Monthly Archives: December 2016
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo , Mudde 29,2016
Aside
Guyyaa WBO Amajjii Tokko Bara Haaraa 2017 Kabajamuuf jiru Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 29,2016
Uummata Oromoo Hundaaf
Baga nagaan jala bultii guyyaa WBO kan bara 2017 fi waggaa haaraan isin gahe. Guyyaa ayyaana dachaa kana yeroo itti kabajachuuf deemnu haalli ummanit keenya irree cunqursaa jala jiruu fi walabummaa isaaf ammoo warraaqsa hiriyyaa hin qabne gaggeessuun wareegama ol aanaa kafalaa jiru keessa jirra. Barri 2017 kun kan milkii fi injifatanoo akka nuu ta’u irratti qabsaawuun dirqama qabasoo nurraa eegamu akka baanu abdii qabna.
Guyyaa kabajamaa fi seenaa qabeessaa Amajjiin gaafa 1 uummata Oromoof haarawaa miti, Oromoo dhalatee Oromummaa isaa beekuu fi Oromoo qabsoo bilisummaa isaa fi walabummaa Oromiyaaf falmaa hadhooftuu gaggeessaa jirutu guyyaa kana haalaan midhaksee beeka. Bara kanas Amajjiin tokko Guyyaan WBO Oromiyaa Godinaalee cufa keessaatti bifa adda ta’een Qeerroo Bilisummaa Oromoo, miseensooota Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Uummaata Oromoo, maadheewwaan ABO, gootota barattoota Oromoo , Humnoota qabsoo Bilisummaa Oromoo, WBO-ABO fi sabboontoota ilmaan Oromoo waliin ta’uudhaan kabajamuuf kan jiru Ammajjii tokko Guyyaa seenaa qabeessaa akka daawwitiitti ija uummata Oromoo jalaa hin badnee bifa addaan kabajamuuf jira.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Mudde 29 2016 fnl.pdf
SBO: Muddee 28 bara 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii haala yeroo irratti manguddoo Oromoo jiraataa Godina Arsii Obboo Morkii Dheekkamaa waliin taasifame Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SBO: Muddee 25 bara 2016. Oduu fi Qophiilee Adda addaa.
Aside
SBO: Muddee 23 bara 2016. Oduu fi Qophiilee adda addaa.
Aside
SBO: Muddee 21 bara 2016. Oduu fi Qophiilee adda addaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SBO Mudde 18,2016. Oduu fi Qophilee haala yeroo irratti dhihaatan
Aside
SBO: Muddee 16 bara 2016. Oduu fi Qophiilee Adda addaa.
Aside
SBO: Muddee 14 bara 2016 Oduu fi Qophiilee Adda addaa Akkasumas SBO Sagantaa afaan Amaaraa.
Aside
Godina Arsii Aanaa Roobee Mana Barumsaa Roobee Diidda’aa S/2ffaa Keessatti FXG Itti Fufuun Waraanni TPLF Barattoota Hidhaa Jira.
Aside
Mudde 10.2016
Godina Arsii Aanaa Roobee m/b Roobee Diida’aatti Mana barumsaa sad 1ffaa Xaqqee jedhamuun beekamutti Mudde 9,2016 barattoonni akkuma qormaata xummuranii bahaniin harka isaanii lamaan wal qaxxaamursiisun mallattoo mormii FXG agarsiisuun homna komaand poostitiin barattoonni afur hidhamuu fi kanneen hafanis adamfamaa jiraachuun dhagayameera.bifuma wal fakkaatun gootonni ilmaan Oromoo achuma aanaa Roobeetti Mana barumsaa sadarkaa 1 ffaa Ataabaa Goraas kan makamaniifi mallattoo mormii FXG agarsiisuu isaanitiin barattoonni hedfuun humnoota poolisii achitti ramadamaniin reebamuun isaanii himame
Kana malees Arsii Aanaa Xiyyootti human komaand poostitiin guyyaa har’aa barattoonni m/b Xiyyoo sad1 ffaa hedduun hidhamaa jiraachuun himameera.