Aside

Gaazexxessaa,Barreessaa fi Artist Ifaa Gammachuu fi Barreessaa Akkasumas Gazexxessaan TV ONN Yaasoo Kabbabaa Guyyaa Har’aa Waraana EPRDFn Hidhaman.

(SQ- onkoloolessa 28/2019)
Image may contain: 1 personHidhaan Hammaatee Itti Fufuun Gaazexessitootaa fi Artistooti Oromoo Hidhamaa Jiru. Finfinnee keessatti adamsamanii hidhamuun itti fufe.
Yaasoo kabbabaa Hordofaa fi Ifaa Gammachuu barreessitoota kitaabaa yoo tahan guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee keessatti humna tikaa mootummaan ukkaamsamanii akka jiran odeessi arganne ni morkaneessa.Image may contain: 1 person, beard and closeup

Qeerroon oromoo of qopheessi opdon hiriira mormii guyyoota darban ilaalchisuun sabboontota hidhaatti guuruuf haalduree xumuratanii akka jiran maddi odeessa keenyaa ni dhugoomsa.

 

 

 

Aside

Qeerroo Head Letter

Ibsa Eejjaannoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!.
Haala yeroo irraatti baase!

(SQ,Onkololeessa 23 2019)
Wareegaama Bilisummaa fi walabummaa sabaa fi biyya keenyaaf kaffaalle yeroo itti saboonni biroo nagaa waaraa fi tasgabbiin jiraatan keessaatti qaamni biyyan bulcha ofiin jedhuu addaatti aggaammii fi qiyyaafannoon saba oromoo irraatti adeemsiisaa jiru kan akkaan nama madeessuu fi aarsuudha. Taatullee Qeerroon Bilisummaa oromoo qabsoo isaa keessaatti bu’aa ba’ii fi aarsaa guddaa kaffaaluun qabsoo saba oromoo boqonnaa haaraa kanan gahee.
Guyyaa kana xuxxuqqaa, tuffii fi ilaalcha gad aantummaa mootummaan Itoophiyaa saba oromoof qabuun akkasumaas dhiibbbaa miidiya OMN irra gaheen kan dallaane sabni oromoo diddaa isaa dhageessisaa oolee jira. Kanaanis godiinaalee oromiyaa garaagaraa keessaatti walumagalaattii oromoonni 40 ol tahan yoo rasaasa mootummaa gabroomfataan gara jabinaan rukkutaman kanneen keessaa tilmaamaan namoonni 21 tahan lubbuun darbee jira. Haala kanaan sabni oromoo gaaffii eenyummaa fi mirga gaafatee aarsaa kaffaaluun Qeerroo Bilisummaa Oromoof waan haaraa mitii. Garuu qaamoonni wareegaama Qeerroo Bilisummaa oromoo fi uummaata oromoo irra tarkaanfachuun waardiyyaa mootummaa tahuu barbaadaan akka dhaabbatan akeekkachiisna. Continue reading

Aside

Gaaffii Ummataa Deebisuu Qofatu Nagaa Buusa
(Ibsa ABO – Onkoloolessa 23, 2019)

Image may contain: Boru Jibat afaan qawwee fi sirna cunqursaa fi saaminsaa Itoophiyaan ittiin beekamtu jijjiiruudhaan bilisummaa Ummatootaa fi sirna dimokiraasii dhugaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf qabsoo barootaaf gaggeeffame keessatti qoodni Ummata Oromoo guddaa dha. Keessattuu ammoo, sirni EPRDF waggoota 27 dabraniif kan akka Sabaatti irratti qiyyaafatee itti roorrise Ummata Oromoo waan taheef qabsoo sirna cunqursaa EPRDF jijjiiruuf taasifame keessatti kan akka Saba Oromootti wareegama ulfaataa baase hin jiru jechuu dandeenya.

Haa tahu malee, har’a Ummatni keenya jijjiirama dhiigaa fi lafee ilmaan isaa kumaatamaan itti wareegee fide kana keessatti of arguutti hin jiru. Akka nam-tokkeettis tahe akka murna hawaasaatti fi akka Jaarmayattis kanneen jijjiirama kana wareegama isaaniitiin fidan bakka isaaniif malu argachuu osoo qabanii dubbiin fuggisoo tahe. Kunuu itti xiqqaatee akkuma qaama jijjiirama kanaatti illee ilaalamuu hanqatanii akka diinotaa fi gufuu jijjiiramichaatti ilaalamanii kanneen galaanuma jijjiiramichaatiin dhiibamanii aangoo mootummaa dhuunfataniin itti duulame. Continue reading

Aside

Amnesty International gaazexeessitoonni Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo yakka malee hidhaman akka hiikaman gaafate. Gaazexeessitoonni kunniin: Biqilaa Amanuu, Gadaa Bultii, Addunyaa Keessoo, Firoomsaa Baqqalaa fi Abdiisaa Guuttataa yoo ta’an, sababni qabamuu isaanii yaalii Fonqolcha Mootummaa Naannoo Amaaraa fi ajjeechaa ajajoota waraanaa Finfinneetti ta’e waliin kan walqabatu, walumaagala yakka shororkeessummaa akka ta’e Poolisiin Federaalaa himee jira. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa dhimma himannaa shororkeessummaa kana ilaalchisee qorataa poolisii dhimma dargaggoota kanaa qabate yoo gaafatu, poolisiin ammoo “Mootummaan seericha fooyyeessuuf hojjechaa jira, nuti kan beeknu labsichi hanga ammaa hojiirra jiraachuu isaati. Kana caalaa qaama olaanu gaafachuu dandeessu.” jechuun deebise. Yaalii Fonqolcha Mootummaa Naannoo Amaaraa fi ajjeechaa ajajoota waraanaa kanaan kan shakkaman miseensonni qaama nageenyaa naannichaa wabiidhaan gadhiifamuun ni yaadatama.

Barruun kan Galaanaa Kiisiiti