Qophii Addaa:- Oromoon Xoobiyaa Jalatti Lammummaa Argatee Hin Beeku!
Amajjii 20,2016 Guyyaa Hardhaa Magaalaa Finfinnee keessatti Goototni Daragaggootni Oromoo Hojii Humnaa Hojjechuun of jiraachisan Ayyaanaa Cuuphaa sababeeffachuun walitti dhufuun Dhaadannoo fi Wallee Warraaqsaa Dhageesisuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF Balaaleeffachuun ABO Faarsaan , Ayyaanni Cuuphaa kunis Sababaa Mootummaan Wayyaanee Humna waraanaa Guddaa irratti bobbaaseen uummatni Keessattuu Hordoftootni amantaa Kiristaana Ortoodoksii , nagaan ayyaaneeffachuu akka hindandeenyee fi Uummatni Waraanaan sodaachifamee Humna waraana mootummaa Wayyaanee EPRDF’n Shoroorkeessa guddaa ummatarraan ga’uun ibsame jira.
Goototni Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti argaman walitti dhufuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa , mirga dimookiraasii fi kabajamuu mirgoota amantaa hundaa fi bilisummaa uummataa Oromoof jechaa karaa nagaa utuu mormanii wareegamaan gadda
guddaan ni yaadanna. Warraaqsaa FXG jabeessinee itti fufna jechuun Sagalee dhaadannoo fi wallee warraaqsaa dhageesisuun mormii qaban
ibsatan. Wallee Warraaqsaan Nuf jiraadhu ABO koo yaabbaa biyyaa utuun ilaaluu Oromiyaa biyyaa koo hin kennuu kanaafan iyyaa, Korma Guduruu Oromoon ABO’n gootumaa duruu , ABOn biyyaa hin gurguruu jechuun wallee warraaqsaa fi dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman, ilmaan Oromoo ajjeefamaniin mootummaan itti haa gafatamu jedhuun dhaadannoo Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee jiran keessatti dhageesisan. Addatti Kutaa Magaalaa finfinnee Yakka jedhamuu Daandii gara Magaalaa Laga Xaafoo Laga daadhii itti baasuu bakka Karraa jedhamutti Dargaggoota Oromoo fi humna waraanaa wayyaanee poolisii federaalaa gidduutti walitti bu’insa uumameen dargaggootni hedduun Poolisii Federaalaan reebamuun gabaafamera, gabaasa waliigalaa Ayyaanaa Cuphaa fi mormii uummataa isiniif ni dhiyeessina.
Biraanee Fiqruu Mul’isaa jedhamti dhimma mormii MP fi FDG Oromiyaa keessattin deemamaa jiruun walqabatee godina kibba lixa Shaggar aanaa Daawootti mana hidhaa aanichatti dararamaa jirti.Kan hidhamte gaafa guyyaa 27,12,2015ti ture ergasi beellama si’aa 2irratti gaafatan yoo ta’u yeroo lachuu guyyaa 9 sagaal irratti gaafatani turan. Ammas hanga 28/1/2016tti tursisan kan akkas rawwachisa jiru immo bulchinsaa aanaa kan ta’e obboo Fayyisaa Dhaabaa jedhamu, wajjirri poolisii aanaa fi mannii murtii anichaas hojii seeraa dhisaani hojii siyaasa dalagaa jiran.
Adde Biraaneen haadha mucaa tokkoo fi hojii daldalaa irratti bobbaatee hojjetaa kan turte sabboontuu fi gootota Oromoo kan taate ta’uun beekamti.
Har’a Amajjii 20,2016 Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti Uummata Magaalattif Qeerroon Waliin ta’un “Dhala keenyaaf Haadhoo of biraa dhabaa yeroo jirrutti nuti gammachun ayyaana dabarsuu hin dandeenyu” jechuun gara FXG finiinsan walle warraqsaa kan yoomille gurra ummataa keessa hin banne (baala hadaami shaggo yaa sharritti fkkf)n geellifama ture Humni waraana kan qubsumas Naqamte godhate akkuma amala ummata bittimsus akka hin dhabbanne abdii guutun hima oduun achi nu dhaqabe.
Har’a Amajjii 20,2016 Magaalaa Naqamtee naannoo kuusaa bunaa durii bor bakka naafxaa NOC jedhamutti gobii sirbuudhaan, Qeerroon magaalaa Naqamtee hanga abbaan biyyummaa keenya mirkanaa’utti FXGn keenya duuba hin deebi’u jechuun guyyaa har’aa kana fincila geggeessaa jiru
Hoo Baala baddeessaa Wayyaanee Nurraa geggeessaa, Hoo korma guduruu Oromoon biyya hin gurguruu jechaa dhaadhannoo dhaanootummaa Wayyaanee abaaraa oolan Loltooti humna garboomfataa tigiraayis humna isaa ilmaan shanan Leeqaa irratti bobbaaseen boombii aara imimmaan nama buusisu irratti facaase.
Haata’u malee,hiriirtonni durumaan bishaan qabatanii ba’uun Ijoollee irratti facaasuun baraaranii ammas yeroo lammataaf hiriirri wayita itti fufu,humni agaazii itti roobsamuun addaan bittinneessuun isaa beekameera Jiraattonni magaalaa Naqamtee yeroo amma kana humni waraanaa mana galmaa isaanii keessaa humna waraanaatiin qabamanii akka gara mana hidhaatti guuramaa jiranis beekameera
Amajji 20,2016
Sagalee Uummataa uukkaamsuu kan amaleeffate Mootummaan Waayyaane,har’as aangoosaatti fayyadamee FXG dhaamsuuf dhamaati ta’e
duraa fashala’uun jiraatus abdii osoo hin kuti humna waraanaa hidhannoo guutu Uummata civil keessa bittumsuutti jira Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti amajji 18 2016 asitti Agaazii 400 guyyaa hara’aa Amajjii 20,2016 dabalanii baadiyyaa keessa qubachiisanii akka jiran gabaasame.