Hiriyaa malee michanii – Geggeessaa malee galan.

barruuJiituu Lammii irraa

Dur dur, ilmoolee qeerransaafi re’eetu walitti michi jedhama. Guyyaa guuyyaa waliin taphataa oolanii galgala gara gara warra isaaniiti galu. Gaaf kaanittiin qeerransi “…har’a eessa oolte….?” Jettee ilmoo ishee gaafannaan, ilmoonis eenyu waliin akka oolte tokkoo lamaan itti himti. Gaafa kana haati hedduu aartee “…kana booda yoo isaan argite toftaan ittisiqii qabii nyaadhu…!” jettee gorsiti. Akkuma kana edaa haatii re’ees mucaan ishii eenyu waliin akka ooltu waan barteef, “… ilaa yaa mucaa koo, diinni hamaan sanyii keenya lafarra fixaa jiru warra kanaa, lamuu fuullee jara sanaatti hinbayiin.…” jechuun jabeessitee akeekkachiifte.

Gaaf kaanittiin ilmoon qeerransaa barii kaatee, fuulleetti baatee, “…yaa ijoollee kaleessaa…. Koottaa nitaphannaa…” jettee sagalee jabaadhaan waamte. Ilmaan re’ees dursanii dubbii jiru waan baraniif, “… isa haatee sii malte… keenyas haati nuu malteettii… nagaatti… nagaattii…!!” jedhaniin jedhama. Warri wal dhagahu, warri mala waliif himu akkasiin badiirra wal oolfata. Gara dubbii koottan darba.  Hiriyaa malee michanii

OLF Statement on the latest violent clash between Borana and Guji Oromo

abo

Using Bloodshed to perpetuate their Rule- a Standing Policy of Ethiopia’s Rulers.
OLF Statement on the violent clash going on in southern Oromia

Since the violent formation of the Ethiopian empire three generations ago, Oromia and Oromo have been in constant conflict, instability, poverty and ignorance. The violence is applied either directly by the regime or through agents instigating conflict between neighbouring peoples or even tribes. Oromia and Oromo, who happen to be the main base of this empire, have borne the brunt of this violence.
Oromo suffered shocking extermination and mutilation, including severing of males’ limbs and females’ breasts, for resisting the imperial conquest. They were disfranchised of their land and dehumanized by reducing them to serfs and distrusting them, along with their dispossessed lands, to serve the victor militia forming the “neft’egna” (arms-bearer’s) system. Conflict was instigated with all the neighbours projecting Oromo as threats so that they would never think of resisting any more. Thus Oromo has to pay sacrifice in lives and property simply because of the possibility of being a threat in the future.
The current Tigray People’s Liberation Front (TPLF) regime, that usurped the power in 1991, is a good mirror of the successive regimes of Ethiopia in executing this policy. Under the pretext of development it evicted tens of thousands of Oromo from their ancestral land to sell to rich companies and enrich themselves. It dismissed hundreds of Oromo youth from higher education institutes and put them in jail under flimsy excuses for constant torture, to deprive Oromo of native intellectuals. Countless Oromo have disappeared; tens of thousands have fled their country.
The regime has intensified conflict-instigation between neighbouring peoples and Oromo by arming elements from the other side and presenting itself as a mediator. The case of such elements from Somali, Gumuz, Geede’o, Burji and Afar, with the neighbouring Oromo is a vivid example. They even applied the same policy between Oromo’s own tribes. The latest of such a case is the conflict that is going on between Boran and Guji Oromo tribes in the South.
This conflict, that has been instigated by agents of the regime and is going on for days, has claimed about one hundred lives and considerable property. It is obvious that the regime can stop this immediately has it not been a party to it. There is no better evidence than this for the relation of enmity between this regime and the Oromo people.
The OLF expresses its deepest grief at this conflict and holds responsible and condemns the TPLF regime for instigating and perpetuating it. The OLF calls the Oromo elders, intellectuals and youth to be aware of this enemy schemes to weaken the Oromo unity and discharge their national traditional duty by intervening to immediately stop this conflict and reconcile those involved.
Vicroty to the Oromo people!
Oromoo Liberation Front
March 31, 2014

