7 thoughts on “Get Involved

  1. ALA HIN MARSIN! Ala hin marsin diinaaf diinqa laattee, Ofii baala nyaattee baala boraafattee, Kaayyoo kaayyeffattee irbuu lammiif seentee, Kan sila manaa baateef bosona filattee, Oromoo nan baasa gabrummaa jalaa jettee, Otuu fiixa hin baafatin barris tutturtee, Kaayyoo maseene maaf jechisiiste? Diina amajaajii ofitti qoosiste. Hin marsin ala seeni Oromiyaa, Diigii barbadeessi diina biyyakeerraa, Gabii hin argachiisin hin marsin alaala, Diinni nu funaanee nu fixuufii lafarraa, Diinaaf biyya laattee maaf teessa alaala? Yoo sagalee kee dhaga’e lafa raasa Oromoon, Inni taa’ee aadu gubatee mar’ummaan, Inni taa’ee gaddu dhangalaasee imimmaan, Inni roorroo morme dhiita’ee onneen. Diinasaa barbadeessuuf alana kutateera, Hamma yoomiitti jedhee itti ciniinnateera, Hin marsin malee ala diinni yoos wareeraa, Oromoon humna ta’uu alas walii baraa, Oromoon sabni kee inni baadiyyaa fi magaalaa, Reeffa diinotsaa akka aramaa walrra tuula, Alaabaa balaliisee injifannon geerara. =//= WBO!!!

  2. Hayyee; Yaa Oromoo ormii Qaroo keenya Hayyoota abdii Biyyaa Sabaa nuu keessaa nyaatee fixaa jiraachu isaa osoo argaa dhagahaa jirtu ree? maaf caliiftuu?…maaf ciiftuu?….namni ija hin qabnee Duukkana Adduunyaatu isa nyaataa karam deemaa,akkamitti bobba’ee dalagataa ree?…. Hayyuun kan jiruu dammaqee haadammaysuu. Fiinciilun mataa ofirratti jalqabu qaba. Sana booda SIRNA NAMA NYAATAA KANA HUNDEEN BUQQIISUU DHA.

  3. Wal arguu yoo tahe malee yeroo ammaa Kana oromoon hin dammaqin hin jiruuti,mee humna tana gara qabsoo hidhannootti nuuf haajijjiiramu!

  4. Eeyyee Oromoon Enyummaa Ofiiti fi Mirgi isaa Boortaan Saamamee jiraachu isaa kan wallaalee hin jiru; kun mataan isaa hedduu nama abdachisaa! Haqa kanatti fayyadamun nuti Ana irraa jalqabee Wareegama Sabaa fi Biyya kootif kaffaluf murnoon ka’un bu’aa tokko galmeessun dirqama yeeroon nurraa barbaadu dha! kanaafu durrii Hidhannoo Siyaasaa qabaachun Daandii Bilisummaa safsiisaa! Ofiitti amantummaa cimsa! Qabsoon jalqabaa Bakka jiranitti Mirga ofitif Fiinciluu,Wal gurmeessun Waloon Fiinciluu fi Carraa argamee h

  5. Hayyee; Galatoomi Yaa Qeerroo karaa harargee. Sochi Qabsoo Mirga Sabaa fi Biyyaa Kabchiisuf godhamu keessatti hidhannoon gaggeessun Fiilannoo maayyiiti Keenyas kanuma; Hunda dura ammoo Hidhannoon Siyaasaa Qabaachun Murteessaa fi Diirqama Qabsoon gaafatuu dha! Nutis Dargaggoota biyya keenyaa bakkuma jirruu irraa kaafnee Hidhannoo siyaasaa hidhachiifnee Hadhaa Qabsoon gaafatu murnoo fi Obsaan tarkaanfannee WAREEGAMA QABSOON NUU GAAFATU KAFFALUF Yeeroon sunis amma kan Sirna nama nyaataa kana irratti Hidhannee itti kaanu,Loollee isa moonu! Of kenniinee Haloota kana mijeessun nurraa eggama! Mirga keenya nu malee namni biroo nuf kabachisu essaayyuu hin dhufu! Ani Of keennee ka’ee ka’ii !! har’aa boruun hafee.

  6. Qeerroo fii oromoonni martti kan biyya keeyssaa FXG gaggeessaa jirttan akka kaayoon keessan galmma geessu shakkii hinqabnnu. Lubbuun ilmmaan oromoo hagana hinjedhamnne sochii kanaratti nujalaa diinaan nurraa dabarttee jirtti. Gumaan isaanii bilisummaa walabummaa fii oromiyaa dhuunfachuun malee maallaqaan fii waanfedheen gonkumaa hindeebitu waantaheef, haga dhumaatti qabssoo fii fincila addaan hinkutinaa adaraa. Ummannta oromootii fii dhaaba oromoo kammiiyyuu dhaamssi guddaan ani dhaamuuf rabbiif jedhaa yoo dhugumatti bilisummaa ummataa keenyaatiif qabsoofttan sochii tana bira dhaabbadhaa waan qabnnuun beekummsaan ogummaan dinagdeefii wareegama lubbuutille kaffaluun walqooduufii walmormmuu dhiifnnee haadeeggarruu. Sababnniniis hireen nuti qabnnu amma sochiin amma qeerroon kaate tun yoo fashalooytte waggaa 40 boodallee deebisuuf ni ulffaatti. Chanssiin kana itti haaffayyadamnnuu dhiiroo. Dhiiga ilmmaan oromoo kan arraafii dirillee gannaqamee hafe kana haa olqabnnuu haa hadoonnuu haa onnannuu. Ka’a KA’AAAAAAAA.

  7. Akkam jirtuu nageenyi badhadhaa jechaa waanhn arraaf qabu akka armaan gadiitii. Kunis hiwaat fi uummatni yeroo ammaa dugdaa fi garaa ergaa ta’anii oolee buleera.Hiwaat uummata keessaa akka hin akka hin baaneetti of lakka’aa turee. Ammas of lakkaa’aa jira.Waggaa digdamii shan guutuuf seera fi labsiin gubbaa irraa gara gadii ykn hiwaat irraa gara uummatatti gadi rooba malee uummata irraa gara hiwaat deeme hin beeku.Ilaa fi ilaameen yaadi fi murtiin biyyaa rawwii dhabuun oolee buleera.
    Labsii yeroo hatatamaa (state of emergency) mana maree ministerootaan murta’ee paarlamaan mirkana’ee komandi poostiin dalagaa irraa akka ooluu erga rawwii jalqabee oolee buleera.Labsiin bifa kanaan haa ba’uuyyuu malee rawwiin akkaana yeroo duraas akka turee dha. Kan kana addaa tasiisuu kan duraa waggaa dheeraaf bifa dhosaan yeroo ta’uu kan ammaa kuni bifa mul’ataan ta’uu isaati.
    Hiwaat biyyatti keessaatti abbaa warshaa fi qabeenyaa ta’ee karaa mul’ataa hin taaneen waggaa digdamii shan guutuuf biyyatti keessaatti angoo ol’aanaan bitaa jiraachuun isaa fi labsii kanaan of duraa qabuun waan nama dinquu miti.Mee enyuummaa shumamtoota ministeeraa ,paarlamaa fi komaandi poostiin jedhaman enyuu waan jedhuu lafaa ka’uuf namootni kun gubaa hanga gadiittii waggotan digdamii shanii guutuuf namoota quuqaa sammuu tokkoo malee saxilaa fi saxisiisaa,hidhaa fi hisiisaa, ajjeesaa fi ajjeesiisaa, dhabamsiisaa turan namoota isaan fakkaatan of jala keewwatanii ammalee “namni hiwaattitti dhufee annaatti dhufe” amantaa jedhuun waan ijibata sadarkaa dhumaa irraa waan jiran dha.
    Yeroo ammaa paartii angoo olaanaa koomandii poostii biyyattii guutuu keessaatti ittiin socho’aa jiran angoo fi qabeenyaa hiwaat kan ta’ee keessaayyuu warshaa yaada jedhu waan qabu fakkaata.warshaan kunis hagi tokkoo Finfinnee kaan ammoo gara naannoo tokkoo jedhan keessaatti argama.yeroof akkaataa warshaa kana ittii hundeesiisanii fi hundeessanii saminsaa qabeenyaa angoo biyyaattitti dhimmaa ba’uun ta’uun isaa enyuu duraa kan dhokkatuu miti.Garuu warshaan jedhamu kun hirmannaa uummaataan kan hunddeeffammee laataa?Akkanitti dafqaan bultoota warshichaa hojjeechisaa? Hagamtuu kafalamaaf? galiin isaa enyuuf? Gaaffiileen armaan olii kanneen murteessaa ta’anii dha.
    Warshaan tokkoo wayita hundeeffamuu fedhii biyyaa (uummataa) gidduu galeessaa yoo godhate malee cal’isee uummataa irratti kan fehamuu ta’uu hin qabu.Hundeen isaanii wantoota maree uummataa of keessaa hi qabneedha.Gareen ammoo yoo xixxaate abbaa qabeenyaa lafaa qotee bulaa irraa humnaan kaasuun ofii abbootii qabeenyaa ta’uun kafaltii baayy’ee gadi aanaa ta’een ammoo namoota kana hojjechisa.Dafqa isaanii irraa ofii mallaqaa kuufachaa (monoopoolistii) ta’aa hojjeetoota ammoo gidiraan akka jiraatan gochaa jira.Yoo milka’eefis paartiin hiwaat paartii abbaa warshaa (qabeenyaa) ta’ee angoo ol’aanaa biyyaa bitaa jira.Kan bakkaan ngahuufis warana agaazii uccuu waranaa diddaa dhabamsiistuu itti uwwisuun biyyaatti keessaatti bakkaa diddaan jira jedhamuu hundatti warana fi hidhaa deemsiisuu dha.
    Uummata gidiraa akkasii keessaa jiru irratti nagaa fi tasgabii waraanaan fida jedha.
    Yeroo ammaa kana guutuu lammiileenn Itoophiyaa bittaan of tultummaa fi meshaa waraanaa hiwaat nuu gaha jechaa jira.Uummatni biroonis keessayyuu tigray bakka sochii warshaalee ijaareef (ijaaradhee) jedhu kanatti uummatni itoophiyaa biratti sababa hiwaatiin akka kabaja
    dhaban gochuun akka shaqaxaatti lakkaa’aa jira.Namootni kunis uummata biroo waliin rakoo qoodachuuf warraqisaaf gonkumaa qoophii hin fakkaatan.waggaa digdamii shaniif osoo akka lubbuu dhabbeeyyii naqama hiwaat jalatti uukkamamee hojjeetaa jira.Monopolisttootni hiwaat yeroo xiyyaraan cidha gaggeeffatan dafqaan bultootni warshaa hiwaat fi shirkaa isaanii keessaa hojjeetan waan kafaltii qoonqoo guyyaa qofaan akkaa jiraatuu eegama.
    Yoo sadarkaa ukamamamuu fedhii namaatiin ilaalle ammoo, gulantaa fedhii dhala nama kan cabsuu sadarkaa fedhii ol aanaa kan akka fedhii enyummaa fi of dhogomsuu namni dhabee waggoota dheeraa jiraachuu ni danda’a.Fakkeenyaaf enyummaa saba oromoo fi kan biroo.Achi fedhii kabajaa fi jalalaa namni yeroo dheeraaf dhabee jiraachuu ni danda’a. Achii fedhii nagaa fi fayyuummaa namni tokkoo dhabee hanga tokkoo jiraachuu ni danda’a.akkasumas fedhii nyaataa fi dhugaatii, mana jireenya dhabee namni tokkoo hanga tokkoo jiraachuu akka danda’uu ni beekama.Garuu, fedhii hatatamsiisaa fi mudamsiisaa kan ta’ee argansuu qileensa fudhannaa malee yeroo daqiiqa hin caallee ol turuun akka hin danda’amneedha.

