Aside

Wallaggaa YuniFXG gootonni Barattooti Oromoo Itti Fufaniin, halkaan gaafa Bitootessa 30,2016 Barattoota Oromoo University Wallaggaa keessaattii humna Agaziin miidhaman keessaa suura fudhatamee. Kanneen Miidhaa ciiman irra ga’e yeroo ammaa kana Hospitaala Naqamtee jiran keessaa:
1. Ermias Edosa
2. Mangistu Sintayoo( konkolachisaa mooraa)
3. Wandimuu Saqqataa
4. Gamachiis Tarakeeny faati.

Qeerroo Bilisummaa fi Uummata Oromoo Gdina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee itti argamtaniif.

Aside

am (2) F G I ZGodina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tti dhaabni maxxantuu Wayyaanee OPDO’n ayyaana hundeeffama maqaa jedhuun jimaata guyyaa boruu magaala Sandaafaatti kaabinootaa fi jaleewwan amanamoo ishee ta’an walitti qabdee hololuuf ol gadi jechaa jirti waan taheef, guyyaa boru uummanni Oromoo fi Qeerroon Oromoo naannawa sanattti argaman mormiidhaan dura dhaabachuun akka fashalsanii afaan qabsiisan dhaamsa Oromummaa dabarsina. INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!

Gaaffiin uummata Oromoo gaaffii bittaan EPRDF Wayyaanee OPDO hundeetiin Biyya Oromiyaa irraa haa buqqa’uuti malee, gaaffii bulchiinsi gaarii OPDO fooyya’ee nurratti haa cimuu miti!!

Aside

Hariiroo Jorgoon

barruuGaaf tokko, maanguddoo Oromoo tokkoofi daa’ima Oromoo tokkotu wajjiin karaa adeema jedhan. Arba guddaa tokkotu quuncee qallishaa tokkoon hidhamee dhaabbata jedhani. Daa’ima kanatu maanguddicha gaafate. Abbaa guddaa arbi guddaan kuni akkamitti guuncee hangan geessu kanaan hidhamee dhaabbata? Maaliif mormasaa irraa of irraa kutee of walaboomsuu dadhabee? Jennaan, Arbi kun gaafuma dhalatedha quuncee kana itti hidhaniin seha yaaboo gaafa dhalatu yoo akkanatti kanaan hidhamee dhaabbachuu bare. Har’as erga guddatee waan danda’ee ufirraa kutu hinsehu. Gabrummaatti madaqee hidhamee dhaabbata. Jedhe jedhu, maanguddoon Oromoodhaa. Nutis Sheekkoo gabaabduu Oromoo kana waa malee hin yaadanne. Qilleessa jiduu kanaatu dirqama sheekkoo kana akka yaadannu nudirqe. Guyyaa hundeeffama OPDO waayyaa 26ffaa ilaalchisee jiduu kana aangawootni OPDO qaanii isaaniitiin boonanii laphee dhiibanii kan isaan media irratti qaaqaa jiran ilaalleetti silaayis barana gola gola keessatti kaabinootni walitti dhufanii alaabaa OPDO fi kan gooftolii isaanii qabatanii nama hedduu of fakkeessuuf bakka tokkotti kaameraa fuula durattti walitti qabamanii yoo kabajattan malee gad bahanii dirreefi qe’ee Oromoo irratti dhiiga ilmaan Oromoo gubbaatti dhaabbatanii ayyaaneffachuu silaayis eenyu isaanitti dhiisa? Isaanuu hin yaadani. Hin yaalle illeeti waarra yaales Oromoon gabrummaarra du’a filate gad ba’ee akkatti qaanii isaan haguuggachiise bakka maratti argaa jirra. OPDO vs Bulchiinsa Gaarii

Godina Lixa Shaggar Gindeberet Magalaa Kaachis Keessaa Irreen Uummata Oromoo Waraana Wayyaanee Injifachaa Jira.

Aside

DSC00043 - CopyMagaala Kachisii keessatti guyya fi halkan waarani Waayanee diddaa uummata irraa itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun humna dabalataa adda addaa gara aanaa kanaatti guru iyyuu irree uummataa mohachuu waan hin dandeenyeef cinqama guddaa keessa akka jiru beekame.

30/03/2016 halkaa alaaba Adda Bilisuma Oromoo ykn Oromiyaa  lafaa gabaa qidamee keessatti mukaa ibsaa irratti bakkoota hedduutti fannifamee barruuleen warraaqsaa guutuu magaalaa keessatti raabsamuu fi maxxanfamuu irraa humni waraanaa about seene jechuun raafama keessa jiru.

