SBO Ebla 01, 2018. Oduu, Haala Yeroo irratti Ibsa Waloo Paartii Adda Bilisummaa Affaarii fi ABO, Gaaffii fi Deebii Dargaggoo Jiloo Beeksisaa Godina Gujii Bahaa Magaalaa Shaakkisoo Waliin taasifne fi Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa laatame.

Aside

#Bishooftuu, Mootummaan TPLF Wayyanen qabenyaa gurrachuu akkumaa itii fufetti jira.

Aside

Bitootessa 30,2018

Warshaa “Automotive Industry” kan makalakayaan konkolaataa oomishu keessaa meeshawwan gurgudaa bafachuun gara naannoo Tigraayitti guuraa jiru.

Gama biraan ammoo magaaluma kana keessatti kana argamu naannoo humna qilleensaatti hora bishooftuu/haroo Magariisaa kan jedhamu ABO tu gale jira jechuun dabareen halkaniifi guyyaa bosona keessa naanna’uun eggaa jiru, jiraattotni garuu sodaa qabna sababa kanaan gaara kana ibiddaan akka isaan hin gubne jechuun sodaa isaanii ibsachaa jiru, Continue reading

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Matakkal Asoosaa irraa

Aside

Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumus bakkoota Matakkal, Wambaraa, Gaalessaa fi Asoosaa jiraatu Waggoota Dheeraaf saboota biro naannichaa wajjin wal dandauun, wal kabajuun akkasumas Aadaafi Duudhaa Uummata Oromoo naannicha waliin qooddachuun nagayaan jiraachaa ture.

Nageenyii fi walitti dhufeenyi kun Karoora saamichaa mootummaan nama nyaataa wayyaanee Naannicharratti baafatteef danqaa guddaa waan itti ta’eef,  Waggootii Kurnan darban keessattii shira a fi daba garaa garaa xaxaa turteetti. Kunis akkuma Oromoota naannoo Sumaalee, Raayyaa fi Walloo saboota naannichaa wajjin walitti buusuun Oromoota ajjeesuu fi Buqqisuu ture.

Haa ta’uyyuu malee Qabsoo Hadhaawaa Qeerroo fi Hawaasni Oromoo Naannichaa godheen harkatti fashalee jira. Kanaan kan Gubatte Mootumman Murna Bucuu TPLF sabboontota Oromoo Qaqqaalii naannichaa waggaa darbe qabdee mana hidhaatti waxalaa jirti. Continue reading

SBO: Bitootessa 30, 2018. Oduu, Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Hiriira Mormii Hawaasni Oromoo Awustiraaliyaatti gaggeesse ilaalchisuun gaaffii fi deebii Pirezdaantii Hawaasa Oromoo magaalaa Meelborn waliin taasifame

Aside

Adam Bandt:-The human rights and political rights of the Oromo people are under attack in Ethiopia

Aside

The human rights and political rights of the Oromo people are under attack in Ethiopia. There are disturbing reports of violence against Oromo protesters that has left 1000 civilians dead and the imprisonment of tens of thousands of people for exercising their right to political protest. I call on the Australian government to stand up for human rights for the Oromo people.

Godina Jimmaa Aanota Adda Addaa Keessatti Dargaggootii fi Ummanni Oromoo Jimulaan Hidhamaa Jiru.

Aside

[SQ, Bitootessa 29,2018] Godina Jimmaa Aanaalee garagaraa keessatti Namoota Komaand poostiin hidhamanii jiran jiran keessaa kanneen maqaa isaanii akka armaa gadiitti jirtu dha.

 Aanaa Gommaa Aggaarootti

1.Injinar Baahir Zeenuu Geembee irraa

2.Miftaahii Abdussalaam Aggaaroo irraa

3.Fu’aad Alii Geembee irraa

4.Naamus Abbaanagaa(Abbaaf Obboleessa woliin komaand poostiin dura sobaan hidhame!) Geembee irraa

5.Fayyisaa Hirphaa Aggaaroo irraa Continue reading