Godina Harargee Lixaa Keessatti Barattooti Oromoo FDG Gaggeessan

Aside

Sadaasa 30,2012 Daaroo Labuu

Godina Harargee Lixaa Ona Daaroo Labuu irraa har’a Sadaasa 30 gabaasaa Qeerroo addeessaa jiru barattootni mana barumsaa qophaayinaa magaalaa ona Daarootti argamu(barattoota kutaa 11 fi 12) tokkummaa’uu ABOtiin kan ka’e barattootni kun kaleessa galgala waraqaa dhaadannoo magaalaa keeessatti maxxansaa turaniiru, alaabaa fi faajjii dhaabaa waraqaa irratti qopheessuudhaan uummataa keessatti bittimsaa akka turan qeerroon gabaasee jira. Akkasuma sirba siyaasaa
” Wabii sabaa Gootakoo sin faarsakaa qoodakoo,
Wabii sabaa Gootakoo sin faarsakaa WBO koo

Goota gaafa xiiqii yaa Goota sika Faajjin dhalootaa
Diinaaf Garaa hin hirree gootnikoo Elemoo Gaachanoo……”
Jedhuun sirbanii magaalaa keessa akka naannawaa turan gabaasaan addeessa. Hidhattoonti wayyaanee(poolisoota oromiyaa, milishoota gandaa) rifannaa keessa galuudhaan magaalaa keessa socho’uun illee qeerroo fi uummata boodatti deebisuu hin dandeenye jedha Qeerroon.
Kana malees Qellem, Gabaa Roobii irrattis uummanni dhimma tokkummaa’uu ABOtiin gammachuu isaalee manneen amantaa Manakaana Yesuus ona kana keessatti ibsachaa ture, kan Alaan tokko nu goote keessanis tokkummaa keenya jabeessi Yaa Waaq jechuudhaan dhimma Araaraa kanaaf yeroo Waaqa galateeffachaa turan yoo ta’u kaayyoo keenya galmaan gahi,Bilisummaa keenya ijaan nu agarsiisi, lammii biyyaa isaaf qabsoo gaggeessaa jiru gargaari jedhanii mana amantaa isaanii keessatti gara Waaqatti iyyaa akka jiran ganama kana Qeerroon gabaasee jira.Akkasuma mana amantaa kana fuula duratti waraqaan dhaadannoo fi faajjii kan mul’isu waraqaa irratti qopheessanii dhaadannoo ” Tokkummaan Hamma Qabsoon Keenya Galma Gahutti Itti Fufa!” jedhu barreessanii akka maxxansan gabaasaan Qeerroon Ona kanaa addeessa.Waraabbiin suuraa kan jiru akka nu gaheen dhaamama.

Qeerroon Godina Booranaa Araara ABOn Buuse Dergeruun Gumaacha Maallaqaa Taasisan

Aside

Sadaasa 29,2012 Areeroo

Qeerroon Godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti argaman walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan jiran.Sadaasa 27/2012 Qeerroon aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota QBO irratti marii baldhaa gaggeessanii akka jiran beekame.

Tarkaanfiin AraaraaABO fudhate hamilee Qeerroo fi qabsaaota duraanii haalaan kan kaasee fi boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeeffamu akka fidu beekamaa dha.Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jirtan marti gumaata barbaachisaa QBOf akka gumaattan jechuun Qeerroon aanaa Areeroo dhaammatee jira.Qeerroon aanaa kanaas hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan tahu qarshii 600(dhibba jaba) tokko tokkoon isaanii qarshii shantama walitti qabatanii jiru.Gumaatni barbaachisaanii fi adda durummaan akka isaan eeggatus dhaamanii jiru.

Haala kanaan Qeerroon ibsoota ejjennoo armaa gadii lafa kaayyatanii jiran.

  1. Dirqama Oromummaan nutti kenname QBO haala kam keessattuu galmaangeessisuuf ni hojjenna
  2. Tarkaanfii Araaraa ABOn fudhate haalaan deeggarra.Gammachuunis simanna
  3. Saaminsa lafaa fi qabeenya oromiyaa mootummaa Wayyaaneengaggeeffamu ni mormina
  4. Barattoota,Qoteebultoota,daldaltoota ijaaruun gaaffii mirgaa akkakaasan ni hojjenna
  5. Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa barsiisuun,hubachiisuungaaffii mirgaa fi bilisummaaf akka kaan jabaannee ni hojjenna
  6. Hidhaa,ajjeechaa fi biyya irraa ariiatamuu ni mormina

Kanaan jedhani.

