SBO AMAJJII 25,2019. Oduu fi Haasaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Amajjii 22,2019 Araara ABO fi Mootummaa Itophiyaa gidduutti maanguddummaa Abbootii Gadaa Oromiyaatiin Finfinnee Galma Giddu Gala Aadaa Oromootti taasisame irratti dubbatan

Aside

New wave of crackdown in Oromia

Aside

Updated: 20 January 2019-Partial lists of arrest of Oromo Liberation Front Executive officers, members, supporters and sympathisers in Oromia by Ethiopian government security forces
==============================
1. J.Jabeessaa Gabbisaa MSGABO
2. J.Amaan Filee BBWABO NAQAMTEE
3. J.Bulii Ejjeetaa BBKSABO
4. J.Galgaloo Waariyoo
5. J.Dambii Tashoomaa
6. J.Iddoosaa Taaddasaa
7. Obbo Balaay Yaadataa Gimbii
8. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa
9. Faqqadaa Raggasaa
10. Obbo Getaachoo Bayyanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsa )
11. Obbo Qanaatee Ayyaanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsa)
12. Obboo Getaachoo Tolasaa (Shaanqoo) abbaa qabeenyaa.
13. Obbo Dastaa Lataa abbaa qabeenyaa
14. Obbo Awaluu Nagaadraas abbaa qabeenyaa
15. Obbo Nuuruu Baqqalaa abbaa qabeenyaa
16. Obbo Margaa Fayisaa hojeetaa Mot.
17. Anuumaa Darajjee Qeerroo
18. Guutamaa Gaaromaa Qeerroo
19. Dastaa Moosisaa Qeerroo
20. Mootummaa Gabayyoo barataa
21. Darajjee Guddataa barataa
22. Ababa Raggaasaa barata
23. Obbo Fiqiruu Nagaasaa,
24. Aadde Aagee Tarfaa,
25. Raguueel Hayiluu,
26. Henook yohannis,
27. Burqaa Biraanu,
28. Isiyaaq Zalalem fi
29. Solomon Shaanqoo
30. J/ Abbilee Dheeree /Buttaa Odaa/ (Miseensa #WBO)
31. Dajjaamach Bayyanaa (Shaambuu)
32. Lookoo Guutamaa waggaa 65 (Wallaggaa Jaarsoo)
33. Dawiit Qajeelaa Abbaa Gadaa (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
34. Dabala Fiqiruu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
35. Diinqaa Adamuu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
36. Fiqiruu Tadasaa barsisa (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
37. Cuuccaa Mulgeeta (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
38. Barsiisaa Akiliiluu Hordofaa (Dambi Doolloo)
39. Barataa Burqaa Yaaloo (yuunversiitii Walqixxee)
40. Naahiil Ababaa (Barsisaa Universty Amboo)
41. Dargaggoo Dukkallee Holotaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti waraana EPRDFn ajjeesame
42. Turee Uddeessaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti rasaasaan mataa keessa dhahamee amma Hospitaala Bulee Horaatti waldhaanamaa jira
43. Mijuu Birbirsaa, Ona Qarcaa magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
44. Abarraa Duuloo, magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
45. Taarikuu Elemaa, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
46. Milkeessaa Galgaloo, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
47. Tasfaayee Wubee, konkolaachisaa Ambulaansii magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
48. Alamuu Waddeessaa, magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
49. Roobalee Gammadee, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
50. Guyyee Boggaalee, magaalaa Garbaa ganda 01tti ajjeesame
51. Lammii Hoxxeessaa, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
52. Bariisoo Quruuxaa, maanguddoo ganna 80 ganda Lamii Hirphaa iddoo addaa Kellaa Fayyaa jedhamutti ajjeesaman.
53. Aadde Dukkee Shaggee maanguddoo ganna 70 Ona Qarcaa ganda Boorottuutti ajjeesaman.
54. Girmaa Dastaa jedhama. Lixa Shaggar Kaachisiirraa humna waraanaa mootummaa Itoophiyaatiin qabamee hidhame.
55. Baaccuu Margaa
56. Obbo Lookoo Guutamaa maanguddoo 65 (Wallagga Lixaa aanaa Jaarsootti)
57. Obbo Isaayyaas Mulugeeetaa Guutee hojjetaa humna Ibsaa Itoophiyaa damee Gimbii 15/01/2019 ) magaalaa Gimbii keessaa waraanni Itoophiyaan qabame.
58. Boontuu Waaqooyyaa Amboo irraa
59. Manguddoo Abbaabaa Maammoo Leeqaa irraa ‘
60. Abdataa Abarraa-Boojjii Dirmajjii magaala Biilaa
61. Damee Darajjee jedhama. Amajjii 3 bara 2019 Hoolotaa
62. Haagee Hambisaa Mudde 31 bara 2018
63. Laggasaa Abeetuu, Barsiiaa Rifty valley, Naqamtee
64. Nagaasaa Abarraa kan magaalaa Burraayyuu keessaa Amajjii 4 bara 2018 hidhame
65. Samuel Margaa
66. Obbo Girmaa Shawaa ( Jaarsa Biyyaa ) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
67. Obbo Girmaa Turaa (Manguddoo) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
68. Barsiisaa Dajanee Fiqaaduu -Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
69. Obbo Taganuu Hordofaa -Hojjetaa Mootummaa Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
70. Obbo Alamaayyoo Addunnaa -Q/bulaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
71. Obbo Warquu Raggaasaa -Bulchaa Gandaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
72. Barsiisaa Yirgaalam Pheexiroos , Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
73. Muluu Xaafaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
74. Barsiisaa Lammaa Fayyisaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
75. Barattuu Hayimaanot Lammaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
76. Qeerroo Hayiluu Dabalee, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
77. Obbo Ashannaafii Hayilu – Hojjetaa Mootummaa, Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
78. Mimi Dawut, Wallaggaa
79. Kaasayee Qananiisaa, Amboo.
80. Olii Dhugumaa, Amboo, 19 January 2019
81. Mangee Tafarii, Amboo, 19 January 2019
82. Hajii Nuuruu Suleemaan Iluu Abbaa Booraa , Aanaa Yaayyoo 18/012019
83. Obbo Kaffaaloo Gazaanyi Iluu Abbaa Booraa , Aanaa Yaayyoo 18/012019
84. Fayyisaa Lammii
85. Fayyeeraa Mokonnin
86. Lataa Wiirtuu
87. Mijuu Birbirsaa
88. Milkeessaa Galgaloo
89. Obbo Zalaalam (Angar Guutee)
90. Warquu (Angar Guutee)
91. Obboo Burqaa Janboor, Bulchaan Anaa Baabboo Ganbeel, Humna RIB hidhame
92. Obbo kabbadee Dhaabaa (Kombolcha Guduru)
93. Barsiisaa Taakkalaa Abbabaa (Kombolcha Guduru)
94. Barsiisaa Geetaachoo Alamaayyoo (Kombolcha Guduru)
95. Fayyeraa Toleraa, konkolaachisaa, Godina wallagaa bahaa aanaa Eebantuu
96. Turee Uddeessaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti rasaasaan mataa keessa dhahamee amma Hospitaala Bulee Horaatti waldhaanamaa jira
97. Mijuu Birbirsaa, Ona Qarcaa magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
98. Abarraa Duuloo, magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
99. Taarikuu Elemaa, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
100. Milkeessaa Galgaloo, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
101. Tasfaayee Wubee, konkolaachisaa Ambulaansii, Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
102. Alamuu Waddeessaa, magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
103. Roobalee Gammadee, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
104. Guyyee Boggaalee, magaalaa Garbaa ganda 01tti ajjeesame
105. Lammii Hoxxeessaa, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
106. Bariisoo Quruuxaa, ganna 80 ganda Lamii Hirphaa, Kellaa Fayyaa ajjeesaman.
107. Aadde Dukkee Shaggee ganna 70 Ona Qarcaa ganda Boorottuutti ajjeesaman.
108. Adde Liidiiyaa Goobanaa (haadha ijoollee afurii, Najjoo,
109. Gammachiis Nagaasee, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo
110. Abdii Taammiruu, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo
111. Getaachoo Awwal, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo
112. GUutamaa Idoosaa, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo
113. Solomoon Fiqaaduufi, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo
114. Fiqiruu moosisaa, Oromiyaa lixaa, magaalaa Najjoo

