Dhumaatiin Suukkanneessaa Ummata Oromoo Irratti Raawwatame.Fincilli Diddaa Gabrummaas itti Fufe.

Gabaasa dabalataa, Eebantuu,Fulbaana 26,211

Lixa Oromiyaa Wallaga keessatti Fulbaana 22,,20011  hanga Fulbaana 26,2011 itti  lola ummata Oromoo meesha maleeyyii fixuuf karoorfamee meeshaa gurguddaa waan akka Bireenaa fi Baazuqaan qindaa`een walitti bu’iinsa Ummata Oromoo fi Gumuzi jidduutti ta`e irraan Ummata Oromoo Irraa namoota heedduun wareegamnii namootni heedduun madaa`anii jiraachuu beekame. Lolli kun kan ta`e Aanaa Eebantuu Ganda Lalisaa Dhangaggoo, Ona Mootii, Qilxuu Sanyii, Axabballaa,Yuubdoo fi Bakka Qonnaa Balaccu jedhamutti lolli kun Guyyaa shaniif meeshaa ammayyaa fi humna hidhannoo guutuu hidhateen Mootummaan Wayyaanee qindeessee ummata Oromoo irratti Gosa Gumuz meeshaa xiqqaa irraa hanga gurguddaa hidhachiisuun, Oromota meeshaa maleeyyii Qotee bulaa, maanguddoo f i Ijoollee irratti bobaasee qe’e jireenya isaanii keessaatti ficisiisaa akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Akkasumas maanguddootni,hawwanii fi shammarran,daa`imman kumaa lakkaawaman qe’ee fi maatii isanii irraa adda ba`uun buqqaa`anii lubbuu ofii baraaruuf jecha  gara magalaa Qeellootti baqatanii gargaarsa nyaataa fi dhugaatiin/Midhaanii fi bishaan tokko malee mankaraaraa jiru. Ummati Oromoo rakkoo fi gidiraa akkasii keessa jiran hanga ammaati qaami kamiinuu qaqabee kan gargaarre waan hin jirreef lammii ofii dhihoo fi fagoo jiru maratti gabrummaan hammaate nuu birmadha jechaa dhaa jiru.

A. Namoota Lubbuun isaanii dabre ykn ajjeeffaman ammatti kan maqaan isaanii gabaafame keessaa,

1. Obbo Maatabuu Xiixaa Abbaa Ilmaan 15

2.Obbo Nigaatuu Dabbis Abbaa ilmaan 14.

3. Obbo Abdannaa Darajjee Abbaa ilman 07

4.Obbo Fiqaaduu Hundumaa Abbaa Ilmaan 06

5. Obbo Tafarii Adimaasuu Abbaa ilmaan 05

6.Obbo Dassaalee Ittafaa Abbaa Ilmaan 04

7.Barataa Magarsaa Guddaataa Barataa kutaa 12

B. Namoota Madaa`an,

1. Obbo Gabbisaa Kasasaa

2.Obbo Asaffaa Gabbisaa

3.Obbo Abbabaa Malataa

4.Obbo Abdiisaa Abbabaa

5.Obbo Fiqiruu Dhaabaa

6.Yaaragaal kan jedhamna.

C. Namoota qee fi qabeenya, manaa fi maatii isaaniirraa buqqa`ee yeroo ammaa Magaalaa Qeellootti baqatee gargaarsa dhabee mankaraaraa jiran ,maatiwwan kuma Tokkoo fi Dhibba Lama/1,200/abbootii Warraati.

CH.Daa`imman Yeroo ammaa Abbaa fi haadha isaanii/Warra isaaniirraa adda baa`anii qofaa isaanii facaa`anii jooraa jiran daa`imman Dhibba sadii/300/ walumaa galatti namoota Sababa lolaan qee fi qabeenya isaaniirraa du`aa fi ajjeechaa jalaa baqatanii buqqaa`an yeroo ammaa aanaa Eebantuu magaalaa Qeellootti baqatanii jiran namoota 1,500-2,000 ta`u.