Barattooti Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Geedoo FDG Itti Fufan

Aside

Sadaasa 29,2012 Geedoo

Gabaasaa: Sadaasaa 26/2012 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Geeddoo Mana Barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Prepaaratoorii kessaatti FDG gototaa baratootaa Oromoo itti fufee jiraachuun ibsame.Baratotni Mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa kun gaaffii mirga abbaa Biyyuummaa kaasuun Motummaan abaa irree Wayyaaneen mirga barattoota Oromoo fi walii gala ummata Oromoo haala daangaa darbeen miidhaa waan jiruuf gochaa isaa kana irraa akka dhaabbatu jechuun hanga bulchiinsa mana barnootaatti deemuu fi iyyaan sagalee dhageessisuun dhiheefachuu isaanii dhagahame. Kana malees dhaabni Wayyaaneen tolfame OPDOn waggoota 21 kana keessatti dantaa Wayyaaneef jecha ummata Oromoo miidhaa turan amma illee itti fufanii waan jiraniif miidhama Oromoo kana kana booda waan teenyee ilaallu miti,OPDOn s gochaa kana irraa hatattamaan dhaabbachuu qabdi jechuun sagalee diddaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan kan rifatan bulchiinsi magaalaa fi qondaaloti Wayyaanee OPDOn barattoota Oromoo sossobuuf jecha gaaffii keessan sadarkaa mootummaatti dhiheessuuf Kaawinsilii bakka buaa barattootaa isinii ijaarree gaaffiin keessan achiin haadhagahamu ammasitti gaaffii mirgaa jettanii hin kaasiina jechaa turan. Kun kana taee osoo jiruu Qeerroon mana barnootichaa bakka buaa mataa keenyaa waan qabnuuf isin nuu ijaaruu hin dandeessan yaada jedhu sagalee diddaa guutuun itti iyyuun deebisan.

Haluumaa kanaan Sochii FDG jabeessuuf Waaraqaaleen FDG Qeerroon Godina Lixaa Shawaa qopheessee, gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa ummataa Oromoo garaagaraa kan of irraa qabu gutummaa godinichaa keessaatti rabsamaa jiraachuun gabaafamera,kessaattuu Onotaa Akka Geedoo, Midaa Qanyii, Amboo, Iluu Galaan, Bakkoo, Daannoo, Xiiqur Inciinnii, Gudar, Gincii, Jalduu fi Gindabarati fa’ittii rabsamee kan jiruu ta’uu Qeerroon gabaasaa isaa keessaattii addeessee jira,

Qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa Diddaa Itti Fufe. Ambotti ammoo Barataa Electrical Engineering Gaaddisaa Dirribaa badii tokkoon malee hidhame.

Aside

Haromaaya ,Sadaasa 26,2012

Aadaa,duudhaa,Afaan,Afoolaa fi seenaa saba Oromoo balleessuuf shirri mootummaan Wayyaanee hin yaalle hin jiru.Ilmaan Oromoo garuu aadaa fi seenaa isaa guddisuu irratti guyyaa tokko itti aaragalfatee hin beeku.Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni ilmaan Oromoo Fiilmii Afaan oromoo HINSEENEE jedhamu qondaalotiin Wayyaanee akka hin ilaalamne dhorkus dirqiin galchuun erga Galma yuunivarsiitii keessatti ilaalanii booda walleewwan warraaqsaan diina mataa cabsan.Fiilmiin kun wayita ilaalamutti waraanni federaalaa fi waardiyaan yuunivarsiitii keessa bittinnaaus sabboontotni barattoota Oromoo waalleewwan Korma Guduruu..Oromoon Leencuma durum,Tokkummaa..fi kanneen kana fakkaatan gamtaan sirbuun diina dhiphisanii dhaamsas walitti dhaammatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun gochaan diinummaa Wayyaanee barattoota Oromoo irraa kan hin dhaabbannes Yuunivarsiitii Amboo keessaa Barataaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa kan tahe Barataa Gaaddisaa Dirribaa ati Qeerroo ijaartee diddaaf qindeessaa jirta maqaa jedhuun tikni mootummaa wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee jira.Roorroon hammaatus aadaa fi afaan keenya,Seenaa fi duudhaa keenya guddisaa fi beeksisaa bilisummaa hanga gonfannu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun Qeerroon gad jabeessee dhaammata.

