Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Ashmiira jedhamtu keessaa waraanni TPLF maqaa komaand poostiin dargaggoota bifa haarawaan qabaa jiraachuu Qeeroon gabaase.

Aside

Bitootessa 31,2015/ Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Ashmiira jedhamtu keessaa dargaggoota bifa haarawaan adamsanii hidhatti guuraa jiru, Guyyaa har’aa jimaata dargaggoota Oromoo humni kumaandi poostitiin daandirraa qabamuun konkolaataa piikaappii poolisii Oromiyaatiin fe’anii kan deemaniin yoo ta’uu yeroo ammaa bakki isaan itti hidhamanii fi sababni qabamaniifis hin beekkamne dargaggoonni hidhamanis maqaan isaanii kan armaan gadii kana, Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

Guyyaa har’aa Bitootessa 30,2017 G/W/Liixaa magaalaa Naajjoottii Qeerroon magaalaa Naajjoo Bifa qinda’aa ta’een Warqaa wammichaa qabsoofi
akeekachisaa sirna Wayyaanee akeekachiisu of irraa  qabu  guutuummaa magaalaa Naajjoo maneen namaaf waajjirallee keessaa facaassanii ollanii jiru. Halaa warqaa faca’eerraattii Wayyanneen nasuu guddaa keessa seente humnaa polisii Feederraallaa dabalaata magaalaa naajjoottii bobasanii jiru..
Magaalaan Naajjoos yeroo ammaa kana humnaa warrannaa guutamtee jirttii.  Continue reading

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessaatti Warraaqsi Biyyooleessa Oromiyaa FXG Gootota Dargaggootaa Barattoota Oromoon Itti Fufee Oole.

Aside

Image may contain: 13 people, people sittingBitootessaa 30/2017 AMBOO Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessaatti  Warraaqsi Biyyooleessa Oromiyaa FXG  Gootota Qeerroo Dargaggootaa Barattoota Oromoon durfamu itti fufe.
 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Qophaa’inaa Amboo fi Mana Barumsaa FiiwucheeriJeneerashinii Amboo Guyyaa har’aa  Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa FXG dhoosuun dhaadannoo armaan gadii dhageesisaan, Konkolaataa lukkeelee Wayyaanee hedduus dhagaan barbadeessaan.
     Dhaadannoolee Qeerroon Barattootni Amboo dhageesisan :
1. Gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa kan hundeen bilisummaa fi walabummaa nuuf haa kabajamuu.
2. Dhaabni jalee Wayyaanee OPDOn warraaqsaa FXG kuftee waan jirtuuf nutti deebi’uuf tattaffiin OPDOn gootu hin milkaa’uu, dhaabni yakkamtuun kan uummata Oromoo lafarra ficisiifte OPDOn nu hin bulchitu, dhumaatii ilmaan Oromoof itti nuuf haa gaafataman.
3. Hidhamtootni ilmaan Oromoo hundii haalduree tokko malee haa hiikaman.

Continue reading

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Diddaa Uummataa Jabaachuu Irraan Humnooti Komaand Poostii TPLF Ummata Dararaa Jiru.

Aside

Bitootessaa 29/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Diddaa Uummataa fi Qeerroo Dargaggoota Oromoo irraa Sodaaguddaan kan itti bulee mootummaan Wayyaanee maqaa duulaa sakkatta’insaa humna addaa ABO jedhuun uummata hiraarsa jira.
   Haaluma Kanaan  Aanaa Jaardagaa  Jaartee bakka addaa Shullukkee jedhamu keessatti Torbee darbe irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Waraanaa Komaandii Poostii fi humnoota basaasa isaa uummatatti bobbaasuun  humna Addaa  ABOtu isin waliin jira jechuun sakkatta’insaa humnaa olii uummatarratti gaggeessa kan jiranii fi Uummats hiraarsaa jiraachuun ibsame jira.

Continue reading