Godina Arsii Aanaa Doddolaa Magaalaa Siree Keessaa Manneen Daldalaa Cufamaa Jiru,Sabboontotis Mana Hidhaa Wayyaaneetti Gooramaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 23,2017

Godina Arsii Aanaa Doddotaa Magaalaa Siree keessatti manneen Daldalaa ummatarraa cufamaa jiraachuun dhagahamee jira,Ji’oottan dabran kana keessatti godina Arsii magaalota hedduu keessatti manneen daldalaa ummatarraa cufamaa jiraachuu gabaasaa kan turre yoo ta’uu addatti manneen daldalaa ilmaan Oromoo qofarratti fuulleffachuun ummata keenna diinagdeen dadhabsiisuuf akka itti yaadamee godhamas jiru Qeerron gabaasee jira

Godina Arsii Magaalaa Dodolaa keessaa ummata Oromoo mana hidhaatitti guuruun itti fufee jira 21/3/2017 namoota hedduu ummata misoomafii nageenya biyyattiitti buusuu dhoorgaa jirtu jechuudhaan kan hidhaa jiran yoo ta’uu namoota amma waajjira poolisii magaalattii keessatti hidhaman keessaa

  1. Muhaammad Bulloo,
  2. Ahmad Tolaa ,
  3. Ibraahim Muummee,
  4. Safiyyaa H/Jamaal,
  5. Seeyfuu Bakaroo,
  6. Jamaal Abdullaahi,
  7. Yuusuf H/ Amiin,
  8. Shamsuddiin Jeeylaan,
  9. Turaa Kadiiro fi
  10. Ziyaad Aliyyii kan keesatti argaman yoo ta’uu ammas namoota hedduu basaasaa jiraachuun
    gabaafamee jira

Continue reading

SBO: Bitootessa 24 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi Deebii Artist Tafarii Mokonnin Waliin taasifame kutaa jalqabaa akkasumas Gaaffii fi Deebii Poolisii Federaalaa, Basaasaa fi Wardiyyaa Hogganoota Wayyaanee kan ture Dargaggoo Caalaa Muddee Waliin taasifame kutaa xumuraa.

Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa: Seenessaa Qeerrootiin, Maal nuuf Wayyaa?

 Seenessaa Qeerrootiin.

Dubbifamuu Qaba

Walit tan qabe: Caalaa Haahiluu Abaataa ti.
Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa(beekanguluma) — Ilmaan Oromoo Biyya Hambaa Jiraatan Keessattuu Diasporaa fi Kanneen Carraa Barnootaa Argatanii Biyyaa Alaa jiraataan Namootni Baay’een Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa Jedhamuun Qabamanii Rakkoo Hamaa Keessa Jiraachuu Qeerroon Mirkaaneesse!!

Dhukkubni Kun Vaayireesii Siyaasaan Daddarbuu dha.

Mallattoolee Dhukkuba Kanaa Keessa Muraasa:
———-

  1. Tokkummaa Uummataa , Jaalaala, Kabaja, Safuu fi Safeeffannaa jibbisiisa.
  2. Sabboonummaa Ajjeesuun Gara jaarmiyaa Siyaasaatti gurmaa’anii akkeekaa fi kaayyoo Jaarmiyaan Siyaasaa Qabsoorraa jiruu qabu fudhachuun bilisummaa Uummataa fi walabummaa biyyaaf hiriiruu ni balaaleffachiisa.
  3. Online Marsaa facebook fi Social media irratti yaasuun nama iyiisiisa, nama arrabsiisa, akka maraachuus ni godhaa, akeekaa fi kaayyoo diinni qabsoo bilisummaa Oromoof qabu sabboonaa fakkachuun ergama diinaa rawwachuu, of nama nyaachisa , wal nama nyaachisa akkasumas hirmii nama nyaachisa!!
  4. Maqaa ABOn afuura jaarmiyaa heddummeessuu namatti naqa.Kaayyoo ganamaa hanga har’atti uummatni Oromoo irratti Wareegamuun bilisummaaf cichee falmachaa jiruu nama dagachiisuun gandarra nama joorsa. Continue reading

Yuunbarsiitii Finfinneetti uummata qosheetti dhumeef guyyaa sadiif nyaata lagannee gaddina jedhee beeksisa baasee, kaaffee barataarraa cufe. Baratoonni hedduunis “gaafa irreechaa yeroo namni hedduun dhume, yoom gadditan? hin ta’u, hin gaddinu! ofii ajjeestanii ofii gadditanii nuun immoo agabuu nun ajjeesinaa!” jedhanii laguu nyaata didan. Mooraanis kunoo maqaa namoota nyaata didanii jechuun, warra ijoollee keessaa gaaffii gaafate maqaa baasee maxxanse.

