Diddaan Barattoota Univarsitii Awaasaa Itti Fufe!

(Qunnamtii Qeerroo, Awaasaa, Ebla 30, 2011) Barattooti Oromoo hidhaman  hanga gadhiifamanitti barumsa idilee kan hin eegalle ta’uu barattooti Univarsitii Awaasaa gaafatan.

Humoonni tikaa fi waraanni Wayyaanees gaaffii brattootaa kana ukkaamsuuf guyyaa har’aa, Ebla 30/4/2011, ganama irraa kaasee mooraa Univarsitichaa weeraranii barattoota jeeqaa akka jiran beekamee jira.

Barattooti garuu, hiriyyooti isaanii seeraan ala ukkaamsamanii achi buuteen isaanii dhabame haga argamanitti seexaa ittiin batratan akka hin qane ibsuun humnooti tikaa wayyaanee fi humnooti waraana hidhatanii mooraa barnootaa gara mooraa waraanaatti geeddaruuf jiran hatattamaan mooricha keessaa akka bahan gaafatanii jiru.

Humnooti Wayyaanees “barattootni diddaa fi fincila kaasuuf jiru,” jechuun humnooti  poolisii  federaalaa mooraa san  guutanii akka jiran maddi Oduu Qeerroo gabaasee jira.

Kan malees, humnooti wayyaanee kun  “barattoota barbaannu waan qabnuuf mooraa hin gadhiifnu,” jechuun nageenya barattootaa jeequun alattis keessattuu, mooraa san keessa oliifi gadi deemuun naannoo barattooti Oromoo itti argaman maratti hordoffii gochaa akka jiran hubachuun danda’ameera.

Universiitii Awaasaa keessaa barattoonni sadii maqaan isaanii,1.Sayyoo Beenyaa 2.Gadaa Raggaasaa 3.Daagim Baqqalaa  jedhaman ji’a darbe keessa erga qabamanii eegalee hang har’aatti achi buuteen isaanii  kan hin beekamne ta’uun ifaa dha.

!!!!!!!

Wayyaaneen Humna Waraanaa Gara Daangaa Eritiriyaatti Guuraa Jirti!

(Qunnamtii Qeerroo, Adaamaa, Ebla 30, 2011) Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa hedduu  daangaa Eritiriyaa karaa Affaar jirutti guuraa akka jiru beekame. Dargaggooti biyyattii lola dantaa Wayyaanee tiksuuf adeemsisamu kamuu keessatti akka qooda hin fudhanne Qeerroon hubachiise.

Akka Qunnamtiin Qeerroo humna Waraanaa Wayyaanee keessaa gabaasetti, mootummaan Wayyaanee gidduu kana, keessaayyu, Ebla 22 fi 23,2011 raayyaa isaa  konkolaataa Autobisa nama 60 baatu hanga 50 tahuun gara  magaalaa Buree fi Maandaa jedhamutti guuraa kan  jiruuf biyya Eritrea weeraruun Asabiin Ethiopiatti deebifna jechuun duula guddaa banee jira.

Waraanni Wayyaaneen gama magaalota Buree fi Maandaatti guure kun irra caalaan sabummaan warra Kibbaa fi Binishaangul yoo ta’an, Affaarotaa fi Somalee warra Affaar akkasumsa Tigroota garii ammoo akka mormitoota Eritrea tti leenjisuun waraana humna addaa godhee gama magaalaa Maandaatti akka qubachiise beekameera.

Kana waliin wal qabatee dabballoonni Wayyaanee ummata Amaaraa fi kanneen Ethiopia leellisan keessatti bobba’un, “Asabiin Ethiopia itti deebisuuf tokko taanee ka’uu qabna, tokkummaan Ethiopia yeroo kana keessa deebi’uu qaba, erga Asabiin deebifnee booda bulchiinsa naanoo jedhame dhabamsiifnee biyya Ethiopia akka durii kiflaagariitti deebifna,” fi kkf ololaa akka jiran illee beekmaeera.

