Humna Qilleensaan Uummata Nagaa haleelaa mariin geeggeefamu nagaa fidu hin danda’u.
Ibsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Mootummaan Bilxiginnaa Kufaati gama Siyaasa, Diingdeen, Dippiloomaasiin isaa mudatee jalaa of olchuuf Maqaa Marii Biyyooleessaa jedhun umurii angoo isaa dheereffachuuf afaan faajjii adda adda uuma jiraachu taajjaba jirra.
Maqaa Marii Biyyooleessaa Milkeessuu jedhun Hidhamtoota Siyaasaa Hogganoota KFO fi kan Saboota biroo muraasa hiikuun mariif qophitti jiraachuu Miidi’aleen Sirnichaa lallabaa jiru.
Hogganoonni KFO hidhaa irraa hiikamu isaanitti nigammana kan isaan hidhaa irraa hiikamanis jaalalaa Bilxiginnaan osoo hin taane qabsoo Uummanni Oromoo gama hundan geggeessa jiru fi Sabboonni Cunqurfamoon geggeessa jiraniin hiikamaan jenne amana.
Mootummaan Bilxiginnaa Hayyuu Duree ABO dabaltee Hogganoota,Qondaloota ABO, Miseensoota KFO Godina hanga Aanaa fi Gandatti hidhee jiru hundaa hidhatti dhiisuun namoota muraasa qofaa hiikuun mariin geeggeefamu rakkoo biyyaattin keessatti kuftee jirtu nihameessa malee akkani hin furree hubachiisna.
Gama tokkon marii jechaa gama kaannin immoo waraana labsa, uummataa nagaa Dirooniin haleelaa marii jedhamu kan shiraa ta’u ragaa ba’aa. Continue reading