Mootummaan Wayyaanee Walgahii Miseensota Isaaf Magaalaa Sulultaa Irratti Taasiseen Naannoo addaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinnee Keessatti Afaan Hojii fi Barumsaa Afaan Amaaraa Qofa Akka Tahuu Qabu Beeksise.

Aside

Gabaasa Onkoloolessa 30,2013 Finfinnee

Onkoloolessa 25 irraa kaasee godina addaa naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irratti mootummaan wayyaanee guyyaa 5niif wal gayii miseensota isaa kanneen tahan hundaaf teesisee jira. Akka madda gabaasaa kanaatti kaayyoo wal gayii isaanii :

1.  Ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii kan miseensa isaanii tahanii jiran irratti qorannoo irratti gaggeessaa fi gaggama hojii isaanii keessa seenuudhaan wal irratti kaasuudhaan isintu iccitii mootummaa dhaaba mormitootaaf kennaa jira,keessumaa ammo dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof(ABO)  haala mootummaa keenyaa gabaasaa kan godhu numa keessaa isini jettee miseensa isaanii keessaa kanneen sabboonummaa qaban irratti yakka kana banuudhaan hojii irraa ari’uuf murtoo irra akka jirantu gabaasaa Qeerroo aanaa kanaa irraa addeessa.

2.  Gama biraan namoota sirnichaaf amanamoo jedhaman maraaf waraqaa eenyuummaa kan Federaalaa baasanii kennuu akka jalqaban beeksisuu ture.

3.  Ddhimma afaan Oromoo irratti,naannoo addaa Finfinnee fi magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii  fi barumsaa afaan Amaaraa qofa akka tahuuf iccitii dhaan mareen kun akka mariyatamaa jiruutti gabaasaaan addeessa.

4.  Barataan Yuuniversitii fi koollejji kam irraayyuu eebbifame miseensa dhaaba keenyaa kan tahe hundi hojii barbaachisu ni argata ,garuu hanga miseensa keenya hin guunnetti hanga siyaasa keenya hin fudhannetti hojii kamiyyuu argachuu akka hin dandeenye hubattanii,ijoollota keessan dirqamaan akka miseensa guuchistan jedhanii wal gayii isaanii irratti murtoo dabarsitee jirti.

5.  Ijaarsi 1/5nii jabaatee akka itti fufuuf kunis miseensa keenya adda baafachuuf waan nu gargaaruuf kana irratti miseensa keenya kan taatan guyyaa guyyaatti ijaaruudhaan,isa ijaarame ammo gabaasaa akka nuuf gootan dirqama dabarsina jechuudhan dhaamsa dabarsa  turan.

6.  Maayyii irratt yeroo fillannoo waan jala gaheef jecha uummata ofitti harksisuuf dhimma lafaa irratti kana booda lafti keessan hin gurguramu,isin irraa hin fuudhamu,xaa’oon hanga barbaaddan uummataaf ni kennama,dhimma qonnaaf waan barbaachisu mootummaa keenya isiniif guuta jedhanii miseensa isaatiin dhaamsi kun gara uummataatti akka darbuuf waadaa sobaa kana dabarsaa akka jirtu odeessaan madda gabaasichaa addeessa.

Qabxiiwwan 6n kunneen wal gayii mootummaan Wayyaanee aanaa kana irratti guyyaa 5niif miseensota isaa waliin gaggeessaa fi dhaamsa isaa dabarsaa tureedha.

NAMA FOON BEEKU SOMBAAN HIN GOWOMSAN!

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee irraa

Mootummaan Wayyaanee barattoota saayinsii fayyaa (medical science) baratan muummee barnoota gargaraatin Yuunivarsiitiwwan garagaraa irraa bara 2005 A.L.Htti  eebbifamaniif yeroo gargaraatti muummen addaan qoodee leenjii hojii duraa kennaafii jira.Mootummaan Wayyaanee barattoota hojii qabattachuu dura imaammataa fi tarsiimoo keenya beekuu fi beektanii fudhachuun dirqama keessan jedhee torbee darbe Onkoloolessaa 22,2013  irraa kaasee magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Garbii(sangaa taraa) hoteela Waabee Shabaleetti barattoota muummeewwan barnootaa afur irraa Yunivarsiitii gargaraatii eebbifaman walitti qabee guyyoota afuriif leenjisaa turee jira. Muummewwan barnootaa kunniinis; Midwife, Optometry , Anaesthesia fi Saaykaatirii yoo ta’an ajandaan inni irratti leenjisuuf waame akkaataa hojiin itti hojjetamuu fi waa’ee seektara fayyaa ture. Haata’u malee haalli kun jijjiramee mootummaan Wayyaanee guyyaa walakkaaf waa’ee fayyaa irratti mariisisaa eerga turee booda fedhii barattootaa malee dirqamaan waa’ee siyaasa isaa itti lallabaa ture. Mata dureewwan inni irratti leenjisaa ture;

1. Ijaarsa sirna dimokraasii

2.Misooma fi bulchiinsa gaarii

3-Hidhaa haaromsa laga abbayyaa

4.Midiyaa bilisaa(free press)

5.Haala ijaarsa impaayeera itoophiyaa

6.Dipiloomaasii biyyoota ollaa kanneen akka Eertiraa, Keeniyaa, Somaale ,Jibuutii fi Suudan wajjin qabu cimsuu akka qabu

7.Dhaabbilee siyaasa kanneen shororkeessitoota jedhee paarlamaan isaanii moggaase waliin namni tokko hidhata qaba yoo ta’e dhiifamni akka hin godhamneef kan jedhu irratti leenjii jedhee kennaa tureera.
Barattoonni leenjii irratti argaman dhimma kana irratti leenji’uun nu hin barbaachisu jedhanii gaafannaan hirmaachuun fedhiidhani garuu namni leenjicha hin fudhanne akka hin qacaramne jalamuranii dubbatan. Barattoonni immoo hojii qabachuu waan fedhaniif kan garaa garaatu beeka jechuun waltajjicha isaanii hangadhumaatti irratti hirmatanii jiru. Mootummaan wayyaanee gama tokkoon siyaasa barbaadan deeggaruun mirga jedha gama kaanin immoo hojjetaan mootummaa kamiiyyuu imaammata keenyatti amanee fudhachuun dirqama jedha. Leenjii kana irratti mootummaan Wayyaanee qabxiiwwan itti aananii kaa’aman kana akka ibsa ejjannootti lafa kaa’ee jira;

Leenjifamtoonnis dhimmoota isaan leenjisan irratti leenjisan kana akka hin fudhanne argisiisuf gaaffillee armaan gadii gaaffatan;

1.Nuti hidhaa laga abbayyaafis ta’ee dhimma misoomaa kamiifuu mindaa keenya irraa saantimni tokko akka muramu hin eyyemnu.

2.Mootummaan kun yoo democracy hordofa ta’e free press babal’isuu qaba.

3.Miidiyaan itoophiyaa kaabineen hoogganamuun isaa hafee nama biraan hoogganamuu qaba.

4.Miidiyaan itoophiyaa oduu hawaasaf dabarsu kamiiyyu ragaan deeggaree erga dhugoomsee booda ummata qaqqabsiisuu qaba.

5.Diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 11.6 guddate jechuu eerga jalqabdanii waggaa shan lakkoofsistanii jirtu kun dhugaa osoo ta’e maalif hin dabalu ykn gadi hin bu’u, dhibbeentaa kana yommuu baastan ikonomistoonni addunyaa irratti hirmaatanii jiruu?

Walumaa galatti kaayyoon leenjichaa siyaasa Wayyaanee gara ummataatti fiduu fi ummata gara siyaasichaatti fiduudha. Leenjiin kun torbee kanas haaluma walfakkaatun torbeewwan lamaan kanas muummewwan barnoota gargaraa waliin itti fufa.Wanta baay’ee nama gaddisiisu mootummaan wayyaanee kaabinoota isaa yommuu leenjisu durgoo guyyaa tokkotti dhibba shan herreegaf garuu warra amataa irraa hin qabneef guyyaan dhibba tokko herreegaf. Maluma hantuunni beektu adurreenis beekti jedhuu mitiiree , leenjii kana irratti namni tokko siyaasa Wayyaanee kana amanee fudhachuuf fuula isaa waan gara isaanii naannesse hin fakkaatu. Yoomiyyuu kaayyoo qabnu galmaan gahuuf boodatti hin jennu jedhu barattootni wal gayicha irratti argaman.

INJIFANNOON  UMMATA OROMOOF!!!

GADAAN GADAA BILISUMMAA!!!!

