Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2015 Naqamte

db4234bfGabaasaan Qeerroo Wallagga aanaa Saasiggaa akka ibsutti tarsimoo misooma Wayyaanee ilaalchisee mana barumsaa qophaa’inaa Saasiggaarra  ibsitti, leenjiin barsiisotaa fi barattootaaf kennamaa jiru dabballoota Wayyaanee itti gaaffii abbaa biyyummaa fi hiree ofii murteeffachuu jedhu maaliif hin mirkanaawu kan jedhu ijoo dubbii guddaa ta’ee barsiisoti fooricuu fi sagalee jabaan dabballoota kijiba mishoomaa barsiisan irratti iyyaa turan.

Addattis waayee mishoomaa wayita kaasan irratti akka fakkeenya mishooma kijibaatti kan ka’e keessaa tokkoo barattoota bara kana Yuuniversitii galan keessaa shamarri tokko qofti gara Yuunivarsiitii itti darbuun mallattoo fi ibsituu misooma keessan sobaati jedhchuun OPDO afaan qabachiisa

Oduudhuma walfakkaatuun barattoota mana barumsaa qophaa’inaa Naqamtee,biiftuu Naqamtee,biqiltuu leeqaa Naqamtee fi B/saa Daaloo Naqamtetti gaaffiin walfakkaataan Qeerroo barattootaan gaafatamuun Wayyaanee rifachiuseera gaaffilee walii galaa maaster pilaanii finfinnee tii qabee erga gaafatamee boodas rakkoon bulchiinsa fi dararaan Wayyaanee Naqamtee keessatti adeemsifamus gaafatameera

Akka fakkeenyaattis,

  1. Marfata konkolaataa Naqamteerratti ijaarsi siidaa Jawwee fakkeeffamee ijaarame diigamee siidan gootota Leeqaa kan akka Dr Hayilee Fidaa Kumaa,Geendaa Buushanii fi Ilmasaa Galataa ,Dhugumaa Jaldeessoo,Amalawarqi Bulii,Jireenyaa Ayyaanaa haadhaabbatu jechuun gaafatan.
  2. Maqaa Istaadiyoomii Wallaggaatiin uummati magaalaa Naqamtee fi uummati Oromoo Waliigalatti kan baasii guddaaf saaxilamee fi yeroo duraaf istaadiyoomii n wallaggaa akka baha Afirkaatti isa jalqabaati jechuun uummata keenya waan saamtaniifi sobdan kanaaf wayyaaneen seeraan gaafatamuu qaba.
  3. Maqaa misoomaan utuu nusobdanii wayyaaneen qabxii ittiin gulantaa itti aanutti darban akka malee ta’e jedhee dabaluun barattooti Oromoo naannoo kanirraa maqaa naannoo mijataa jedhuun akka hafan kan taasifame kun haqamuu qaba
  4. Mana diiggaa fi green erea jechuun mana dhibbaaf digdamaa magaalaa naqamtee keessaa diiguuf karoorse hanbisuu qaba jechuun jabeessanii kan gaafataniifi guyyaa leenjichi itti xumuramu kaleessan ta’ullee yaada isaanii jijjiiruu qabna maqaa jedhuun ganama har’aa kanatti barattooti magaalaa Naqamtee waamamuu Qeerroon hubachiiseera.

Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo

SBOImpaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi  beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.

Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame.  Haala Qilleensaa fi Beela Oromiyaa keessaa…2015 =ED

Fulbaana 28,2015 Mogor

diddaa9Sababa filannootin mootummaa waayyanee baatii caamsa darbee humna waaranaa isa ummata ittiin dorsiisuuf jechaa magaala Mogor qubachiisee jira. Humni waarana kunis ummata nagaa qabeenyasa saama, halkan immoo mana namoota irraa deemu dorsisaa mallaqa irra guraa, akkasumas kan diddee reeba turaniiru. Kan yoommiyyuu sammuu nama keessa ummata baadiyyaa magalaa Mogor marsanii jira sababa adda addatiin magaalati dhufan ganna kana dhoqee jedhani warreen bootii kawwatan qaban dhagaa ciraachaa bootichaati guuruun itti figaa jechaa Oromoo hedduu nafaa godhaaniruu. Haa ta’uu malee Ummatni magaala Mogor gaafa fulbaana 27,2015 : Dhadhannoo yoo garaan kutatee mirga argachuu dandeenya jechuun halkaan keessa sa’a afur gubbaati gaaffii mirgaa gamtaan kaasan.

Ummata kutatee manaa ba’ee kana sodaachisuuf warraanni waayannee dhukaasa yoo egaluu ummatni dhagaasa darbachaa of fuuldura ari’ee. Dhuma irrati gaazii imimmaan itti dhusaanis ummata kan kufee kaasa waraanichaa yeroof magaala baase ture. Dhukaasa kanarraati namni lubbuun darbee dhabamuus namootni gara kudhanii mada’aniruu, waraana Waayyannee lama hedduu midhaman. Gabaasan Qeerroo Mogor.

Fulbaana 27,2015 Naqamte

DIDDAA 2Leenjiilee barsiisootaa jedhchuun yeroo ammaa dabballooti Wayyaanee godina hunda keessatti barsiisaa jiran milkooma dhabuun dura dhaabatnaan mudataa jira,haalli kun itti fufuun godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti leenjii siyaasaa ta’e irratti barsiisoti gaaffii kaasanii dabballoota Wayyaanee ittiin joonjessan keessaa hammi tokko akka armaa gadiiti.