Halli kun hanga ammaatti tasgabbii hin argatiin jira,karaa mootummaa Wayyaanee meeshaalee waraanaa gurguddaa fi konkolaatota warren ummata Gumuzii ittiin gargaaruu malee ummata Oromoo qe’ee irraa buqa’eef homaa kan birmate hin jiru.Lollii fi gochaan kun ummata Gumuzii fi Oromoo jidduu haafakkaatu iyyuu malee kallattiin kan tahaa jiru Wayyaanee TPLF fi ummata Oromoo jidduutti rakkoo jiru irraa tahuu qeerroon naannoo sanii gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Wayyaanee TPLF Gumuzii fi Oromoo jidduutti waldhabbiin itti fufsiise.Saboota walitti buusuus tooftaa godate.

Gabaasa Qeerroo Ona Giddaa Ayyaanaa, Fulbaana 26,2011

Fincila diddaa gabrummaa ummanni Oromoo eegalee jiru  gara dhabsiisanii ilaalchaa fi haala diddaa ummataa fuula isaa jijjiruuf jecha mootummaan TPLF ummata Oromoo fi saboota Gumuzii walitti naquu itti fufee jira.Haala kanaan Fulbaana 25,2011 walitti bu’iinsi Ummata Oromoo fi Gumuzii hammaachuu irraan Ona Hebantuu naannoo Qeelloo jedhamutti  ilmaan Oromoo irraa nama 7 lubbuun isaanii darbee jira. Lolli kunis hammaachuu irraan kan ke’e onoota Giddaa,Limmuu,Gali fi Hebantu bakka jedhamanitti jeequmsa uumee akka jiru gabaasi qeerroo ifa godha.

Fulbaana 26,2011 (har’a) ammo lolli kun hammaachuu irraan  kan ka’e ummanni Oromoo du’a ilmaan isaatti aaruu irraan kan ka’e fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee irratti qabu jabeessee ka’uun konkolaataa warra ummata Gumuzii humni Poolisaa qabatu tokko qabanii Poolisa irraa fudhachuun harka ummata Oromoo diddaa gabrummaaf sosso’uu galee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Gabaasa haala kanaa jala buunee yeroo irraa yerootti gabaafna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barruuleen Qeerroo Wajjira Poolisii fi mooraa human dafee qaqabaa Wayyaanee keessatti faca’uun Jeequmsa uume.


Gabaasa Qeerroo aanaa Giddaa,Fulbaana 25,2011

Fulbaana 24,2011, Godina Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti barruun ejjennoo Qeerroo fi yaamichi Fincila diddaa gabrummaa  ibsu qabxii 16 kan of keessaa qabu waajjira Poolisaa fi mooraa humna dafee qaqabaa keessatti faca’uu irraan kan rifate mootummaan Wayyaanee ummata nagaa goolaa jiraachuu odeessi Qeerroo aanaa Giddaa Ayyaanaa addeessa.

Dhimma kanaan wal qabsiisuun humni poolisaa fi bulchitooti Wayyaanee aanaa san keessa sosso’aa jiran dargaggoota nagaa qabanii hidhaatti geessuu beekamee jira. Akka kanaan dargaggoo

  1. Alamuu Gammachuu
  2. Asmaraa Oljirraa

Kanneen jedhaman badiin tokko malee qabanii mana hidhaa hin beekamne geessanii jiru.

Haala kanaan kan jeeqamte Wayyaaneen akkuma aadeffatte ummata jeequu fi sakatta’uu eegaltee jirti.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Endless Crackdowns and the Threat to Democratization in Ethiopia – HRLHA

HRLHA – Urgent Action and Appeal

September 2011

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) would like to express its deep concern regarding the safety and well-being of the victims of the most recent crackdowns against the independent media and political organizations.

