Wallagga,Horroo Aanaa Jimmaa Gannatii Keessatti FDG Haala Jabaa Ta’een Qabatee Rakkoon Bulchiinsa Wayyaanee Mudate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Gannatii Amajjii 30,2015

diddaa9Ammajjii 29,2015 Godina Dhiha Oromiyaa Horroo Guduruu Wallagga Aanaa jimmaa Gannatiitti Tajajila Ibsaa, Bishaanii fi daandii konkolaataa dhabuun wal qabatee Uummatni fi Dargaggootni gaaffii barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi sadarkaa tokkoffaa cina dhaabbachuun gaaffii mirgaa finiinsuun Mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisan. aanaa Jimmaa Gannatiitti rakkoon ibsaa haalaan kan jabaatee yoo ta’u, baatii tokkoo oliif Uummatni utuu gyyaa tokko illee ibsaa hin argatiin turuun FDG kaasuun  Wayyaanee dura akka dhaabbatu dirqamsiisee jira.

Goototni barattiitni Oromoo aanaa Jimmaa Gannatii Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina irra baratan Ammajjii 29/2015 Gaaffii mirgaa finiisuun sagalee mormii fi dhaadannoo mootummaan Wayyaanee nu hin bulchituu, filannoo sobaan hin gowwonfannuu, Tajaajjillii human ibsaa fincaa’aa uummata Oromoof ooluu qaba. Utuu hidhaan fincaa’aa human ibsaa MW guddaa maddisiisee Oromiyaa irra darbee tigiraayiif tajaajiluu nuti jiraattootni naannoo ibsaa dhabnee rakkachuun tuffii, garbummaa fi roorroo garbomsaan nurratti rawwachaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, wayyaaneen nurraa buqqa’uu qabdi jechuun baratootni Oromoo gaaffii finiinsuun sagalee
mormii guddaa dhageesifatan.

Aanaa Jimmaa Gannatii keessaatti uummatni Oromoo tajaajila ibsaa malee tajaajila daandii konkolaataa ga’aa dhabuu, tajaalilaa bishaanii fi Yaalaa sirrii illee dhabuun uummaatni Oromoo Aanaa kanaa akkuma uummata Oromoo godinoota kaanii fi Aanaawwaan kaanniitti rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun uummatni roorroo baachuu dadhabee gara FDGtti akka seenu dirqee jira. Goototni Barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jimmaa Gannatiis baatii kana guutuu humni ibsaa aanaa keenya irraa cituun Qormaataa Semistera kanaa waan ittin qo’annuu fi dubbifnuu dhabuun hedduu rakkachaa turre, qabxiin barattoota baay’ees sababaa kanaan gadii bu’ee argamaa jira, Egaa haamma yoomitti garbummaa keessa jiratna jechuun gaaffii mirgaa karaa nagaa derikteera Mana barumsichaatti dhiyeeffachuun Derikteerrii mana
barumsaa gaaffii barattootaa qaama dhimmi ilaalutti dabarsuun deebii sirna kennuu irra isin ABO dha jedha barattoota Oromoo jeequu waan filateef goototni barattootni Oromoo fincilaan dura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun uummata magaalaa fi baadiyaa jiraatu dhageesifatan, kanuma irra ka’uun Amajjii 30/2015 Barattootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Jimmaa Gannatiis Sagalee mormii sirna
cunqursaa wayyaaneef qaban itti fufuun dhageesisaa jiru, Uummatni Oromoo Aanaa kanaas barattoota Waliin ka’ee FDG waliigalaa qabsiifamuuf jiraachuu madden keenya Aanaa Jimmaa Gannatii rrraa gabaasa.

