Ajjeecha PP’n Dargaggoota Oromoo irratti Xiyyeefachuun jumla rawwachaa jiru Dargaggoota Oromoo qabsoo irraa jiilchuuf itti yaadamee kan rawwaatamaa jirudha.

Ajjeecha PP’n Dargaggoota Oromoo irratti Xiyyeefachuun jumla rawwachaa jiru Dargaggoota Oromoo qabsoo irraa jiilchuuf itti yaadamee kan rawwaatamaa jirudha.
Ibsa Gaddaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
cropped-qeerroo11-4.jpgMurni PP erga Afaan qawween angoo biyyatti qabatee Uummata Oromoo ajjeessufi hidhu hojii idilee isaa godhachuun gochaa sanyii dugugaa uummaticha irratti rawwaacha jira.
Addatti ammoo Dagaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun Oromiyaa bakka hundatti ajjeechaa sukkaneessaa rawwachuutti jira.
Dargaggooni lafee dugdaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’u waan beekuuf Bilxiginnaan Qabsoo irraa jilchuuf ajjeecha suukaneessaa Dargaggoota Oromoo irratti irra deeddebiin rawwachuutti argama.
Ajjeechaan Mudde 18,2021 Jaallan Miseensoota Qeereoo Bilisummaa Oromoo irratti Magaalaa Naqamteetti raawwaates Dargaggooti Oromoo mirga Abbaa Biyyummaaf Qabsoo akka hin geeggesine,qabsoo keessatti hin hirmanneef jilchuuf kaadiroota PP’n itti yaadamee kan raawwateedha.
Ajjeechaan Miseensoota QBO irratti Magaalaa Naqamteetti rawwaate hedduu kan nama rifasiisudha. Jaallan Wareegaman yeroo dheeraaf Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti of kenninsan boqonnaa tokko malee dirqama isaani ba’a kan turanidha.
Jaal. Abubakar Nuree FDG, FXG qindeessun finiinsuu keessatti qooda seenaan hin daganee ba’aacha ture Jaal Nimoonnaa Ijigguu,bara 2018 Kitaaba Alanfanaa Bishaani jedhu barreessuun Og-baruu Oromoof Gamache ture jaal Amanu’eel Habatamuu fi Jaal Robsaan akkasuma .
Jaal Abubakar Nuree fi Jaal Nimoonnaa Ijigguu bara 2019 Magaalaa Naqamtee fi Finfinneetti humna tika PPn qabamun mana hidhaa Komiishi poolisii Finfinnee fi Qilnxootti hidhamun waggaa lama booda ji’aa murasaa dura manni murtii Federaala bilisa isaan baase .
Mana hidharra ba’uun osoo hin turiin tikni PP adaamsun haala suukanneessaan ajjeesse. ajjeechaan jumlaa Oromiyaa guutuu keessatti uummata Oromoo irratti rawwaacha jiru daran kan nama yaadessudha.

Continue reading

Jobirri uummata Oromoo ABO’n akka saffisaan kaatuuf qoochoof miilli isaa walii galuu barbaachisa!

Jobirri uummata Oromoo ABO’n akka saffisaan kaatuuf qoochoof miilli isaa walii galuu barbaachisa!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Muddee 16,2021Abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e, fuuldurattis naatoof mararteen saba keenya Oromoo ABO’n wayiita ammaa hadiida injifannoo irratti argama. Gudunfaa injifannoo isaa milkeessuuf, saba keenya Oromoo nagaaf nageenya isaa bakkatti deebisuuf qaamoleen ABO’f miilaaf qoochoo ta’anii, Joobira uummata Oromoo ABO utubuun asiin gahan har’as hariiroo dhangi’amaa waliin qaban sana jabeessanii itichuun furmaata fardii ammatti isa barbaachisudha. Akkuma olitti eeruu yaale Addi Bilisummaa Oromoo saba keenya Oromoof Joobira humna guddaaf umurii dheeraa qabudha. Joobirri kun Joobira ta’ee itti fufuuf miilli isaa fayyaa ta’ee jiraachuu qaba. Akkasuma fayyummaan qoochoo Joobira kanaas barbaachisaa akkaan feesisaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Qaamoleen ABO’f miila inni ittiin deemuuf, qoochoo inni ittiin balali’u ta’aa turan qaamota gurguddaa afurtu ture afurtus jira. Isaanis: qaama waraanaa (WBO), qaamota miidiyaa arrata dhaabichaa, qaamota siyaasaa dhaabichaa, fi qaamota dinagdee ABO ti. Qaamoleen kun utubaaf wiirtuu dhaabichaa, kuula dhaaba kanaaf qaroo dhaabichaa, addatti ammoo haamilee saba kenya Oromoo tiksuu fi saba keenya walitti fidanii tokkoomsuu irratti dhaaba Oromoon qabu ABO diinaaf firoota diinaa irraa tiksanii asiin gahuu irratti qooda fakkaataa hin qabne bahataniiru. Continue reading

Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa dabalatee  jumala uummataa keenyarratti rawwate Duula Oromoofi duudha isaa balleessuuf PP’n rawwatteedha!

Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa dabalatee  jumala uummataa keenyarratti rawwate Duula Oromoofi duudha isaa balleessuuf PP’n rawwatteedha!

 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

qeerroo1Sirni Afaan Qawween uummataa Oromoo bulchaa jiru Bilxiginnaan erga angoo biyyatti humnaan qabate agaami inni Oromummaa baleessuuf  rawwachaa jiru yeroo yeroon dabalaa akkuma dhufen Uummata Oromoos gatii guddaa kaffalchiisutti argama. 

Duudhaafi Aadaa sabaa tokko yoo cabsan salphatti Uummaticha cabsun niidanda’ama PP’nis tooftaa  kanaan Uummata Oromoo cabsuuf tarkanfi hadha’a uummaticha irratti fudhachuutti jira.

Uummata Oromoo yeroo adda addatti kutaan gargar qooduuf murni PP waan hin goone hin qabu sanatti milka’uu waan hanqateef Abbooti Oromoo Aadaafi sirna Oromoon qabu dhaloota dhaalchiisutti argaman garaa jabeenya guddaan ajjeessun Duudha , Aadaa Fi Eenyummaa Oromoo balleessuuf akka ta’e Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa (Abbaa Bookuu) dabalatee dargaggoota bor Gadaa Micheelle dhaluun Gadaa fudhachuuf abdataman irratti rawwate argisiiftu guddadha. 

Sirnoonni yeroo hundaa Oromoo birratti gaddan yaadataman kanneen akka Miniliik, Hayilee Silaasee, Dargii fi EPRDF Duudhaa fi Aadaan Oromoo eenyummaan Oromummaa akka baduuf waan hin goone hin qaban. Continue reading

Fixiinsa Lammiilee Oromoo Karrayyuu

Manguddoti Gadaa jilatti osoo jiranii ajjeefamuun caalaa waan nama gadiisisu hin jiru kaan ammoo achi buuteen dhabamsiifaman jedhama odeeffanoo kaleessaa Mudde 2, 2021, Godina Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee ganda Aayaa Boolee keessatti Abbaa Bokkuu dabalatee hayyoonni gadaa sirna baallii wal harka fuudhinsa baallii bara dhufu geggeeffamuuf osoo jila gadaa geggeeffataa jiranii waraanni murna bilxiginnaa jila kanatti marsuun hunda isaanii qabanii ganda Nyafuroo geessuun namoota 14 achitti ajjeesanii namoota 25 ammoo qabanii deemuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii abbaan qe’ee, qe’eesa irratti Salphina akkasi arguun daba namoota ajjeefaman kana keessaa abbaan Gadaa Karrayyuu kan bara dhufu baallii kennuuf deemuu fi maatii tokko keessaa abbaa fi ilmi akkasumas obboleeyyan lameen keessatti argamu jedhama
Namooota ajjeefaman keessaa kan maqaan isaanii beekamee guyyaa har’aa sirni awwaalcha isaanii geggeeffame.
1. Kadiiroo Hawaas Boruu (Abbaa Bokkuu)
2. Jiloo Diidoo Fantaallee
3. Odaa Carcar Odaa
4. Boruu Fantaallee Jiloo
5. Bulaa Fantaallee Hawaas
6. Bulgaa Fantaallee Hawaas (Obboleeyyan)
7. Jiloo Dhaddoo
8. Fantoo Waaqayyoo Dagalee
9. Hawee Roobaa Hawaas
10. Fantaallee Boruu Galaasoo (abbaa)
11. Boruu Fantaallee Boruu (ilma)
12. Boruu Godaanaa Boruu fi
13. Qumbii Gurraacha Boruu ti.
Kanneen wareegaman seenaan barabaraan isaan haa yaadatu.
May be an image of 4 people and text