Godina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti Daldaltootatti Gibira Humnaa Ol Dabaluun Ergamtooti Wayyaanee Ummata Miidhaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 29,2017

naqamteGodina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti mootummaan Wayyaanee OPDOn karaa waajjira galiiwwanii aanota kanniinitiin daldaltootatti gibira humnaa olii fe’een kaffalsiisuuf murteeffachuun dhagayameera,kanumarraa ka’uun daldaltoonnis gibirri kuni humna keennaa Ol waan ta’eef akka nuuf sirreessitan jechuun gaaffii kan dhiyeessan yoo ta’uu gaaffii gaafatan kanaaf deebin kennameef mana hidhaatti guuramuu akka ta’e dhagayamaa jira. Continue reading

Maqaa daballii miindaa barsiisotaan wal qabatee barsiisonni godinaalee Oromiyaa keessaa hojii dhaabaa akka jiran ibsame.

Aside

Gurraandhala 29,2017
DIDDAA 2Mootummaan abbaa irree wayyaanee baatii darbe keessa barsiisota godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa walitti qabuudhaan maqaa dabballii miindaa peersentii dhibbaa keessaa 95% ol- isiniif guddifna jechuun waadaa jabaa barsiisota kanneeniif galuudhaan walga,iin wayyaanee xumuramuun barsiisonni gara hojjii hojjii isaaniitti akka deebifaman godhamee turuun ni yaadatama.
Haa ta,uutii dhiimmi daballii miindaa wayyaaneen barsiisota godinaalee oromiyaa hunda keessaa barsiisaa turaniif ammas kanneen barsiisaa jiraniif dhimmi waadaa daballii wayyaanee soba ta,uu barsiisonni tokko tokko dubbachaa jiran.
Waadaan Wayyaaneen yeroo darbe barsiisotaaf seentes guutummaan guutuutti waadaa sobaa fi kijibaa ta,uurraan wal qabatee yeroo ammaa maanneen barnootaa golee oromiyaa hunda keessatti barsiisonni heedduminaan hojii dhaabanii akka jirantu gabaafamaa jira.

Continue reading

ETHIOPIA:  The Ethiopian Government is Plotting a War Among  the Nations and Nationalities in Ethiopia

Aside

HRLHA Press Release


HRLHAFebruary 26, 2017

The  Ethiopian Somali Liyu Police led by the Ethiopian Federal government’s killing squad have been engaged in a cruel war for the past six months against the Oromo nation in fifteen districts of Oromia.   The Oromia districts that have been invaded by the two aforementioned forces are in east and east- west Hararge Zone, Eastern Oromia,  Guji,  Borana and  Bale, South Oromia zones, Southern Oromia of Oromia Regional State. Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessatti Qabeenya Abootiin Qabeenyaa Wayyaanee Saaman Irratti Ummanni Tarkaanfii Fudhate.

Aside

Guraandhala 26/2017 Ummanni Oromoo magaalaa Mandii keessa jiran diddaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneef qaban irraan kan ka’an qabeenyaa sirna cunqursaa abbaa irree Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatan. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa Keessatti Gootonni Dargaggoonni Oromoo Kaabinoota Wayyaanee Salphisan.

Aside

4-must-go1Gurraandhala 27,2017 Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa keessatti guyyaa  sanbata kaleessaa ergamtoonni OPDO Daragaggoota walitti qabanii hojii isinii uumna jedhanii wallitti qabuun mariisuun fi Dargaggoonnis ergamtoota kanneen gaafilee ciccimoon gaafachuun ufirraa deebisuun dhagayameera,akka Odeessi magaalattii keessaa nu gahe addeessutti dargaggoonni gootonni Qeerroon Oromoo akkas jechuun gaafilee isaan rifaasisu gaafatanii jiru. Continue reading

Godina Wallaggaa Aanaa Warrajjirruu/Lataa Sibuu Keessatti Dargaggoonni Loltoota Mootummaan Qabamaa Jiraatani Ummanni FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Gurraandhala 27,2017
Because I am OromoGodina Wallaggaa Aanaa Warrajjirruu/Lataa Sibuu keessaa yeroo ammaa mootummaan gita bittuu abbaa irree Wayyaanee maqaa labsii yeroo muddamaa komaandi poostii da’oo godhachuudhaan ilmaan Oromoo qaroo biyyattii ta,an gidduu kana mana hiraarsaatti guuraa jiraachuun gabaafame.
Haaluma kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee torban kana keessa godina Wallaggaa  aanaa Lataa Sibuu keessatti diddaan uummataa daran jabaachuurraan daandiin magaalaa Asoosaa irraa gara magaalaa Finffinneetti geessu  bakka addaa Gujjur jedhamuu fi magaalaa lataa sibuu keessaa bakka garaa garaatti cufamuudhaan diddaan uummataa daran jabaachuun finiinaa akka jiru maddeen achirraa gabaasan.

Continue reading

Allaattiin Fira Fakkaattee Sinbira Nyaatti

Aside

Damee boruu irraa

SinbiraRisaan yaroo samii gubaa irraa akka rasaasaa bubbisaa dhufu kan lafa jiru kaan mukatti kan boolatti namuudhaan lubbuu baafata. Risaan kan qabate gad dhisee hin beeku. kanaafuu fagooti akka sodaatamu tahe. Corofeen garuu sinbra fakkaatee sinbira keessa oolti.  Utuu sinbiroon tokko quba hin qabaatiin of bukkee dhaa buttee bocoqsuu itti kaati. Diina ofii yoo beekan fagootti of irraa eegu.  Amma danda’an of irraa facisanii yoo namaaf game jalaa baqatu malee tasa daaraa hin taan. Qaroo Oromoo hunda tasa daaraa godhee kan raawwate diina alaa utuu hin taane diina keessaa ti. Dhiiga lalistuu qarree fi qeerroo Oromoo kan dhangalaasaa ture fi jiru diina nu keessa jiru. Nuyi garuu diina isa alaa qufatti quba qabu feena.

Diinni  uummata Oromoo amma nutti of beeknu caala jabbinaa fi laafina keenya gadi fageesse  beeka. Ummatni Oromoo humna tokkoon yoo ka’e diinni isa dura dhaabatuu danda’u akka hin jirre beekamaa dha.  Saba Oromoo  cabsuufis tahe erga cabee bituuf diinni kan dhimmi itti bahe  Oromoota  afshaala, qaraa fi jabaa tahan qabachuudhaan akka saba isaani irratti bobani gochuun tooftaa isa duraa  ti. Bara Minilkii kaase amma bara Dargiitti namoota Oromoo  jajjaboo tahan  dhuunfaan akka uummata Oromoo caccabsanii diinaaf bitamu gochisiisuu dha. Continue reading