Addi Bilisummaa Oromoo muudama Abiy maqaa ABOtiin kenne “maqaa dhaabichaafi maqaa uummata Oromoo balleessuudha” jechuun balaaleffate.

Bilisummaa Oromoo ibsa Onkoloolessa 8/2021 baaseen muudama Abiy kenneefi kan maqaa ABOtiin daldalame irratti yaada kenneera.
Ibsa kana keessatti Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebiidhaan filannoon marsaa jahaffaa jedhamee Waxabajji 21/2021 geggeeffame seerawaa akka hin taaneefi fudhatama kan hin qabne ta’uu uummata Itoophiyaa fi dhaabbilee Idil-Addunyaaf ibsaa turuu eeruudhaan filannichi jalqabarraa haga dhumaatti wal xaxaafi haqa qabeessa kan hin taane, waliin dhahamee kan keessa darbame ta’uu ibse.
Itoophiyaa keessatti filannoon haqa qabeessaafi dimokiraatawaa ta’e jiraatee kam hin beekne ta’uu kan ibse ABOn, jalqabumarraa Abiy Ahmed qaama biyya bulchu kan duraan ture EPRDF seeraan ala diiguudhaan paartii mataasaa PP uummatee kaayyoo ofii galmaan ga’achuuf hojjechaa kan tureefi jiru ta’uus hubachiiseera. Dhaabni seeraan ala ijaarameefi tokkichummaa (Unitary) leellisu PPn filannoo qindeessuufis ta’e biyya hogganuuf seerummaafi fudhatama kan hin qabne ta’uu ABOn ibseera.
“Abiy Ahimed akkuma aagngoo qabateen gaaga’ama heeraa dhalchee paartii isaa PP akka mootummaatti ijaaruudhaaf qabeenyaafi humna akka malee fayyadameera”.
Filannichi geggeeffame paartilee hunda kan hin hammanneefi ABO fi KFOn humnaan dhiibamanii filannoo keessaa ba’anii PPn akka fedhetti filannoo geggeessuunsaas ibsa kanaan tuqameera.
Yeroo filannoo kana keessa kutaalee biyyattii kan akka Lixa Oromiyaa, Kibba Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, Giddu galeessa Oromiyaa, Affaar, Somaalee fi Naannoo Tigiraay keessatti walitti fufinsaan lolli geggeeffamaa akka ture kan ibse ABOn, haala ulfaataafi bakkoonni hedduun sababa waraanaatiin filannoon keessatti hin geggeeffamiin hafe keessatti PPn filannoo sobaa kanaan uummata biyyattiifi uummata Addunyaa dogoggorsuuf yaaluu akeeke.
Yeroo ammaa paartiin tokkichummaa Abiy Ahimed of haaressee kan ‘mootummaan ijaara’ ofiin jedhu kun yaada Abiy dhugaa gochuudhaaf dhama’aa kan jiruu ta’uu akeekuudhaan, adeemsa kana keessatti kan ‘mootummaan ijaara’ ofiin jedhee walitti qabame tutni kijibaa maqaa ABO fi kan uummata Oromoo seeraan ala akka malee itti fayyadamuusaa Addi Bilisummaa Oromoo cimsee kan mormu ta’uu ibsee jira.
“Mootummaan Dr Abiy maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fayyadamee seerawaa of gochuuf uummata Addunyaa fi uummata Oromoo gowwoomsaa jira”
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...