QABSOO, QUBEE, DHALOOTA QUBEE, QEERROO fi DHALOOTA QAROO

Aside

===================
Seenessa

Seenaan qorannaa taateewwan darbanii keessattuu kan dhimmoota ilmaan namaatiin walqabateeti. Seenaan mata-duree bal’aadha; seenaan taateewwan walitti hidhamanfi bal’aa qorata. Taateewwan immoo ogeessaan qortamu; mala ittiin qortamanis qabu. Bu’aan qorannoo immoo ni himama; ni barraa’a; ni seenessama. Hunduu ogeessaafi ogummaa barbaada. Ani nama ogeessa seenaa waan hin taaneef dhimma kana keessa hin seenu.

Ka’umsi koo hubannoon akka nama dhuunfaatti taateewwan saba Oromoo jaarraa 20ffaa irraa kaasee mudataa turan, haala amma akka sabaatti itti jiruufi itti bahumsa fuulduree keenyaa irratti qabu yaada muraasaan seensessuu ykn akeekuu barbaadeeni.

Dimshaashumaan kaa’uuf sabni Oromoo jaarraa 20ffaa dura seeraafi sirna tolfatee jiruufi jireenya tasgaba’aa, nagaan, bilisummaan, badhaadhinaan, jaalalaafi tokkummaan jiraachaa ture. Garuu jaarran 20ffaa Oromoof jarraa hamaa ture; diinatu waraanaan itti duule; nagaatu boorahe; jiruutu manca’e; mirgatu irraa sarbame; eenyummaa isaatu faalame, bilisummaan irraa mulqamee roorroon itti galte. Jaarraa walakkaaf akkasitti jiraate. Gaafa roorroon itti hammaatu mala malate. Falli malame immoo #QABSOO dha. Qabsoon haalaafi kallattii hedduun eegalame. Galiin qabsoo immoo mirga sarbame deebifachuu, bilisummaa irraa mulqame deebisee hunfachuu, eenyummaa gatantare cimsachuu, jiruufi jireenya jige utubachuu fi seeraafi sirna isaatiin deebisee of bulchuudha.

Erga gaafa qaanqeen fincilaa qabsiifamee dubbii, sirba, geerrarsa, dhaadannoo, gammachuufi gadda Oromoo keessatti jechi akka QABSOOtti irra dedeeb’ee ka’aa ture jira natti hinfakkaatu (kun qorannoo cimaa gara sirna afaaniitiin barbaada).

Dhuma jaarraa 20ffaa jala abdiin qabsoon Oromoo galma gahuu mul’atee ture. Haata’uutii qabsoon taasifame calaqqee bilisummaa agarsiisee deebi’ee dimimmise, garuu bu’aa tokko buuse. Innis #QUBEE dha. Qubeen Afaan Oromoo afaan dubbiirraa gara afaan barruutti gahumsaan jijjiiruun uummata keessa faca’e. Qubeen uummataa keessatti facaasamee deebisee buu’aa buuse. Bu’aan Qubee #DHALOOTA_QUBEE dha.

Dhaloonni Qubees afaan isaan, seenaa isaa baratee, eenyummaa isaa uffatee, aadaa isaa dagaagsaa fincila diddaa gabrummaa finiinse. Fincilli Dhaloota Qubees bu’aa biraa buuse. Innis jaarmayaa fi tokkummaa #QEERROO Oromooti.

Qabsoon jaarraa walakkaa oliif deemaa tures tokkummaa, naamusaa fi gootummaa Qeerroo fi Qarree Oromootiin aangoo diina harkaa mulquun haraka Oromoo galche. Aangoon furtuudha; furtuu bilisummaan dhugaa ittiin mirkanaa’u; furtuu nagaafi tasgabbiin ittiin bu’u; furtuu tarsiimoon badhaadhinaa ittiin qajeelu. Amma illee aangoon argame osoo hin ititiin raafamaa jira. Raafamni kun danqama hedduu fidullee furmaata argachuunsaa hinoolu. Abdiin nagaa, tasgabbii, bilisummaa, badhaadhinaa gabbachaa jira.