Read More:- 

Ibsa ABO- Walitti Bu’insa Booran-Gujii irratti- Bitootessa 31, 2014.pdf

OLF Press Release on Boren-Guji Clash- March 31, 2014 – English.pdf

OLF Press Release on Boren-Guji Clash- March 31, 2014 – Amharic.pdf

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 1ffaa

SEENAA Y.G(2005)

barruuTokkummaa Ilmaan Oromoo bakkayyutti hawwanii fi Tokkummaan addunyaan itti jirtu, hiikkaansaa tokko moo, garaagarummaa qaba laata ? Adeemsa Qabsoo Biyyootaa fi saboota addunyaa keenya irra jiranii, Tokkummaan Qabsoo isaaniif hawwaa turan/jiranii fi nuuti amma bakka marattu akka dhaadannotti itti dhimma ba’aa jirru , tokko moo walii faallaadha ? gaaffii kana kaasuuf kan dirqisiise, Qabsoo Oromoo hudhee kan takaalee jiru, tokkummaa dhabuu keenyadha !! namoonni jedhan heddummaachuu fi hawwii tokkummaaf qaban, bakka hundatti akka dhaadannotti, akka yaadaatti ,akka hawwiitti, wal ga’ii irratti, hiriira irratti, Intarneeta irratti aarii fi gaddaan guutamanii yennaa dubbatanii fi kataban arguu fi dhaga’uu koo irraati. Akka kiyyatti Tokkummaan yaada walii galaa of keessaa qabu Ummata tokkof barbaachisaa ta’us, Qabsoo keenyaaf dhibeen tokkummaa nuuti hawwinu odoo hin taanee, yk Tokkummaa yaada Ilmaan Oromoo keessa jiru odoo hin taane, Tokkummaa yeroo qabsoo nu barbaachisu wallaaluu keenyadhaan jedha. Tokkummaan amma hawwaa jirru, Tokkummaa Bilisummaan booda ittiin jiraannu malee, kan yeroo Qabsoo keenya kanaatti nu barbaachisu miti. Miti kanan jedheef dhugeessuun hedduu ulfaataa ta’uu isaa irraati. Qalbiin haa wal hubannu. Gadi fageessinee haa yaannu. Miira ho’aan odoo hin taanee, miira tasgabbaa’een itti haa yaannu. Kun waan salphaa miti. Waan Ummati tokko irratti wal hubachuu qabudha. Bakka dhibee yk dhibee jiru adda yoo hin baasiin dawaan hin argamu waan ta’eef.

TOKKUMMAAN, HAWWII FI DHAADANNOON HIN DHUGOOMU !!!!!!!!!!.docx

Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe.

Bitootessa 24/2014 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe. Qeerroon baratootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyatii Yuunivarsiitootaa fi koolleejjota garagaraa irraa eebbifaman kanneen baay’inni isaanii 100 ol ta’aniin haala qindoomina qabuun qabsoon hojii dhabdoota baratoota Oromoo sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi dipilomaa qabaniin egaale jira.

Gootootni Qeerroon dargaggootni Oromoo biyyaa abbaa keenyaa Oromiyaa badhaatuu keessatti hojiidhabdee taanee, jiruuf jireenyaan dararamaa jiraacha jirra, jechuun Wajjiraa bulchiinsaa Godina fi Wajjiraa komishinii Poolisii Godina Lixaa Shawaa fulduraatti walitti qabamuun gaaffii isaanii qindeeffatanii bulchiinsa godina lixa shawaatti yeroo dhiyeeffatanitti hojjetootni ergamtuun sirna Wayyaanee godinichaa bulchaan Godinaa waan hin jirreef yeroo inni jiruttii gaaffii keessan isin irra fuudhamaa malee ofii keenyaa deebisuu hin dandeenyu jechuun deebii sodaan guutame kenaani jiru.