The TPLF/EPRDF-led Ethiopian Government has arrested and imprisoned Journalist Eskinder Nega and four Unity for Democracy and Justice (UDJ) political party leaders alleging that they were preparing for committing “terrorist acts” through their links with the Ginbot 7 opposition political party, which the government labels as a terrorist.

It is also remembered that similar arrests have been made based on similar allegations during the whole month of August and the beginning of September. Victims of these earlier extra-judicial actions by the Ethiopian Government include Mr. Bekele Gerba, of the Oromo Federalist Democratic Movement, a political opposition party in Ethiopia, and Olbana Lelisa of the political opposition Oromo People’s Congress party. The government has announced that both men were arrested on suspicion of belonging to the Oromo Liberation Front (OLF), a charge the government often uses to silence members of the Oromo political oppositions.

Whatever allegations the Ethiopian Government is making, the obvious thing as to why these most recent arrests and imprisonments are taking is that most of these targeted individuals have communicated with and spoken to representatives of human rights agencies such as Amnesty International; and to everyone’s understanding, this is one of the fundamental rights guaranteed in the country’s constitution. But, given its eighteen years history in power especially in terms of freedom of expression, the TPLF/EPRDF Government never tolerates any attempt by individuals, the media, or political organizations to bring its political and economic wrong-doings to the attentions of the outside world.

It has been reported through various media that these suspects, who were instead known to the public for their strong criticism against political and economic maladministration of the ruling TPLF/EPRDF party, are being held at the infamous Ma’ikelawi Central Prison, where torture is at the top in the list of the means of coercions, harassment and intimidation. Ma’ikelawi is also where know political figures and activists are systematically eliminated through those torturous means.

By inappropriately exploiting the global agenda of “war on terror”, and by using the extremely biased, abusive, and repressive “anti-terrorist law” it enacted in 2009, the Ethiopian Government has been severely threatening the already staggering democratization process in the country. The international communities and the Western allies of the TPLF/EPRDF Government are undoubtedly very well aware of the fact that victimization of innocent citizens simply because they attempted to exercise their basic democratic rights, incarcerations, denials of justice, destruction of families and condemnations to destitution, etc. have been the fate of the majority of Ethiopians in the past eighteen years. On the other side of these politically motivated discriminatory experiences, we have witnessed the reigning of a one party dictatorial rule driven by individual and group interests. And these all kinds of harassment and intimidation against groups and individuals who have been critical of the TPLF/EPRDF Government are aimed at ensuring a tight and lifetime grip on power.

HRLHA believes that Ethiopians have already got more than enough of these ill-treatments, gross punishments, and sufferings. It also believes that it is time to say “ENOUGH IS ENOUGH” for the international communities in general, and particularly for TPLF/EPRDF’s Western allies who provided PM Meles Zenawi with the global licence of “war on terror”, from which he inappropriately derived his “anti-terrorist law” that he is abusing to punish and silence all political opponents, human rights activists, and free press journalists.

The HRLHA calls upon local, Western Governments, regional, and international human rights and diplomatic agencies to join hands and send a clear message to the Ethiopian Government to, first of all, unconditionally release all political prisoners; and, secondly, honour all the constitutional and other fundamental human rights so that the democratization process would take the right track. Those who do not tolerate the exercising of the freedom of expression, which is the foundation stone of democracy, should not be tolerated.

The Human Rights League of the Horn of Africa/HRLHA is a non-political and non-partisan organization which attempts to challenge abuses of human rights of the peoples of various nations and nationalities in the Horn of Africa. HRLHA is aimed at defending fundamental human rights including freedoms of thought, expression, movement and organization. It is also aimed at raising the awareness of individuals about their own basic human rights and that of others. It has intended to work on the observances as well as due processes of law. It promotes the growth and development of free and vigorous civil societies.