Abdiin kun hojii guddaa barbaada. Dhaloonni Qubee jarmayaafi tokkummaa Qeerrootiin qabsoo bakkatti kan galche jaarraa 21ffaa keessa. Jaarraan kun immoo jiruufi jireenya dandeettiifi ogummaa addaa gaafatu fidee jira. Jarraan 21ffaa, jaarraa addunyaalessaa (giloobaalaayizeshinii) dha; jaarraa odeeffannooti; jaarraa beekumsaafi ogummaati; jaarraa saayinsiifi teeknooloojiiti. Kun carraafi rakkoo cimmaa baatee jira. Kanaaf immoo dhaloonni of qupheessuu qaba; kunis gargaarsa qaama hundaa gaafata.

Akka kooti, jaarraa 21ffaa keessatti milkaa’uuf Dhaloonni Qubee dhaloota cimaa uumuu qaba. Dhaloonni itti aanu #DHALOOTA_QAROO (Smart Generation) akka ta’u abdiin qaba.

Waa’ee Dhaloota Qaroo yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.
Hayyee!

Doorsisaa fi Hidhaan Mootummaan Itoophiyaa Miseensotaa fi Hoogganoota ABO Irratti Gaggeessu Hatattamaan Akka Dhaabbatu Gaafanna !

Aside

(Ibsa ABO – Amajjii 19, 2019) Jimaata kaleessaa (Amajjii 18, 2019) Hoogganoota ol’aanoo ABO keessaa tokko kan tahan Miseensa Shanee Gumii fi Gaafatamaa Damee Siyaasaa ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa, akkasumas, Jaal Amaan Filee, Dr. Bulii Ejjetaa, Dambii Tashoomaa, Galgaloo Waariyoo fi Iddoosaa Taaddasee kan keessatti argaman Miseensotni fi deggertootni ABO humnoota tikaa Mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hanga ammaatti tohannoo Mootummaa EPRDF jala jiru.

 Guyyaa sana duraas (Amajjii 17, 2019) Coloneel Gammachuu Ayyaanaa fi hiriyaan isaa Obbo Faqqadaa jedhaman haaluma wal fakkaataadhaan qabamanii hanga ammaatti gadi hin lakkifamne. Kana malees guutuu Oromiyaa keessatti namootni miseensotaa fi deggertoota ABO tahuutti shakkaman dhibbootaan qabamanii manneen hidhaatti guuramaa jiru.

Doorsisaa fi hidhaadhaan sodaachisanii namoota ilaalcha siyaasaa kan Paartii biyya bulchuu irraa adda tahe qaban humnaan ukkaamsanii bulchuuf yaaliin waggoota 27 dabraniif EPRDF taasise wareegama lubbuu ilmaan biyyaa kumootaan lakkaawamuu fi barbadaawinsa qabeenyaa herregaaf hin salphanne dhaqqabsiisuu malee bu’aan inni argamsiise hin jiru. Har’as EPRDF kan dabre irraa barachuu dadhabee, waadaa jijjiirama argamsiisuuf Ummataaf seenes diigee doorsisa, hidhaa fi ajjeechaadhaan ilaalcha siyaasaa kan isaa irraa adda tahe humnaan ukkaamsuu hanga itti fufetti nagaa fi tasgabbiin barbaadamu argamuu hin danda’u. Abdiin jijjiiramaa wareegama qaalii ilmaan Ummatootaan argame kunis adeemsa akkanaatiin dhugoomuu hin danda’u

