Aside

Sagalee haqaa ukkumsuu fi qabsoo ummataa daandii irraa maqsuuf daba dalagamu ni balaaleffanna
Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisuudhaan ibsa ABO Waxabajjii 30/2020

Ajjeechaa rifaasisaa fi gaddisiisaakaleessa Waxabajjii 29 2020 galgala Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatamee sagalee ulfaataadhaan balaaleffanna.Ajjeechaa kanaanis gadda ulfaataa nuti dhaga’ame ibsanna.Ajjeechaan gaddisiisaa kun sagalee haqaa qabsoo ummataa ukkaamsuu fi kallattii qabsoo jallisuuf shira dalagme ta’uu danda’a jenneettis shakkina. Mootummaan waa’ee ajjeechaa kanaairratti qormaata ga’aa ifaa fi amansiisaa( transparent and informative ) ta’ee atattamaan geggessee ummataaf ifa akka taasisuus jabeessinee gaafanna.


Artist Haacaaluu Hundeessaa sochii qabsoo dargaggoota Oromoo( Qeerroo)keessatti kanneen urjii ta’anii fiqooda olaanaa kennaa turan keessaa tokko ta’uun isaa dhugaa biyyi guutuun raga ba’uu danda’udha. Haacaaluun,artistii qofa osoo hin taanee dargaggoota qaroogama hundaanuuegeree saba keenyaaf abdii ta’an keessaa nama tokko ture .Yeroo kanatti Artist Haacaaluu Hundeessaa haala gaddisiisaa fi garaa nama gubu kanaan ija keenya duraa dhabuun onnee ummata keenyaa hangam akka madeessuu fi qalbii cabsuu hubachuun hin ulfaatu.

Gochaan hammeenyaan guutame kun lubbuu Artist Hacaaluu Hundeessaa qofa irratti kan aggaamame qofaa osoo hin taane ummata walitti buusuudhaan adeemsa qabsoo haqaa ummatoonni mirga isaanii kabachiisuudhaaf geggessaan kallattii dhabsiisuuf itti yaadamee kan raawwatame jennee amanna.kana waan ta’eefis ummanni gochaa kanaan miira aarii keessa seenee akka walitti hin buunee eeggannoon akka godhamu hundumaaf waamicha keenya dabarsina.
Wareegama lubbuu Artist Haacaaluu Hundeessaa itti dhabne kana qaamuma wareegama qabsoo bilisummaaf baasaa yoona geenye kan waliigalaa keessatti ilaallee dhaadannoo keenya dhaabbataa gumaan wareegamtoota keenyaa bilisummaadha jedhu sana hojiitti hiikuudhaan gumaa Haacaaluu fi kan gootota keenya hundaa bilisummaa saba cunqurfamaa mirkaneessuun baasuudhaaf murannoondhaan haa sochoonu,fageessinee haa ilaallu,guddifneettis haa itti yaadnu jenna.
ABO dhimmi kun atattamaan qoratamee kanneen gocha kana keessaa harka qaban hundi seeratti akka dhiyaatan cimsee gaafata. Yeroo hamtuukana keessatti jiraatonni magaalaa Finfinnee fi diploomaatonni sodaadhaan akka hin wararamnee fi nageenyi waliigalaa akka balaa irra hin buuneef waan hundi humnaan osoo hin taane sirnaanii fi naamusaan akkasumas ija seeraatiin hordofamee murtii fi furmaata akka argatuuf qaamonnii hawaasaas ta’ee qaamonni mootummaa hundi ga’ee isaanii afuura itti gaafatamuummaa olaanaadhaan bahachuu akka qaban yaadachiifna.
Caasaaleen humnoota nageenyaa magaalaa Finfinneetis miiraa ummataa ilaalcha keessa galchuudhaan haala dhalatu hunda miira tasgabaa’een akka hordofanii fi miidhaaummata irra ga’uu maluu xiqqeessuuf cimsanii akka hojjetan gaafanna. sochii godhan keessatti lammilee hundaaf kabaja namummaa fi tika barbaachisu kan loogii bifa kamuu irraa walaba ta’ee akka taasissanis yaamicha goona.
Maayii irratti lubbuu Artist Haacaaluu Hundeessaatiif jannata maatii firootaa fi hiriyyota isaatiif akkasumas ummata bal’aa Oromoo kan Haacaaluu of duraa dhabeef jajjabina hawwina.

IUOF
ABO

Waxabajjii 30/2020