  1.  Oromookeessa beekaa fi dandeetti kan qaban danachuudhaan garuu hanqina maaliif Oromoo keessaa ministeera muummee tahuu hin dandeenyee?
  2. Dhimmoota misoomaatiin wal qabatee mootummoonni naannoo biraa kan akka Tigraayii fi Amaaraa naannoo isaanii gama kamittuu guddisaa jiru keenya garuu Oromiyaan misoomaan gadi jette male guddachaa hin jirtu aangawoonni oromoo maqaa fi garaadhaaf dhaabbatanii jiru.
  3. Master Pilaaniin deddebii’ee kan ka’u murtoon tokkko kan itti hin kennamin sababiin isaa fi kaayyoon isaa maaliifii?
  4. Bakki hundeeffama OPDO maaliif jijjiramee? Dura Darraa jedhame amma garuu maaliif Adet jedhamee?
  5. Uummataaf kan falamuu fi jijjirama har’aaf sababa kan tahe ABOn maaliif maqaa dhiphummaa fi balaaleffatamaa?
  6. Filannoo uummanni keenya dhibbaa dhibba nu filate jedhamee labsame amma ammo uummanni maqaama filannootiin nun fille jechuudhaan mana hidhaatti guuramaa jira. ??
  7. Dhaabbanni Maccaa fi Tuulaamaa maaliif hin deebi’u? Amma eessa jiraa?
  8. Kan nu barsiisaa jirtan garuu seenaadhaan wal qabatee kan Uummata Oromootimoo kan dhaabbata OPDOtii?
  9. Qoodni fi gaheen ABOn kufaatii mootummaa dargii keessatti hin qabu turee mee kan beektan irraa?
  10. Dhimma biyyaaf jettanii kanumaayyuu guddina biyyaa odeesitu leenjii kana irratti maaliif aballiin nuuf hin kennamuu?
  11. Balaaleffannaa ABO malee bu’aan ABOn buuse takkaa hin ka’u qabsoo har’aa asiin gahame keessatti ABOnis qooda olaanaa kufaatii dargii keessatti taphateera olola malee maalii gaarummaan isaa hin ka’uu?
  12. Rakkoon gurguddaan har’aa Loogii, Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii wal qabatee dhimmi MPs rakkina jabaa uummata oromootti fidaa jiru kun utuu jiruu maaliif seenaan darban ka’aa?
  13. Dhaabbileen Ummata oromootiif dhaabbatan 5nan OPDO waliin walii galee maaliif hojjechuu hin dandeenyee?
  14. Wanneen irratti mariyataman hedduun jiru garuu maaliif sirnoota darban irratti mariyachuun barbaachisee? Addi Bilisummaa Oromoo maaliif dhaaba maseenaadha jedhamee waamamee? Sababiin kana moggaasuu kun eessa irraa ka’ee?
  15. Galiin Oromiyaa irraa galu hunduu kan karaa darbu irraa kan hafe hammamtu oromiyaaf faayidaa kennaa jiraa?
  16. Sababiin fayadamaa fi barreeffama Qubee Afaan Oromoo qabsoo ABOn taasiseedhaanimoo OPDOdhaanii?
  17. OPDOn gaaffi mirgaa uummanni oromoo gaafatuuf deebii haqaa kennaa jiraa?
  18. Ibsaan biyya keenya sirnaan osoo hin tajaajilin maaliif biyya biraa deemee tajaajila kennaa? Maaliif gurguramaa?
  19. Fonqolcha sirna Dargii keessatti ABOn qabsoo waggaa tokko keessatti gaggeesse qabsoo ofii godhachuun bu’aa tokko osoo hin buusin OPDOn ABO
    irratti maaliif olola banaa?
  20. Gaaffiileen mirgaa barattootii fi hojjettooti dhaabbilee barnootaa fi iddoo garagaraatti ka’u ABOtti maaliif naanneeffamee jeequmsa jedhamaa?
  21. Uummata Oromoof qabsoo taasisaa kan ture haalamee har’a farra misoomaan kan waamamu maaliif ABO jedhamee?
  22. Uummata Oromootiif kan qabsaa’u TOKKUMMAA FI GARAAGARUMMAAN isaa maalidhaa?
  23. Beekamtii OPDOn oromoo yeroo dheeraa qabsoo irra turaniif kennu maaliidhaa?
  24.  Kira sassaabdummaa fi loogii balleessuu jettanii odeessitu kun garuu kan badaa jiru osoo hin taanee kan dabalaa jirudha.
  25. Keeyyanti 39 hojii irra erga hin oollee maaliif hin ka’uu? Hin haqamuu?
  26. Gaaffii barattootni kaasaniif deebiin humna waraanaa poolisii federaala irraa guuruun itti bobbaasuu tahe kun akkamiin ilaalamaa jiraa?
  27. Afaan Oromoo afaan hojii, afaan federaalaa akka hin taane maaltu dhorkee?

Media mootummaa wayyaaneen to’atamuu fi harka egamtoota isaatti argamu TVO jedhamu irra hojjechaa kan turte Gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirnicha waliin hojjechuu lagachuun biyya alaa dhaqxetti koolugaltummaa gaafachuu ishee SBOn mirkaneesse.

123magartuu

(SBO) — Maddi Oduu SBO Torontoo Kanadaa irraa har’a Fulbaana 27, 2015 akka hubachiisetti TVO, kan ummatni TV qonnaa ykn TV. A. Duulaa jechuun yaamu, sirna wayyaaneen to’atamuu fi harka OPDOtti argamu irra hojjechuun Oduu dubbisaa kan turte gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirna Wayyaanee kan ummata Oromoo irratti yakka gugurdaa hojjechaa jiru jalatti deebitee waliin hojjechuu lagachuun Torontoo Kanadaatti koolugaltummaa gaafattee jirti.

Dhaggeeffattoota keenya gara fuula duraatti gaazzexeessituu Magartuu Lammii waliin gaaffii fi deebii goonee isinii dhiheessuuf kan carraaqnu ta’uu isin beeksisna.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Fulbaana 24,2015, Finfinnee

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ayyaana Irreechaa Birraa kan baranaa 2015 Hora Arsadiitti kabajamuuf jiru, Onkololessaa 3/2015 ykn A.L.Habashaatti Fulbaana 23/01/2008 kan kabajamu ta’uu hubachiisuun , Uummata Oromoo hundaan baga jalbultii ayyaana Irreecha bara kanaa nagaan geessan, Barri kun Bara milkii,bara, kan hidhamee kan itti hiikamuu, gammachuu,bara qe’ee ofii irraa buqqa’uun dhaabatu,bara irreen Oromoo itti jabaatu, Bara gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii itti argatu, Bara ‘’Master Plan Finfinnee’’ guutummatti haqamuu ,Bara Injifannoo fi Bilisummaa nuuf haa ta’u !!

Ayaanni Irreecha guyyaa Oromoon Malkaa/Tulluutti ba’ee Waaqa isa uume waan argateef kan galateeffatuu fi waan fulduratti barbaaduu fi hawwuuf itti kadhatudha. Irreechi Ayyaana Oromoon ittin beekamu,mallattoo Oromummaa fi Eenyummaa isaa ibsu, calaqqee Aadaa fi duudhaa keenyaa qofa utuu hin ta’iin dhaalmayaa hambaa seenaa uummata keenyaa kan qabsoo wareegama qaaliin as qaqqabedha. Goototni Oromoo uummatni Oromoo eenyummaan, aadaan, duudhaan,Afaanii fi biyyi Oromiyaa akka hin sarbameef  jechuun dhiigaa isaanii itti cophsuun, lafee isaanii itti cabsuun ayyaanni seena qabeessii kun akka uummatichaaf jiraatu taasisan bara baraan ni yaadatamu,

Ayyaanni irreecha barana 2015 sadarkaa Idil-Addunyaa UNESCO’tti galmaa’aa jiru kun bu’aa gootota ilmaan Oromoo;  Oromoo fi Oromiyaa akkasumas leecelloo Oromiyaa saamicha, faca’insaa fi gita bittaa gabrummaa jalaa baasuuf jedhanii wareegamaa qaalii kanfalaa turanii fi hardha illee Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama wal irraa hin citne kanfalaa jiraniti. Ayaana Irreecha 2015 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Fulbaana 24,2014

Qeerroo JimmaaFulbaana 24,2015 Godina Jimmaa Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni Barattootni Oromoo gara mooraatti deebi’aa jiraachuun walqabatee sakkatta’insi guddaan barattoota irratti godhamaa jiraachuu fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Poolisootaa federaalaan eegamaa jira.

Mootummaan wayyaanee akkuma karooraa isaa walga’ii barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota guyyaa boruu fulbaana 25,2015 irraa eegaluun bakkootaa hedduutti gaggeessuuf kan jiruu yoo ta’uu barruulee warraaqsaa Qeerroon goototni barattootni Oromoo kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi mormii ‘’master pLan Finfinnee’’ kan of irraa qabu barruulee warraaqsaa facaasuu erga eegalanii boodaa mootummaan wayyaanee soda guddaa barattootni narratti FDG kaachisuuf jiruu, barruulee warraaqsaa kana qabatanii socho’aa jiru maqaa jedhuun sakkatta’insa hin jirree barattoota reefuu mooraa seenaa jiran irratti jabeessuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mootummaan Wayyaanee sochii maqaa Master plan Finfinnee jedhuu fi diigumsa
seeraan alaa mana jireenyaa uummataa irratti rawwachaa jiruu fi gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatuuf deebii yoo hin kennu ta’ee
FDG guddaa kan wareegama qaalii qabuun wayyaanee aangoo irraa maqsuuf qophii ta’uu fi uummatni Oromoo kallattii hundaan duula FDG akka
irratti gaggeessuu dhaamsa dabarsan. Mootummaan Wayyaanee fi Dabballootni mootummaa wayyaanee Yuunibarsiitiin Jimmaa kan ABOti
ABOtu miseensotaa fi dabballoota isaa keessatti Omishee jira jechuun Yuunivarsiitii Jimmatti dhaadachaa jiraachuun saaxilame.

Fulbaana 24,2014 Buraayyu

Asko_AREA_May022014Fulbaanaa 24,2015 Magaalaa Godina Addaa Oromiyaa kan taate magaalaan Burraayyuu hoomaa Waraana Wayyaaneetiin goolamaa jirti.