Ummatni keenya hacuuccaa siyaasaa, saamicha dinagdee fi dhiitta mirga namoomaa Mootummoota Itoophiyaatiin isa irra geessifaman of irraa dhaabuuf qabsoo hadhaawaa baroota dheeraaf gaggeesseen carraa jijjiiramaa amma mul’atu kana wareegama ilmaan isaatiin argamsiise. Har’a garuu maqaa “ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” jedhuun kanneen ari’atamaa, doorsifamaa, hidhaatti guuramaa fi ajjeefamaa jiran warruma kaleessa haala ture sana jijjiiruuf wareegama baasaa turan sana tahuun waan hedduu ummata keenya gaddisiisaa fi garaa hammeessaa jiru dha. Kun ammoo jijjiirama eegalame kana ni gufachiisa malee hin milkeessu. Waan taheef, Mootummaan EPRDF (Bulchiinsi Dr. Abiy) waadaa ummataaf seene kabajee, sochii gama duubaa eegale kana irraa dhaabbatee, haqa jallachuutti jiru kana sirreessuudhaan boqonnaa jijjiiramaa kan wareegama qaalii ummatoota biyya kanaatiin banamee jiru kana milkiidhaan xumursiisuuf fuul-duratti deemuudhaan gahee isaa akka bahatu gaafanna.

Maayyii irratti, doorsisaa fi hidhaa Hoogganootaa fi miseensota, akkasumas, deggertoota keenya irratti Mootummaa Itoophiyaatiin ba’inaan gaggeeffamaa jiru kana cimsinee balaalleffachaa, gochaan kun dhaabbatee, (Jaal Jabeessaa Gabbisaa fi hiriyoota isaa dabalatee) kanneen guutuu Oromiyaa keessatti hidhamanis haal-duree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafanna. Ummanti keenyas (keessattuu Qeerroon) osoo ilaallee agarruu qaanqeen jijjiiramaa wareegama keenyaan qabsiisne deebitee akka hin dhaamnee fi qabsoon keenya duubatti akka hin deebineef akkuma kaleessaa bakka jirru hundaa tokkummaadhaan kaanee boqonnaa qabsoo karaa nagaa jalqabne kana akka fiixaan baasnu ABO yaamicha isaa haaromsa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 19, 2019

