Mootummaan Wayyaanee waraana isaa keessaa addatti Oromoo kanneen tahan mana hidhaatti guuraa jiraachuun gabaafame.

Aside

Adoolessa 31,2013 Finfinnee

Diina irraa silas gaarii akkuma hin eegne abbaa irreen mootummaa Wayyaanee poolisoota federaalaa ilmaan Oromoo tahanii fi humna ittisa biyyaa keessaa addatti funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Ilmaan Oromoo kanneen bara 2004 leenjifamuun gara raayyaa ittisa biyyatti makaman addatti isin dabballoota ABOti jedhamuun qorannoo dhagaan rakkifamaa jiran.Kannneen hidhamanii jiran 102 tahuu yeroo gabaafamu warreen adda durummaan maqaa ABOn yakkaman keessaa Ilmaan Oromoo

1. Tasammaa Tarreessaa ittisa biyyaa keessaa kan hojjetuu fi dhalootaan shawaa lixaa

2. Galataa Mijanaa Poolisii federaalaa dhalootaan Horroo Guduruu

3. Misgaaanuu Olaanaa ittisa biyyaa dhalootaan shawaa bahaa

4. Lammii Balaay dhalootaan Shawaa lixaa kan tahee fi ittisa biyyaa

Kanneen jedhaman yeroo tahu halli kunis daran hammaachaa kan dhufee fi yeroo ammaa mootummaan guutummaan waraana isaa irraa amantamummaa dhabaa jira.Ilmaan Oromoo teeknikiidhaan ittisa biyyaa keessaa hojjetamanis maqaa BPR dhaan qorannoon rakkamaa jiran.Mootumaan Wayyaanee kufaatii isaa calaqqisiisaa kan jiru wareegama kamuu kaffallee galii ummata keenyaa bakkaan ni geenya kanneen jedhan raayyaa mootummaa Wayyaanee keessaa hedduminaan dhagahamaa dhufaa jiraachuun beekamaa dha.

Miseensotni DH.D.U.O Magaala Dirree Dawaa Oromoonni maqaa ABOn hidhaman akka hiikaman waajjira bulchinsaa Dirree Dawaa gaafatan

Aside

Adoolessa 31,2-13 Dirree Dawaa

Dhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan oromoo irraan gahu hammaataa dhufuun miseensotni DH.D.U.O Magaala Dirree Dawaa mirga hiree murteeffannaa barbaadna jedhan.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo sababa tokko malee mana hidhaatti ukkaamsaa,Hojii irraa ariiaa turuu irraa miseensotni DH.D.U.O magaala kanaa gamtaan bulchinsa Dirree Dawaa ifaan gamaggammii waggaa irratti dubbachuun mootummaa abbaa irree fi jala deemtota isaanii rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O sababa tokko malee bara baranaa kana keessa 200 ol tahan gariin qorannoon rakkamaa turuu fi gariin ammo mana hidhaatti ukkaamsamuu isaaniis ibsanii jiran.Miseensota kanneen mana hidhaatti maqaa ABOn hidhamanii jiran keessaa

1. Ifaa Ibraahim Mohaammed

2. Taammiruu Girmaa

3. Biraanuu Oljirraa

Keessatti akka argaman tuquun iyyannoo isaanii kutannaan qabuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanees deebii hatattamaa hin kennu taanaan tarkaanfii mataa isaanii akka fudhatan beeksisanii jiran.

Diddaan Qeerroo Godina Wallagaa Aaanaa Anfilloo Itti Fufuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Jeeqame

Aside

Adoolessa 30,2013 Anfilloo

OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma beekamu baatii hedduu kan hin turre mootummaan wayyaanee qabeenyaa uummata oromoo saamee fi saamsisuu irra darbee naannolee adda addaatti qabeenyaa saba oromoo qofa mancaasisee uummata harka-qallina jireenyaa fi hiyyummaaf saaxilaa jiraachuun isaa kan beekame tahee,yeroo dhiyoo asitti jiraattota qonnaan bulaa godina Qellem aanaa Anfilloo jedhamu irra jiraatan ajajamuu diduu irraan,qabiyyee uummataa qabeenyaa isaatti jijjiirrachuun yakka sababa hin taaneen uummata oromoo mana hidhaatti guuraa akka ture,qabeenyaa uummmata oromoo addatti qabeenyaa Bunaa jireenya uummata naannoo kanaaf hirkoo kan tahe bor qarshii miliyoona baasuu danda’u uummata kana waan godhu dhabuu irraan qabeenyaa Bunaa ciree balleessaa tureera,kunis doorsisa bittaa isaa tahullee uummata kana mana hidhaatti guuraa jirtu.