Mootummaan abbaa irree Wayyanee barruulee warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummataaf bittineessaa jiruu fi raabsaa jirutti haalaan kan rifatee human waraanaa guddaa poolisii Federaalaa fi human waraanaa Addaa jedhaman bobbaasuun Magaalaa Burraayyuu gooluu irratti argama. Kaleessa galgala irraa eegaaluun daandii irra illee namootni lama sadii ta’ee akka hin dhaabbanne akka hin adeemne gochaa kan turanii fi Kutaa magaalaa Burraayyuu bakkoota hedduutti immoo kana naamoota nagaa daandii irra adeemuu fi qe’ee isaa jiruu illee kan reeban ta’uu daddeen keenyaa magaalaa Burraayyuu irraa gabaasan. Yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee abbaan irree gaanfa Afrikaa maqaa mormii ‘’Master Plan Finfinnee’’ jedhuu fi FDG Qeerroon barattootni Oromoo narratti kaachisuuf jiru jechuun raafama humnaa olii keessa seenuun waan qabee gadhiisuu wallaaluun lammilee nagaa boqonnaa dhorkaa jiraachuu fi mana galmaa uummataa illee seeraan ala kanfaltii tokko malee diigaa jirachuun ifa ta’ee jira. Yaa uummata Oromoo qe’ee kee irratti wareegamii malee qe’ee kee irraa hin buqqa’iin, manni galmaa kee yeroo sirratti diigamu dhaabbatee hin ilaaliin, isiin wajjiin jirraa waliin dhaabbannee falmanna malee Oromiyaa fi Finfinnee diinaaf dabarsinee hin lannuu jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummataaf dhaamsa dabarsaa jira.

Fulbaana 23,2015 Gabaasa Qeerroo Mogor

11796437_1656364031242349_8956610485747594292_nGoodina Lixa Shagar, Aanaa Ada’a bargaa magaala Mogor fi Incinnii keessati mootummaan Waayanee mannen kuma tokko olii seeran ala ijirtanii diiga jechuun ummata gidirsaa jira.

Mootummaan Waayanee TPLF waggoota darban keessa Aanaa kana keessa sababa inveestimenti jechuu warshaalee simintoo Dangote, warshaa simintoo Beedrock, babalachuu warshaa simintoo mugarin wal qabate ummata hedduu beenya xiqqoon qe’eesara buqqiseera.sababa kanan ummatni gandoota baadiyya aanichaa kannen akka Ulaa gotaa, caanoo birraattee, tuuli dasee, iluu muxxee, iluu dansee,,,gara magaala mogor fi incinniiti goodanuuf dirqamaniiru. Har’a moo bifa mootummaan waayannee bakka ummatni kun goodanee jiruu seeara ala ijartaan jechuu ummata gidisaa jira. Itti dabalee ummata kana dirqiin akka ni diigna jedhan mallatessan gochaa jira. Mannen kunis torbee tokko keessati namni hin dignee adabbii bira sin eeggata jecchuun dorsiisa jiru. Kana warshallee ummata qe’ee malee hambisee miidhan ala bu’aa tokole ummataf kan hin buufne dha, kunis ummata naannoo hojii malee yoo jirattuu jarri kaaba wal guure itti durooma jira.

DIDDAAFulbaana 23,2015 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa keessatti barnooti siyaasa Wayyaanee gaggeefamaa ture dhabbilee ol-aanoo Yuunibarsiitii Oromiyaa keessa jiran keessatti gaggeeffamaa ture diddaa fi gaaffii mirgaan barsiisotni dura dhaabbachuun xummurame. Godinaalee Oromiyaa garaagaraa fi dhaabbilee Barnoota olaanoo kanneen akka:

