatu
Qabsoon Itti fufa Hidhaan Dugduuba nun Deebisu!