Haalli kun amma illee daran hammaachaa deemuu irraan ummatis diddaa isaa itti fufee jira.

Haala kanaan Qeerroon aanaa Qeellam Adoolessa 29-30,2013 barruulee warraaqsaa mormii sirna Wayyaanee fi gochaalee farraa mootummichaa kan muldhisu maxxansaa fi alaabaa ABO bakkoota adda addaatti fannisaa  jiru. Haalli kunis heddumminaan manneen barnootaa fi waajiraalee hojii mootummaa irratti waan baayyateef jecha mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa galee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Waraqaa maxxansuu ilaalchisee. Kun yeroodhaa yerootti maxxanfamaa ture jira. Waraqaa maxxansuu irratti baayinan tahullee hanga tokko yeroo darbe hidhamuu namootaa irratti magaalaa Muggii keessatti waraqaa dhaadannoowwan :

ü Hidhamuun Keenya Garbummaatti Nun Hambisu!

ü Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!

ü Amantaan Garagara Tahuun Keenya Tokkummaa Keenya!

ü Oromiyaan Ni Bilisoomti!

ü WBOn Ni Injifata!

Kan jedhu waajjiralee magaalaa fi manneen barnootaa jalatti maxxanfamee jiraachuun gabaafame.

 

MIRGA KEENYA IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !

Aside

Y.G(2005) Adoolessa 27, 2013

barruuAddunyaa kana irratti , Bilisummaan tolaan argame gonkumaa hin jiru. Hundumtu wareegama qaqqaalii ijoolleen isaanii gara kuteenyaan kaffalaniin Injifannoo gonfatan. Mirgi kan sarbamu abaarsaan miti . humnaanii . dhiiga Ummata gabrummaa jala tursu barbaadan sanii dhangalaasaniiti . Qabeenyaa saamuuf jecha, hammeenya gara jabiinaa dhala namaa irratti hin raawwatamiin irratti raawwatanii nama gabroomsan. Addunyaa kana irratti tokko isa tokko liqimsee jiraachuuf lubbu galaafata. Nama gabroomsuuf falli jiru kana qofaadha. Kan gabroomsuu barbaadan gama hundaan laamshessanii cabsan. Warri bara amma kana nu gabroomsan , siree tolaa irra nu ciibsanii ykn nu kunuunsanii miti kan gabrummaa jala nu jiraachisuuf tattaafatan.

Oromoon ega humnaan cabee kaasee mootootiin Itoophiyaa bulchan, Ummata keenya miliyoona ja’aa ol galaafataniiru. Ummata miliyoonaan lakkaa’amu Biyya abbaa isaa keessaa ari’anii tajaajiltuu warra adii fi kanneen biro taasisaniiru. Hidhaan kan gidirsaa jiran, qe’ee keenya irraa kan buqqisanii jiran, jireenya dararaaf kan saaxilan lakkoofsa hin qabu.addatti har’a Ummata kana gama hundaan rakkoo hawaasummaa keessa galchanii gargar facaasanii isa bituuf hammenya hiriyyaa hin qabneetu irratti raawwatamaa jira. Kun nuun nu cabsuuf filmaata tokko malee kan nu irratti raawwataniidha. Nuutiwoo ??????????gaaffii jabduun kanaaf deebii kennuu qabna. Diinni akkasii nu fuuldura ega jiraate , waan nu eeggatu beeku qabna. Ummati Oromoo gara jabiina barachuu fi hojiin argisiisuu qaba. Yakki yakka hunda caalu nu irratti raawwatamuun kan wal gitu ,qabsoo hadhaawaa gaggeessuun dirqama keenyadha. Kanatti tarkaanfataa jiraachuu hunduu beeku qaba. Addunyaa fi diinatu filmaata kana nu kaa’e.

