Kabaja Ayyaana Wayyaanotaa Caamsaan 20 Oromiyaa Godinoota Adda Addaa Keessatti Duradhabbannaa Uummataan Milkii Dhabe

Aside

Caamsaa 31,2013 Finfinnee

Godina Wallaggaa Naqamte ,Camsaa 20 Ilaalchiisuun Oromiyaa bakkota garaagarattii, Ummaannii mormii sirna abbaa irree Wayyaaneef qabuu bifa garaagaraan
agarsiisuun, diddaa isaa mul’ifachaa jira. Haaluma kanaan Mootummaan Wayyaanee karaa ergamtootaa isaa ayyaanaa Caamsaa 20, Oromiyaa Magaalaa Neqemteetti kabajachuuf akkuma karoorfateen kabajuuf socho’aa jirtutti mormiin bifa garaagaraan isa mudachuun beekame.
Ergamtootni Wayyaanee hoggaantotni OPDO jilli Alamaayyoo Atoomsaa, Abbaa Duulaa Gammadaa fi Asteer Maammootiin hogganamuu Ayyaanaa Caamsaa 20 kabajuuf humnotaa waraanaa Wayyaanee Agaazota of fuulduraa qabuun Magaalaa Neqemtee Seenuun Simannaa Ummataa nama tokkoo illee dhabuun Uummaanni akka farra Oromiyaa ergamaa diinaa ta’uu isaanii hubachuu hanaga Yaa Goobanaa suma nyaata leenyi bosonaa jechuun irratti sirbaa turan.

Jalbultii Ayyaana Wayyaanotaa kana sababeeffaachuun sabboontotni Qeerroon barsiisotaa fi baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Wallaaggaa barruulee warraaqsaa kan gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Uummataa Oromoo of irraa qabuu, Mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa fi magaalaa Neqemtee keessaatti maxxanfamuu fi uummataa dursanii rabsuun akka uummaanii kabaja guyyaa dhalotaa OPDO kanaafi ayyaana Wayyaanotaa kana irraatti hin argamne taasisee jira.Hala kana irraa diddaan guddaan uummata irraa isaan mudachuun Wayyaanonni salphifamanii jiru. yeroo ammaa kana Magaalaan Neqemtee humna waraana Agaazii wayyaanotaan marfamtee egaamaa jiraachuu fi Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa fi Magaalaa Neqemteetti Sakkata’insaa cimaatu gaggeeffaama jira.

Godina Iluu Abbaa Booraa bakkotaa garaagaraatti guyyaa ayyaana Wayyaanotaa Caamsaa 20 kana sabbontotni ilmaan Oromoo madhee garaagaraa jalatti ijaaramani jiran waliitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti marii gochaa olanii jiru, Ummaannii Oromoo godinichas ayyaanichaa ilaalchiisuun walgaga’ii karaa lukkeelee Wayyaanee darba ture hin fudhannuu nu hin ilaallatuu jechuun walga’ii Wayyaanotaa lagachuun guyyiichaa gaddaa guddaan dabarsuu sabboontotni Oromoo gabaasu.

Godina Jimmaa  keessatti warraaqsii FDG qeerroon gaggeeffaamaa jiruu fi tokkummaan dargaggotaa baratootaa fi barsiistota Oromoo daran
jabaachuun ilmaan Oromoo diinaa jala fiigan illee ofiitti hawwaachuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessaa galchee jira, godina jImmaatti Sodaa Sochii warraaqsaa Qeerroo ykn Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi sochii ummataa irraa ka’uun Wayyaaneen Camsaa 20 utuu hin kabajatiin olanii jiru. Kana malees baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa miseensonnii OPDO guyyaa ayyaanaa wayyaanotaa fi dhalotaa OPDO’kana ibsa qabxii shan of keessaa qabuu baafachuun guutummaatti miseensuummaa OPDO dhabuun, gara sochii warraaqsaa Qeerroo bilisummaatti makamuu beeksifachuun wayyanotaa garaa kutaanii OPDO immoo dugda kutaanii jiru. Ammas Qeerroon sochii tokkummaa uummataa Oromoo jabeessuun Ilmaan Oromoo gaaddisaa tokkoo jalatti walittii qabuun FDG egalamee jiruu jabeessuun itti fufee jira.

Godina Lixaa Shawaa keessattitti Mootummaan Wayyaanee Caamsaa 20 sababbeeffaachuun , sodaan guutamtee Aanotaa garaagaraa keessaatti poolisotaa ishee bobbaasuun eeggichaa fi sakkata’insa gaggeessuun gabafamee jira. haala kanaan caamsaa 27/2013 magaalaan Amboo humna waraanaa Wayyaaneen egaama kan turtee ta’uun gabaafamee jira, Aanota akka Calliiyaa Geedoo, Midaa Qaanyii, Ijaajjii, Bakkoo, Daannoo, Xiiquur Hinciinii, Gudar, Jalduu, Meettaa Roobii, Giincii, Gindaberat fa’itti uummatuma karaa deemuu wayyaaneen dhaabdee sakkata’aa kan turtee ta’uu odeessii nu qaqqaba jiruu ifaa godhee jira. Ummaannii Oromoos guyyaan kun nuf guyyaa gaddaati malee guyyaa gammaachuu miti, bara dargiin 1ffaa nurraa bu’ee dargiin dargii caaluu dargiin abbaan irree lammafaa biyyaa nurraa fudhatee, ilmaan keenyaa mana barumsaatti miidhuun,kan barnotaa irraa arii’ee, qe’ee irraa qabee nu hidhee, qabeenyaa keenyaa lafaa qee’ee keenyaa irraa nu buqqisee faranjotaatti gurguruun jiruu fi jireenya gadadoo keessaatti nu kuffisee, ilmaan Oromoo kan biyyaa irraa arii’atee,fi bara afaan qawweetiin bitamnee ta’uu seenaan hin dagatuu, jechuun guyyaa kanaa uummaannii hala walfakkatuun gaddaa fi Arii fi jibbinsaa wayyaanee irraa qabuu mul’ifachuuf walga’ii wayyaanotaa gutummaatti lagaachuun mormii Wayyaaneef qaban mul’ifatanii jiraachuu gabaasaan keenyaa bakkotaa garaagaraa nu qaqqaban ibsanii jiru.

Godina Harargee, Haromaayaa keessatti guyyaa Caamsaa 20, diddaa gaaffii mirga lafaa fi eenyummaa ummanni kaaseen wal qabatee ayyaanni Wayyaanotaa akka barbaadanitti kabajamuu hanqachuun milishoota gandaa fi dabballoota OPDO kan garaa gube ta’uu gabaasaan qeerroo naannichaa irraa nu gahe addeessa.

Gabaasaa godinoota gara garaa kaanii akka nu dhaqabeen dabarsina.

 

Ayyaana Wayyaanee Gimbot 20 fashale irratti miseensotni OPDO Qeerroo Bilisummaa cinaa hiriiruun gaaffii mirgaa kaasuun ibsa baasan

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Caamsaa 31,2013

Diddaan barattoota Oromoo miseensota DH.D.U.O tahan Yuunivarsiitiilee keessatti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti miseensotni DH.D.U.O ibsa gamtaa baasuun dhaabni kun dhaaba garbummaa jala jiru tahuu ibsuun gaaffiilee jajjaboo fi qabxii gurguddaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa qaban ibsanii jiran.Ibsawwan isaanii keessatti hireen murteeffannaa uummata oromoo kan hin kabajamne tahuu ibsuun gaaffiilee

1. Oromiyaa keessatti mirgi horee murteeffannaa,mirgi namummaa fi Dimokiraasii,Qabeenyi uumamaa fi namtolchee maaliif hin kabajamu?

2. Oromummaan maaliif akka yakkaatti ykn ammo gaaffiin mirgaa oromummaa waliin wal qabatu maaliif yakka tahee lakkaawwamaa?

3. DH.D.U.O barcuma biyyattii keessaa 178 qabatee osoo jiruun aangoon haqa irratti hundaae maaliif akka federaalaatti hiramuu dhabee ilmaan habashaa hundumaa hoogganuu?

4. Barattootni mana barnootaa fi bakkeewwan hojii irraa sababa tokko malee maaliif ABO jedhamanii hidhamuu? Ariiamuu?

Kanneen jedhan gaafatanii jiran.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage tika Yuunivarsiitiilee keessatti hedduummeessuun keessi keenya burkutaaweera isin maal hojjettu jechuun walii isaanii lolaa jiran.Diddaa wal fakkaataan miseensota OPDO yuunivarsiitii Dirree Dawaan eegalee jira.Dhiibbaan mootummaa wayyaanee kamuu jabaatu Qeerroo cinaa dhaabbachuu miseensotni OPDO ibsatanii jiran.

Djibouti: Detention of Refugees and Fear of Deportation

Aside

HRLHA Urgent Action

May 30, 2013

HRLHAThe Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA)would like to express its deep concern regarding the current situation of nine Ethiopian refugees arrested and detained in the neighboring country of Djibouti.

According to HRLHA correspondent in Djibouti, the nine Ethiopian refugees (listed below) were arrested on the 22nd of May, 2013 in front of the UNHCR Office, Djibouti branch, where they had been for the renewal of their refugee identification cards. Until the time of the issuance of this URGENT ACTION, families and friends of those refugees have not been able to see and/or communicate with them since they were arrested and detained.

S. No NAME UNHCR ID No.
1. Izadin Madad Mahamed 479 09C00243
2. Abdallah Adil Mohamed 719/3
3 Ayelech Gelaw Abebew (Female) 479 13C00019
4 Ahmed Hassen Abdi 479 12C00395
5 Tadelech Adnew Abayneh 479 12C00412
6 Galil Ahmed Zaimed 479 11C00263
7 Truneh Tesema Sisay 479 12C00072
8 Abdi Yasin Abden
9 Mohamed Amin Hassen

Among the nine refugees, Mr. Abdallah Adil Mohamed is said to have been waiting for his appointment date, which is the 30th of May, 2013, with the Canadian Consulate in Djibouti for an immigration interview. The HRLHA has also learnt through its correspondent that the detained refugees have gone on hunger strike as of May 27, 2013, presumably as a result of extreme frustration. Based on related past experiences and the involvement of Ethiopian security agents in the arrest and detention of those refugees, there is a high level of fear that the government of Djibouti might deport the detained refugees back to Ethiopia.

Read More:- HRLHA – Written statement of 23rd Session UN HRC.pdf
HRLHA UA Djibuti.pdf

Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Miseensotaa OPDO turan Gutummaatti Dhaabicha Dhiisuun Ibsa Baafatan

Aside

Nuti Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Asiin dura Miiseensa DH.D.U.O turree Miseensummaa DH.D.U.O Dhaabuu(Lakkisuu) keenya Beeksifachuu kan Ilaaluudha.

 

Caamsaa 20/09/2005 / 27/2013

Akkumaa beekamuu Nuti baratootni Oromoo Yuunibaristii Jimmaa Miseensotaa fi Deegartootaa Dhaabbaata Dimookiraatawaa U/Oromoo (DH.D.U.O) turree, sababootaa armaan gadii irraa kauun Guyyaa haraa irraa egallee miseensummaa DH.D.U.O guutummaatti dhaabuu keenya ni beeksifna,.

1. Mootummaan naannoo Oromiyaa Maqaaf malee Mirgaa Ummataa Oromoo gamaa Siyaasaan, dinagdeen, qabinsaa mirgaa dhala namummaan, egumsaa naannoon, bulchiinsaa gaariin, mirgaa dimookiraasiin kabachiisaa waan hin jirreef miseensummaa dhaabaa dhaabuuf murteeffaannee.

2. Nuti jijjiraama barbaadna gama Siyaasaa Oromootiin jijjiiramnii karaa dhaabaa keenyaa Dh.D.U.O dhufaa kan hin jirree tauu waan hubanneef, keessaattuu ergaa Uummaannii Oromoo dhibeentaa (45%) miseensaa dhaabaa kanaa taee boodaa Oromummaan akka yakkaatti lakkaamee ilmaan Oromoo nagaan sabboonummaa qaban yakkamtootaa jechuun mana hidhaattii guuraman, dhaabbilee barnotaa ol aanoo keessaattii naf xanyaan kaleessaa nu bitaa turtee jechaa dulloomaa abootii ishee irraa dhaalteen uummatni keenyaa arraabsaa jirti. Ergaa OPDOn mirga sabummaa keenyaa hin kabachiisuu taee Oromummaa akka Yakkaattii lakkaawee ilmaan Oromoo mana hidhaattii guursisaa taee miseensummaa fi buusiin miseensummaa dhaabaa kanaaf buusnu buaan isaa maalii? Mootummaan eenyuu nuti enyuu?

3. Akka Uummataa Oromoottii qoodama angoo Feederaalaa keessaa teessoo ol aanaa gara teessoo 178 ol paarlaamaa biyyaattii keessaa qabatee kan jiruu OPDO taee utuu jiruu qoodamnii aangoo biyyaatti keessaatti nuf kennaamee jiruu kan wali hin madaallee fi tasuma iyyuu sirna Federaaliziimii waliin kan wal faalleessuu taee jira, Oromoon angoo dhabee moggeeffaamee jira, mee xinxaltootni Siyaasaa hubadhaa ilaalaa teessoo hanga kanaa baannee utuu jiruu yoo dhugaa dubbaannee aangoo Muummicha Ministeeraa Oromootu qabachuu qaba, warrii kaan teessoo paarlaamaa 38 , 125, 45 fi kkf qabatanii muummichaa ministeeraa, itti aanaa mummichaa ministeraa, fi ministerotaa garaagaraa dabaree wal muudaa jiruu, egaa Oromoon paarlaamaa biyyaattii ijaaree utuu jiruu maaliif aangoo waakkatamee? Ministeerotaa meeqatu Oromoodhaa? Miseensaa Jirmiyaa siyaasaa tokkoo tauun maaliif? Kanneen kun miseensummaa dhaabaa OPDO akka dhaabnu nu dirqanii jiru.

4. Mirgoonnii Dimookiraasii fi namummaa kabajamaa hin jirani, mirgii barataan tokkoo akka nama dhuunfaa fi gareen qabuu sarbamaa jira, garuu seerrii fi heerrii dhaabaa keenyaa waan kanaa hin eyyaamuu, Fkn namoonnii maqaadhaf Poolisotaa nuti nagaa egsiistootaa fi nuti dabbaallee Dh.D.U.O tii ofiin jedhaan guyyaa guyyaatti mirgaa baratotaa addaattii immoo mirgaa baratootaa Oromoo sarbaa oluu, yoo karaa itti fedhii dhuunfaa isaanii guutatan barbaadan baratootaa Oromoo sabboonummaa fi Oromummaa qabaniin isiin ABO dha, jechuun ID irraa fuudhuun qoratu, nyaataa illee akka ittin hin nyaannee fi dallaa yuunibarsiitii keessaa gadi bahaanii akka ol hin seenneef torbee lama hanga baatii tokkoo ID itti hin kennamu, dhimmaa dhuunfaa isaanii illee rakkoo siyaasaa gochuun siyaasaa dahoo godhatanii ilmaan Oromoo barnootaa irraa ariiachuun shiraa dalaguu, yoo barbadaan barreeffaamotaa barbaadan ofiin barreessuun maxxaansanii baratootaa gidduuttii goolii kaasuun kanaa sababeeffaachuun immoo jeeqummsatu kaee jechuu human nu dabaalaa, baajataa ittin tasgabbeessinuu nuf baasaa, jechuun mootummaa gaafatu. Ilmaan Oromoo nagaa ittin barnootaa irraa ariiuun akka hojii ciminaattii qabxii qabsiifachuun sadarkaa guddinaa ittiin mootummaa gaafatu. Haallii kun qabatamaan dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa keessaattii raawwaachaa jiraa, kanaaf fakkeenyii gariin itti gafaatamaa Poolisii dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa Kaliid A/Tamaam fi dabbalota Dh.D.U.O kan ofiin jedhan Baratota akka Badhaasaa Firaajaa, Dabalee Charuu, Caalii Rattaa,fi Haptamuu Rattaa fi kkf akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandaama,namonnii kun dhugumaa Mootummaa fayyaduu isaniitii moo, fedhii dhuunfaa guutachaa jiruu? Qajeelfama seeraa mootummaa isaa kamtuu gochaa abbaa irruummaa kana deeggaraa? Yeroo garaa garaatti iyyataa dhiyeeffaannee deebii gahaa dhabuu irraa darbee rakkoo ilaalchaa qabduu jechuun waan qoratamaa jirruuf guutummaatti miseensa dhaabuu murteeffaanne.

5. Asiin fuulduraa ilaalchaa Siyaasaa fi gochaa keenyaan Ummataa Oromoo cunqurfamaa kanaa fi sabboontotaa goototaa Oromoo dhugaa Oromummaa isaanii fi Mirgaa Ummataa keenyaa kabachiisuuf qabsoo bilisummaa, nagaa fi dimookiraasii gaggeessuun arsaa kanfalaa jiran yoo deemsaa keenyaan isiin gadisiifneeraa taee dhiifamaa guddaa gaffanna.

Akkaa mootummaatti Yakkamtootnii fi Shakkamtootni sanuu angoo irraa bobbaafamani siyaasaa dahoo godhachuun Dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa keessaatti yakkaa garaa garaa baratootaa Oromoo irraatti rawwaachaa jiraan seeraatti akka dhiyaataan ammas cimsinee gaafanna,yoo tarkaanfii madaalawaan yeroo dhiyootti hin fudhatamin tarkaanfii mataa keenyaa kan fudhannuu ta’uu ni akeekna.

GARAGALCHA

Presidentii Mootummaa Nannoo Oromiyaatiif

-Waajjiraa DH.D.U.O Gidduugaleessaaf

-Biroo Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaaf

-Wajjiraa DH.D.U.O Godina Jimmaatiif

-Biiroo haqaa fi nageenyaa Godinaa Jimmaaf,

Guutummaan ibsa kanaa :- Nuti.docx

Oduu Ammee

Aside

Gabaasa Qeerroo, Caamsaa 28,2013 Jimmaa

Baratootni Oromoo Yuunivarsitii Jimmaa Miseensota OPDO turan guutummaatti miseensummaa OPDO dhaabuun qabsoo warraqsaa diddaa garbummaa Qeerroon gaggeessuutti makamuun sirna bulchiinsaa Wayyaanee balaaleffatan. qabxii miseensummaa OPDO akka dhaaban isaan taasisee qaxii shan(5) sababbeeffaachuun OPDO keessaa bahan, ibsa miseensummaa OPDO dhaabuu isaanii barreeffaamaan qopheessuun uummataafi baratootaa Oromoof ifaa gochuuf Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, mooraa Qonnaa, Mooraa Saayinsii fiTeekinolojii fi Business and Economics fi magaalaa Jimmaa bakkotaa garaagaraatti maxxaansuu fi Garagalcha -Presidentii Mootummaa Nannoo Oromiyaatiif,-Waajjiraa DH.D.U.O Gidduugaleessaaf, -Biroo Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaaf -Wajjiraa DH.D.U.O Godina Jimmaatiif -Biiroo haqaa fi nageenyaa Godinaa Jimmaaf, jechuun barrssuun ibsatan.