SBO Bitootessa 22,2017. Oduu, Gaaffii fi deebii Art.Mastaawot H.Yesus Qananii kutaa xumuraa fi itti fufa gaaffii fi deebii miseensa poolisa federaa fi hojii tikaa wayyaanee keessa hojjechaa ture Caalaa Muddee waliin goone kutaa 3ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

    Kan Sodaatan Du’aa  kan hin Oolles Du’aa

Namichatuu baayyee sodaata jedhan.Namoota baayyee wajjin utuu karaa deemuu galgalli dhufnaan ,” maaloo nan sodaa dha jidduu keessan na rafisaa”, jedhee gaafate. Tolee jedhanii jidduu rafisan. Halkan sagalee wayyii dhaga’anii maalinni ? yaroo jedhan  “calluma jedhaa anaani dha bocoqsaa jiraa”, jedhee jedhan.

Sodaachuun isaa nama marara. Namni hunduu wal qixxa onnee ykn gootumaa qaba jechuun hin danda’amu. Garuu jecha kana irraa baayyee kan  nama gadisiisuu,”  maaloo naaf dirmadhaa, naaf qaqqabaa, na qabatee jira”,  jedhee iyyuu irraa warra fayyaa qabaniin, “calluma jedhaa “, jedhee ofii du’uuf  filachuun isaa akka jiraatti sodaan ajjeessee jiru agrsiisa. Warri isa wajjin jiran sodaa waan hin qabanneef isa iyyuu lubbuu olshuu danda’u turan. Inni garuu waan sodaaf aboomamee jiruuf  gargaarsa tokko utuu hin gaafatiinii fi utuu hin argatiin lubbuun isaa akka bilaashatti darbu godhe. Continue reading

Bilisummaa fi Tokkummaa

Damee Boruu irraa 

Bilisummaa fi TokkummaaUummata tokko saba jechuu kan dandeessisu, afaan tokko, aaadaa tokko, dinagdee wal qabataa, yaadaa wal fakkataa fi dangaa biyyaa tokko qabaachuu dha. Uumatni Oromoo guddina hawwaasan saba tokkicha tahuun waan wal nuu gaafachiisu hin qabu. Yoo hiikaa sabaa irratti kan waliif gallu tahe Uummatni Oromoo saba  tokko tahuu kan  haaluu hin dandeenyu.

Sagalee tokkummaa jedhu qabatee dogongora heddutu deemaa jira. Ummatni Oromoo tokko tahuu qaba yoo jennu maal jechuu keenya?  Akka uummatni Oromoo lama sadii jiruu goone fudhachuu dhaan tokko tahu qaba jechuun sabni Oromm jira jennee isa fudhanne wajjin faaluu taha. Kanaafii  jecha keenya kana garaa uummataatti gototuu dhiifnee gara namoota dhuunfaa fi ijaarsoota deebisuu qabna.

Uummatni qabsoo bilisummaa oofaa jiru keessatti miti biyyoota bara dheeraa bilisummaa qabaatanii jiran keessatti yaada adda addaa qabaachuu irraa kan ka’e ijaarsa garaagaraa akka mul’atan ni aggarra. Ijaarsonni kun amma seera biyyaa sana wajjin faalaa hin taane nagaan taa’itaa mootummaa qabaachuu fi illee dorgomuu irraa kan isaa dhowwu hin jiru. Keessatti biyyoota Demokraasi Dhiyaa (Western Democracies) keessatti   soda tokko malee yaadaa ofii ibsachuun  rakkoo hin qabu. Biyyoota warra abbaa irreen (dictatorial) bulan keessatti yaada fi ijaarsa addaa qabaachuun rakkoo qaba. Continue reading

Maqaa Leenjii “Haala Yeroo” Jedhuun Dabballoonni Abbaa Irree TPLF Barattoota Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Dararaa Jiraachuun Beekame.

Bitootessa 16,2017/ Yuunversiitii wallaggaa keessatti mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jimaataa ganamarraa kaasuudhaan hanga guyyaa gaafa sanbata guddaatti gootowwan Qeerroo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessa jiraniif maqaa leenjii haala yeroo irratti jedhuun Wayyaaneen baratoota sosaobbaaf yaaluuf qoophii xumurtee akka jirtu ibsame. Continue reading

Lubbuu fi qabeenna Oromiyaa dhabamaa jiruuf kan itti gaafatamu, mootummaa Wayyaanee qofa: Oromoo Sab-bicuutti xiqqeessuu irraa ilaalcha madde.

Leelloo Sabaan

Akka seera addunyaatti, dirqammi mootummaa tokko inni olaanaan, biyya irratti gaafatama qaba jedhamu san keessatti, lubbuu fi qabeenna ummattootaa gaaga’ama seeraan alaa irraa tiksuun nagummaan jiraatee diinagdee isaa akka guddifatuuf haala aanjaa uumuu dha. Mootummaan tokko, ogguu aangoo biyya tokko ofitti fuudhu, dirqama kana akka raawwatu heera biyyaa suni qabatee ummata duratti irbuu seenee hojii eegala. Raawwiin hojii mootummaa tokkos, lubbuu fi qabeennya ummata biyyichaa balaa irraa tiksuu irratti hagam akka hojjeteen ilaalama.

