Wayyaaneen Marsaaleen Hawaasaa Akka Hin Banamne Irra Deddeebi’ee Ugguraa Jira.

Aside

14881485_687666158075975_895572066_oMootummaan Wayyaanee erga interneeta kutee odeeffannoon biyya keessaa akka jalaa ba’aa jirus hubachuudhaan hordoffii addaa taasisaa jira Marsaaleen hawaasaa adda addaa akka biyya keessatti hin banamne taasisaa jira.

Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth Australia Qeerroo Bilisummaa Cinaa Dhaabbachuuf Maree Taasisan.

Aside

Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisumma Oromoo magaalaa Perth, Australia, guyyaa harra (30/10/2016) walitti dhufuun akkamiin qeerroo biyya keessaa, bobaa diinaa jala ta’anii qabsa’a jiraniif akkamiin daran cimsee akka tumsu mari’atee, Akkuma kanas, haala kabajaa guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa irratti yaada wal jijjirre jirra. Continue reading

Maal Haabaasuuf Dhama Raasu

Aside

 Damee Boruutin

img_2763
Waan nama gadisiisu  guddaan tokko yaroo bara baraan guddachuu dhabnu dha. Bara kana keessa yaroo uummatni diina wajjin kokee wal qabee xinnaa fi guddaan Bahaa amma Dhihaa, Kaaba amma Kibbaa dhiiga isaa lolaasaa jiru akkuma bara darbanii  arrabaa fi abaarsa hojii keenyaa duraa godhachuun kan nama gadisiisu caalaa kan nama gaafachiisuu tahuu qabu. Gaaraa garumaan namootas tahee ijaarsota maqaa Oromoo mogaafatanii socho’aa jirra jedhan jidduu jiru amma diina wajjin hiriiroo hin galeetti  kan lamaffaa fi kannagaa hiikamuu danda’u dha.

Qabsoon uummata Oromoo yoom iyyuu caalaa har’a bakka tokkotti itituu qaba. Kana jechuun ijaarsonni kun halkan tokkotti tokko tahanii buluu qabu jechuu miti. Waan akka tokko hin taanee isaan godhe waan jiruuf amma sana furatan yaroo fudhachuun hammeenya hin qabu. Waan baayyee nama dhibuu fi guddachuu dadhabne nama jechisiisu, ijaarsan qaba jedhanii waa’ee kaayyoo ijaarsa ofii injifannoo ijaarsi isaanii qabsoo uummata Oromoof galmeesse himachuu irraa waan ijaarsi biraa hojjechuu dadhabe, waan ijaarsi biraa balleesse odeessaa ooluun tooftaa qabsoo isa duraa taheeargamuu isaa ti. Kanaaf immoo itti gaafatama duraa warri qaban warra ijaarsa qabna jedhan yoo tahu.  Warri isaan dhageenuus isaani irraa adda bahuu hin deenyu. Yaroo isaan ijaarsa biraa geeraruu qaban , kan ijaarsa kee qofaa nuuf himii achi irraa bu’ii jechuu qabna. Isa bareedaa hojjeeteef isa faarsinee isa hojjechuu dhadbabeef isa jajjabeesinee nagaa itti dhaamna.

 

Continue reading

Godina Arsii Keessatti Waraanni Wayyaanee Dhumaatii Ummata Oromoo Irraan Gahaa Jiru.

Aside

 

cropped-qeerroo-edit.jpg

Labasii Wayyaanee Hojii Irra Oolchuuf Jecha  Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Keessatti Waraanni Agaazii Wayyaanee Gaga’ama Ajjeechaa fi Hidhaa Ummata Oromoo Irra Gahe Daran Ulfaataa Ta’uu Qeerroon Saaxile.

Onkoloolessa 29,2016

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  1. Nageellee Arsii irraa kanneen hidhamaan *335*, kan ajjeefaman *70*, kan dhabaman hin beekkamne.

2. Kofale irraa kanneen hidhaman nama *87*, kan ajjeefaman *6 *kan dhabaman hin beekkamne.

3. Shaallaa fi Ajjee irraa kanneen hidhaman *400*, kan ajjeefaman *85*, kan dhabaman hin beekkamne.

4. Adaabbaa irraa kanneen hidhaman *65*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.

5. Dodola irraa kanneen hidhaman *77*, kan ajjeefaman *17*, kan dhabaman hin beekkaman.

6. Jaju irraa kanneen hidhaman *97*, kan ajjeefaman *5*, kan dhabaman hin beekkamne.

7. Saddiiqa irraa kanneen hidhaman *361*, kan ajjeefaman *16*, kan dhabaman hin beekkamne.

8. Munessa irraa kanneen hidhaman *345*, kan ajjeefaman *12*, kan dhabaman hin beekkamne.

9. Xiyyo irraa kanneen hidhaaman *180*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.

10. Heeban Goljootaa irraa kanneen hidhaman *213*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.

11. Digalu fi Xiijoo irraa kanneen hidhaman *235*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.

12. Qoree irraa kanneen hidhaman *311*, kan ajjeefaman *25*, Isaan keessaa Fayyisoo Gammadaa Xabboo fa’aadha. kan dhabaman hin beekkamne.

