Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haal duree qophii FDG bilisummaa Ummataa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kabachiisuuf gaggeeffamu jabeessuuf qophii dursaa eegalan.‏

Aside

 Sadaasa 22/2014 Qeerroon  Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qophii Waarii Artii barattoota haaraawaa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif  mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Saayinsii fi Tekinoolojii keessatti Qopheessuun  barattoota Oromoof wa’ee eenyummaa, Oromumummaa, Sabboonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barnoota bal’aa fi haalan aja’ibsiisa ta’e dabarsan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo  qophii kana irratti walaloo fi wallee warraqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan, Gootota Oromoo warraa bilisummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yeroo garaagaraatti bakka garaagaratti wareegaman  maqaa isaanii waamuun leellifatani qabsoo wareegamaan as ga’ee, Imaanaa gootota keenyaa galmaan ni geenya jechuun waadaa isaanii harmsan. Qeerroon bilisummaa Oromoo ademsa sochii warraqsaa fi haal duree FDG tiif walaloo fi walleeleen warraqsaa Qeerroon goototni  barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa itti jiran  barnoota guddaa uummata Oromoof dabarsaa kan jiruu fi adeemsa qophii FDG ta’uu uummata Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsa.  Guutummaa walaloo fi walleelee warraqaasaa kallattiin waltajjii irraa dargaggootaa fi barattoota Oromoo fi barsiisotni Oromoo fi hojjettootni ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  kumootaan lakka’aman kan qooda irraa fudhatan.

Sochii Barattoota Oromoo Yuuniversitii Naannoo Oromiyaa Keessatti Mul’ataa Jiruun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Humni Waraanaan Yuuniversiileen Eegamuu Qaba Jedha!‏

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo, Sadaasa 26/2014
Mooraaleen Yuuniversitii naannoo Oromiyaa keessa humna waraanaa fi tika Wayyaaneen eegamaa jiraachuu Qeerroon gabaase. Fincilli mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti eegaleef mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa naannoo Yuuniversiti eegumsi akka jiraatu murteeffameera, mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti barumsi dhaabbatee kan jiruudha.

Kana malees torbee kana fincilli Yuuniversitii Amboo keessatti ka’uuf jedhamee dursee mootummaan wayyaanee humna waraanaa ramaduun dhagayame, yeroodhaaf barattootni kan callisan tahus, yeroo ammaa yuuniversitii naannoo oromiyaa keessatti sochiin barattoota sabboontota oromoon gaaffiin mirgaa ka’uuf waan mumul’ataa jiruuf mootummaan wayyaanee murtoo keessa seenee jiru kan dhagayamu yuuniversitiileen naannoo oromiyaa tikaan eegamun waan dirqama tahudha jechuutu dhagayama. Akkasuma yuuniversitii dame Asellaa keessattii waraqaan balaliituun halkan edaa mooraa keesatti tamsa’ee naannoo garagaraatti mul’ateen bulchiinsa yuuniversitii dame Asallaatti fincilli barattootaan ka’uudhaaf deema waan taheef dursee akka of qopheessan, barattoota seeraan akka qabanii fi hordofan akeekachiisni gahaa jira jedhama,akka gabaasni Qeerroo irraa dhaamamaa jirutti yuuniversitii Wallaggaa, Damee Yuuniversitii Gimbii,Mattuu, Jimmaa, Finfinnee, Amboo,Adaamaa, dame Asellaa, Haromayyaa fi Bulee Horaa keessatti ka duraa irra sochiin barattoota oromoo, gaaffii mirgaa fi dhimmoota barnootaan wal qabsiisanii gaafachuun waan itti fufaa jiruuf akkuma sochiin barattootaa kun mul’ataa jiru caasaan mootummaa wayyanees waan dhagayuu fi itti yaaddawaa jiruufis dursanii fincila barattootaan dura of qopheessuutti dirqamanii jiraachuutu yeroodhaa yerootti waan hubatamaa jiruudha.