Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO Irraa
Amajjii 2021
Miseensota ABO
Hogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniif
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ummata Oromoo Bal’aa
Deggertoota QBO
Firoottan QBOf
Hunda dura baga bara haaraa 2021 nagaan geenye jechaa hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi hogganootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiraniin isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara haqii fi dhugaan ummata Oromoo bakka argatee ummanni keenya dararaa jalaa bahu, bara sabni keenya mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.
Barri tokko yeroo darbu, barri ittaanee dhufu abdii fi yaaddoo walcina qabatee dhufa. Yeroo kamiyyuu abdii keenya guddifachuu fi yaaddoo keenya xiqqeessuuf yeroon itti irbuu keenya haaromsannu seensa bara haaraawaa irratti ta’uun beekamaa dha. Barri dabarsine, barri 2020 waan hedduu ulfaataa ta’an bate darbuutti jira. Bara kana keessa dhukkubni hamaa addnuyaa yaaddessee ture, Koronaan yeroo itti waah alle daangesse, lubbuu namoota hedduus galaafatee amma ilele bakka hedduutti galaafataa jiruu dha. Yeroo kana keessatti ogeessota fayyaa, hojjattoota hawaasaa fi qaamota dhibeen kun akka hin babal’anneef hojiilee ciccimaa hojjachaa jiran akka dhaabaattis akka hawaasa Oromoo bala’aattis galateeffachuu barbaanna. Ummanni keenysa dhaamsota ogeessota fayyaa hordofuun akka dhibeen kun hin babal’anne godhee jira; kanaafis hedduu galateeffan. Keessattuu, miidiyaa Oromoo biyya keessaa fi alaa irraa barnootaa fi odeeffannoo babal’inaan dhibee kanaa ittiin daangessan ummataaf dabarsaa jiran jabeessinee galateeffanna.
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...