  1. Godina Lixaa Shaggar Yuunibarsiitii Amboo fi Manneen Barnootaa Godinicha jalatti argaman,
  2. Godina Kibba Lixa Shaggar Yuunibarsiitii Walisoo damee Amboo,
  3. Godina Jimmaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi GOdina Iluu A/Booraa Yuunibarsiitii Mattuu
  4. Godina Wallaggaa Yuunibarsiitii NAqemtee fi Manneen barnootaa godinichaa,
  5.  Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Yuunibarsiitii Shaambuu damee Wallaggaa fi Manneen barnootaa godinichaa.
  6. Godina Wallaggaa Yuunibarsiitii Gimbii fi Manneen Barnoota gidinacha fi Oromiyaa bakkoota hedduutti walga’ii barsiisoota
    gaggeeffamaa ture irratti mormiin barsiisotaa fi gaaffiiwwaan garaagaraa barsiisotni kaasaniin walga’iin barsiisotaa kun bu’aa tokko malee danqamuun kan xummurame ta’uu maddeen Qeerroo bilisummaa gabaasan. Gaaffiiwwaan bu’uuraa haala walfakkatuun bakkeewwan hundatti barsiisotaan ka’aa turan walitti cuunfuun ijoowwaan gaaffii barsiisotaa ka’an isiniif dhiyaate jira.
    1. Bara darbee 2014 uummatni Oromoo gaaffii mirgaa mormii Master Plan Finfinnee irratti qabu dhiyeeffatee mormii isaaf immoo karaa nagaa sagalee isaa waan dhageesiseef loltuun itti bobbaafamee jumlaan bakkoota hedduutti ajjeefame, Caalmaatti Magaalaa Amboo keessatti yakki suukaneessaauummata irratti fudhatame, lubbuun hedduun darbe, kaan hidhaamee dararamaa jira kaan immoo maddoo ta’ee yaalaa ga’aa illee dhabuun haala rakkisaa keessa jiruuf eenyutu itti gaafatamaa?
    2. Eenyuu inni uummata harka duwwaa irratti loltuu bobbaasuun ajjeesisee? Gumaan namoota Ajjeefamanii kanfalmeeraa? mootummaa yakka kana raawwate yoo xiqqaatee uummata illee dhiifama gaafateera?
    3. 3.Dhiyeenya mootummaan keessan Master Plan Finfinne bara haaraa kana irraa eegaluun hojii irra olchina jechuun jechoota dhaadannoon wal makeen ibsa yeroo kennutu dhaga’ame, kun tuffii Uummata Oromooti,moo uummtichuma jumlaan lafarraa fixuuf fedhii uummata Oromoo malee humnaan hojii irra olchuuf kan adeemamaa jiruu? kun dhaabbachuu qaba, yoo hin dhaabbannee wareegama seenaa haaraa kan uumuu fi dirqamaan kan dhabbatu ta’uu jala murree isin gaafanna.
    4. Dinagdeen biyyatti dijiitii lamaan dabalee biyyi guddattee misooma itti fufinsa qabu fidnee jirraa jedhee mootummaan keessan yeroo dhaadatu kun qaanii guddaadha, Biyyatti keessatti uummatni Oromoo irraa guddaan balaa beelaan dhumaa jiraachuu mootummaan keessan quba qabaa? guddannee biyyi Guddatte jechuun maalii?
    5. Mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromoo bakka bu’uu danda’aa? akka mootummaatti mootummaa dha jechuu dandeenyaa? Mirga uummataa Oromoo gama dinagdeen, siyaasaan fi hawwaasummaan kabachiisuu danda’eera?
    6. Diigumsii seeraan alaa manneen jireenyaa Oromiyaa fi Magaalaawwaan Oromiyaa Amboo,Gudar, Maagaloota naannoo Finfinnee,Walisoo Holotaa,Walisoo, Neqemtee, Jimmaa, fi bakkoota hedduutti gaggeeffamaa jiru irratti gaggeeffamee jiruuf dursa uummataaf kanfaltiin akka kan falamuufii dahoon maaliif hin godhamnee? uummata mana isaa keessa jiraatu mana irratti jiksuun uummatichi eessa dhaqaa? maaliin deebisee ijaarrataa?
    7. Bara darbee hojjettoota ittin qabachuuf maqaa daballii mindaa jedhuun hedduu kan odeeffamaa ture, harka tokkoon mindaa dabalaa harka tokkoon immoo kanfaltii taksii fi qaala’insa jireenyaa ol kaasuun harka rukutaa itti fakkeessidha moo dhuguma miindaatu nuuf dabalamee? gabaabumatti jireenya uummata biyyatti tasgabbeessuu haala hin dandeenye keessatti argamtu, guddina biyyatti afaaniin dijiitii lamaan
    guddate jechuun gatii hin qabu. Garuu jireenyi kaabinee fi angawoota tasgabbii qaba, kan hojjettoota siivilii fi hawwasaa waliigalatu raafama guddaa keessa jira, kanaaf furmaanni keessan maalii?
    8. Biyyattiin dimookiraasiidhaan gaggeeffamti jechuun labsii goochaa jirtu, sana irra iyyuu darbee filannoo marsaa 5ffaa filannoo haqa qabeessaa fi dimookiraatawaa gaggeessinee jettan, kun qaanii guddaadha, sababiin isaa biyyatti keessa bu’uurri dimookiraasii takka hin jiru waan ta’eef, kanaan booda of gowwomsaa, wal gowwomsaa malee namni isiniif gowwomuu hin jiru, duras nuti isiniif hin gowwomnee
    ogummaa keenyatti hirkannee isin jalaa callisuun waanuma hojiin isin hojjettan sirrii jenne fudhanne isinitti hin fakkatiin, biyyi qawween bulaa jiraachuu beekna, kun boruu mootummaa kana aangoo irraa maksuuf sababa guddaa ta’uun hin hafuu, fi gaaffiiwwaan bu’uura mirga namummaa rakkoo biyyattii fi gaaffii mirga uummata Oromoo sarbamaa jiruu kabachiisuuf gaafachuun walga’ii wayyaanee torbee tokko oliif danqamaa turee gaaffiiwwaan ka’aniif deebiin tokko illee utuu hin kennamiin kan xummurame ta’uu gabaasaaleen guyyoota kana lamaan godinaalee fi dhaabbilee barnoota olaanoo maddeen Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan saaxilee jira.