BECAUSE THEY ARE OROMO: HIDHAA fi AJJEECHAA OROMIYAA

Aside

(QB, 19 Amajjii 2019)  Hoggantoota, Miseensotaa fi Deegagrtoota ABO Ajjeesuu fi Hidhuun Oromiyaa keessatti itti fufe.
======================
1. J.Jabeessaa Gabbisaa MSGABO*
2. J.Amaan Filee BBWABO NAQAMTEE
3. J.Bulii Ejjeetaa BBKSABO*
4. J.Galgaloo Waariyoo
5. J.Dambii Tashoomaa
6. J.Iddoosaa Taaddasaa
7. Obbo Balaay Yaadataa Gimbii
8. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa*
9. Faqqadaa Raggasaa
10. Obbo Getaachoo Bayyanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsoolii biyyaa)
11. Obbo Qanaatee Ayyaanaa (abbooti qabeenyaaf jaarsoolii biyyaa)
12. Obboo Getaachoo Tolasaa (Shaanqoo) abbaa qabeenyaa.
13. Obbo Dastaa Lataa abbaa qabeenyaa
14. Obbo Awaluu Nagaadraas abbaa qabeenyaa
15. Obbo Nuuruu Baqqalaa abbaa qabeenyaa
16. Obbo Margaa Fayisaa hojeetaa Mot.
17. Anuumaa Darajjee Qeerroo
18. Guutamaa Gaaromaa Qeerroo
19. Dastaa Moosisaa Qeerroo
20. Mootummaa Gabayyoo barataa
21. Darajjee Guddataa barataa
22. Ababa Raggaasaa barata
23. Obbo Fiqiruu Nagaasaa,
24. Aadde Aagee Tarfaa,
25. Raguueel Hayiluu,
26. Henook yohannis,
27. Burqaa Biraanu,
28. Isiyaaq Zalalem fi
29. Solomon Shaanqoo
30. J/ Abbilee Dheeree /Buttaa Odaa/ (Miseensa #WBO)
31. Dajjaamach Bayyanaa (Shaambuu)
32. Lookoo Guutamaa Manguddoo waggaa 65 (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
33. Dawiit Qajeelaa Abbaa Gadaa Jaarsoo (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
34. Dabala Fiqiruu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
35. Diinqaa Adamuu (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
36. Fiqiruu Tadasaa barsisa (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
37. Cuuccaa Mulgeeta (Wallaggaa Lixa Jaarsoo)
38. Barsiisaa Akiliiluu Hordofaa (Dambi Doolloo)
39. Barataa Burqaa Yaaloo (yuunversiitii Walqixxee)
40. Naahiil Ababaa (Barsisaa Universty Amboo)
41. Dargaggoo Dukkallee Holotaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti waraana EPRDFn ajjeesame
42. Turee Uddeessaa, Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti rasaasaan mataa keessa dhahamee amma Hospitaala Bulee Horaatti waldhaanamaa jira
43. Mijuu Birbirsaa, Ona Qarcaa magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
44. Abarraa Duuloo, magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
45. Taarikuu Elemaa, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
46. Milkeessaa Galgaloo, magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
47. Tasfaayee Wubee, konkolaachisaa Ambulaansii magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
48. Alamuu Waddeessaa, magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
49. Roobalee Gammadee, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
50. Guyyee Boggaalee, magaalaa Garbaa ganda 01tti ajjeesame
51. Lammii Hoxxeessaa, ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
52. Bariisoo Quruuxaa, maanguddoo ganna 80 ganda Lamii Hirphaa iddoo addaa Kellaa Fayyaa jedhamutti ajjeesaman.
53. Aadde Dukkee Shaggee maanguddoo ganna 70 Ona Qarcaa ganda Boorottuutti ajjeesaman.
54. Girmaa Dastaa jedhama. Lixa Shaggar Kaachisiirraa humna waraanaa mootummaa Itoophiyaatiin qabamee hidhame.
55. Baaccuu Margaa
56. Obbo Lookoo Guutamaa maanguddoo 65 (Wallagga Lixaa aanaa Jaarsootti)
57. Obbo Isaayyaas Mulugeeetaa Guutee hojjetaa humna Ibsaa Itoophiyaa damee Gimbii 15/01/2019 ) magaalaa Gimbii keessaa waraanni Itoophiyaan qabame.
58. Boontuu Waaqooyyaa Amboo irraa
59. Manguddoo Abbaabaa Maammoo Leeqaa irraa ‘
60. Abdataa Abarraa-Boojjii Dirmajjii magaala Biilaa
61. Damee Darajjee jedhama. Amajjii 3 bara 2019 Hoolotaa
62. Haagee Hambisaa Mudde 31 bara 2018
63. Laggasaa Abeetuu, Barsiiaa Rifty valley, Naqamtee
64. Nagaasaa Abarraa kan magaalaa Burraayyuu keessaa Amajjii 4 bara 2018 hidhame
65. Samuel Margaa
66. Obbo Girmaa Shawaa ( Jaarsa Biyyaa ) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
67. Obbo Girmaa Turaa (Manguddoo) Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
68. Barsiisaa Dajanee Fiqaaduu -Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
69. Obbo Taganuu Hordofaa -Hojjetaa Mootummaa Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
70. Obbo Alamaayyoo Addunnaa -Q/bulaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
71. Obbo Warquu Raggaasaa -Bulchaa Gandaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
72. Barsiisaa Yirgaalam Pheexiroos , Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
73. Muluu Xaafaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
74. Barsiisaa Lammaa Fayyisaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
75. Barattuu Hayimaanot Lammaa, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
76. Qeerroo Hayiluu Dabalee, Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam, deeggaraa ABO
77. Obbo Ashannaafii Hayilu – Hojjetaa Mootummaa, Shawaa Kaabaa Dagam, deeggaraa ABO
78. Mimi Dawut and many other are now in prison.
 
*Dr. Buli Edjeta, and OLF executive committee member, *Jabessa Gabbissa, a high ranking OLF military official,
*Colonel Gamachu Ayana,
 
Free all Oromo Political Prisoners!