Barruuleen Warraaqsaa fi Dhaadannoon Qeerroo Godina Gujii Aanaa Garagaraa Keessatti Maxxanfamee, Bittimfame Uummataanis Raabsame.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo  Amajii 30,2015,
diddaa9Dargaggootni fi Qeerroon oromoo godina Gujii kaleessa Amajii 29 aanaalee garagaraa Gujii keessatti waraqaalee dhaadannoo bittimsuun mootummaa Wayyaanee rifaasisuu fi uummatnis dammaqsuun Qeerroon gabaase, baatiima kana keessa mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni jiraattotni Gujii miliyoonaan lakkaawamu rakkina daandii fi ibsaa qabaachuu,rakkina isaanis furmaata itti gochuuf, yeroon filannoon jala gahetti hojii misoomaa daandii baasuu fi ibsa uummataaf galchuu irratti caasaa isaa misoomaa gara bobbaasee jiraachuu miidiyaa of harkaa qabu RTVOn lallabaa ture, odeessi midiyaa Wayyaannootan darbu uumata biyyattii biratti odeessa kijibaan darbu malee kan haqa of keessaa qabu akka hin taane saboonni biyyattii gahaatti ni beeku. Haala kanaan Qeerroon godina Gujii keessa jiraatu olola mootummaa Wayyaanee soba of keessaa qabu ifatti saaxile, dhaadannoolee:-Mootummaan wayyaanee waggaa 25 aangoo ture keessatti rakkoo uummataa
furuu hin dandeenye,Daandii baasuu fi ibsaa galchuun mootumma wayyaaneef dadhabbii tahe,
kanaaf nurraa haa ka’u,Dirqamaan kaardii filannoo hin fudhannu,Humni waraana mootummaa nu keessa hin deemin nu keessaa haabahu,Nuti bilisummaa barbaanna,walabumaatti ammanna! Oromiyaan kan oromooti, kan habashaa miti!Mirgi keenya nuuf haa kabajamu!Mootummaa sobduu hin barbaannu!Mootummaan Wayyaaneen ajjeesaadha, saamtuudha, aangootti fufuu hin qabu!
Dhaadanollee hedduun uummata keessatti aanaalee adda addaa keessatti darbatamuun bittimfamee jira, uummannis har’a akkuma jirutti waraqoota faca’e kanatti gurra dhaabuun gammachuun itti dhagayame, diddaan isaaniis dargaggoota godinichaa waliin hiriiruuf mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun falmii gaggeessuu kutatan,dhaadannon Qeerroo kaleessa galgala ka’ee aanaalee hunda keessatti naannoo mana barumsaatti faffaca’uu fi bakka uummanni arguttis maxxanfamuun dhagayame, kanumaan har’as barattootni kanneen akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, qophaayinaa aanaa Shaakkisoo barumsa dhaabuun dhagayame.

Horsiisaan Bultooti Oromoo Godina Baalee, Aanaa Dawwee Sarar Hidhattoota Somaalee Waliin Walitti Bu’uu Gabaasi Naannichaa Addeessa

Aside

Gabaasa Qeerroo Baalee, Ginniir Irraa Amajii 30,2015

Wayyaaneen uummata Oromoo irratti saboota Somaalee irratti kaastee akka jirtu kanaan duras gabaasaan kana fakkatu yeroodhaa yerootti dhiyaataa ture,lafa qote bulaa humnaan meeshaadhaand doorsisuun kan ofii taasifatan, horiin qote bulaa humna addaa Somaaleen oofamee saamichi uummata irratti gaggeeffama jiraachuu kanaan dura gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan har’a godina Baalee aanaa Dawwee Sarar jedhamtu keessatti Uummanni Oromoo Baalee aanaa kanaa fi humni addaa Somaalee walitti bu’iinsi guddaan ta’e, humni waraana Somaalee konkolaataa bulchiinsa aanaa Dawwee Sarar fudhachuun qajeele,horiin uummataas humnaan oofamuu irraan uummanni abbaan qabeenyaa utuu jirruu saamamnaa jechuun dura dhaabbate dhukaasnis uummata horsiisee bulaa Oromoo irratti dhuka’e horsiisee gama lachuun irraa gaaga’ami akka gahe gabaasa naannicha irraa nu gahe beeksisa.

Horsiisee bulaan Baalee aanaa Dawwee hedduun haala kanaan akka gaaga’amanii jiran lakkoofsa hin qabu jedha Qeerroon, kun tahuun isaa har’a Amajii 30/2015 ganama sa’a 4:00-7:00 gidduutti akka sa’a naannootti yoo tahu godina Baalee aanaaleen 10 ol tahu gara aanaa bakka walitti bu’iinsi jiru kanatti uummanni imalaa jiraachuun dhagayamaa jira, kunis diddaa jabaa warra somaalee waliin gaggeessuuf uummanni Oromoo of qopheessee qajeelee jiru aanaalee:  Ginnir ,Gaashara,Goobbaa, Raayituu,Daawwee,Daawwee Qaaccan,Beeltuu, Sawweenaa,Barbaree, fi kkf gara sanatti bobbahee humnaa fi kaayyoo tokkoon lola irratti hirmaachuf deemsa taasisee jira, mootummaan Wayyaanee saba bicuu somaalee waan uummata irratti kaaseef gidduu goree dhaabsisuu kan hin dandeenyeef kun kaayyoo isaati uummannis kana hubatee waan jiruuf mormii gara lachuutti taasisuudhaaf diddaa jabaan ka’ee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa, uummanni keenya rasaasaan madaa’e danuudha. Qeerroonis kana keessatti uummata isaa waliin hiriiree diina uummata Oromoo lakkuu tahee itti dhufe waliin fincila adeemsisuu haamilee fi yaada tokkoomeen eegalee jira.

ለድል ተሰማራ!!

Aside

ለድል ተሰማራ!!

Masarat Tulluu Irraa

Mesert Tulluuተገለህ ስትጣል እንደ ዱር አውሬ፡

ውጭ ሀገር ተቀምጦ ምን ሊፈይድ ወሬ፡

ወገን ሲጨፈጨፉ በነጋ በጠባ፡

በገዥዎች ትእዛዝ በካዲዎች ደባ፡

በስርቤት ታጒሮ በሳት ሲጠበስ፡

በውነት ፉጡራነን ለወገን ምን ደርስ?

በሳይበሩ አለም የምንኖር በአፉ፡

ዘራችን በጥይት እንደ ቅጠል ሲርግፉ፡

ሰው ሆነን ለመኖር ምንድን ነው ትርጉሙ፡

በተግባር የሌለን ሁሌ ማጉረምረሙ፡

የቡና ላይ ወሬን እርም ብለን ተፉተን፡

ለድል እንነሳ እንታገል ተግተን፡

ሁሌ ከምንኖር እንባ እያነባን፡

ለድል እንነሳ ባንድ ላይ ሆነን፡

የትላንቱ ህፃን ሞትን  ሲደፉር፡

መሆናችንን አውቀን ከሞት የማንቀር፡

ዝም ብለን ከምናልፉ ለወገን ሳንሰራ፡

ሀሜት አስወግድህ ለድል ተሰማራ፡

ነፃነት አይመጣም ቁጭ ብሎ በወሬ፡

መጣላችን ያብቃ ተገለን እንዳውሬ፡

ለድል ተሰማራ

Filannoon Sobaa Bilisummaa Oromoo fi Mirga Sabootaa Hin Fidu Mata Duree Jedhuun Sochiin FDG Magaala Adaamaa fi Naannoo Isheetti Itti Fufe

Aside

Yes We Can!!Amajjii 29,2015 gabaasa Qeerroo Adaamaa, Sochii mootummaan Wayyaanee maqaa filannootin ummata keenya burjaajessu dura dhaabbachuuf ,akkasumas filannoon biyya keenyaa ol’aantummaa paartii biyya bulchu qofaan kan adeemsifamu waan taheef ummatni Oromoo filannoo irraa akka of daangessee QBO faana sochii isaa akka taasisuuf ibsoota ejjennoo fi dhaaddannoowwan garagaraa kaleessa galgala magaala Adaamaa,bishooftuu,duukam fi fantaalle mataa haraa keessatti manneen barnootaa fi waajjiraalee jiran hunda irratti raabsamee jira. dhaaddannoowwan kunis

  1. Filannoon kijibaa mirga saba keenyaa hin dhugoomsu,akkasumas gabrummaadhaa nu hin baasu
  2. Filannoon mirga malee dirqamaa miti ,kanaaf kaardii filannoo dirqamaan kennuun haa dhaabbatu
  3. Barattoonno oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa hidhamuu fi ajjeefamuun akkasumas mana barumsaa irraa ari’amuun haa dhaabbatu
  4. Qote bulaa oromoo sababa investimentiin qe’ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu
  5. Hoogganoota OPDO ergama wayyaanee galmaan gahuuf ummata keenya irratti hojjetan ni balaaleffaffa. fkn 1Abbaa duulaa Gammadaa (minaasee w/goorgis) 2,Kumaa Dammaqsaa (Taayyee Taklahayimaanot) 3,Muktaar Kadiir ,4,Abdul Aziiz Mohaammad fi kkf fa’a
  6. Ummata oromoo saboota ollaan walitti buusuf daangaa oromiyaa ciruun saba biraaf kennuun haa dhaabbatu
  7. Ilmaan oromoo oromummaa isaanin yakkamuun akka bineensaa adamsamanii jireenya isaanii irraa hidhaatti guuruun haa dhaabbatu
  8. Seerri ummata Oromoof  hin hojjenne ummata Oromoo irrattis hojjechuu hin qabu.
  9. HUB-Nuti sabni Oromoo mirgaa fi biyya diinaan nurraa mulqame filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoodhan deeffanna- dhalli Oromoo shira mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo irratti hojjechaa jiru hubachuun kaardii filannoo dirqamaan nutti laatamu dura haa dhaabbannu -maaster pilaanin finfinnee dhaabbatee otoo hin taane sochii barattoota oromoo dhaamsuf tooftaa bahe ta’uu hubachuun falmii keenya itti haa fufnu
    INJIFANNOON UMMATA OROMOOF
    Sochii taasifame kana erga agartee tikoonni wayyaanee daran yaaddoo keessa galuun dabballoota ishee magaala keessa facaasun waraqaa faca’e guuraa jiru ,dabalataanis haalichi mataa bowwoo itti tahee waan qabanii fi dhiisan dhabuun rifannoota keessa seenanii jiru  Qeerroo naannichaa irraa