Duguuggaa sanyii fi weerara lafaa Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun mirga uumamaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ajjeechaa Jumlaa ummata Oromoorratti Raawwatamaa Jiru Kan Dhaabsisu Qabsoo Qofa
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 10, 2022
Murni aangoo irra jiru kan maqaa ‘Biltsiginnaatiin Paartii’ of yaamu waraana Oromiyaatti bobbaasee guyyuu gocha suukanneessaa ilmaan Oromoorratti raawwataa oola. Oromiyaa keessatti guyyaan Oromoon waraana PP tiin hin ajjeefamiin oole waggoota afran dabran keessatti guyyaan tokkollee hin turre. Manaa fi qabeenya ummataa gubuunis aadaa waraana maafiyaa biltsiginnaa taheera. Guyyaa irraa gara guyyaatti gochi garajabeenya PP kun dabalaa deemuun, baatii Ramadaan yeroo ummanni Soomanatti jiru humni faannoo fi Poolisoonni Amaaraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin tahuun ummata Oromoo Wallootti duuluun namoota nagayaa 30 ol ajjeesaniiru. Ummanni Walloo baatilee jahan (6)!dabran keessa namoonni 300 ol ajjeefamuun manneen isaanii kan kumaan lakkaawamu gubateera. Weellisaa Sa’aad Awwal dabalatee namoonni kuma hedduu tahan mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiru.
Ebla 21 irraa eegalee guyyoota afuriif haleellaa humna qilleensaa murni abbaa irree bilxiginnaa Shaggar Lixaa aanaa Abunaa Gindabarat ganda Doggomaa fi gandoota ollaa keessatti raawwateen ummanni meesha maleeyyii 30 ol ajjeefamuu, manneen dhibbaa ol qabeenya keessa jiran waliin gubateera. Ummanni gandichaas guutummaatti qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee gara gandootaa fi magaalota dhiyootti, gariin lagatti baqateera.
Ebla 28, 2022 Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caancoo Birrattee fi Tuulii Dasee keessatti waraanni Abiy Ahmadiin hoogganamu namoota nagayaa 46 ajjeesuun manneen ummataa fi qabeenya isaanii hedduu gubeera. Waraanni shiftaa PP kun Caamsaa 6, 2022 godinuma kana aanaa Gindabarat magaalaa Kaachis ganda 02 keessatti abbaa daa’imman lamaa kan tahe barsiisaa Kiisii Baayisaa fi haadha warraa isaa ulfa baatii 7 kan taate Barsiiftu Gannat Birrii bakka tokkotti ajjeesuun daa’imman isaanii lameen abbaa fi haadha malee hambiseera.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessattis Ebla 27, 2022 dargaggeessa ga’eessa Bulgaa Boruu bakka inni loon tiksutti ajjeesuun reeffi isaa akka hin kaafamne dhorkuudhaan halkan sadiif akka laga keessa turu gochuun gocha suukanneessaa ummata keenyarratti raawwateera. Ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuutiin booda namoonni nagayaa kurnan hedduutiin lakkaawaman sababa Oromummaa isaaniif qofa aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti waraana Abiy Ahmad bobbaaseen ajjeefamaniiru.
Waraanni maafiyaa PP kun godina Kaaba Shaggar (Salaalee) aanaa Warra Jaarsoo keessaa ganda Jamjam Maalee fi Awwaaree Goljee keessaa namoota 18 qabanii kanneen:
1. Kaasaa Taammiruu
2. Mallasaa Simee
3. Tasfuu Tulluu
4. Tashoomaa Abbii
5. Dammuu Kaasaa
6. Kaasaa Dobocee
7. Abbush Lammaa
8. Maammushee Habtaamuu
9. Mindaa
10. Bojaa Asaffaa
11. Tolii Habtaamuu
12. Damuu Taayyee
13. Ashuu Bojaa
14. Fiqaaduu Dachaasaa
15. Shallamaa Katamaa
16. Taarikuu Katamaa
17. Addisuu Simee fi
18. Boggaalaa Continue reading
Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)
Qabsaawonni, sabboontonni fi ummanni Oromoo bal’aan baga Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2022 tiin isin gahe! Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessaa fi waggaa waggaan gaafa Ebla 15 kan yaadatamee oolu dha.Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannudha.
Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.
Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis 10 ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamutti Shiftoota Ziyaad Baarree tiin qabaman. Continue reading
SEENAA GABAABAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO (EBLA 15)
QOPHEESSAAN: Qeerroo Bilisummaa Oromoo
FINFINNEE, OROMIYAA
Seenaa Guyyaa Gootota Oromoo (Ebla 15)
ABOn bara 1973 Hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale. ABOn ijaaramuu irraa eegalee hojii gurguddaa hojjechaa ture; bara ABOn ijaarame Oromoon ani Oromoodha ofiin jedhu muraasa, ABOnis ijaaramuu irraa eegaluun eenyummaa Oromummaa barsiisaa ture. Haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasa ,Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa ture. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti ABO’n haala akkaan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee waraanni Ziyaad Barree ariamee bahedha. Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene. Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef Quunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo illee addaan citee waraanichi ni facaa yaaddoon jedhu guddaa ture. Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akka yaadda’ame sana hin taane duula Dargii of irraa qolachuun injifannoo argatee Amajjii 1, 1980 walitti dhufuun ayyaana guddaa ayyaaneffate sanarraa ka’uunis Amajjii 1 bara baraan guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoofi seensa Bara haaraa jedhamee akka kabajamu ABOn murteesse hanga har’aattis dhalootaa Continue reading