Sabboontoti Oromoo 69 ta’an Oromummaan Yakkamuun Mana Murtii Wayyaaneetti Dhihaatan.

BilisummaaOnkoloolessa 24,2013 Oromummaan himatamanii akeeka ABO ummataaf ibsuun gaaffii mirga saba Oromoo yaada jedhuun uummata kakaafataniitu himata jedhuun ilmaan Oromoo 69 ta’an Galmee Tashaalee Bakkashoo jalatti sabboonti Oromoo 33 mana murtii mana murtii Federaalaa olaanaa Lidetaa dhaddacha 4ffaa dhihaachuu gabaasi jiru Qeerroo addeessa.

Kutaalee Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa sababaa Oromummaa isaaniin yakkamuun Oromoonii bakkoota adda addaatti murtiin seeraa alaa itti kennamaa jiraatu illee ummanni Oromoo qabsoo diddaa gabruma takkaa illee hin dhaane.

Onkoloolessa 24,2013 mana murtii feederaalaa dhadacha 4ffaa kanneen dhaabbatan sabboontoti Oromoo 33 kanneen armaa gadii ta’uu beekama.

1. Tashaalee Bakkashoo
2. Tarfeessaa Magarsaa Hundee
3. Alamaayyoo Gaaromsaa
4. Mulaatuu Abdiisaa Goobanaa
5. Lijaalem Taaddasaa Hawwii
6. Hasan Mohaammed Usmaan
7. Addunyaa Lammeessaa Beenyaa
8. Milkeessaa Waaqjiraa Gammadaa
9. Saamsoon Alamuu Qixxeessaa
10. Gammachuu Ammishuu Galgaloo
11. Usmaan Umar
12. Jaarsoo Booruu Raaree
13. Usmaa’el Kaliifaa Muzayyil
14. Guutuu Mul’isaa Gaddafaa
15. Kaffaalee Faxxanaa Gabayyoo
16. Huseen Bariisoo Godaanaa
17. Tolosaa Bachoo Gichoo
18. Kaanuu Gunos Damissee
19. Ittaanaa Sambataa Tuuchoo
20. Abarraa Biqilaa Tolosaa
21. Hirphaa Duubee Deekam
22. Soorsaa Dabalaa Galaalchaa
23. Asfaaw Hangaasoo Baatii
24. Mohaammed Saalim Waaqoo
25. Bashir Daadhii Tulluu
26. Hasan Amaan Saggee
27. Muktaar Usmaan Harbee
28. Alamaayyoo Tolosaa Liiban
29. Tashaalaa Iddoosaa Dirribaa
30. Boontuu Wadaay Buuraa
31. Bulchaa Sooressaa Guyyee
32. Mazgabuu Dabalaa Waaqjiraa

Godina Gujii keessatti diddaan barattootaa dho’e uummata dabalachuun itti fufe!

Aside

Gabaasi Qeerroo  Onkoloolessa 27,2013 akka addeessutti,Barattootni Oromoo Godina Gujii gaaffiiwwan mirgaa finiinsuun diddaa dhageessisuu itti fufan. Barattootni Oromoo kunneen qabeenyi Oromoo Oromoof malee alagaaf tahuu hin qabu, tajaajilawwan hawaasaa guutummaa guutuutti Oromoof guutamuu qaban, hidhaa fi ajjeechaan doorsisni dhaabbachuu qaba jechuun gaaffii mirgaa finiinsuu kan eegalan ejjennoo tokkichaan itti fufanii jiran. Rakkoowwan tajaajilawwan hawaasaa aanaa Bulee Horaa keessatti mudachaa dhufee fi rakkoowwan hedduu Nagallee keessatti uumamaniifis Wayyaaneen itti gaafatama haa fudhatu jechuun mana barnootaa keessatti dhaadannoo gamtaan dhageessisaa jiran.

Mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo Galgaloo Waariyoo jedhamuu fi kanneen biroo mana hidhaatti ukkaamses guutummaan akka hiiku gamtaan gaafachuun sagalee isaan ii dhageessisaa jiran. Uummatni Oromoos gaaffiin mirgaa barattootni keenya gaafatan gaaffii sirriidha, saaminsi qabeenya lafa Oromoo investeroota halagaan gaggeefamu nurraa haa dhaabbatu jechuun barattoota isaanii waliin hiriiruun diddaa dhageessisaa jiru.