– Read the Full Statement (HRLHA)

Oromia-Ethiopia: OSGA Appeal for Urgent Action

Oromia-Ethiopia: OSGA Appeal for Urgent Action

September 22nd 2011

To: Gianni Magazzeni,

Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR), Geneva, Switzerland

The Oromia Support Group Australia (OSGA) expresses its serious concern regarding those illegally kidnapped and detained at the ‘Mikelawi’ Central Investigation Centre, of guiltless Oromo civilians:

1. Zemachu Makonen (student – Adama University), kidnapped from ‘Dambi Dollo’ West Oromia, on 2nd of August 2011, taken to ‘Mikelawi’ – Central Investigation Centre, and he was brutally tortured.

2. Garbaba Gaddisa – Kidnapped on 10th of June 2011 from his work place, and taken to ‘Mikelawi’ – Central Invetigation Centre. Families and relatives are denied access to visit.

3. Gammachis Yoseef (student – Adama University), kidnapped in the same month from Nadjoo town, West Oromia, and his whereabouts remain a mystery to his families.

4. Mr Laggasa Detti (former Secretary General of Mecha-Tulama Self-help Association) kidnapped on 23rd of August while on his way to home in Ginci, place close to the capital city.

5. Mr Mulugeta Riqitu (school teacher) kidnapped and detained

6. Sisay Sarbessa (Student –Finfinne- Addis Ababa University) kidnapped and detained.

The following individuals were also kidnapped and detained in the first week of September 2011 at the same centre – ‘Mikelawi’ Investigation centre:

7. Mr. Baqqala Garba
8. Mr. Olbana Lellisa
9. Mr. Gachana Ararsa
10. Mr. Habtamu, from Ginci area
11. Mr. Abdisa Sori (from Ada’a Bargga district)
12. Mr. Sirnessa Abarra (from Ada’a Bargga district)
13. Mr. Masay Girma (student)
14. Mr. Sonbee (student)
15. Mr. Dadhi Galan (Artist)
16. Mr. Cala Hayilu (Lecturer – Adama University)
17. Mr. Abarraa Dame
18. Mr. Gaachana Ararsaa
19. Mr. Jiraa Ajjamaa
20. Mr. Darajjee Amanaa
21. Mr. Motummaa Fayyeraa
22. Mr. Baqqalaa Uurgeessa
23. Mr. Kabbadaa Daadhii
24. Mr. Habtauu (Surname not identified)
25. Mr. Abdii Soorii
26. Mr. Sonsa Abarraa
27. Mr. Alamaayyoo Tolaasaa
28. Mr. Abarraa Tasfaayee
29. Mr. Haptamu Kabbada
30. Mr. Buruk Shifara (from Elfata district)
31. Mr. Biraanuu (student – from Ginda barat district)
32. Mr. Asmaraa Tolasaa (Student )
33. Mr. Amanu Fufaa (from Gindabarat district)
34. Mr. Alamaayyo Tolasa (Student)
35. Mr. Buruk Shifarra
36. Mr. Abarra Tasfayye
37. Mr. Habtamu Kabbada
38. Mr. Biranu (from Dandi district)
39. Mr. Biqila Namomsa
40. Mr. Indaalo Babu
41. Mr. Tolasa Ayyale
42. Mr. Taddasa Gudata (from Horro Guduru – Jaardagaa Jaartee district)
43. Mr. Lammi Nagash
44. Mr. Gammada Yaadata (from Naqamte town)
45. Mr. Alamuu Gammachuu,
46. Mr. Wande Bayyana and
47. Mr. Abdi Yadata (No. 45-47 are High School teachers – from Gidda Ayana town of West Oromia)

Since the security forces kidnapped and detained them the victims’ families are denied access, and the victims were not allowed to seek any legal counsel according to the information Oromia Support Group Australia (OSGA) have received from reliable sources. In this case the government action appears arbitrary and highly questionable, and so far the situation of these innocent victims deeply concerns the OSGA. OSGA believes that the abduction of Oromo civilians from their peaceful life is beyond doubt politically motivated, therefore, would like to bring to your notice and urge for your immediate intervention, to stop the Ethiopian government from its continuation of brutal action on Oromo civilians. This action is against their constitutional rights, the right to peacefully live in their country, and totally unacceptable.

