Mootummaan Wayyaanee Seeraa Mirga Barattootaa Ugguru Baase.

Aside

Gabaasa Amajjii 30,2014 Jimmaa

Gaafa Amajjii 28/2014 Mootummaan EPRDF fi Ministerri Barnootaa EPRDF seera haaraa baasan irratti baratoota dhaabbilee barmotaa olaanoo kanneen akka Yuunivarsiitii, Kolleejjii, manneen barmotaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratan irraatti seeraa haaraa mirga baratoota biyyaatti sarbu dabarsee jira, seera kanas karaa dabballootaa fi bakka bu’oota mooraa dhaabbiilee barmoota keessatti maxxansuun baratootni dubbiisani jireenya sodaa keessaa of galchuun sodaachaa akka jiraatanif ta’e jedhee mootummaan abbaa irree kun mirgaa baratoota sarbaa jira.
Qabxii ijoo seerrii imammata barmootaa wayyanotaa waliin wal qabatu kun mirgootaa amantaa, aadaa, eenyummaa fi kabaja namummaa kan sarbudha. keessattu Mooraa dhaabbilee barmotaa caqafaman keessaatti ;
1. Uffata Aadaa uffaachuun dhorkaadha, Uffatee kan argame seeraan adabama jedha.
2. Uffataa amantaa calaqiisiisuu fi kan shammarraan hordoftotni amantaa Muslima mataatti maratanii fi golgatanii deemaan dhorkaadha, kanaan booda dhaabuu qabu jedha,
3.Baratootni Mooraa dhaabbiilee barmootaa akka Yuunivarsiitii fi
Koolleejjii keessaatti lama ol ta’anii waliin deemuun, taa’uun,dhaabbachuun, dhorkadha, kana godhee kan argamee seeraatti dhiyaate adabama jedha.
4.kitaabolee barnotaan alatti asoosamota fi barruuwwaan garaagaraa mooraa barnotaa keessa galchuun dubbisuu fi dubbisiisuun dhorkaadha jedhuu fi kkf kan of irraa qabu seeraa dorsisan guutamee fi mirga baratoota guyyaa adii sarbaa jiru fuula ja’a kan qabu dhabbiilee barmota biyyaatti Yuunivarsiitota garaagaraa keessaatti maxxaansuun mirga baratoota sarba jiru.
Barruun seeran alaa kan mirga barattoota sarbaa jiru ibsuu kun Yuunivarsiitotaa Oromiyaa kanneen akka Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo, Wallaaggaa, Mattuu, Adaamaa, HaraMaayyaa, Dirree Dawwaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu keessaatti maxxanfamuu bira ga’ame jira. hallii kun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaaggaa keessaatti baratoota dheekkamsiisuu irraa darbee Mooraa Yuunivasitii Jimmaa moora arfan keessatti Gootootni sabboontotni qeerroo baratoota Oromoo seeraa mirga dhala nama sarbuu wayyaaneen maxxansuu kana buqqisaanii ciruun, kanaan boodaa akka feedhii keenyaatti hiriyootaa keenyaa waliin 10, fi isaa oliin wal duukaa sochoona, tokkummaa keenyaa caalaatti jabeeffaannee mirga keenya sarbamaa jiru ni kabachiifanna jechuun Qeerroon baratootni Oromoo seeraa dabaa Wayyaanonni waan qabanii
gadhiisan dhabuun baasaan kana balaaleffatan.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts to Oromia in the 16 Meter Band or on 17850 kHz at 7:00 PM local time on Mondays, Wednesdays and Saturdays

1. OVR Voice Mail Only (for comments, opinions and suggestions) call: +1 206-424-6588

2.  Listen to Oromo Voice Radio by telephone call: +1 716-748-0384

Oromo Voice Radio broadcast was posted on http://oromovoice.org, right side MP3 player (Archive for weekly broadcast)

sources.www.Ayyaantuu.com

Amajjii 26,2014 Nairobi Kenya Keessatti, Kabajaan Dhumaatii Saba Oromoo Anoolee fi Calanqoo Akkasumas Oromiyaa Bakka Gara Garaatti Tahe Kabajame

Walaloo Ayyaantuu – Afaan Oromoon

Walaloo Obbo Abdiisaa Afaan Oromoo fi Ingiliffaa

Walaloo Obbo Eebbisaa  Afaan Ingiliffaa

[audio

Walaloo Obbo Saaphaloo, Afaan Oromoon

https://qeerroo.files.wordpress.com/2014/01/9-walaloo-obboo-saaphaloo.mp3%5D

Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa,

Aside

Abdii Baalee Irra Oromiya

Saba koo Oromoo kan dhalaa fi dhiiraa,

Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa,

Keessaayyuu dargaggoon kan dubraa fi dardaraa,

Harka wal qabadhaa wal wajjiin hiriiraa,

Gabroomsaa dullacha ofirraa jijjiirraa,

Aduun nuu bahuufii,dukkannii deemaaraa,

Warri dhugaa dhokse nurraa fottoqaaraa,

Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa

Ibsa Maadhee Biiftuu Barii Jidduu Galeessa Oromiyaa Irraa Kenname

Aside

Hin Sobamnu Fakkaataa Goobanaa Daaccetiin, yeroo ammaa maqaa ABOtin eegalee maqaa ADO moggaafatee saba oromoo bittaa irratti jabeessuuf motummaa wayyaaneetti firooma tahee sammuu uummata oromoof asii fi achi laaqaa kan jiru,oromoo kaayyoo hin jijjiirree fi dhaaba kaayyoo isaa ganamaatti cichee qabsoo irra jiru humna isaa laaffisuuf kae jiru kana irratti hundoofnee nuti maadheen Iftuu Barii siyaasni diinaan wal qabatee mala daldalaan hidhannoo uummata oromoo gabrummaatti hambisuuf kae kana dura dhaabbachuuf sababa godhachuudhaan hara Amajjii 27 wal geenyee ibsaa fi kaayyoo keenya jabeeffachuun qabsoon bifa biraadhaan dabalamaa,wayyaanee irratti hirkatee diina lammaaffa nutti taaa jiru kana waliin falmii gaggeessuuf,dura dhaabbachuuf, kaayyoo isaa fesheleessuufis tahee gama hundaanuu wal geenyee marii yeroo gabaabaaf akka ibsa ejjennootti lafa kaayannetu jira.

1. Alaabaa ABO qabatee,uummata oromoo gowomsuuf,diinni ilmaan oromoo ajjeesaa,hidhaa,saamaa,biyyaa ariyaa utuu jiruu maqaa oromootiin duras kan daldalaa diinaaf hojjetaa ture,ammas diinni diinuma wayyaaneef kan dalagu,qabsoo oromoo laamshessa, sammuu uummata oromoo keessaa qaamni bilisummaa oromoof qabsoo kaayyoo isaa qabate kae finiinsaa jiru yaadaa fi sammuu uummataa keessaa haquuf mala wayyaanee waliin wal hidhate kana irratti dammaqnee maqaa oromoon qabsoo jedhee biyya seenaa kan jiru,kaayyoo isaa kan dagatee fi jijjiire akka diina keenyatti dura dhaabbachuuf nuti qabsoo barbaachisaa fi wareegama nu kaffalchiisuun irratti walii gallee,daandiin ittiin darbiinsa siyaasa dhaabicha diinaaf ajajamee kae danqaraa ittti tauuf ni qabsoofna.
2. Halagaan halaguma maaltu halagaadhaan fira jedhee.? Ganamaa galgala utubaa mootummaa wayyaanee,karaa fi mijaayina bittaaf tolttee jirtu dhaaba OPDO,yoo gorsan diinaaf kan nama saaxiltu,dhimma miseensummaa dhaabichaa fi mootummaan uummata isaa irraa ilaalcha gaarii qaba jedhanii uummata baadiyaa garaa fi gara dhabsiisaa,dhugaa awwalanii soba dhaalchisaa,sammuu qabsoof of dandaa xaaoodhaan sobaa,waanuma jedhamee dubbatamuu hin dandeenyeen oromoo keessaa diina oromoo horsiisaa,;. Egaa waggaan lakkaayameera,kanuma irratti ilaalcha goonee qote bultoota jajjaboo sammuu namoota deemanii jijjiiruuf gahumsa qaban walitti qabnee isaan waliin kana hunda dadhabsiisuu,hanga dhabamsiisuu fi humna wayyaaneef hundee tae kana laamsheessuu akkasuma mootummaa wayyaanees karaa hundaan laamshessuutti ni deemna, jennee nuti maadheen Iftuu Barii qote bultoota magaalaa Sulultaa waliin taanee tokkummaa fi kaayyoo kaane waadaadhaan haaromsannee jirra,dhaabni nu waliin akka jirtan, dhaamsi jajjabinaas isin irraa karaa hoogganoota qeerrootin nu gahaa akka jiru,isin hubachiisa qabsoon keenya sochii fi adeemsa yeroo oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti kan dagatamuu fi callifamu akka hin taane dhaamsa hundaaf dabarsaa kaaa kaaa bilisummaaf yeroo gabaabsaa, dhaamsa waliif dabarsaa,jennee dhaamsa qabnu ammallee daballee dabarsina,gabaasaa keenya itti aanun walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Maadhee Iftuu Barii Amajjii 27/2014