41Fulbanaa 23,2015 Godina addaa naannawaa Finfinnee Burraayyuu, Holotaa fi Walmaraatti Barruun warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffiiwwaan mormii Master Plan Finfinnee qaban bittinneeffamuun dabballootni Wayyaanee muddama guddaa seenan.
Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi mormii Maaster plan Finfennee qaban gootota Qeerroo barattoota Oromoon bittinneeffamaa jiraachuun beekame jira. Fulbaanaa 21,2015 galgala irraa eegaluun
magaalaawwaan Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argamaan Magaalaa Burraayyuu, Holootaa fi Walmaraa keessatti barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoo qabattee fi mormii master plani Finfinnee of irraa qabduu waraqaan belbeltuun Uummata FDG tti seensisuuf facaafamuun walqabatee ergamtootni wayyaanee muddama seenuun ganama barii lafaa irraa eegaluun magaalaa keessa fiiguun barruulee warraaqsaa kana funuunutti dhiphachaa jiraachuun madden keenya ijaan argan gabaasan. Uummaatni Oromoo jiraattootni magaalaa Finfinnee fi magaaloota addaa Oromiyaa naannaawaa Finfinneetti argaman yeroon mirga keenyaaf falmannuu amma Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbannee ni falmanna, barruulee dhaamsaa warraaqsaa fi gaaffii mirga abbaa biyyuummaa of irraa qabdu nu qaqqabdee jirtuu waliif daddabarsuun uummatni keenyaa bakka jirruu kaane haa falmannu, Mootummaan bakka nu bu’uu hin dandeenye nu hin bulchitu, OPDO’n ergamtuudha nu hin bulchituu, OPDO jalatti hin bulluu, Dhaabni OPDO jedhamuu diigamuu qaba. Qeerroo Bilisummaa Oromootu nu bulcha kanaan booda miseensa Qeerroo bilisummaa Oromoo ta’uu keenyaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo hogganaa keenyaa ta’uu sagalee keenyaan mirkaneessina.

Dhimmi master plan finfinnee kun dhimmaa jiraachuu fi dhabamuu keenyaa waan ta’eef bakka jirraa harka walqabannee gamtaan falmanna jechuun dhaamsa dabarfatan. Mootummaa Wayyaanee maqaa walga’ii jedhuun olola afaan faajjeessa fi qabsoo Oromoo Qeerroon finiinsa jiruu danquuf yaalii godhuullee gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi gaaffii mirgoota dimookiraasii ergamtootaa Wayyaanee irratti goototni barsiisotni Oromoo kaachisaniin dabballootni walga’icha gaggeessuuf bobbaafaman waan qabanii gadhiisan dhabuun walga’iichii bu’aa tokko malee ergamtoota wayyaaneetti waaroo salphina uffisuun walga’iin barsiisota xummuramee jiruu Oromiyaa bakkoota hundatti mormii ulfaataa fi gaaffii dabballootni deebisuu hin dandeenyeen xummurame jira. Caalmaatti immoo mootummaan Wayyaanee gaaffii barsiisotaan kan joonjoftee jirtuu gaaffii barattootaaf yaaddoo guddaa keessa seentee jiraachuun ifa ta’ee jira. Kana biraan Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti har’a galgala barruun warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master planii Finfinfinnee qabatee kan facaafamu ta’uu hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo qajeelfama dabarsee jiraachuu beeksisee jira.

By Dr. Deressa 

Dr Baro KenoAs the Oromo people resisted Ethiopian invasions, they confronted both Ethiopian soldiers and traitors, for example during Menilik (like Gobena), during Haile Selassie (feudal corrupted individuals with militia’s), during Derg era (derg military and traitors so called cadre) and now days- during Tigrai kingdom (OPDO’s militias and Opportunistic individuals). Through all political systems the power was/is in the hand of Habesha’s (Amhara and Tigrians) but the face of it on the local level is often Oromo’s. Despite these seeming contradictions, it remains insufficient to speak of Oromo responses to the imposition of colonial rule.

The most pathetic person in the world is someone who has sight but no vision. If I paint a wild horse, you might not see the horse but surely you will see the wildness. This paper discusses:

  • why Oromo visionaries fail to see or understand the programmed killer mind of our enemies from time to time and still fulfilling enemy plan (destroying Oromo people unity, creating confusions and cultivating traitors).
  • Oromo people need curative vision but not palliative ones.

Oromo people have a long standing of fighting for freedom. Our goal is to liberate our people from slavery and build the social justice where people are not be discriminated against, nor their welfare and well-being constrained or prejudiced on the basis of gender, sexuality, religion, political affiliations, age, race, belief, disability, location, social class or socioeconomic circumstances.

Oromo people had and have a brilliant philosophers, thinkers, writers, orators, artist, organizers and athlete. But all those talents serves the so called Ethiopian destructive institution and  criminal leaders instead of serving his own nation (Oromo people). All those knowledge’s went to serve and shape the permanent killer of our nation (Oromo people). Again now days there are many Oromo intellectuals and individuals are running and working hard like previous one to shape the collapsing empire by destroying Oromo people unity, by creating paralyzed organization and creating confusion between our people. Vision of victory

OROMUMMAA FI BILCHINA QALBII DHABUU IRRAA MADDA   ?

barruuSEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa

Nama Qabsoo keessatti hirmaate mitii, sabummaa qofti itti dhaga’amee waan gaggeeffamaa jiru miidiyaa irraa qofa ka hordofu, dhugaa adeemsa qabsoo Oromoo, dogoggora tokko malee dubbachuu ni danda’a. Seenaa fi yeroo irraa barachuu jechuun kanadha. Haqa Kana mirkaneessf ragaan adda duraa , Ummata Oromoo kabajamaadha. Gaaffii , Ummati Oromoo hanga dhumaatti maaliif ABO waliin dhaabbachuuf murteeffate ?? Waggoota 26n dabran ABOn Biyya keessa odoo hin jiraatiin, Ummati of laatee isaaf falmuun maal irraati ? gaaffii    jedhuuf deebii haqaa kan kennu, Oromoo ofittummaa irraa bilisa ta’ee qofaadha. deebii gaaffii kanaa adda baasanii beeku ykn hubachuu irraa, Namoonni hedduun karaatti deebi’aniiru. gariin ammoo ittiin dogoggoranii, Jaalala ummataa ofittummaan laaquuf, akka malee kachachalaniiru. kanneen ABOn dhaaba haqaaf dhaabbate ta’uu hubatanii beekan, mooraa haqaatti deebi’anii kabajaa waa hundaa olii kan ta’e, “kabajaa Ummataa” argataniiru. Kanneen ittiin Dogoggoran ammoo, Maqaa ABO jedhamu saammatanii humna ofii dhaabbachuuf yaalanii itti salpahataniiru. Salphachaas jiru. ofii salphatanii Dhaaba Ummata miliyoona 45 ol bakka bu’uu, kan maatii fi hiriyyootaa taasifachuus yaalaniiru.SAAMICHA MAQAA ABO….kutaa 1ffaa

Fulbaana 22,2015 Naqamte

23Qondaalotii fi hogganooti Wayyaanee TPLF yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti barsiisotaaf leenjiin siysaasaa kennamaa jiru irratti gaaffiin itti ka’aa jiruu fi diddaan barsiisota irraa ka’aa jiru haalaan hammaachaa dhufe.Bakkoota baayyeetti barsiisotaa fi barattoota irraa gaaffiin abbaabiyyummaa jabeessuun wayyaaneettii waaroo salphinaa aguugee jira.

Maddeen Qeerroo Wallagga aanaalee Beegii,Mandii,Najjoo fi Jaarsoo akkasumas Qeellem Daallee Waabaraa,Magaalaa Qaaqee dabalees guyyaa har’aa Fulbaana 22,2015 ammoo Wallagga Nuunnuu Qumbaa,Waamaa Qassoo,Sibuu Siree,Waayyuu Tuqaa fi Jimmaa Arjoorratti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuun Wayyaaneettii wacuufi itti iyyuun barattooti sagantaa walga’ii Wayyaanee diiguun beekameera.

Keessattu gabaasi Qeerroo magaalaa Naqamtee akka hubachiisetti barattooti qophaa’inaa Naqamtee gaaffilee bu’uuraa

  1. Maasterpilaaniin finfinnee haqamuu waadaa nuuf seenaa
  2. Filmaata sobaa waan darbeef wayyaaneen Barattoota qabxii ittiin gara yuunibarsiitii seenamu olkaase haquu qaba
  3. Zayita silgaan guutame raabsuun Innis dhibeewwan akka kaansarii,dhiibbaa dhugaa,dhibee sukkaaraa fi onnee ta’aa waan jiruuf faalessummaan uummata keenyaa akka eegamuuf zayita qulqullina hinqabneen uummata daguuguun yaa dhaabbati
  4. Mana diiggaan uummata keenya irraa haadhabbatu
  5. Maqaa Vaatiitiin mootummaan kun uummata keenya saamuu yaadhabu jechuun gaaffilee hedduu kaasanii waltajjii isin wajjin teenyu hinqabnu jechuun sa’a boqonnaa duraatti achitti isaan gatanii deemuu Qeerroon Barattoota nutti himanii jiru

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 21,2015

diddaa9Fulaaban gaafa 11.2015 Waggaa haaraa Habshaa ilaalchisuun warreen sirna nafxanyaa lellisan aanaa ManaSibuu keessaa yeroo uummata irratti dhiichisanitti Wallagga lixaa aanaa Manasibutti dargaggoonni Oromoo guyyaa kana motummaa abbaa Irree Wayyaanee balaaleffachaa oolan,haala Kanaan araddaalee qonnaan bultootaa keessaa osoo hin hafiin dargaggoonni wallitti dhufuun walleelee Qeerroo,ABO fi WBO faarsuun sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa akka turan maddi Qeerroo gabaasa.

Guyyaa kana gaaffiin mirgaa dargaggootaan dhageessifameen uumanni kan gammadee fi sochii dargaggootaa kana waliin kan hiriire yeroo ta’u jalee fi ergamtootni Wayyaanee mufii fi inaaffaa guddaan itti dhaga’muun ABOn maaliif faarfatama, Qeerroon Bilisummaas uummata keenya nurratti kaaste jedhamuun lukkeewwan Wayyaanee bakka jiranii gadi yaa’uu dargaggoota hedduu fi abbootii maanguddoos osoo hin jenne dhaanuun itti seenan. Kanumaan dhaadannoon dargaggoota jabaateen dhimmi nageenya fi dura gandaa kan tahe tokko lukkee wayyaanee poolisii Amansiisaa Birhanu jedhamuu fi bulchaan gandaas Margaa Raggaasaa kan jedhu dargaggaggoo Suleeman Kadir jedhamu irratti haleellaa fudhatameen lubbuun yoo darbu namootni hedduunis guyyaa kana reebamuu fi hidhaatti guuramaa akka oolanis gabaasni nu gahe addeessa.

