Barattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.

Aside

Because I am OromoBarattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.

  1. SHALLOO NAGAASA. ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  2. KISUU TULLUU ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  3. GADAA GAMMAACHUU….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
  4. WAYYEECHA TAMMIRUU … CIVIL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  5. YOOHANIS FURGAASA………MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  6. BOORANAA ABARRAA …MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
  7. ZAWUUDUU NUGUSEE…..AGRO-ECONOMICS WAGGAA 3FFAA
  8. IYOOB MUL’ISAA………..ENGINEERING WAGGAA 1FFAA
  9. WASAANUU ……….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFA
  10. MOOTUMMAA KIFLEE ..CIVIL ENGINEERING WAGGA 2FFAA

Sochii Fincila Xumura Gabrummaa dhaabuuf kan Taankiin dadhabe,” Ye Selaam Hayil” bakkaan gahuu hin danda’u.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

ffdFincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti akka abida bonaa belbelaa jiru, mootummaa wayyaanee fi sirna gabarummaa Impaayera Ixoophiyaa hundee irraa raasee rifatuu hamaa keessaa galchee akka jiru, ummata Oromoo fi amba biratti ifatti beekameetu jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaatti, ammaan tana, gootummaa seenaa qabsoo ummattoota addunyaa keessatti argamee hin beekne garsiisuun, mirga akka seera: Waaqaatti, uumaatti, addunyaatti fi seenaan qabu  deebifatee abbaa biyya isaa Oromiyaa fi abbaa qabeenyaa Oromiyaa ta’uuf  falmaa hadhooytuu geggeessaa jira. Falmaa haqaa fi seeraa ummatni Oromoo geggeessaa jiru kana dhabamsiisuuf, waraana hanga funyaaniitti hidhate fi sirnichaaf guddoo amanamaa ta’e ummata Oromoo irratti yoo babbaase iyyuu, mootummaan Wayyaanee fincila Xumura Gabrummaa ummata Oromoo cabsuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa jaarraa tokko oliif deemaa jiru, amina inni gara galma isaatti godhaa jiru irraa dhaabuu hin dandeenye. Fincila ummata Oromoo dhaabuuf, ololli daangaa hin qabne irratti oofamu illee, akkasumas, gorsitooti fi leenjistooti biyya ambaa doolora miliyoona hedduun bitamanii irratti yoo duulchifaman illee,  mootummaan Wayyaanee, Warraaqsa Xumura Gabrummaa golee Oromiyaa mara keessatti deemaa jiru injifachuu hin dandeenye. Sochii Fincila Xumura Gabrummaa Taankiin hin dandeenye

Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame

Aside

Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga
fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru