Gubachuu alaabaa fashist Waayyaanneen wal qabatee magaalaan QASSOO har’a dirre waraanaatti of jijjiirte

Aside

Ammajji 15,2016
Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo keessatti dheengadda marsaa 3ffaaf kan eegale FXG hanga har’atti ummanni jabinaan injifatnnoo  galmeessaa kan jiru yoo ta’u,har’a amajji 15,2016 humna waraana uummata magaalattif baadiyyaa keessa tamsaasun kannen alaaba guban baasaa jechuun ummata dararaa kan jiru yoo ta’u hidhattoota baadiyyaas magaalaas meeshaa (qawwee) harkaa fuchuuf dhaadata kan itti bobba’e yoo ta’u gad ba’uuf ol galuun nutti ulfaate jechuun oduun achi as qari’e ifomsa.gabaasa guutuf walitti deebina

FXG Wallagga Naqamte Keessatti Itti Fufe

Aside

Amajjji 15,2016
Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Gootota Qeerroo Barattoota Oromootiin itti fufe kaleessa gara cabsoo kan eegalan dhaadannoo osoo hin baratin qorumsa fudhachuu hin dandeenyu jedhuu kan eegalan
qeerroon barattootaa Qophaa’ina Naqamtee har’as itti fufuuf akka eegalaniin humna waraanaa hidhannoo guuttatee jiruun kan bittinfaman ta’us akka itti fufan wal hubachiisaniiru

Aside

Amajji 15,2016
Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Nuunnuu keessatti BBB haalaan hojirra oolunsaa nii yaadatama.
ji’a kana keessas barattoota magaalichaaf naannooshee yeroo hogantonni mana barumsaaf hoggantoonni aanaa “kottaaa qorumsa fudhadhaa”
jedhanitti “waan baranne waan hin qabneef qoramuu hin dandeenyuu” jechuun hokkora cimaa dhaqabsiisaa jiru

Magaalaa Naqamtee keessatti Barattoonni Qophaa’inni Naqamtee FXG Aakkuma Itti Fufanitti Jiru “Humni waraanaa dhaqaa gala nugaggeessu duuba nu hin deebisu.hanga bilisummaa gonfannutti qabsoo keenya itti fufna”jechuun sagaleen ala har’a galgala galmasaanitti sa’a 5:40tti magaalaa Naqamtee keessa hiriira tokkoon osoo walirraa hin citin sodaa tokko malee daandi konkolaata qabatanii FXG bifa haaraa ta’een osoo namas ta’ee kmkolaata wal gidduu hin baasin tokkummaan gaggeessaa turan. Humni waraanaa konkolaataan dubbatta waan jedhan fakkaatv yeroo hidhata guutuun bukkee deemaa turan.

Wallagga Horroo Guduruu Keessatti Abbootiin Seeraa Akka Baratooti Mana Kiraayeffatee Hin Teenye Murtii Dabarsan.

Aside

(Amajji 15,2016)
Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keeysatti hogantoota Aanaatin murtiin barattoota FXG kaasuu danda’uu jedhamanitti mana akka hin
kireessinee murtiin kenname.

Bule ka’ee mala itti FXG Fashalsu barbaaduuf(soquuf) kan hin ciifne jala deemtonni TPLF Horro guduru Wallaggaa Nannoo Amuru jedhamtu
keessatti abbooti mana magaala qaban hundinu akka mana barattoota qaroo qabanitti akka hin kireessine guyyoota darban muraasa keessa
murtii jabaa kennan.

Aside

JimmaAmajjii 15,2016 Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG) Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Daran Jabaachuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee waraanaa of harka qabu waraana guddaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa qubsiisuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe.
Tarkaanfiin hammeenyaa Mootummaa Faashiistii kanaan nurratti fudhatamaa jiruu sochii mirga keenyaafi biyya keenyaaf falmachaa jirruutti dachaan kan nu jabeessuudha jedhu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma.

Oduu Gaddaa TVOMT

Aside

Dargaggoo Gaazeexessaa TVMT ta’e Bultum Omar magaalaa Torontoo itti dhalatee guddatee sabboonummaa Oromummaan haala dinqisiisaan kan beekamu yeroo ta’u Dargaggoo Bultum Omar jalqaba sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 seeraan caaseffamee FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuuf yeroo murteeffatetti TVOMT irratti sochiilee Qeerroo gabaasuu fi dargaggoota Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jiran haalaan onnachiisaa ture.

Dargaggoon Bultuma “Lubbuu Isaaf Waaqayyo Jannata Haa Banu Jenna” Maatii isaafis Jajjabina Waaqayyo Jajjabina Haa Kennuuf.

Humni waraana Wayyaanee godinoota Oromiyaa keessatti tarkaanfii bineensummaa isaa akka itti fufetti jira.

Aside

Amajjii 15,2016 Sibuu Siree

Guyyaa kaleessaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree magaalaa cingii keessatti hiriira barattoota irratti lubbuun nama tokkoo kan darbee yeroo ta’u, godinuma kana Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxee keessatti mana nama dhuunfaa Galataa Diinagdee jedhamu cabsanii seenuun

Haadha manaa nama kana garmalee reebuun du’af jireenya gidduutti argamti Ilmi Obbo Galataa   Misgaanuu Galataas Humnoota tikaatiin ukkamfamee jira Yeroo amma kana tarkaanfii ambulaansii humna waraanaa deddeebiftu fi qabeenyaa TPLF irratti fudhatameen dargaggoonni. Aanichaa mana hidhaatti guuramaa jiru
Caalaa Bantii
Misgaanuu Galataa
Galataa Dinagdee
Fi kanneen maqaan nun qaqqabin heedduun harka diinaa keessa jiru Kanaan dura barnooti hidhaman guyyaa mana murtiitti dhiyaatan uummati aanichaa wajjin ba’uun nama ragaa sobaa irratti ba’u ilaalla jechuun barattoota hedduuf da’oo ta’anii kan jiran yeroo ta’u, uummati Oromoo bakka marattuu dawoo waliif ta’uu akka qabu dhaammatna.