Lubbuu fi qabeenni ummata Oromiyaa, kan balaaf saaxilame, guyyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegaleetu. Miniliki Oromiyaa irratti duulee ogguu gabroomfatu, ummata Oromiyaa miliyoona shan lolaa fi dhukkubaan akka fixe ragaaleen seenaa hedduu dha. Dargiin illee akkasuma, qabeenna ummata Oromiyaa saamuu fi saamsisuu, akkasumas, dargaggoo Oromoo afaan qawweetiin manneetii barnootaa fi oomisha adda adda irraa walitti guuruun lola isa hin ilaaletti galchee lubbuu isaan balaaf saaxiluun aangoo irraa jiraachaa ture. Kana malees, ogguu beelli ummata Oromiyaa mudatu, callisee ilaaluun, beelaan akka dhumatan shira hojjechuun lubbuu ummata Oromoo balaaf saaxilaa kan turee dha. Mootummaan Wayyaanee/Aggaamee, ammaan tana aangoo Impaayera Ixoophiyaa harkaa qabu ammoo, ummata Oromiyaa sab-bicutti jijjiiruun gaaffii siyaasaa ummata kanaa gaaffii sab-bicuutti gadi xiqqeessuuf imaammata ifatti labsatee lubbuu fi qabeenna ummata Oromoo balaa dhabamaaf saaxilee argama. Continue reading

Ijoo Dubbii ABO – Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.

Guddinnii fi Jijjiiramni lammiilee hin haammatne dhumaatii maddisiisa.

(Ijoo Dubbii ABO)

Bitootessa 12,2017 bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Laaftoo iddoo kosii/balfi itti gatamu bakka Qoshee jedhamee yaamamutti jigiinsa tuullaa kosii irraa  lammiileen hiyyeeyyii dhibbaa ol tahan iddoo kana bakka jireenyaa godhatan haala gaddisiisaa fi suukanneessaan lubbuu dhabaniiru. Akkanumattis dhibbatti kan lakka’aman balaa kanaan qaamaan gaaga’amaniiru. Kosii kana jalatti awwaalamanii jiraa fi du’aan isaanii kan adda hin ba’inis hedduu dha.

Lammiilee balaa kanaan miidhaman keessaa irra jireessi lammiilee ummatoota cunqurfamoo ta’uun hin falamsiisu. Kanneen dhumiinsi gaddisiisaa irra gahe, kanneen lafa isaanii irraa mootummaa TPLFn buqqaafaman, biyya abbaa isaanii keessatti alagoomfamuu irraa akka kosiitti ilaalamanii kosii waliin jiraachuuf dirqaman, warreen cunqursaa fi saaminsi mootummaa abbaa irree itti jabaatuu  irraa jiruu fi jireenyi harkatti babbadee dha. Continue reading

Waraanni TPLF Godina Arsii Magaalaa Seeroftaa Keessattis Manneen Nagadaa Ummataa Cufsiisuu Itti Fufe.

Bitootessa 16,2017/ Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo karaa adda addaatiin akkuma dararaa irraan gahaa jiru Godina Arsii magaalaa Seeroftaa keessattis Dukkana ummataa cufsiisuu kan itti fufe yoo ta’uu magaalattii keessatti ummanni qaala’iinsa jireenyaatiinis dararaa adda Addaa arguudhaan gabayaa bayee waan barbaadu bitatee galuu dadhabaa jira,Kuni kanaan Osoo jiruu Ummanni akka wal quba hin qabaanne fi akka haala yeroo irratti odeeffannoo jiru waliif hin qoonne Kaardii moobaayilaa magaalarraa dhabamsiisudhaan magaalota akka Roobee Diida’aa, Continue reading

Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Barsiisotii fi Barattooti Hedduu Hidhamaa Jiru.

Bitootessa 15,2017/Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Oromoonni Hedduu Hidhamaa Jiru.
barattoota fi barsiiftonni hedduun Kumaandi poostidhaan mana hidhaatitti guuramaa jiru, Bitootessa 13/2017 Manneen barumsaa keessaa barattoonni fi barsiiftonni hedduun kan hidhaman yoo ta’uu kanneen hidhaman keessaa

  1. Barsiisaa Yuusuf Amiin,
  2. Barsiisaa Tarreessaa Abdataa,
  3. Barataa Muhiddiin Kadiir
  4. Barataa Ismaa’il Qaasim
  5. Barsiisaa Abdii Qaasim keessatti kan argaman yoo ta’uu yeroo ammaa waajjira Poolisii magaalaa Itayyaa keessatti hidhaarra jiru, Sababiin namoonni kunniin ittiin hidhamaniifis maqaa barattoota Fincilaaf kakaasaa jirtan jedhuun ta’uunis dhagayamee jira.

Gama biraa Godinuma Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Magaalaa Asaasaa  Keessatti Namoota manneen dhuunfaa kireessanii ittiin jiraataniin Namoota mana Kireessitaniif Waraqaa eenyummaa Fi Suuraa kireeffattootaa fidaa jechuudhaan waajjira poolisii magaalaa Asaasaa Continue reading

SBO: Bitootessa 15 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi deebii Dura Taa’aa Konyaa ABO Mul’is Abbaagadaa -magaalaa Toroontoo waliin taasifamee fi gaaffi fi deebii Artiist Mastaawat Haylayyasuus Qananii waliin taasifame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

%d bloggers like this: