Qottoon ABO muruuf qarame didee doome!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 17,2019
Barruu kiyya dursee haallan tibbana uummata keenya Oromoo irratti biyya keenya Oromiyaa fi naannolee ollaatti nurra gahaa jiru ilaalchiseen waan gabaabduu dubbadha. Sabni keenya saba Wabii hinqabnetti fakkeeffame. Sabni Wabii hinqabne du’es madaa’ees qaama dhukkuffatuuf dhaba. Qaamni uummata tokkoof wabii ta’u yoo hinjiraanne immoo sabichi yuuyyeetti fakkeeffama. Uummata yuuyyee guddaaf xinnaatu mataa keessa rukuta. Abbaa argetu ajjeesee, abbaa argetu dhiiga isaa dhangalaasa. Kun ta’uun ammoo sabichaaf kan wabii ta’u yoo hinjiraanne qofa. Saba wabii qabu ammoo hunda sodaata. Sababaan sabicha yoo miidhan wabii saba sanaatu qaama uummata isaa miidheef deebii gahaa laata. Sabni tokko wabii qabaachuu qofti gahaa isa hintaasisu. Nuti akka sabaatti jechuun akka Oromootti wabiin qabnu tokkoof tokkichi WBO dha. Uummatni keenya Oromoon wabii isaa kana kunuunfachuudhaan qaama isaaf wabii ta’u kana dhoksataa duuka hiriiruutu qaanii tibbana midate jalaa baasa ture. Kana jechuun sabni tokko ajjeefamee gumaa isaa qaama baasu dhabuun salphina. Amma waan tibba kana nu irratti raawwataa jiru, addatti gochaan mootaa Yuunibarsiitilee keessatti barataa keenya irra gahaa jiru guddoo nu gaddisa nu dhukkubsas. Kanaan kan uummata keenya gahe qaamolee mootummaa fi ilmaan shiraati. Shirri bara kana ABO dadhabsiisuu irratti dalagamaa ture marti isaa akeeka Oromoo balleessuu akka ta’e kan himaa turre haaluma amma mul’achaa jiru irraa namuu nii hubata jedheen abdadha. Biyya Xoophiyaa jedhamtu keessatti sabni akka saba keenyaa lubbuun isaa gatii dhabe bara kana waan jiru natti hinfakkaatu. Uummatni keenya waggaa guutuu ajjeefamaa bahe. Keessattuu Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa akkasuma Walloo keessatti bifa qindaa’een ajjeefamaa bahe. Qaamni uummata keenya ajjeesu qaamuma mootummaa ta’ee, uummatni akka waliif hindirmatnetti hojii hojjetamaa ture ta’uu namuu beeka. Hundaa olitti gochaan uummata keenya irratti bara kana raawwate kan nu balleessuuf aggamame ta’uu beekuu barbaachisa.

Continue reading

Milishaan naannoo Amaaraa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Seeenuun Goolamaafi Badii Inni Qaqqabsiise Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Milishaa fi humni addaa naannoo Amaaraa meeshaa waraanaa hidhachuun naannicha keessa, Godina Addaa Bulchiinsa Oromiyaa aanaalee akka Haxaayee, Afraataa, Jiillee fi bakkoota biroo keessatti uummata meeshaamaleeyyii irratti dhukaasuun balaa qaqqabsiisaa akka jiran gabaasaaleen maddeen amanamoorraa nugahaa jira. Bulchiinsi naannoo Amaraa ibsa Bitootessaa 21, bara 2021 baseen, nagaa buusuu fi ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf sababa jedhuun milishoota isaa naannoo Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaasuusaa ifatti amaneera. Gaffii guddaan jiru garuu, aanaalee jedhaman sana keessatti sodaan nageenyaa osuma jiraateellee humni nageenyaa Oromiyaa osoo jiruu naannoon Amaaraa maaliif milishaa fi humna addaasaa daangaa Oromiyaa cabsee seensisee kan jedhu dha.
Kanaan duras taanaan, sababa hin taane wal-fakkaataa dhiheessuun heera biyaa cabsuun mootummaa Itoophiyaatiif waan baratamaa dha. Inni kunis kan addaa miti.
Caalaatti kan mirkaanaawu tahus, maxxansaaleen aaraa-gubataa sabaa-himaalee hawaasaarratti bahan Haxaayee, Afraataa fi Jiillee keessatti milishaan naannoo Amhaaraa dhukaasa guddaa banuun uummata nagaarratti miidhaa qaqqabsiisuu akka hin hafne argisiisa.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaan gatii hin qabne kuni kan uummataa nagaa fi qabeenya isaaniirratti xiyyeeffate hatattamaan dhaabbatee, milishootni aanaalee sana keessatti bobbaafaman dafanii akka gadhiisanii bahan gaafta. Akkuma naannoo Tigiraayii fi Beenishaangul-Gumuz keessatti qabataamaan argamettis, milishaan naannoo Amaaraa daangaa naannolee cabsanii seenuun uummata fayyaaleyyi irratti dhukaasa bananii miidhaa qaqqabsiisu. Gochi anatu-caalaa akkasii kunimmoo lolli sabummaa irratti hundaawe saboota gidduutti akka ka’u taasisa.
Kanaaf, hagam dadhabaa ta’ullee, mootummaan federaalaa milishaan Amaaraa lammiilee shororkeessuu fi jiruufi jireenya guyyuu isaanii keessa akka hin galleef hatattamaan dhaabsisuu qaba.
Yeroo ammaa kana mootummaan naannoo Amaaraa milishootasaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa bakkoota gara-garaa keessatti bobbaasee akka jiru Addi Bilisummaa Oromoo bira gaheera.
Godinoota:-
Qeellam Wallaggaa-aanaalee Gidaamii, Haawaa Galaan (Gabaa-Arbii), Muggiifi bakkoota biroo,
Wallagga Bahaa- aanaalee Hangar Guutee (Guttin) fi Haroo-Limmuu,
Horroo Guduruu Wallaggaa-aanaalee Agamsaafi Amuuruu,
Shawaa Dhihaa-aanaalee Gindabarat fi Jalduu,
Shawaa Kaabaa- aanaa Dharraa fi naannooshee keessatti milishootni naannoo Amaaraa akka seenanii jiran odeessa qabataamaa jira.

