Namni Cooma Quufe, Sangaa Adii Manattii Jibba!

Aside

Hariiroo Jorgootiin.

Barreessaa dhugaa baasa!Yeroo har’aa quufni ilmaan TPLF Tigraay, Oromiyaa keessatti faagaa ba’eeti daangaa cabsee, namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba akka Oromoon jedttu sanadha ta’e. Oromiyaan ilmaan isheef hin taane malee dhugumatti biyya dureettiidha. Ilmaan Tigraay kun Oromiyaa biyya dureettii kanafi uummattoota kibbaa akkasumas guutummaa biyyattii erga dargii arihanii itti darbanii gabroonfatanii as, quufanii akka ta’an wallaalanii sadarkaa seeraafi heeraan bitamuu bira darbanii sadarkaa sodaa Waaqaas ta’e heera addunyaatiin jiraachuu tuffachuutti cehanii tuffii maal fiddiitiin, safuu dhabatti qaanii tokko malee farda salphinaa fe’atanii baxaraanummaan garmaaman. Finfinneen lafa Oromiyaati. Sanuu han’uura. Kana Waaqatu godhe. Heerri biyyattis ifatti lafa kaayee jira. Keeyyatni 49/6 kana hin haalle. Hinumaatuu Oromiyaan faayidaa addaa Finfinnee irraa argatuu akka qabdu muree haqa Oromiyaa lafa kaayeera. Haata’u malee wanti ta’aa tureefi ta’aa jiru ammoo faallaa heera mootummaa biyya kanaati. Abbaa biyyummaa Oromiyaa kana mulqaa turani. Gama seeraan heera tumamee taa’e kana hojiirra oolchuuf kan socho’e tokkollee hinjiru. Hamma danda’ametti dhoksaatiin wayta garii ammas ifatti lafa Oromiyaa kana yeroo akka qircaatti hiratan kan argaa turreefi jirudha.Namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba

Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Guutummaan FXG Haalan Jabaatee Itti Fufee Jira.

Aside

Amajjii 16,1,2016
FXG kan godinota Oromiyaatti qabsiifamee jiruun,tibba kana TPLF fi
OPDOn raafama guddaa keessa seenurra darbani waan dubbatanille harka waldhahaa jiraachuusaa ibsa isaani giddu kanatu dhugomsa Warraqsa Baha Wallaggatti ka’e jiru dhaamsuuf hoggantoonni godinichaa Kalessa gara Waamaa Hagalootti kan bobba’an ta’ulle daran FXG akka finiinuuf karaa saaqe waan hin yaadin kan isan mudate gaaffiin uummata naasise gaaffilen kunnin
1,barataa keenyaaf dargagota keenyatti bu’urra dura nu ajjeesaa
2,master plan dhabneerra jettanii wawwaatanis gaaffiin uummata Oromoo kan hundee achuma jira waan ta’eef nuti mootummaa keenya dhaabbachuu barbaadna ABOn nu haa bulchu.
3,erga gaaffiin barataa sirri ta’ee maa ajjeefatu,maa hiitu maa shorokeesitoota jettu?akka keessan qe’e nama deemee enyuun ajjeese
isinu jirtu kan nu jalatti ol adeemaaf qaro qabeeyyi dagugdan jechunwal-ga’icha diigan

HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!

Aside

SEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa

fxmWaaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

HUMNI XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE,,,,,,,.docx

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Gocha Suukkanneessaa Raawwataa Jiru Irratti Dabalee Har’a Dhukkaamsuu Eegale.

Aside

Amajji 16,2016)
Barattoota Jimmaa Yunibarsiitirraa Ukkanfamani bakki buuteensaanii dhabame kan maqaan nu ga’e kana gaditti katabneerra
1,Kennaa Daammana (Seera Waggaa 5ffarraa)
2,Abdiisaa Bantii (Nurs Waggaa 2ffaarra)
3,Abram (Nurs Waggaa 2ffaarraa)
4,Bultuu Fiqaaduu (Foklarii waggaa 3ffaarraa) kanneen hafan hedduun kan jiranidha barattoota kana dhabusaanii malee essa akka ga’an hiriyoonnisaan hanga har’a beekanii hin jiran

Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Amajjii 15,2016 FXG Gaggeefame.

Aside

Amajjii 16,2016)
Baha Wallaggaa Sibu Siree naanno Gabaa Sanbataatti Kaleessa FXG gaggefameen ummanni Oromoo biyya keenya barbaadna,mootummaan Wayyaanee nurraa haa ka’u jechuun dheekkamsuu fi dhadatnoon hiriira bahe.

Kana malees jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an milishoota naannichaa uummata gidirsaa jiran irratti uummanni barnoota sirreessaa kenneefii akka jiru Qeerroon gabaasa

Barattooti Qophaa’ina Biiftuu,Dargee Qophaa’ina NaqamteeHiriira FXG Bahaniin “Abbaan Biyyaa Oromoo” Dha Jechuun Gootummaan Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbachaa Oolan.

Aside

Amajjii 15,2016 Guyyaa har’aa Barattooti qophaa’ina Naqamtee fi Mana barumsaa Daargee hiriira FXG bahuun gootummaan Waraana Wayyaanee dura dhaabbachaa oolan.

Barattooti kun dhadatnoo dhageessisaa turan Oromoon abbaa biyyaa dha,walabummaa keenya barbaadna. Oromiyaan biyya Oromooti. Mootummaa keenya tolfachuu barbaadna kan jedhuun dhadhatnoo dhageessisaa turan.

Haala kanaan barattooti mana barumsaa Daargee irraa baratooti kanneen kun hidhamuu dhagahama.

  1. Faana Amalawarq Bulii
  2. Leencoo Abdiisaa
  3. Simee Tafarraa
  4. Tafarii Dhangi’aa
  5. Biqilaa Baandaa

Goota Saba Isaa Oromoof Jecha Lubbuu Aarsaa Godhe, Geeggeessaa Jaal Abdataa Abdataa Olaansaaaf/Walaloo

Aside

12540529_1510388605923143_5360242150813297572_nLeelloo Sabaatiin,

Gaaffii abbaa biyyummaa, kan jaarraa oliif ture,

Baroota hedduuf ka’ee, deebii homaatu dhabe,

Hedduun itti dhumee, hedduun itti hidhame,

Harki itti ciramee, harmi irraa murame,

Akka harree fi gaangoo takaallaan oofamee,

Faanni ilaalamee, ilkeen lakkaawamee,

Mootummaa Ixoophiyaan, gabaatti baafamee, hedduun gurgurame(2)

Hiraarri kun hunduu, waan jiruuf har’a illee,

“Kun dhaabbatuu qaba !”, jedhee eerga murteessee,

Abdataa Olaansaa falmaa kan eegale(2)

Falmaan isaa kun, falmaa dhugaa ta’ee,

Hundumaa hiriirsee diina dura dhaabee,

Onnee abbootii isaatii dhalmayaan fudhate,

Kan sodaa hin beekne, homaa irraa deebine,

Haga funyaaniitti, diina qawwee hidhate,

Bakka lixxu dhowwee, kokkee isii qabee,

Diina wat-waachise, sodaa itti naqe. (2)

Maqalee fi Finfinneetti teessumma godhattee,

Ilmaa tigrootaa shira irratti xaxxee,

Gaaffii ummata Oromoo kan dhaabdu itti fakkaatee,

Wabii fi abdii borii, Oromiyaaf egeree,

Abdataa Olaansaa qacaleetti kutte(2)

Du’a isaa dhagahee, rifatuun holladhee,

Aariidhaan waadamee, garaan na gubatee,

Inimmaan ija irraa jigee gadi na yaa’ee,

“Gootaaf hin boowani haaloo bahuuf malee,”

Geggeessaa Abdataa Olaansaaf