Haala kana irratti Qeerroon ibsa kenneen, ololaa fi afaanfaajjiin kamuu warraaqsa biyyatti keessatti finiinaa jiru dhaabuu akka hin dandeenye yaadachiisee, Qeerroonis kijiba Wayyaaneef otuu gurra hin kennine diddaa fi fincila isaanii akka itti fufan hubachiisee jira.

“Wayyaanee TPLF,Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee, biyyattii keessatti immoo dhowuuf  jiru gara dabarsuuf mala adda addaa baasaa  jirti,” kan jedhe Qeerroon keessaayyuu, “ummata tokkummaa Ethiopia tti amanan kanneen gaaffii eenyummaatti fi hiree murteeffannaa ummattootaatti hin ammanne ofitti qabuuf yaaliin godhamaa jiru, ummattoota biyyattii addaan qoqqooddee bituuf shira xaxxu ta’uu addeessee jira.

“Wayyaaneen yeroo adda addaatti waadaa ummataaf galaa turte takkaayyuu guuttee hin beektu; egeres guutuu hin dandeessu,” kan jedhe ibsi Qeerroo kun qeerroon biyyattii diddaa fi fincila isaanii belbelaa jiru jabeessanii mootummaa abbaa irree wayyaanee buqqisuu malee bifa kamiinuu akka hin tumsineef dhaamee jira.

Seenaa biyyattii keessatti Qeerroon Oromoo kumaatamatti lakkaayaman waraana isaan hin ilaalle keessatti hirmaatuun wareega hin barbaachifne baasaa akka turan kan yaadachiise Qeerroon, Qeerroon Oromoos ta’ee kan biyyattii qabsoo diddaa garbummaa kabajaa fi namummaa  namatti horu  keessatti hirmaachuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha lammummaa irra deebi’ee dhiyaassee jira.

“Nu Gahe Gabrummaan!” Sagalee Miyyoo,Oromiyaa Kibbaa.

(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Yaabelloo, 30 ebla 2011) Roorroo fi gadadoon kan hiraarse, ummanni Oromoo godina Booranaa, aanaa Miyyoo keessatti argaman  hirrira diddaa godhan; kanneen hiriira san irratti argamanis adamsamaa akka jiran beekame.

Oduun qeerroo sababa hanqina qunnamtiitiin turee nu gahe akka hubachiisetti, ummati Godina Booranaa aanaa Miyyoo keessatti argaman fincila diddaa garbummaa fi jireenya gadadoo kan gaggeessan Ebla 27, 2011 ture.

Yeroo qubbattooti alagaa jireenya sadoo jiraachaa jiranitti, ummanni abbaa biyyaa fi qabeenyaa ta’e garbummaa jalatti gidirfamuu bira darbanii sirna haqaa fi walqixxummaan tajaajilamuu dhabuun isaanii akka fincila diddaa garbummaa fi cunqursaa bahan kan isaan dirqisiise ta’uu habachiisanii jiru.

Haadha Oromoo

Dubartii Tigiraay

Ummatichi bakka jiru irraa walwaamee hiriira diddaa bahe kun akka hubachiisetti, yeroo ammaa jireenyi isaanii kan jiruu gadii, kan du’aa olii ti. “nuti qe’ee keenya keessatti beelaan du’aa jirra; alagaan garuu qe’ee keenya keessatti jireenya qananii jiraata. Kana caalayyuu, biyya keenya keessatti akka baqataatti bir’ataa jiraachuun hiree keenya furmaata dhabee jiruu dha.” jedhan maanguddoon hirrira kana irratti hirmaatan tokko.

Ummata hiriira diddaa kana irratti argaman bittimsuuf kan bobba’e waraanni wayyaanee immoo akkauma amala isaa ummata baala qabatanii karaa nagaan gaaffii bilisummaa fi finnaa gaafachuuf bahan kanatti meeshaa  dhukaasaa akka ture beekameera.

Kana malees, hiriira sana irratti namooti argaman hedduun kan reebaman yoo ta’u,  erga hiriirri diddaa sun addaan bittimsamee booda humnooti tikaa namoota hedduu walitti qabanii  hidhaa jiru.

Hidhaa  fi reebicha babal’ataa jiru baqachuunis ummati aanichaa hedduun  qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Moyyaalee Kenyaatti akka godaanaa jiran oduun nu gahe hubachiisee jira.

Qe'ee Garboonfataa

Qe'ee Oromoo

Ummanni Oromoo jireenyi isaa bara baraan gadadoo kan tahee fi caalaattuu hammaataa deemuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kanatti rakkina olaanaa keessa galee akka jiru kan ibsan hayyuun tokko, kanaafis sababni duraa, ‘sirna badaa, dhimma ummataaf hin yaadnee dha. kana malees, qabeenyaa fi lafa ummataa  dureessotatti gurguruun akka Oromoon lafa abaabilee isaa irraa buqqa’ee badu godhamaa jiraachuu dha,” jechuudhaan haala biyyattii keessa jiru qeeqan.

“Ummati waan nyaatu dhabe, hogganaa isaa nyaatuun waan hin oollee dha,’ kan jedhan hayyuun kun, itti dabaluunis, ” diddaan biyya keessatti mul’achaa jirus kanneen abbaa irree ta’uun dantaa ummataaf ihin yaadne yeroon itti lafarraa haxaamu dhufaa jira,” jedhanii jriu.

Yeroo ammaatti gaaffii ummata Oromoo deebisuu kan dadhabe mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee gaaffiilee Oromooti aanaa Miyyoo gaafatanis deebisuu hin dandeenye. Inumaayyu, ummata nagaan gaaffii mirgaa fi jireenyaa gaafchuuf bahan reebichaa fi hidhaan hiraarsaa jira.

Haata’uutii,  ummati naannichaa gaaffilee armaan gadii sagalee diddaa isaanii ol kaasuun dhiheessaa fdhageessisaa aaka turan oduun nu dhaqqabe hubachiisee jira.

  1. Jireenyi Ummata Oromoo yeroo ammaa haalaan gadadoo keessa waan jiruuf mirgi abbaa biyyummaa fi jiraachuu nuuf haa eegamu.
  2. Hiyyummaan, gadadoon, beelli, fi rakkinni waan nutti hammaatee jiruuf, mootummaan imaammata loogiin guutame kana hatattamaan nu irraa haakaasu.
  3. Mirga lafaa fi qabeenya keenya irratti dhabnee dachiin dhalootaan irra jiraannee waan nurratti gurguramaa jiruuf kun hatattamaan haadhabbatu.
  4. Oromiyaan, biyya Hindii miti! Oromiyaan China miti! Oromiyaan Tigraay miti! Kanaaf, biyyi Oromoo kan Oromoo haatahu!
  5. Ofii beelofnee orma hin nyaachifnu!,Ofii gadadoomnee, orma hin duroomsinu! fi  kkf jechuun sagalee diddaa dhageessifataa jiran.

Ummata Oromoo naannoo Miyyoo jiraatu kanaaf deebiin kallaattii kennamuu hanqachuu fi hidhaatti geeffamuun waan dhalateef yeroo ammaatti daangaa Keenyaa cabasanii jireenya baqattummaatti galaa akka jiran illee beekameera.

Yeroo ammaa kanattis, rakkina olaanaaf saaxilamanii waan jiraniif  ummati addunyaa fi UN akkasumas warri mirga namoomaa (human rights) akka isaaniif dhaqqaban Oromoonni martinuu salgalee isaanii akka tahaniif dhaammatanii jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabroomsaan ni Kufa!

Call for Urgent Action

“Since the first week of April 2011 our colleagues have been abducted from various campuses, hundreds have been gravely injured in their dormitories and others have also become victims of harassment.

All these action verified their vulnerability and denial of protection for their safety. You are undeniably aware that the victims of this brutal action of the government armed forces have enormous needs for medical, psychological and social support….”

Read more: Oromo Youth Call for Urgent Action

Dubree Sadiyaa Bashir Humna Ergamtoota TPLFn Reebamte.

(Oduu Qeerroo, Haromayaaa, Ebla 28, 2011)Mooraa University Haromaya keessaa afaan Oromoo waggaa 3ffa kan barattu Sadiyaa Bashir Tarreessaa Ebla 26,2011 Universticha keessatti akka malee kan reebamte ta’uun beekame.

Odeessi Qeerroo akk a hubachiisetti, barattu Sadiyaa Bashir badii tokkoon malee humna Waraana Wayyaaneen qabamtee kan reebamte yoo ta’u, reebicha irra gaheenis  fuulli ishee haalaan waan rukutameef eenyummaan ishee hanga wallalamuu gaheee jira.

Dubree barattuu Sadiyaa yeroo mooraa keessatti reebamaa turte,fuulli ishee gara malee rukutamuu irraan kan ke’e hedduu miidhamee jiraachuun alattis yeroo ammaa haala hamaa keessa akka jirtu beekamee jira.

Qabamuu fi reebamuu dubree Saadiyaa irratti Qeerroon Oromoo mooraa Universitysana keessa  jiran qondaalota Wayyaanee fi bulchitootatti gaaffii dhiheessinaan dubreen Saadiyaa Bashir sababaan reebamtee fi hidhamteef waan  miseensa OPDO hin ta’uu diddeef ta’uu deebisan.

Kana malees, otuu OPDO hin ta’iin kan hanga ammaa turteef, gartuu FDG warra gaggeessan keessaa isheen tokko waan taateef jechuun akka ishii reeban isaanumti ragaa bahanii jiru.

Yeroo qaban immoo, “gaaffiif ni barbaadamta,” jechuun kan hidhan yoo ta’u, erga fuula barattootaa irraa maqsanii booda reebicha dhala namaaf hin malle kan irraan gahan ta’uu odeessi nu gahe ni hubachiisa.

Qunnamtiin Qeerroo University Haromayaas, dhimma kana irratti  yaada kenneen, “hangamuu reebamuu fi hidhamuun nurra gahaa fi nurratti jabaataa adeemu, kaayyoo keenya irratti cichinee hojjanna,” jechuun reebichaa fi hidhaadhaan akka kaayyo isaanii hin dhiifne mirkaneessanii jiru.

“Sodaannee gaaffii mirgaa ummati Oromoo barbaadu gaafachuu irraa duubatti hin deebinu,” kan jedhan Qeerroon Haromaayaa, ” Qeerroon bakka iyyuutti argamtan irree keessan sirna abbaa irree Mallas Zeenaawwii irratti kaastanii yeroo garbummaa kan itti gabaabsitan, amma!” jechuun waamicha dabarsee jira.

FDG barattoota Oromoon ka’een wal qabatee humni waraana Wayyaanee mooricha keessa galuun barattooti akka gadi hin baanee fi kan bahes sababaa malee akka mooraa hin galle tohachaa jira.

Ebala 15,2011 irraa eegalee diddaan barattoota Oromoo University Haramaayaa itti fufe kan jiru yoo ta’u, diddaa barattootaa kanaan kan wal qabate, hidhaa fi reebichi seeraan alaa, kan amala abbaa irrees daran jabaataa jira.

Yeroo ammaa kanattis, sirni abbaa irree Mallas Zeenaawwii, hanguma miidhaa fi roorroo jabeessaa adeemutti,  lukkeelee garaaf bulan garii barattoota keessa ruuquun akka isaan basaasan gochaa akka jiru kan ibse Qunnamtiin Qeerroo bakka iyyuutti lukkeelee abbaa irree saaxiluu fi akka salphatan gochuun jabaatee akka itti fufu illee ala darbe dhaamuun isaa kan yaadatamuu dha.

Qabsoon Itti Fufa! Garboomsaan Ni Kufa!


“In Ethiopia, It is Worse Than in Libya”Qeerricha Oromo

Hundee Dhugaa“In Ethiopia, It is Worse Than in Libya” – Hunde Dhugassa, Ex-Pres. of Students’ Unions

 “The right to your own identity and the spirit of solidarity with others are core values. These are two principles that deserve respect,” Hunde Dhugassa

Hunde Dhugassa came to Belgium from Ethiopia in 2007, without his girlfriend, whom he met just four months before he fled. Hunde i

s one of the faces of the campaign byVluchtelingenwerk Vlaanderen entitled “The makeover of life, Uninvited yet succeeded.” He was the elected leader of a student movement in his native country, but his activities were not appreciated by the regime. “Before I graduated from university, I had tens of thousands student followers,” he says. “Only when I graduated, the real problems started. In Ethiopia, it is worse than in Libya. People are arbitrarily imprisoned, tortured and disappeared.”

As a lawyer, Hunde puts justice at high priority. “And that is lacking in my homeland. Ethiopia is supposedly a democracy since the communist dictator Mengistu was ousted in 1991. In the last parliamentary elections, the ruling party won 99.6% of the seats. The resu

lt speaks a lot by itself. Yet, the government is actively supported by the West. The U.S. ambassador shared the joy of praise for the regime for the excellent election campaign.”

Not just politic

s, Western companies also bake cakes with the government led by Prime Minister Meles Zenawi. “Farmers are expropriated of their land and sold to Western companies, putting the former owners at daily laborers status. This is all done without any significant compensation. Ethiopia is rich in resources, but the country is literally sold to businesses while the locals are still hungry. Meanwhile, elites and the few political circles are swimming in luxury.”

Student Movem

ents Potential Threat to Regime
It is against the abuses that students often rebel. “In the capital Addis Ababa and elsewhere in universities, students come together from all over the country, and of all races and tribes. Those people talk to each other, discuss and exchange information. That’s always been a potential threat to the regime. Student movements are treated with suspicion.”

When I was a student

at Jimma University, the power of numbers worked. “We had democratic elections held among students, and I was elected as their chairman. Thus, I had a large constituency, and the government dared not to openly attack me. I got some freedom to criticize government policies and bring up local matters, including issues of student housing and investment in education in particular, and famine and other political issues in general. As a lawy

er, I wanted to strive for greater equity in the Ethiopian society. You know, Ethiopia is indeed a democracy on paper. We have a constitution that can be an example for many other countries on human rights. The right of every citizen is guaranteed. However, that is all on paper – it simply doesn’t apply in practice.”

North Africa and Middle East Signs of Hope
A dictatorial regime is backed by the West for the guise of stability. It has got similarities with the issue of North Africa. “In Ethiopia it is much worse. People are put in prison, tortured or disappeared. To giv

e you an idea, Ethiopians flee to anywhere – even to Libya, just before the war – because Libya has been much better than their own country. The revolutions in North Africa and the Middle East have inspired us and have given us a little hope. Be sure that the political leaders in Ethiopia are watching what is happening i

n countries like Tunisia, Egypt or Libya with frightened eyes. So are our people – apparently, for a democratic revolution.”

Hunde’s problems seriously started after he had graduated [from the Jimma University’s School of Law]. “Some of my fellow students were themselves political activists. Others, like me, wanted to work as lawyers for the fair application of the law in Ethiopia. But, I gradually saw as the threat against me by the government increased. Friends of mine had disappeared, and some ended up in ja

il. I had already got a message that it was my turn soon. Eventually, the threat was too much for me and I left, with pain in the heart. I had to leave everything and everyone behind, including my girlfriend, whom I have come to know just four months earlier. That was all a terrible decision, but it was not my choice.”

Culture Shock
Hunde also got into a real culture shock when he came to Belgium in 2007. “I came here during winter. It was cold and dark. At the refugee center,

there was a very threatening atmosphere. Sometimes, I could communicate just with gestures. You are absolutely in an uncertain environment. There was too much arbitrariness in decision making. People may or may not be granted refugee status, so it remains very unclear what criteria apply in each case. But, even today, I still find some behaviors of Belgians quite strange. Here you can find yourself seating on the train in front of someone for two hours without exchanging a word with each other. In Ethio

pia, this is unthinkable. Finally, I have to admit also that Belgium is actually a nice country. People here have a great sense of justice. How I had felt unsafe at the refugee center has changed now; I feel safe in this country. That feeling is priceless.”

European Law
Meanwhile, Hunde has also completed his university degree in Belgium. In Ghent University, he has studied European law. “I have learned a lot from it. African countries have a lot to learn from European integrati

on. We should see how things are handled with justice, and how the rule of law governs. This is what we, in Africa, especially in Ethiopia, are missing. We have resources, a young pop

ulation willing to build its future, but we lack political leaders who want to help their country move forward instead of themselves. Unfortunately, Europe also uses a double logic. In Africa, it supports leaders who continually and brutally violate human rights, the same rights that they respect for their own people and the same rights that hold paramount importance of their value.”

Hunde, as a lawye

r, follows with great interest the political agony that Belgium finds itself in. “It may surprise you, but the whole contrast between Dutch and French speakers is familiar to me. We have more or less the same history. Ethiopia is a very diverse country

with dozens of groups and different languages. Even if Oromia is the most populous and resourceful area, Oromos remain marginalized for the last one hundred years. But, the resistance has started and has grown to opposition, some of them are armed, for their right to language, culture and for the overall implementation of self-determination. But, at the same time, the Oromo quest for justice and freedom has been regarded as separatist. Though I don’t count myself so radical, I find it difficult discuss

ing issue around this. The right to your own identity and the spirit of solidarity with others are core values. These are two principles that deserve respect. I have no ready-made solution. Wha

t I really like is the debate to continue however difficult it might be. The country continues to remain fully the case. Here, people can still safeguard their rights, respect the law and respect each other despite the political deadlock. I wish this had been possible in Ethiopia.”

Translated from:

The situation in Ethiopian is much worse than in Libya:

Gaaffiin Qeerroo Itti Fufe!

Mootummaa Wayyaanee Gaaffii Dargaggoota Oromoo Deebisuu hin Dandeenye.

Odeessa Qeerroo Ebla 26,2011 .Gaaffii mirgaa Ethiopia keessatti gaafachuun baroota dheeraaf akka yakka guddaatti ilaalama,Kunis ammoo ummata Oromoo dhumaatii fi qabeenya samamuu,biyya Oromiyaa ammoo akka biyyaatti gurguramtee harka alagaa galuun Oromoota mirga abbaa lafummaa( indigenous right) dorkamaa jira. Hidhaan xiqqaa guddaa Oromootti hammaatee barataan,daldalaan,qotee bulaan,dhiiraa fi dhalaan mana hidhaatti darbama,kaan biyyaa arihama. Rakkooleen fakkaataan kun dhaabbachuu qaba,jedhanii mootummaa Wayyaanee yeroo gaafatan amma illee hidhaamuutu gaaffii keessaniif deebii dha jedhanii University fi college keessatti barattootaaf ibsa kennu.

Akka kanaan FDG University Arbamincitti gaafa Ebla 14,2011 kan eegale hanga ammaatti itti qabatee jira. Barattooti hedduun hidhamanii bakka bu’an hin beekamne,gabbasi qeerroo yeroo darbe ibsee ture. Ammos akka kanaan barattoota Oromoo Ebla 26,2011 irraa jalaqabee mooraa University Arbamincii qabamanii bakka buteen isaaniin hin beekamiin keessaa

  1. Barattuu saadiyaa ‘                    Afaan Oromoo’3rd yr
  2. Tilaahuun Fufaa Guutuu             Economics 3rd year
  3. Taakkalaa Aagaa Gaaroomaa    sociology 3rd  ”
  4. Dhugumaa Bayyanaa                  chemistry   2nd
  5. Dammaraa Gammadaa Qana’aa  civics  3rd
  6. Katamaa Dhiinsaa Yaadataa           sociology 3rd
  7. Taaddasaa Dassaalee Kistaanaa      economics 3rd
  8. Roobee Bookaa                                Geography 3rd

Kannee jedhaman keessatti argamu.

Oduun kanuma waliin wal qabatee jiru,godina Wallaggaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jaartee Jaardagaa jedhamutti FDG gaafa Ebla 25,2011 kan jalqabe hanga har’aatti itti jiraachuu gabaasi naannoo isan irraa nu gahe addeessa.Sababa kanaanis kan wal qabate barattootii fi barsisotiin danuun hidhamuu odeessi qeerroo ibsa.Guutuu FDG Oromiyaa keessa jiru sababaa mootummaan Wayyaanee tahe jedhee  Network telefoonaa cireef yero yeroon gabafamuu dhabuun ni jira.

Baha Oromiyaa Magaalaa Harar FDG Itti Fufe

 Ummanni Oromoo fi Sabni Haraarii Wal Tahuun FDG Gaggeessan. Magaalaan Hararisi Humna Waraana Wayyaanee guutte.

Gabaasa Qeerroo Ebla 25,2011, Haala mootummaan Wayyaanee Network qunamtii cicciruu irraan kan ka’e Odeessi duubana Baha Oromiyaa irraa nu gahe,ummanni Oromoo fi Hararii magaalaa Hararii fi naannoo ishee kan jiraatan gaafa Ebla 15,2011 fi Ebla 17,2011 magaalaa Harar keessatti FDG gaggeessan. Guyyaa kanaan duratti labsi  Sochii Dargaggoota Biyyoolessaan(Qeerroo) waraqaan magaalaa Hararii fi naannoo sanitti faca’uu irraan kan ka’e humni feederaala Wayyaanee ummata hidhaa turuun beekamaa dha,.sanaan wal qabatee ummanni naannoo san jiraatu yeroo gabaabaa keessatti wal qindeessuun FDG wal faana gaggeessaa turaniiru. Yeroo kanatti humnootiin waraana Wayyaanee Oromoota fi saba Haraarii hedduu gara mana hidhaatti guuraa tureera.

Ummnni Oromoo fi Haraarii harka wal qabachuun magaalaa san keessatti sagalee fi dhadhannoo dhageessifachaa turan keessaa qabxiileen jajjabon:-

  • Qabeenyi ummataa samamuu fi dachiin irratti gurguramuun akka dhaabbatu
  • Hidhaa fi ajjeechaan Oromoo fi saboota kaan irraa akka dhaabbatu.
  • Manneen hidhaa fi bakkeen itti reebaman battala akka cufaman
  • Hidhaa fi ajjeechaan Fincila Diddaa Gabrummaa irraa nu hin dhaabu.
  • Mootummaan kun bakkatala jijjiramee dhabotiin siyaasaa walitti dhifuun mootummaa cee’umsaa akka dhaaban.
  • Morni bicuu TPLF ummatoota kaan baka bu’uu hin dandayu.
  • Barattooti University lee adda addaa keessaa qabamanii badii tokko malee hidhaman battala gadi haalakkifaman fi kkf ture.

Kanatti dabalee Dilbata  Ebla 17,2011 Ummanni Oromoo naanno Hararii jiraatan konkolaataa kiraayeffachuun kaanis miillaan kallattii 4n magaalaa seenuun ummata Oromoo magaalaa jiraatan waliin FDG gaaggeessuuf yeroo deeman,humni Waraara Wayyaanee godina Haragee bulchu itti bobba’uun keellaa irraa dhaabbatanii ummata konkolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi rasaasaan madeessuun naannoo miidhaa guddaa irraan geessisaa turan. Kanneen kaan konkolaataa isaanii qabatanii harkaa fudhachuun qabeenyas qabanis irraa saamuun naannoo san irraa kaan ari’aa kaaniin ammoo hidhaatti geessaa turan. Kun kanaan osoo jiruu ummanni Oromoo magaalaa keessa jiru guyyuma kana gaaffii mirgaa fi FDG itti fufaa akka oole hubatamee jira. gabaafama. hwal tumsanii guyyaa gutuu FDG akka deemsisanii fi diddaa fi gaaffii isaanii mootummaan gaaffii mirgaa dhagahuu hin feeneetti akka dhageessisaa turan gabaafame.

Ummata Oromoo fi Hararii guyyaa finciloota kanaa hidhamanii fi miidhaan irra gahe odeessi Qeerroo gara fuula duraa ni gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Diddaan Gabrummaa Hanga Bilisummaatti(Barattoota Oromoo Uni Madda Walaabuu)Irraa

Universitylee  Oromiyaa keessaa fi naannoolee Ethiopia kaan keessatti FDG Itti fufe.

Gabaasa qeerroo,Ebla 25,2011 Barattooti Oromoo mooraa University adda addaa keessaa baratan FDG itti fufanii hanga har’aa human Feederaalaa Wayyaaneen marfamanii jiraachuun beekamaa dha. University hedduu keessaa barnooti dhaabbatee akka jirus gabaasa keenya dhihoo keessatti dhiheessuun ni yaaatama. Guyyaa kaleessaa mooraa University Maqalee keessaa barattooti Oromoo baratan human tikaa mootummaa Wayyaanee waliin waan walitti bua’aniif mooraa Universiticha keessaa akka hin baanee dhorkamanii yoo didanii fincila caalaa kaafna jedhan ammoo akka telefonni isaanii irraa fudhamee qunamtii maatii waliin dhaban doorsisi human tikaa Wayyaaneen irra gahee jira.

Kana malees mooraa  University Madda Walaabuu keessatti diddaan gabrummaa barattoota Oromoon ka’e itti fufee jira. Sababaa diddaa kanaaf barataa Oromoo Abdiisaa Guddattaa  barnoota Geogaphy Waggaa 3ffaa kan baratu human loltoota Federaalaan qabamee moraa irraa fuudhamuun hanga amma bakka buuteen isaa wallalamuun qunamtiin qeerroo mooraa University Madda Walabuu gabaasee jira.

Kanuma waliin barattoonni moraa keessaa bahuu dhorkamanii diddaa isaanii moraa keessatti deemsisa jiran Oromoota Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaatti argamaniif dhaamsa dhaammataniin diddaan gabrummaa hanga bilisummaatti itti fufa qabsoon keenyi kan haqaati jabaadha kan jedhu dhaamachuu qeerroon gabaafti.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe!

Gabroomfataan Hamma Kufu Qabsoo Itti Fufna!!  FDG Itti Fufe!!

Odeessa Qeerroo Ebla 24,2011 ,Barattooti Oromoo University Arbaminc baratan Ebala 14,2011 irraa eegalee hanga har’aatti qabsoo FDG itti fufanii jiru,barattooti kun gaaffii mirgaa gaafataniif deebii kennuu kan hanqate mootummaan Orom-nyaataa Wayyaanee reebicha,doorsisa fi hidhaan addatti barattoota Oromootti duulee jiraachuun beekamaa dha. Mooraa University Arbaminci keessatti humni Federaala gaaffii barattootaa tasgabbeessuu dhadhabe jechuun dhihoo waraana Agaazii keessaa dhalootaan Tigroota kanneen tahan gara mooraa geessuun gootota barattooa Oromoo hidhaatti geessaa ture.Sanas tahu gaaffii barattoota Oromoo ukkaamsuu hin dandeenye.

Kun kanaan osoo jiruu kanneen ammaan dura hidhamanitti dabaluun barattoota Oromoo lama Ebla 21,2011 mooraa University Arbaminci keessaa human loltuun qabanii bakka buuteen isaanii wallalamee Jiru, kan akka barataa Xilaahun Fufaa Guutuu fi Barataa Tasfayee Dhaaba bakka jiran baruu qabna gaaffii jedhuun kan walqabate gaaffii motummaa Wayyaaneetti waan dhihaatee jiruuf,deebiin isaa ammos warra gaaffii kana gaafate keessaa barattoota hidhuu tahe.

Akka kanaan Ebla 23,2011 barattoota:-

  1. Waris-yoo Bantii Management waggaa 3ffa,
  2. Biqilaa abshaloo   Economics      ”          ” ,
  3. Dhugumaa Jabeessa Chemistry    ”          ”  ,
  4. Jamaraa Tolasaa      Physics         ”         ”  ,
  5. Biqilaa tasfayee        Irrigation       ”         ”  ,

Kanneen bakka buufaman dhabamuun qeerroon Oromootaa Unversity Arbaminci gabaasu.Kana malees magaalota Oromiyaa kan akka Dirree Dawaa,Adaamaa,Finfinnee,Ambo,Geedoo,Naqamte,Shaambu,Gimbii,Asallaa fi Jimma keessaa barattooti FDG gaggeesitan jechuun jidduu kana mana hidhaatti guuraman akka gabaasi qerrolee naannoo irraa nu qaqqabeen dabarsina.

Qabsoon itti fufa!gabroomfataan ni kufa!