Waamicha Walgahii Ifa Hin taanee ABOf Taasifame Jedhamu Quba Hin Qabnu

(Ibsa ABO –Onkoloolessa 29, 2020)
Walgahii bor, Onkoloolessa 30, 2020, gaggeeffamuuf jiru irratti ABOf waamichi taasifameera kan jedhamu, dhaabni keenya kan irraa quba hin qabne tahuu miseensotaa fi ummata keenya hubachiifna.
Manguddoonni Oromoo hangi tokko qaamaan nu qunnamuun walgahii Jimaata boruu gaggeeffamuuf deema jedhamuuf ABOf waamichi taasifamuu ilaalchisuun nu gaafatuurraa, hundumtuu akka hubatuuf ibsa kana baasuuf dirqamne.
Akka isaan irraa dhageenyetti walgahii jaarmayoolee siyaasaa kanneen biroo dabalatee manguddootnis irraa qooda fudhatu jedhamu kanarratti akka ABOf waamichi taasifamee fi argamutti ka dubbatamaa jiru ilaalchisee dhaabni keenya dhimmi walgahii jedhamu kanaarraa wanti beeku tokkollee akka hin jirree fi akka itti hirmaatuufis waamichi taasifameef kan hin jirre tahuu beeksisa.
Qaamotni fi sirnoonni kabajamuu mirga ummata keenyaa dura dhaabbatan wayta mormii fi qabsoon itti jabaatu hayyootaa fi manguddootatti dhimmi bahanii burjaajii uumuufi, umrii gabrummaa sabarratti dheeressuu baruma baraan akka tooftaatti itti dhimmi bahuu aadeffatan.

Continue reading

ABO Jabeessuun Yeroon Isaa Amma. Bishaan Xiiqii fi Heexoo Cuqqaallatanii dhugu

Dr,Bulii Ejjetaa, Qoondaala ABO Irraa
Yeroo dhihoo asitti haala jajjabduu qabsaa’ooti keenya keessa jiranin kan walfakkaatu waan na mudateef rakkoo dhaabi keenya keessa jiruu irratti yaada koo ibsachuuf carraaa hin argannee. Deggertoonii keenaya hedduun irraa haala dhaaba keessatti umame irratti yaadakoo akkan ibsuuf gaaffii hedduun na qaqqabe jira. Ani hojii dhaaba kiyyaa irraa daqiiqaa tokkoyyuu akkan gad-hinteenye dhaammachaa, yaada gabaabduu armaan gadii barressuuf as baheen jira.
Haalli ABO keessatti baatii sadan fi arfan darban dhalate, mooraa qabsaa’ootaa, deggertootaa fi ummata Oromoo hedduu yaaddessee jira. Qabsoon bu’aa bahii hedduu haa qabaattu malee, wayita sabni Oromoo diina bifa isaa jijjiirratee as baheen hidhamaa, dararamaa fi ajjeeffamaa jiru kana keessatti rakkoon akkasii dhalachuun hedduu nama gaddisiisa.
Rakkoon dhalate kun ABO haaroomsuuf kan akeekkate jedhamee haa dubbatamu malee, itti-bahinsi isaa kana hin fakkaatu. ABO haaroomsuun yoo barbaachise, qabsoo keessoo dhaabaa ta’uu qaba malee caasaa dhaaba alatti deggersa qaama biroon ta’uun gonkumaa hin feesisu. Rakkoo dhalatee kana humni poolisaa fi tika Itoophyiaa hedduu itti fayyadamuun ykn qindeessuu isaanii kan mul’isuu ragaa hedduutu jira. Kunneen keessaa hagi tokko:
1. Yeroo dheeradhaaf shirri humnoota mootumaa hogganoota ABO, qabsaa’ootaa fi ummata biratti fudhatamaa fi dhageettii qaban fi kan ejjennoo xaliilawaan masakaman irratti kan xiyeeffate ture. Innumaayuu Koree Hojii Raawwachiiftuu (Shanee Gumii) ABO dhadhabsiisuu irratti kan hojjetameedha. Misseensa Shanee Gumii ABO Jaal Abdii Raggaasaa fi Mikaa’eel Booran hidhaan ugguruun akka isaan gahumsaan Shanee Gumii keessatti hin hirmaannee fi sagaleen fi murtiin Shanee Gumii gara murni tokko barbaadeetti dabuuf shira hojjetame. Shanee Gumii keessaa isaan dhabamsiisuuf wanjala dharaan guutameen mana hidhaatti ugguran. Ajaja manni murtii bilisa ta’uu isaanii mirkaneessee akka isaan gad-lakkiffamniif murtii dabarsellee humni poolisa motummaa fudhachuu didan.

Continue reading

Kuukkii/Guboo Siyaasaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Onkoloolessa 19,2020
Biyya Oromiyaa irraa!
◇ Waggaa kana Oromiyaan maal keessa ture? Har’a maaltu adeemaa jiraa? Fuulduratti maaltu dhufuu mala?
(…Loogiin Impaayera biyya tokkoo keessatti beekamaa ta’ullee ifatti akkattiin saba tokko labsii irratti baasanii meeshaa isaa harkaa funaanaa saba biraan ammoo hidhadhaa jechuun baay’eetti naa gaddisiisa…)
Hededa hallayyaa irra biyya jirtu baraaruu barbaachisa. Badiisaaf kufaatii biyyattiitti aggammatee jiru baraaruun tattaaffii sabaa feesisa. Cichooma qabsaa’otaa ykn murannoo paartilee siyyaasaa gaafata.
Barruu kana keessatti waan waggaa kana jechuun bara 2019 gara dhumaa fi bara 2020 kana keessa taaneef ta’aa jiru barreeffaamaan cuunfee katabaa, waan fuulduratti nutti aggaammate shakkii qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo akeekuun yaala. Barruun kun barruu dhugaati. Barruu dhugaa suuta obsaan dubbisu. Yoo hadhaa’e mi’eessituu itti dabaluu hinfeesisu hadhaa’aa dhuma isaa unachuu barbaada. Yoo dhangaggaa’es isuma dhuguutu dhibee kuukkii nama keessaa balleessa.

Continue reading

Agartuu Qeerroo (Tapha Geengoo)

Irra Deebii Maxxanfame.

Agartuu Qeerroo (Tapha Geengoo)
Qalbeessaa Dhangi’aan
Amajji 28,2019-Oromiyaa
-Siyyaasa Geengoo
-Qabsoo Geengoo
Seensa
The lost volcanoes of Norway | VolcanoCafe  Qabsoon Oromoo xiyya fiigaa finiinaa ta’uu qaba, qabsoon xiyya taanan siyyaasni garboonfataa irratti haboo godhachuu hindanda’u. Kanaaf qabsoon keenyas qabsoo xiyyaa ta’uu qabdi malee qabsoo geengoo ta’uun hinmalle. Oromoon qabsoo isaa galii biraan gahee fashalsa kun ammoo qabsoo ofii kunuunfachuu dadhabuu Oromoo irraa madda. Qabsoon keenya humna guddaa cabsee humna xiqqaan injifatama. Seenaa keessattis Oromoon “utuu” jechaa akka hafu kan taasise kanuma. Oromoon tokkummaan qabsoo taligee asiin gahate kana maayii irraan gahatee fashalsuu hinqabu. Qabsoo isaa kana firii qabsoo isaa bu’achuu qaba. Firii qabsoo isaa kana bira hanga gahutti fiixee Bilisummaa irraa of darbee kaayyoof akeeka isaa dagatee of balleessuu hinqabu. Mootummaan siyyaasa garaagaraa siyyaaseessuu danda’a, siyyaasni mootummaa akka nama Sololi’aaf kiyyoo kiyyeessuuti. Namni Sololi’aaf kiyyoo qopheessu jalqaba afaan Sololi’aa shaakala. Akka isheen fooriccee wal waamtutti akkeessa. Akkeessa dheeraa booda ishuma fakkaatee bosona seena. Bosona keessattis sagalee Sololi’aa dhageessisa. Akkumasheetti sagalee kuullatee fooricoon waama. Fooricoon waamamtee yoo dhufuushee argu dhokatee kiyyoosaa kiyyeessee midhaan ykn waan nyaatamu sana kiyyootti facaasee fuulduratti kuta. Sololi’aan garraamiin midhaan nyaachuutti nyaattee nyaatamti. Qeerroon akkasiiree? Miti. Qeerroon kaayyoof akeeka ABO ganamaa galiin gahuuf carraaqu: hubataadha, abshaala, gamna,aqila, haxxeedha, hinkiyyeeffamu. Continue reading

Ibsa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa irraa kenname.

“Rakkina Polotikaa Itoophiyaa fi Bu’uura Furmaatasaa
(Civil Political Discourse for Ethiopian Peoples)
Raafama Siyaasaa yeroo ammaa Itiyoophiyaan Keessa galtee jirtuu fi addatti immoo rakkoolee walxaxoon Oromiyaa keessatti mul’achaa jiran Oromiyaa dirree jeequmsaa fi lolaa taasisuun tasgabbii dhabsiisuu qofa utuu hin taane, Itiyoophiyaa badii keessaa hin baane keessa seensisaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchiinsa yeroo muddamaa(state of emergency) jala jira. Rakkinni siyaasaa yeroodhan furamuu dhabuu irraa kan ka’e caasaan mootummaa durii caccabee jira. Yeroo ammaa Oromiyaa keessa rakkina ummataa kan furu qaamni bulchiinsaa filatame hin jiru. Ummatni yoo ajjeefame, yoo saamame, yoo qabeenyaan isaa barbadaawe bakka itti iyyatee furmaata argatu dhabee jira. Kuni yoo akkasitti itti fufe rakkinni kana caalu dhufuu danda’a. Kanatti dabalee humnootni adda addaa socho’uun diigumsa Oromiyaa fi rakkina keessaa bahuu hin dandeenyee fi booda gara itti qabnu wallaallu keessa nu galcha jennee amanna.

Continue reading

The Fundamental Solution to Ethiopian Politics – New Approach

OCT 9

 

[VOL – October 08,2020] The current political crisis in Ethiopia, specially, that of Oromia, are not only meant to make Oromia war and insecure zone; rather, driving Ethiopia to irreversible misery. Oromia Regional State is under the State of Emergency. Because of the failure to timely solve political crisis, the former government structure is already broken down. Currently, there is no elected administrative organ expected to solve problems of the people. There is nowhere the people go and complains for solution even when: killed, robbed and their property are destructed. If this continues, the worse would follow. In addition, we hope that operation of various forces contributed for Dissolution of Oromia, and further aggravated not to come out of those chaos. Finally, this will inevitably mislead our way. Continue reading