Despite ongoing appeals from human rights organisations and humanitarian societies the Ethiopian government has taken no action to stop human right abuses in the country. Instead, the regime continuously ignores all calls to adhere to international humanitarian law and human rights law. The ongoing human rights violations in Ethiopia and the government authorities’ continued disregard of obligations under international law demonstrates the dire need for action to be taken in support of the Oromo and other similar peoples in the country. This is a crucial and opportune time for your department to show sensitivity to this appeal and more importantly your commitment to democracy, human rights, and justice in the country.

Oromia Support Group Australia earnestly requests your support in ensuring an end to the crimes against humanity in Ethiopia by the government authorities on the citizens, particularly, on Oromo people. Therefore, Oromia Support Group Australia once again appeals to your office to pressure the Ethiopian government to immediately release the detainees and immediately discontinue perpetrating gross human rights violations on Oromo civilians.

Thank you for your attention to this urgent matter.

Oromia Support Group in Australia

CC:
Amnesty International,
Human Right Watch,
Foreign Embassies in Ethiopia

Clear here for Full Appeal document

TPLF Diddaa Qeerroo dura dhaabbachuuf jecha saboota Gumuzii fi Oromoo walitti buusuu eegale

Gabaasaa Qeeeroo Ona Hebantuu,Fulbaana 24,2011

Gaaffii mirgaa dargaggooti Oromoo kaansanii jiran doomsuuf jecha shiroota Wayyaaneen hin xaxiin hin jiru. Yeroo dhihoo asitti godina Wallaggaa naannoo Onoota  Hebantuu,Gdiiaa,Limmuu,Jaarsoo,Calliyaa fi Najjoo kkf keessaa FDG dhabbatummaan itti fufuun irratti kan rifate mootummaan Wayyaanee, fincila kana dhaabuu dadhabuu irraan kan ka’e saboota Gumuzii  ijaaree ummata Oromootti akka lola banana taasisee jira. Akka kanaan Fulbaana 22,2011 irraa eegalee Ona Hebantuutti daangaa Gumuzii fi Oromoo jidduu naannoo Qeelloo jedhamutti walitti bu’iinsa Oromoo fi warra Gumuzii jidduutti tahe keessatti nama lama du’an kudha shan madaa’anii nammoonni kudhan ammo eessa buuteen isaanii hin baramiin jiraachuu gabaasi Qeerroo Ona Hebantuu addeessa.

Akka kanaan ummati Oromoo naannoo san jiru tokkummaa isaa jabeessuun dhibdee fi gaaffiin Oromoo mootummaa Wayyaanee irraa malee saboota Gumuzii waliin akka hin taane karaa adda addaa kanneen Wayyaaneef ergamani rakkoo uumanitti dhaamsa dabarsaa jiraachuun beekamee jira. FDG Qeerroon qoteebulaa fi ummata Oromoo hunda waliin jalqabe kun jalqabaa malee kan dhumaa tahee  hanga galii isaan gahu akka hin dhaabbanne sochiilee dargaggootaa irraa hubachuun dandayamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Sabboontotaa itti Fufuu Irraan Sakattaan Magaalaan Calliayatti Hammaate.

Gabaasa Qeerroo Ona Gullisoo,Fulabaana 23,2011

Finicilli diddaa gabrummaa itti fufiinsaan Oromiyaa keessatti muldhachaa jiru hammaachuun,godina Wallagaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa jedhamu keessatti jiraattotii fi qondaalotiin Wayyaanee walitti bu’uu irraan jeeqamsi guddaan ka’ee hanga ammaa hin qabanaawiin akka jiru Qeerroon gabaasa.

Sochiin ummataa fi diddaan dargaggoota Oromoo aanaa Calliyaa waan sodaachisaa dhufeef jedhee mootummaan Wayyaanee sababaa alaabaan ABO magaalaa san keessatti heddummaateera jedhuun manneen ummataa akka sakatta’aman ajaja darbaruu irraan  poolisootii fi humni ergamtoota Wayyaanee manneen ummataa irra deemanii akka sakata’aa jiran beekame.