Ayyaana Hulluuqoo 2012: Baga Milkooftan!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 27 Sadaasa 2012) Qeerroon Oromoo biyya hamba aisaanii irraa godaanfaman, biyya itti baqatan keessatti aadaa fi eenyummaa Oromoo tiksuutti  jiran. Ayyaana Hulluuqoo 2012 Nairobi, Kenya keessatti gidduu kana kabajame irratti ilamaan Oromoo gaaddisa Oromummaa jalatti hojii boonsa adalaganii jiru.

WBO faarsuu, qabsoo Oromoo leellisuu fi Qeerroo jajjabeessuu bira darbanii fedhiin Oromoo fi alagaa ifatti adda kana bahe ta’uu illee mul’isanii jiru.

Qeerroon Bilisummaas, “Baga hoofkaltan! Barri ittaanu kan waliin biyya keenya keessatti kabajannu nuuf haa ta’u!” jedha.

Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Ibsa Ejjennoo Baafatan.

Aside

Sadaasaa 24,2012 miseensota Qeerroo kan ta’an Sabboontoni Barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa maadhee garaagaraa jalattii ijaaramanii Jiran,Walittii dhufuun dhimmoota haala yeroo qabsoon Oromoo irraa jiru irraatti erga marii’atanii booda Ibsaa ejjennoo qabxii torba dabarsatan,

 Ibsa Ejjeennoo Baratootaa Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa:

1. Falmaa bilisummaa yeroo irraa gara yeroottii dhaabni keenyaa ABO haalleen mara irra aanee  Ummataa Oromoo bilisomsuuf qabsoo inni taasisu, cinaa dhaabbaannee wareegama  bilisummaan nu gaafatu baasuu fi haga bilisummaan ummataa keenyaa mirkana’uutti falmaa bilisummaa, FDG cimsuuf waadaa keenya ni haaromsina.

2. Sochii dargaggoota biyyoolessaa bilisummaaf dimookiraasii Qeerroo Bilisummaan gaggeeffaamaa jiru, fi warraaqsaa bilisummaa Ummataa keenyaaf adeemsifamaa jiruu keessaatti ga’ee keenya bahuuf tokkummaa dhaan kutaannoo fi murannoodhaan ni kaana.

3. Ummaanni Oromoo cuftii dhaabaa jalee Wayyaanee, kan qabeenya keenyaa dabarsitee gurgurtuu, kan mirga keenya sarbisistee kennituu, kan Oromoon barabaraan garbummaa marmartuu keessaa akka hin baanee gochaa jirtuu OPDO duukaa akka hin hiriirree fi buusiiwwaan adda adda fi kanfaltii gibra illee akka itti hin kanfallee wamicha keenyaa dabarsina, OPDO’n kanaan boodaa maqaa ummataa Oromootiin daldaluu dhaabuu qabdi, Ilmaan Oromoo utuu beekanis ta’ee utuu hin beekiin OPDO keessaatti hiriirtanii jirtaan bu’aa OPDOn ummataa keenyaaf fidaa jirtuu tokkoo illee waan hin jirreef gara qabsoo saba keessanitti akka deebitan waamicha keenyaa isinif dabarsina,

4, Gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa bakka hundattii cimsinee itti fufna,

5, ABO’n gaachana Ummataa Oromooti!, Dhaaba keenyaa waliin hiriiruun, tokkummaa ummaata Oromoo ni tiksina, gaaffiin mirga hiree murteeffaannaa ummataa oromoo hangaa deebii argatuu fi Oromiyaan hanga bilisomtuttii qabsoo falmaa bilisummaa egalamee jiru jabeesinee itti fufna,

6, Tarkaanfii yeroo garaagarattii WBO’n Oromiyaa golee garaagaraa keessaatti yeroo garagaraatti fudhatuu, ni dinqisifanna, itti boonnaa, nutis waan dandeenyuu maraan WBOtti ni dirmanna, wareegamaa qaqqaalii ilmaan Oromoo kanfalaa jiranittii milkii gochuuf FDG jabeessuun itti fufna.

7.Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif mana hidha wayyaanee biyyaattii garaagaraa  keesattii hiraarfamaa jiran ni jajjabeesina, ilmaan Oromoo kuniin akka hiikamaaniif gaaffii wal irraa hin citnee kaasuun FDG jabeessinee itti fufuun dirqamaa keenyaa ni baanaa jechuun Ibsaa ejjeennoo dabarfachuun walga’ii marii keenyaa milkiin xumuratne!.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Sadaasaa 24/2012 Barattoota Oromoo Yuunvasiitii Wallaaggaa

Neqemtee.