Oromoon maal gara jabinni diina keenyaa jedhee akka ciilalluu of keessa maratee taa’u yoo jiraate , kan umama isaa irraa rakkoo qabuudha. Har’a sadarkaan irra jirru, jiraachuu ykn dhabamuu , of oolchuu ykn diinaan dhabamuudha. Har’a qabsoon itti jirru kan keessa ilaallatan miti. Lakkii nu dhiisaa jennee yeroo itti himnnus miti. Jiraachuf ammo, waan itti jirru irraa duubatti yoo jenne kan ciraa itti lafa irraa dhabanuudha. Kan funyaan nu hdahe funyaan dhoofnee, kan nu hamate nu hammatinee deebii kan itti kenninuudha. Kun ta’u baannaan, ykn laafannaan diinni sadarkaa nuuti isa dura dhaabbachuu hin dandeenye irra ga’a. Qabsoon oromoo lola harkaan adeemsifamu keessa kan seeneedha.

Diinni keenya kan nyaate deebisee bulgaafachuu isaatiin waan nu dhiphisu hin qabu. Nuuti kan gaafachaa jirruu, Biyya abbaa keenyaati. Halgaan Biyya keessaa fi alaa kan nu gaafachaa jiru, Biyya abbaa keenyadha. Isaan hegaree isaaniitu isaan yaaddeessee , waan nyaatan isaan bulgaafachiisaa jira. Jaallaatanis jibbanis, jireenyi Amahaaraas ta’ee Tigiree , Jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti hundaa’a. kanaaf waan nuun nu dhiphisu hin jiru. Jarri Itoophiyaa Itoophiyaa jedhanii mankaraaran , jechi Itoophiyaa jettu kun haguuggiidha malee, iyyi isaanii jireenyi keenya badee jechaa jiran. Jarri namni maal naan jedhu hin beekne, Hayilasillaasee har’a lubbuun hin jirreef amma dhiphatan, Oromoo har’a lubbuun jiruuf gonkumaa hin dhiphatan. Nuuti garuu , Amaara kaleessaa fi har’aa jennee garaa laafnaaf.

MIRGA KEENYA IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !!!!!.docx

Walleelee Warraaqsaa

[audio

 

Hordoffiin Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Wayyaaneedhaan Jabaatus Diddaan Itti Fufe

Aside


Adoolessa 28,2013 Finfinnee

Akka gabaasaa Qeerroo godina Booranaa,Aanaalee garagaraa keessatti akkasuma godina Baalee keessatti haala sochii Qeerroo fi barattoota yuuniversitii fi koollejjii adda addaa irraa galan irrattti quunnamtii dhaaba ABO waliini,ijaarsa uummataa fi haala hordoftoota amantaa Musilimaa irrattis yaaddoo qabduun adda dureedhaan uummata kan nurkaa baasu,kan siyaasa keessa galchaa jiru barattoota jedhuun gara deemanii fi bakka hundaatti hordofiin barattootaa wayyaaneedhaan cimee akka jiru gabaasaan Qeerroo haaluma wal fakkaatuun godinaalee lameen kana irraa nugahaa jira.Isa kanaaf barattoota qabachuuf jecha tarsiimoo jechaa,wal gayii garagaraan barattoota qabachuuf labsachaa jirti kan jedhu odeeffannaan isaa addeessa. Akkasuma kanumaan kan wal fakkaatu godina Addaa barattoota aanaa Sulultaa irraa boqonnaaf galan guyyaa guyyaatti maatiin ijoollee isaanii hordofuu qabdu kan jedhu dirqamni maatii barattootaatti bahaa jira,naannoo naannoo jiranitti basaasota mijeeffatuun uummata naannoo kanaa keessatti qopheessaa akka jiru,kunis sodaama barattootni uummata ijaaru jedhuun akka tahe gabaasaan caasaa mootummaa keessaa qabnuun addeesaa jira.