IBSA: QEERROO BILISUMMAA OROMOO

Aside

(Finfinnee, Eebla 28/2019) Qeerroon Bilisummaa oromoo haala yeroo irratti marii godhuun akka armaan gadiin ibsa baasuun xumure.


Qeerroon Bilisummaa Oromoo baroota hadhooftuu irraa jalqabee hanga ammaatti qabsoo gabroomfataa of irraa fonqolchuuf godhu sochii karaa nagaa ABO dhaan hogganamnee gochaa ture itti fufuun kan yeroo kamii caalaa akka hojjetaa jiru beeksisuun yeroo ammaa kanatti taateewaan biyya keenya Oromiyaa keessatti deemamaa jiru jala bu’ee akka hordofaa jiruu fi kanas haal duree tokko malee waan Oromoo fi Oromiyaaf hin taaneef qabsoo hadhooftuu gochuun akka qabsaa’uu qabu waliif galeera.
Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Qabsaa’onni haqaa waliin tahuun asiin gahan murni muraasni akka waan OPDO’n qabsooftee qabsoo asiin nuuf geesseetti fudhatanii qabsoon xumuramtee jirti bilisoomneerra warri jedhan akka jiran illee argaa dhagahaa jirra jedha ibsichi.
Haqni jiru garuu qabsoon ABO’n gaggeeffamaa ture ammas gaggeeffamaa jiru bitaa fi mirgaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO ijaaruun qabsoo hadhooftuu fi wareegama guddaa erga kaffalee ifa xiqqoo argaa jirru kana akka arginuuf xurree nutti argisiisee akka jiru eenyuyyuu hin haalu.
Ammas qabsoon Adda Bilisummaa oromoon dursamu hanga galma gahutti nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan yeroo kamuu caalaa wal utubnee qabsoo hadhooftuu gaggeessuun hidhaa fi ajjeechaa yeroo ammaa sirna kanaan nurratti gaggeeffamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun dirqama jennee amanna. Kana gochuuf immoo olola nurratti gaggeessaa jiru dura dhaabbannee dhugaa fi jaalala jaallaniin wal qabannee yoo deemne dhagaan nuyi hin buqqisne hin jiraatu.
Kanaaf Qeerroon Bilisummaa Oromoo bakka jiruu quba wal qabaachuun qabsoo as geesse xumura itti gochuun Oromoo fi Oromiyaa walaba taate keessatti namuu akka bilisaan jiraatu arguuf haalduree tokko malee qabsoo keenya gara fuulduraatti Adda Bilisummaa Oromoo waliin akka galma geessu homaa shakkiin qabnu waan taheef qabsoo hafteef wal utubuun haa mirkaneessinu jenna. Yeroo kana jennuttis tahe qabsoo gaggeessinu keessatti olola diinni nurratti oofuun hojii manaa nutti kennu kamuu of irraa fonqolchuun akka tahe baramuu qaba.
Akka kanaan Eebla 26/2019 maxxansi obboleettii keenya Mooneet Badhaasaa irratti barreeffamee maxxane kan dhugaa irraa fagaatee fi yaada namoota dhuunfaa tahuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qorannoo godheen mirkaneesseera.
Maxxansi yeroo sana maxxanes namoota jibba dhuunfaa oofaniin akka tahe ilaalchi achi irratti maxxane kan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii Lixaa bakkan buune tahuu Qaama dhimmi ilaalu irraa mirkaneeffannee jirra.
Kanaaf namoonni olola akkasii maxxansitan WBO ykn Qeerroo Bilisunnaa Oromoo akka bakka hin buune waan taheef namuu akkasiin hubatee wal shakkii gidduu keenyatti diinni uumuuf carraaqu karaatti hanbisuun qabsoo keenya akkuma kanaan duraa elaa fi elaameen wal dhageenyee haa goolabnu jenna. Holola hadheessii facaasuun WBO fi Qeerroo gidduutti wal hubannoo maseensuuf aggaammii aggaamamaa jiru qolachuuf dirqama keenya haa bahannu!
Ololli obboleettii keenya Mooneet Badhaasaa irratti gaggeeffame akka fakkeenyaatti kaasne malee namoota biroo irratti illee wal shakkiin akka uumamuuf sobaan namootni diinota qabsoo keenya irraa dirqama fudhachuun olola diigumsaa gaggeessaa jiran waan jiraniif isaan kanas of irraa qolachaa gochaa isaanii immoo ummataaf saaxilaa deemuun dirqama jennee amanna.
Ammaf namoota olola sobaa gaggeessuun qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru harka diinaa galchuuf wal walirratti shakkii uumuuf namoota hojjetaa jiranis Qeerroon Bilisummaa Oromoo bira gahee waan jiruuf karaa gorsamuun danda’amuun akka gorsaman godhamaa jira . Naamusa qabsichaa akka tiksaniif kabaja qabsoo keenya qabsoo Oromootiin gaafanna!
Qabsoon keenya ABO’n dursamu WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO) qabatee Oromiyaa fi Oromoo walabaan jiraatu arguudha.
Gadaan Gadaa Bilisummaa haa tahu!
Injifannoon Ummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa oromoo eebla 28/2019
Finfinnee, Oromiyaa