Continue reading

IBSA EJJENNOO KONYAA ABO Naayiroobi.

IBSA EJJENNOO KONYAA ABO Naayiroobi.
ABO keessatti gantoonni bakkan qaban, warra garaaf maqaa ABOtiin daldalu ni mormina.
Shira gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’een Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantootni, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamu irraa quban qabne Seera fi Naamusaa dhaaba cabsuun “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun maqaa ABO dhahachuun gad bahun beekamee jira. Gantootni dantaa fi garaaf if gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irratti itti kenname meeshaa godhachuun gargarsaa murna PP kan aangoo harka qabutiin yakka dhiifaman qabne raawwatani jiru. Continue reading

OLF statement on current terror and havoc caused by the deployment of Amhara Militia to the Oromia Regional State

OLF statement on current terror and havoc caused by the deployment of Amhara Militia to the Oromia Regional State
We have been receiving reports from credible sources that the Amhara Militias and special forces have launched an armed attack on civilians in the Amhara Regional State, Oromia Special Administrative Zone in districts such as Atayi, Afrata, Jiille and other several places. Also, today, March 21, 2021, the Amhara Regional Government has released a press statement admitting that they have deployed the Militias in different parts of the Oromia Regional State under the pretext of restoring peace and the rule of law in the Region. The question is why the Amhara Militias needed to be deployed in Oromia Regional State to restore peace and order while the Continue reading

Duulli Waraanaa Ilmaan Oromoo Wallootti Baname Eenyummaa Oromummaa Balleessuuf kan Aggaammatedha.

Duulli Waraanaa Ilmaan Oromoo Wallootti Baname Eenyummaa Oromummaa Balleessuuf kan Aggaammatedha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Akka seenaan saba Oromoo nu barsiisetti Oromoo cabsuudhaaf duulli jalqabaa kan eegale ilmaan Oromoo Walloo irratti. Duulli Oromoo cabsuudhaaf karaa kaabaa jaarraa 15ffaa keessa eegale haga walakkeessa jaarraa 19ffaatti Oromoon kaabaa gootummaa guddaafi ijaarsa cimaatiin lolatee diina isa weeraree koloneeffachuuf yaalu qolataa tureera. Ofirraa qolachuu qofas utuu hin taane, bulchiinsa jajjabaa ijaarratanii weerartoota irratti dhiibbaa gochaa turaniiru. Mootota Gondor akka barbaadanitti to’atanii nama barbaadan aangootti baasanii kan hin barbaanne buusaa turaniiru. Walakkeessa jaarraa 19’ffaa keessa garuu haalli jijjiiramee mootiin Tewoodiroos imaammata gurguddaa sadii (1, Oromoo cabsuu, 2. Habashaa tokkoomsuufi 3. Isilaamummaa balleessuu) labsate. Labsiin kun ilmaan Oromoo Walloo irratti hojiitti hiikamuu eegale. Tewoodiroos mootii moototaa jedhee erga of moggaasee Waxabajji 1855 duula waraanaa Oromoo Walloo irratti bobbaase. Duula waraanaa kanaan humni waraanaa Tewoodiroos gara laafina tokko malee ilmaan Oromoo duguuguu eegalan. Oromoota ajjeesuu bira darbanii kanneen booji’anillee harka isaanii lamaan muranii mormuma isaaniitti diranii deemsisu. Haala kanaan Oromoo Walloo cabsee gara Shawaatti darbe. Lola kanaan Oromoo Walloo haa cabsuyyu malee takkaayyu of jalatti bulchuu hin dandeenye. Tulluu Maqdallaa qabatee waraana itti fufe. Ilmaan Oromoo Walloos lola itti fufuun gootummaa dinqisiisaa argisiisaniiru. Tewoodiroos lola waggoota 13 Oromoo Walloo irratti taasise keessatti tasayyu jilbeenfachiisee of jalatti hin bulchine.
Mootonni Habashaa Tewoodiroositti aananii dhufan Oromoon gargaarsa biyyoota dhiyaatiin malee akka hin mo’amne hubatanii meeshaa ammayyaa kadhatanii duula waraanaa itti fufani. Continue reading