Gama biraan oduun keessa Wayyaanee jiru ,Waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo hoogganummaan gosummaa irratti hundaa’e haa dhaabbatu jechuun mormii dhageessisan. Mootummaan Wayyaanee keessa isaa bututaa dhufe dura dhaabbachuuf amanamtoota isaa yeroo dheeraa waraana Ittisa biyyaa keessa turaniif muudama kennuun isaa ni yaadatama. Muudamni kun amanamtoota wayyaanee yeroo dheeraa fi lammummaan Tigiree tahan irratti xiyyeeffannoon maaliif kenname jechuun waraanni Ittisa biyyaa Iizii bahaa fi Kaabaa gaaffii mirgaa gaafachaa jira. Waraana keessatti waraanni ijaaramu sabaa fi sablammiin osoo haasa’muu ajajootni maaliif dhaloota Tigiree duwwaa tahu jechuun gaaffii dhiyeessanii jiran. Ajajootni kaabaa fi bahaas gaaffii kanaaf deebii kennuu waan dadhabaniif caasaan ijaarsa ittisa biyyaa kallattii kanneen irraa laamsha’uun sirni bulchinsa waraana ittisa biyyaa rakkoof saaxilamee jira. Adda durummaan ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa keesaa hojjetan gaaffii kana adda durummaan gaafachaa kan jiran yoommuu tahu sabawwan cunqurfamoo sidaamaa fi Beenishaangulis cinaa dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa kanaan dhiphina keessa seenuun wal gahii hatattamaa hooggantoota olaanaan finfinnee keessatti gaggeessaa jiran. Wal gahii isaanii kana irrattis gaaffiileen wal fakkaataan mudachuu irraa milkiin itti hin jiran..

Barattooti Yuunivarsitii Mattuu FDG Eegalan. Gaaffii Mirgaa Qabanis Bulchitoota Mooraatti Dhihefatan.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Onkololessaa 24/2013 Godina Iluu Abbaa Booraa Yuunivarsiitii Mattuu keessaatti FDG barattoota Oromoon eegale jabaatee itti fufuu qeerroon Yuniversitii Mattuu gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo ibsutti,barattotni Oromoo biyyaa olaantummaan seeraa hin kabajamne, kan mirgi namummaa fi dimookiraasiin keessatti sarbamaa jiru keessaatti barachuun hafee, wabii jireenyaa iyyuu dhabnee jireenya yaaddeessaa ta’ee keessa jiraachaa waan jirruuf mirga keenya kabachiifachuuf, harka walqabannee haa kaanu jechuun dallaa Yuuniversitichaa keessatti walitti qabamuun sirna bulchiina Wayyaanee balaaleffaachaa turuun isaanii beekame.

Haala kanaan gaaffiin barattoota Oromoo kun bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuuttin dhihaate.Gaaffii barattooti kaasan keessatti gadi jabeenyaan kan ka’ee bulchiinsatti himame keessaa mirgi baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu sarbamuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitiicha irraa barachaa jiran mooraa Yuunivarsiitichaan alatti magaalaa Mattuu keessaatti Poolisotaa, Milishotaa fi dabbalota Wayyaaneetiin qabeenyaan akka moobayila, qarshii fi kkf irraa samamuu fi reebichi seeraan alaa irratti gaggeefamaa jiraachuu irraan baratootni Oromoo barnoota dhaabanii mirgaa isanii fi saba isaanii kabachiisuuf akka FDG gaggeessanif kan isaan kakaase ta’uu ifa gochuun, Qeerroon Yuunivarsiitii Mattuu FDG jabeessuun akka itti fufan dhaamsa dabarfatan.

Ummaanni fi barsiisonni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi nannoo magaalaa mattuu jiraatan dabbalonnii Wayyaanee malaamaltummaan qabeenyaa keenya nu saamaa jiru, lafa keenya gurgurachaa jiru, mirga keenya sarbaa jiru, mirgii baratoota keenyaa sarbamaa jira, gaaffiin qeerroo baratootaa keenyaa gaaffii keenya, qooda irraa fudhachuu qabna jechuun FDG qeerroo gootota baratoota dargaggoota abdii egreen eegalame cina ni dhaabbanna jechuun deggersa isaanii garee barattootaaf ibsaa jiraachuu gabaasi kanuma waliin jiru addeessa.