Guraandhala 26,2015 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argaman diddaa siran cunqursaa Wayyaanee Jabeessuun guyyaa har’aa i hogganaa abbaa irree Wayyaanee TPLF/EPRDF kan ta’ee Abbooy Tsaayyee balaaleffachuun Magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun Wallee Warraaqsaa FDG finiinsuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffatan.
Akkuma bara darbe baatii Ebla 11,2014 irra eegaluun gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi dimookiraasii karaa nagaa qabsiisuun FDG dhoosuun Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haarawaa banan torbee kana keessaa waldorgommii Ispoortii akka Oromiyaatti Jimmaatti gaggeeffama jiru sababeeffachuun Wallee Warraaqsaan uummata Oromoo hundaaf dammaqinsa qabsoo gochuu eegalaan; guyyaa har’aas itti jabeessuun ifatti ba’uun mootummaa Abbaa irree EPRDF /TPLF Abbaay Tsayyeen durfamuu Wallee Warraaqsaa dhaadanoon wal makatee fi barnoota guddaa uummataaf dabarsuu fi FDG’f nama onnachiisuu dhoosuun ifatti abbootii Irreef uummatni jilbeeffatee akka hin bitamnee magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun labsii godhani jiru.
Diddaa guyyaa har’aa goototni ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa uummata Oromoo ittin faarsaa olaanifi hogganaa wayyaanee Abbay Tsaayyee ittin balaaleffachaa oolaan , hedduu kan uummata hawwatee fi uummaatni fi dargaggootni Magaalaa jimmaa manaa ba’uun wallee warraaqsaa kanatti makamuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuu fi kan itti hin bullee ta’uu ibsachuun, Addatti immoo hogganaa Wayyaanee TPLF/EPRDF kanneen akka Abbaay Tsayyee sagalee guddaan balaaleffachuun: wallee warraaqsaa Ka’aa lollaa, Wayyaanee lollaa, Abbaa Irree Abbaay Tsayyee hogganaa wayyaanee lollaa , Ka’ii Oromoo falmadhuu, Wallaggarra falmadhuu, Amboo irraa falmadhuu, Jimmaa Irraa falmadhuu, Iluu irraa falmadhuu, Harargee irraa falmadhuu, Arsii gubbaa falmadhuu, Gujii Booraanaa falmadhuu, Arsii Baalee falmadhuu, Ka’aa lollaa abbaay Tsayyee lollaa, jechuun sagalee guddaan wallee warraaqsaa qabsiisuun Waamichaa FDG uummata Oromoo hundaaf dabarsan. ”kA’AA LOLLAA Hogganaan abbaa irree EPRDF/TPLF Abboyi Tsayyee uummata Oromoo jumlaan ajjeesisaa, hiisisaa, biyyaa irraa arii’achaa turee dhiyeenya immoo jechoota eenyummaa sabummaa fi mirgoota sabummaa uummatichaa tuquun dhimmaa ”MASTER PLAN FINFINNEE” wal qabsiisuun uummaata Oromoo abaaraa/arrabsaa .fi doorsiisa ture ni lollaa, ni balaaleffatna, aqngoo irraa bu’uu qaba jechuun wallee warraaqsaa jabaataa fi aarii jechoota dhiyeenya Abaay Tsayyee hogganaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF dubbatee addatti kan balaaleffate yoo ta’uu, akka walii galaatti qabsoo FDG finiinsuuf qindoominaa fi ga’uumsa Sochii dargaggoota Oromoo FDG gaggeessa jiranii uummataaf ibsuun, FDG waliigalaatti akka uummatni Oromoo makamuu fi harka walqabatee ka’uuf karaa kan saaqaa jiru ta’uun hubatame jira. Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa , Yuunibarsiitii Jimmaa,fi kolleejjii barsiisota Jimmaa sochii gootota Qeerroo barattoota Oromoo kanatti boonuun, isin malee maal qabna, isin cina jirraa, ija Abbay Tsayyee dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa turee fi dhuguuf labsii dugguugginsa sanyii Genocide labsa jiru irraa isin haa qabu, isin waliin jirraa jabaadha jechuun jalalaa fi fedhii guddaa qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ibsatan, FDG keessattis harka walqabatnee ni kaana jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isanii dabarsan.
Humnootni Poolisii Wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’iin fi humni tikaa fi dabballootni Wayyaanee sochii kana dura dhaabbachuuf ramadamaan human isaani ol waan ta’eef waan qabanii gadhiisan dhabuun dhiphina guddaa keessa seenani argamu. Magaalaan Jimmaas muddama guddaa keessa seentee kan jirtu ta’uun beekamadha.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...