Kana malees barsiisotaa fi dargaggoota Oromoo University adda addaa irraa yeroo boqonnaaf gandatti galan,waraqaa eenyummaa OPDO waan hin qabneef naannoo san irraa akka deeman ykn yeroo gabaabaatti yoo hin fudhatiin akka goolessituutti ilaalamaniin yakka Wayyaaneen ummata irratti gootuun dorsifamuu kanneen didan hidhaatti geessaa  jirti.

Akka kanaan Fulbaana 22,2011 barsiisaa Mangistu Doftoree Lalisaa jedhamu barattoota nurratti kakaafta,dargaggoonni uccuu alaabaa qabu akka uffatan gorsite,miseensa OPDO tahuu lagatte sababaa jedhuun qabamee mana hindhaa hin beekamiinitti geeffamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee,Barsiisonni Hidhaman Hanga Hiikaman Kutaa Seennee Hin Barsiifnu Jedhu Barsiisoti Hebantuu fi Giddaa

Gabaasaa Qeerroo Ona Giddaa ,Fulbaana 22,2011

Godinaa Wallaggaa Bahaa Ona Hebentuu fi Giddaatti FDG’n barattootaa fi ummataan eegalame itti fufuun jabaatee jiraachuu gabaasi qeerroo ona san irraa beeksise.Akka kanaan barsiisoti Onoota Hebantuu fi Giddaa Ayyaanaa jiran hamma barsisotiin hidhamaan hiikamanitti kutaa seennee hin barsiifnu jechuun ejjennoo qaban  mormmii mootummaa Wayyaanee mormaniin dhageesisaa jiru.

Kana biraan ammoo hidhattonnii lukkeelee dinaa ona Heebentuuttii halkan halkan mana jireenyaa sabboontota barsisotaa fi barattootaa Oromoo irra deemanii doorsisuu fi garii isaaniis manaa gadi baasanii reebaa akka bulan beekame. Haala kanaan wal qabatee guyyaa kaleessaa fulbaana 21/2011 barsiisonnii fi baratoonnii Onaa kanaa hiriira mormii bahuun of qindeessuu irraan milishoota Wayyaanee waliin walitti bu’aa turuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Diddaan Qeerroo Itti Fufee, Barsiisoti Sadarkaa 2ffaa sadii Hidhaman.

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Giddaa Ayyaanaa Fulbaana 21,2011

Wallaga ona Giddaa Ayyaanaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa hammaachuu irraan kan ka’e bulchitoota Wayyaanee fi hojjetoota mootummaa kaan jidduutti waldhibdeen hammaachaa dhufuu irraan kan ka;e Fulbaana 19,2011 barsiisota Oromoo kanneen mana barnoota sadarkaa lammaafa barsiisan sadii ummata nurratti kakaasaa jirtu,sochii dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo mootummaa irratti qindeesitanii jiru sababa jedhuun mana jireenya isaanii irraa Polisoota Wayyaaneen qabamanii mana hidhaa hin beekamiitti geeffamani jiru.

Barsiisotiin kanneen kun:-

  1. Alamuu Gammachuu
  2. Wandee Bayyanaa
  3. Abdii Yaadataa

Kanneen jedhaman yeroo tahu, kana malees dargaggoota Oromoo hedduu ummata qoteebulaa nurratti kakaaftan sababa jedhuun baadiyyaa fi magalaa keessaa qabanii gara mana hidhaa Laqamteetti geessaa jiraachuu qeerroon magaalaa Giddaa irraa gabaasa.

Kana waliin ummanni naannoo Giddaa jiraatu lukkeelee ummata keessa deemanii sabboontota qabsiisan yeroo barbaachisaa tahetti qindoominaan akka tarkaanfii laalessaa irratti fudhatan qeerrootti beeksisanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!