13. Leemmoo fi Bilbilloo/Boqqojjii irraa kanneen hidhaman *300, *ajjeefamanii fi dhabaman hin beekkamne.

14. Shirka Xannaa irraa kanneen hidhaman 700, kan ajjeefaman 2, kan dhabamn hin beekkamne.

Continue reading

Aside

Waamich Dirmannaa Xumura Fincila Garbummaa fi

Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO!

Haala yeroo irratti MGS-ABO fi itti gaafatamaa Birkii Diplmasii biyya alaa J/Dr.Shigux Galataa, Miseensa hoggana WBO Zoonii Kibbaa fi J/Seenaa Dhugaa miseensa hoggana Qeerroo Bilisumaa irra ibsaa  ni kennama. Akksumsas haala qabsoo kenyaa irraa jiruu fi egereen qabsoo keenyaa irraatti marii bal’aan ni taasifama.

Kutaa ABO Scandinavia (Iskandiinaviaya) Guuyyaa Yaadannoo FDG wagga 11ffa bara kana bifa addaan yaadachuuf karoorfatee jira. Haala qabatamaan biyya keessatti raawwatamaa jiruu fi sadarkaa qabsoo keenya irra jiru  xiyyeefanna keessa galchuun; wareegama ilamaan Oromoo kaffalaa jiran galmaan ga’uun dirqama Oromoota hundaa ti.

Kanaaf Miseensonni, Deegartoonnii QBO fi Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabnu hundi gumaacha qabsoo nugaafatu keessa;  addatti Tinnisa diingdee fi yaadaa gumaachuun  yaadannoo guyyaa FDG bara kana akka kabajaan isni afeerra.

Akkasumsa Artistoonni Oromoo Kanneen akka Hirphaa Ganfuree, Tottobaa Taddasaa fi Dangaa Hayile- Iyessuus sirboota qabsoo fi warraaqsaan hirmaattota walga’ii kan bohaarsuuf qopha’anii jiru.

Oromoon hundi Wareegama Oromoonni qabsoo Abbaa biyyummaa fi Bilisummaa isaanii baasa jiran galamaan ga’uuf gumaacha qabsoon nugaafatu ba’uuf koottaa waliin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO bira waliin haa dhaabbannu!

IUO!

Kotaa ABO Scandinavia!

Lixa Oromiyaa Gimbii Keessatti Walitti Bu’insi Qaama Humna Waraana Mootummaa Keessatti Mudate

Aside

Onkoloolessa 29,2016

Guyya kaleessaa Gimbii keessatti Loltoota Mootummaa Wayyaanee gidduutti walitti bu’insi jabaan uumamee jira.Walitti bu’insa Kanaan Qaamota uummata nagaa gooluuf bobbaafaman irraa namni 3 Wareegamuu akkasuma loltotta dhiiga Oromummaa qaban 6  humna Ittisa Uummata ta’uuf uummatatti makamanii jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

Magaalaa Naqamtee Keessatti Qeerroon Afaan Qawween Hin Bullu Jechuun Warraqsa Finiinsan

Aside

Onkoloolessa 28,2016

Itti fufaQeerroon Leeqaa yoomiyyuu afaan qawween buluun nuuf hin ta’u jechuun humna diinaa hidhannoo guutuun magaalaa Naqamtee weeraree jiru dura gootummaa jabaan Uummata Magaala Naqamtee waliin takaroo wal qabaa jira.Mormii guyyaa gara guyyaatti Mootummaa shororkaa Wayyaanee hudhee qabaa kan ture,guyyaa har’aa Magaalattii keessa bakka Boordii jedhamtutti humna diinaa ofirraa gaggeessuuf waloon itti bobbaa’ee ba’aa gala diinaa yaaddoo jala oolchee jira.Sababa Sochii warraaqsaa har’a finiinfameen uummatarra tokko wareegamuunis akkasuma hedduun hidhamaa jiraachuutu dubbatamaa jira.Uummati ammas gootummaan diina dura akka dhaabbatu Waloon akka falmatu wal hubachiisaa jira.