Gama biraan Fulbaana 20,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa akka diigaman gidduu kana murteeffameera; Kana malees Walga’iin barsiisotaas diddaa Wayyaaneetiin ukkanfame gaaffii mirgaa barsiisotni kaachisuun walga’ii Wayyaanee dura dhaabbachuun kan Mormaa turan ta’uun ibsamera.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneedhaa tooftaalee garaagaraa fayadamuun Ummata Oromoo lafa isaarraa buqqisuu itti fufeera. Haaluma kanaan magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa 240 ol ta’an akka diigamaniif murtii isaa dabarfateera. Manneen jireenyaa kunniinis torbee tokko keessatti diigamanii dhumuu qabu jechuudhaan jiraattota magaalichaa akeekkachuun beeksisa maxxansiiseera. Ummatni gama isaaniin manneen jireenyaa nurraa diigamanii akka bineensaa dirree qullaarra jiraachuu mannaa mirga keenyaaf falmannee dhumuu wayya jechuudhaan ibsa ijjannoo baafataniiru. Mootummaan wayyaanees haala sochii ummataa kanatti rifachuudhaan humna waraanaa dabalataan garasitti guuraa jiraachuun ibsameera. Kanatti dabaluudhaanis, magaalaa fi baadiyyaan naannoo kanaa warshaalee Simintoo hedduudhaan qabamanii kan jiran waan taheef magaalota naannawaa Finfinnee jiranitti akka dabalamuuf murtii dhumaa dabarseera.

Fulbaana 21,2015 Naqamte

NekemtAadde Iteenash Margaan hojii ogummasaanii barsiisummaarraa gara W/ra aadaa fi turizimiitti haadha adeemsa hojii ta’uun yeroo dheeraa hojjechaa erga turanii booda,mormii maaster pilaanii finfinnee sadarkaa hojjettootaatti waan balaaleffataniifii reebicha fi hidhaa Oromootarratti adeemsifamu dargaggoota Oromoorraa qolachuun nama seenaa gaarii godhataniifi jaalala uummatasanii biratti qabaniin gantoota Wayyaaneen yeroo dararaa damdamachuu waan dadhabaniifi dhukkuba aariin itti dhufurraas hafuu waan dadhabaniifi hojii gadhiisanii gara maatiisaanitti galan.

Aadde Iteenash hojii Mootummaa Wayyaanee gadi lakkisuunfi lagachuun fakkeenyummaa gaarii waan qabuuf ilmaan Oromoo bulchiinsa alagaa jalaa ba’uuf hojii muudama Wayyaanee ofirraa mulquun gaarii ta’uufi tumsa barbaachisus ilmaan Oromoo waliif taasisanii walcina akka dhaabbachuu qaban hubachiifna

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 20,2015

DIDDAABalleessa tokko malee sababaa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa ilmaan Oromoo nagaan Oromummaan yakkamuun Waajjira Poolisii Aanaa Jaartee keessatti ilmaan Oromoo nagaan 32 olitti lakka’aman hidhamuun dararamaa kan jiran ta’uun ibsame.
Mootummaan Wayyaanee olola leenjii siyaasaa isaa itti uummata burjaajessuuf ofaa ture, irraa gaaffiin mirgaa kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo ilaallatu fi kabajamuu mirga namummaa ilaalchisuun mootummaa Wayyaane dura dhaabbachaa jiraachuun uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa fi qonnaan bultootni gaaffiin barsiisotnii fi barattootni Oromoo kaasaan gaaffii keenyaa gaaffii keenyaaf immoo mootummaa deebii kennuu hin qabnu jechuun sirna wayyaanee EPRDF/TPLF jalatti hin bullu jechuun murtii waan dabarfataniif Qonaan bultoota 32 olitti lakka’aman Jumlaan ukkamsee hidhee dararaa jiraachuu madden keenya gabaasan.
Walga’iin barsiisoota Oromoo Godina Wallagga Bahaa Shaambuu, Jaartee, Haratoo, Guduruu, Habaaboo Guduruu, Jimmaa Gannatii fa’aatti gaaffii mirgaa dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee OPDO irratti kaasuun bu’aa tokko malee diddaa barsiisotaan fashalaa’uun ibsamee jira. Mootummaan Wayyaanee EPRDFn waan qabee gadhiisu dhabuun Uummataa Oromoo nagaa maqaa ajaja mootummaa keenyaa fudhachuu
diddan jechuun jiraattoota Aanaa Jaartee ta’an jumlaan namoota 32 olitti kanneen lakka’aman qabee hidhatti darbuun ibsame. Ilmaan Oromoo hidhaman kunis
1.Obboo Mangistuu Abdiisaa,
2. Obboo Ayyaanaa Geetaa
3. Obboo Gammadaa Geetaa
4.Obboo Salbaanee hundee
5.Obboo Waqtolee Jaalataa
6.Obboo Mulgeetaa waljirraakanneen keessatti argaman badii tokko malee Oromummaan Yakkamuun kanneen hidhatti darbaman keessatti kan argaman ta’uun ibsame jira. Ilmaan oromoo hidhuu fi Ajjeesuun, biyya irraa arii’achunn amala mootummaa abbaa irree ta’uun isaa ifadha. Mootummaan Wayyaanee yakka Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruuf kan itti itti gaafatamu ta’uu dhaammatan.