Jirtoota magaalaa fi baadiyaa hundaa reebichaa dhalaa namaaf hin malle  reebaa kan turan yoo ta’u,namooni hundi kan garaa keessa waan qabuf bartoota isaa gara mana barumsaa osoo hin erginii mana manasitti dhowee manneen barnootaas cufamanii jiru.

Guyyaa hara’aa immo bartoota fi jirtoota fi kanen mana magaala kireefatan hundi bartoota mana keessan kireessan jiran akka walga’ii qabatan dhiyaatan jechudhaa waarani magaala fi hidhatootni magaala fi baadiyaa mana mana irra deemudha ummata fi bartoota koota walga’ii deemaa jechudhaa dorsisaa kan turaa yoo ta’u,bartootnis jirtootnis namni tokko osoo hin ba’iin haafee jira.

Humni Liyyuu Haayil Jedhamu Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Wareru Iyyuu Gootonni Qeerroon Yuniverstii Wallaggaa Galgala Kana FXG Itti Fufan!

Aside

Bitootessa 30,2016 Fincilli xumura garbummaa galgala kana Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo isheetti bifa haaraan dhohee jira.Dhaadannoo jajjaboon baratoota galgalaan mooraa fuula duraa dhaga,amaa jira .Baratoonni heeduminaan mooraa gad lakkisuun gara uummataatti baqachaa jiru.Poolisii Oromiyaa fi humni federaalaas halkan kana baratoota karaa nagaa gaaffi gaafatan irratti dhukaasa banuun baratoota goolaa jira.Baratoonni heedduunis yeroo ammaa kana mooraa yuunversiitichaa fuulduratti reebamaa jiru.

Gootonni Ummata Oromoo Godina Harargee Bahaa Fadiis FXG Itti Fufuun Kaabinooti Wayyaanee Marti Akka Magaalaa fi Aanaa Keessaa Gadhiisanii Bahan Gaafataa Jiru. 

Aside

Fadiis Fadiisii FadisHaragee bahaa aanaa Fadisitti hawaasni, manguddoonni, dargaggoonni,hojjattoonni fi jiraattonni aanichaa marti obsa kan fixatan warraaqsa isaanii guyyaa kaleessaa irraa jalqabee haga arraatti , jechuunis guyyaa lamaaf 29/3/2016 fi 30/3/2016 ksan itti fufe yeroo ta’u, amma guutummaa guututti, bulchaa aanaa obbo Musxafaa Mahammad dabalatee kaabinoota hunda hojii irraa akka dhaabbatan taasifamanii jiru. Dabalataan, bakka bu’ummaan kanneen godina irraa warraaqsa kana dhaamsuuf kan argaman, namoonni maqaan isaanii 1. Xilaahun fi 2, Bushraa kanneen jedhaman haga namoota isiniif bakka buufnu koreen mari’annee xumurrutti bulchaa keessan kabajjanii hojiin haadeemu jedhanillee, garuu hawaani hin barbaannu jechuun mormanii jiran.

FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

Aside

stFincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.

Ukkamsaaf Dararaan Uummata Baha Wallaggaa Sibuu Sireerratti Hammaate

Aside

Bitootessa 30,2016
because-i-am-oromoAjjeechaaf Hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti guutummmaa guututti kan itti fufe.Moorummaan afaan qawweetti amanu gochasaarra duuba osoo hin jenne itti fufe.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gochaawwan Ukkaamsaa Namoota Baay’inaan Afur taa’anirratti fidhatamee jira

Kanas maatiin Namoota hidhamanii guyyaa lamaaf mana hiraarsaa Magaalaa Siree keessatti argamutti deddeebiin hubachaa erga turanii
guyyaa muraasa gidduutti bakka buuteesaanii dhabnee yaaddoo guddaa keessa seenne jedhu Namoota kanneen
1,Obbo Mangistiu Tashoomaa
Obbo mangistuun abbaa ijoollee afurii yoo ta’u waggoota barataan biyyaa keessa hin heddummanne keessa barnootasaanii xumuruun Diploma nama of harka qaban taa’anillee eenyuummaasaaniif bakka guddaa waan laataniif akkasuma Hawwasaa nutti kakaasaa jirta sababa jedhuun waan ittiin baratanii ba’aniin Hawwaasa isaanii tajaajiluu hin dandeenye.Akkasuma yeroo gara yerootti ABO mana galchitee soorta sababa jedhuun dararaa jabaa irraan gahaa turani har’as gochi akkanaa namoota Akka Obbo Mangistuu heddurra ga’a jira Obbo Mangistuurraas dararaan osoo hin dhaabbatin maatiisaanirra ukkamfamanii jiru
2,Lataa Guuta
3,Badhaasaa Geetahuu
4,Tasfaa Dhaaba
Yoo ta’an eessa buutensaanii hanga ammaatti hin baramne.