SBO Ebla 26,2019. Oduu, Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15nii Godinoota Baha Oromiyaa keessatti geggeessame ilaalchisuun gaaffii fi deebii miseensa GS ABO fi Gaafatamaa Godinoota Bahaa Jaal Billoo Garbii waliin taasisame

Aside

Virus-free. www.avg.com

“Otuu nu ajjeesaa jirtanii, isin simachuu hin dandeenyu”

Aside

Ibsa Qeerroo Amboo irraa!

19 Ebla 2019

Haala qabatamaa amma biyya Keenya keessa jiruun wal qabsiifnee haalonni amma deemaa jiran ammas akka duraanii wareegama hin malleef nu deemsisuuf jira. Kanaan wal qabatee gaaffiin Uummata Oromoo gaaffiin Afaanii, Gaaffiin Abbaa Biyyummaa, Gaaffiin Daangaa Oromiyaa, Gaaffii namoota achi buuteen isaanii dhabamee, Gaaffii yaakkamtoota Seeratti dhiheesduu fi kkf isoo warawaan hin deebi’iin ammas gaaffii Uummata Oromoo cinatti dhiisuun mirqaana Aangoon uummata Keenya hardhas afaanfanjeessuun Lubbuun ilmaan Oromoo itti wareegaman qoosaatti qabamuuf yaalamaa Jira.

Haaluma kanaan Guyyaa Dilbata dhufu magaalaa Amboo keessatti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dr Ambaachoo magaalaa Keenya ni seenu jedhamee jira. Kanaan wal qabatee nu ilmaan Oromoo Gama Walloo jiran gochaa bulchiinsi mootummaa Naannoo Amaaraa raawwateen ilmaan Oromoo Walloo keessa jiraatan Duula Liyyuu Hayilii Naannichaa fi Milishoota Naannichaan duulli daangaa babaldhifannaa fi duguugonsi ilmaan Oromoo Walloo jiran irratti raawwachaa turuun ni yaadatama.

Keessummoonni dhufan kun tuffii Uummata Oromoof qaban ifatti kan Muldhisaa jiraaniifi Araarri Uummata Walloo waliin isoo hin godhamiin maqaa diipiloomaasiin gara Magaalaa keenyaa dhufuun ammas Uummata Oromoo madaa isaa itti kakaasuuf kan yaadame ta’uu sin beeksifna. Nu nagaa feena sabni kamuu wal qixxummaan jaalalan uummata Oromoo kabajee mirgaaf dirqama isaa baree jiraachuu akka qabu fi namni kamuu jibba saboota kamuu kan hin qabne yoo ta’u, garuu haala amma jiruun Torbanoota darban keessa Uummata Walloo duguuguuf yaalamuun ni yaadatama.

Kanaaf qaamonni magaalaa Keenya afaaniin ol kaasuun nagada siyaasaaf oliif gadi yaatan kabaja Oromummaan gaaffii Keenya kan ilmaan Kumaatama itti dhabne nuu deebisaa. Maqaa Amboon bara kana qofa keessummoonni garaagaraa dhufan iyyuu magaalaa Keenya akkuma durii gaaffii uummanni Keenya Jaarraa hedduuf hin deebine waan hojiitti hiikamee hin agarreef xuxxuqaa fi tuffii Uummata Oromoo akka dhiiftan kabajaan isin gaafanna.

Sagalee Qeerroo Amboo

HAQA QABNA NI FALMANNA

DHUGAA QABNA NI INJIFANNA

SBO Ebla 12,2019. Oduu, Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Wixata dhufu ayyaaneffatamee oolu ilaalchisuun ibsa gabaabaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa kennan, akkasumas Haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessa jiru ilaachisee gaaffii fi deebii jiraatraa godina sanaa Obbo Xiiqii waliin taasisame

Aside

SBO Ebla 05,2019. Oduu, Ibsa ABO, Haala Oromiyaa Kaabaa Godina Walloo keessa jiru irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo Obbo Hamzaa Bashir waliin taasisame akkasumas miidhaa Kobor keessatti waraanni mootummaa EPRDF dhaqqabsiisaa jiru irratti yaada jiraataa magaalattii nuuf kennan dhiheessinee jirra.

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO05042019.mp3x_8px.png

SBO Ebla 03,2019. Oduu, Gabaasa Godina Baalee irraa qindeeffanne, Gaaffii fi deebii barataa Yunversitii Haromaayaa barataa Hinsarmuu waliin, akkasumas miidhaa ilmaan Oromoo Godina Walloo irra gahaa jiru irratti yaada gabaabaa

Aside