    Kanaafuu,biyyatti keessaatti gita bitaa uummatoota biyyatti haalan daraaraa fi ukkamsaa jiru kana irratti qabsoo keessan wanttota armaan gadii gochuun akka fininsiitan.
    • Shira tikii hiwaat qaama hawaasa, maatii, baratoota, hojjeetoota fi uummaata fakkaachuun xaxaan irraatti damaquun diduu.
    • Seekterri hojii biyyaa hiwaatiif akka mijaahaa hin taanee gochuu ta’uu banaan diduu.
    • Sochii hawaasa, wal gahii, barnoota, aadaa, amantii fi kannen biroo keessaatti xuxuqaa hiwaat irraa walaba gochuu bakka kun hin taaneetti diduu.
    • Labsii haayilemariyaamii fi komaand poostii diduu lammiilee dura dhabachuu
    • Uummatni , qeerroo fi dargagootni biyyatti akeeka labsii yeroo atatamsiisaa hubachuun magaalaa fi badiyyaa biyyattitti keessaatti fashalsiisuu.
    • Harcaatuun Hiwaat magaalaa Finfinnee teessoo godhatee seera farraa akkanaa baasuu irratti diddaa wal madaluu itti mul’isuu haa jalqabamu.
    Dhamsa hiwaatiif warana dargii fashistii jedhamuuyyuu “hanga qawwee tokkoo fi namni tokkoo hafutti naan lola” jedha tureeyyuu osoo waraanaa kuma dhibbaa shan (500,000) ol qabu Finfinnee uummataaf jechaa isiniii gad dhiisee deeme.Isinoo maal fakkaattu laataa? Biyyaa dargiin isinitti kenee kana gad ofiis ukkutooftanii biyyaas unkuteesitanii hanga qawween tokkoo nami tokkoo hafuttii filannoon keessan?Warrii akka Sibihat qabsoon harcaatuu hiwaat itti fufa jechaa turtan ammalee akkasumaa? Sagaleen keessan maa badee? Xumura irratti walee Hacaaluu hundeessaa qeerroo fi qeerriittiif “Finfinneen kan tufaa” isiin hafeeree arraaf kanuma.

Leave a comment