SBO AMAJJII 16,2019. Oduu, Hiriira guyyaa barattoota Oromoo Amboon taasisamuuf yaamame irratti yaada hirmaattotaa akkasumas Gujii Lixaa keessatti ajjechaa waraanni EPRDF ummata nagaa irraan gahaa jiru irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin

Aside

SBO AMAJJII 16,2019. Oduu, Hiriira guyyaa har’aa barattoota Amboon yaamame irratti yaada hirmaattotaa, akkasumas Gujii Lixaa keessatti dhumaatii waraanni mootummaa EPRDF ummata irraan gahaa jiru ilaalchisuun gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin

Aside

Ummata keenya Oromoo dararama ulfaataa keessummeessaa jiruuf waan dandeenyuun haa birmatnuuf!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Amajji 14,2019)Daguuggaa sanyii uummata keenya Oromoo irratti raawwataa jiru utuu arginuu, utuu dhageenyuu callisuu hindandeenyu. Mootummaan rakkoo Adda Bilisummaa Oromoo waliin qabu karaa nagaa furuu didee waraanaan ABO balleessuu irratti hojii hojjetaa jiru cimsinee balaaleffanna. Nuti kan qabsaa’aa turreef nagaan Oromoo akka deebi’uuf malee, araddaan Oromoo xiyyaara waraanaan akka barbadaa’uuf miti.

Hoggana EPRDF afaan Qawween rasaasaan nu ajjeesu bakkaa kaafnee, hoggana Elekoopteraan daguuggaa sanyii raawwatu ofirra bulchuufis qabsoon goone hinjiru. Kun ta’ee utuu jiru mootummaan akkuma “yoo dogoggora raawwatne dhiifama gaafanne beenyaa kaffalla” jedhee dhaadatetti lubbuu lammilee keenyaa guyyaa kaleessaa Qellem Wallaggaa keessatti Xiyyaaraan Boonbii rafarafuudhaan akeeka jallataa, garajabummaan raawwateen ilmaan Oromoo nagaa lakkoofsi itti hinbahin barbadeesse. Kana biratti manneen Barnootaa guutummaatti bakkoota addaa addaatti Elekoopteraan rukuutuudhaan barbadeessee jira. Akeekni akkanaa uummata irratti raawwachuun barnootaan ala Oromoo taasisuuf kan adeemaa jiruuf yaalaa dhabanii uummatni akka dhuman gochuun akeeka Daguuggaa sanyii keessaa tokko ta’uu hubanna. Gochaa kana eenyuun olitti, sirna Oromoo hacuucaa tureen olitti waan nurra geessisaa jiruuf kan balaaleffannu ta’uu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.

Akkasuma saamichi dhaabbilee hawwaasaa kanneen akka mana Qorichaa fi manneen Baankii irratti adeemsifamaa jiran, utuu waraanni mootummaa uummata daguugaa jiranii saamicha dabalee raawwatamaa jiru cimsinee balaaleffanna. Hidhaan lammilee nagaa Oromoo irra bakka maratti raawwataa jiru mootummaan halduree tokko malee dhaabu akka qabu Oromoon bakka maraa nu cina dhaabbatee gaafaachuu akka qabu dhaamna!

Kanaaf bakka maraa waliif dirmachuutiin Oromoo waan qabuun akka wal bira dhaabbachuu qabnu, mootummaa uummata nagaatti Boonbii Xiyyaaraan roobsaa jiru yakka suukaneessaa raawwataa jiruu irraa akka of qusatuuf qaamotni daguuggaa sanyii raawwataa jiranis gaafatama akka fudhachuu qabaniif addunyaatti gama danda’u maraan uummatni Oromoo akka lallabee himatu gaafanna.

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 14,2019

SBO AMAJJII 13,2019. Oduu, Ibsa ABO, Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii keessatti Ummata nagaa keessatti meeshaalee gugurdaa Helekopterootni mootummaa EPRDF dhukaasaniin jeequmsa ummata mudate irratti marii jiraataa naannoo waliin, akkasumas Godinuma kana saamicha Baankii irratti magaalaa Canqaa keessatti mudate kan ilaaluun marii jiraataa naannoo waliin taasisame

Aside