Komishiniin Poolisii Godina Lixaa Shawaas gaaffii keessan kan nuti deebisuu hin dandeenyu bulchaan godinaas hin jiruu jechuun namni gaaffii hojiidhabdoota baratoota Oromoo keessuummeessuu dhibamuun biyyaattiin mootummaa mataa ishee kan hin qabne ta’uu kan mul’isuu ta’uun ifatti saaxilamee jira. Mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee gaaffii dargaggoo Qeerroo Oromoo jalaa lafa seentu dhabdee muddama cimaa keessa seentee jiraachuun hubatame jira. Boodarraan erga deebiin kun baratoota Oromoo barnoota xummuraanii hojii dhabanii jiruuf jireenyaan dararamaa jiran kanaaf kennamee boodaa komishiniin Poolisii godina Lixaa Shawaa fi humnoonni basaasaa wayyaanee baratoota Gaaffii Mirgaa dhiyeeffatan gooluuf poolisoota fi humna waraanaa hidhachiisuun dorsisanii addaan bittineessuuf yaalii godhamee Goototni baratootni Oromoo nuti mirga keenyaa falmachuuf baanee waan ta’eef dorsiisaa, hidhaa, du’aaf illee duubattii kan deebinu hin se’iina, gaaffii kenyaa nurraa fuudhaa nuf deebisaa, yoo kana hin gootaan ta’ee biyyaa gadhiisaa abbaan biyyaa dhufee biyyaa fi nuyi uummata isaa seeraan haa bulchuu jechuun afaan qabachiisaan.
Humna tikaa fi baasaasaa Wayyaanee godin Lixaa Shawaa kan ta’ee kan yeroo hedduu ilmaan Oromoo bakkota garaagaraatti hisiisaa, ajjeesisaa, fi biyyaa irra arii’achaa ture namni maqaan isaa “Leejjisaa Jootee” jedhamuu uummata doorsisuun   walga’ii seeraan alaa walitti qabamtan hundii keessan iyyuu ni hidhamtuu jechuun ergama diinummaa isaa bahuuf yaalii godhullee goototni sabboontotni qeerroo dargaggootni Oromoo mirga keenya kabachiifachuuf gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jirruuf duubatti hin deebinu ati mataan kee seeraatti dhiiyachuu qabda malee nu shororkeessuu hin dandeessuu jechuun dura dhaabbatan. Komishiniin Poolisii Godinichaa baratoota tasgabbeessuuf yaalii godhullee jechootni dabbaloota Wayyaanee akka ergamticha diinaa ”Leejjiisaa Jootee” keessa ba’uu dhiiga kan nama danfisuu ta’uu, baratootni ifatti dubbachuun gaaffiin mirgaa hojiidhabdummaan walqabatee ka’ee kan itti fufuu fi hin dhaabbannee ta’uu hubachiisuun Gaaffii har’a kaasaan kanas lafa bulchiinsii godinichaa jirutti itti fufinsaan fulduratti kan dhiyeeffatan ta’uu murteessuun kan gargar bahan ta’uun ibsamera.

The continuing of Human Rights Violation against Oromo people

Kiyya GonfaaBy Kiyyaa Gonfaa

Over the past 22 years, the TPLF-led and dominated Ethiopian government, has imprisoned tens of thousands of oromo political opposition and citizens, . As the result of the government’s repressive policies, thousands of innocent citizens have been languishing in prisons and secret camps and many have been severely tortured and killed. Others have been abducted and made to disappear. Hundreds have been murdered in broad day-light. Well respected human rights organizations such as Amnesty International, Human Rights Watch, and the US State Department’s own annual reports have documented rampant arrests,tortured and Extra-judicial killings and disappearances (hidden assassinations) and other human rights abuses by TPLF government.today, there are more than 30,000 Oromos jailed and being torturing in Ethiopian prison centers being suspected of Oromo Liberation Front (OLF) members and supporters and Prominent Oromo individuals, civil servants,teachers and students, farmers are being murdered, detained, kidnapped, displaced and harassed for no crime committed.

The TPLF-led regime mainly targets the Oromo people and oromia because of the economic resources and political resistance. Now a days, there is no single independent media in Ethiopia.News papers, websites,bloggs have been closed by the government. In addition oromo Journalists and activists have suffered for the last 22 years under TPLF because of their peaceful struggle for justice of Oromo people in Ethiopia.

Read More:- Oromo.odt

SBO Bitootessa 23 Bara 2014 – Gaaffii fi Art.Adnaan Mohaammad kutaa xumuraa, gabaasa hiriira nagaa hawaasa Oromoo fi Ogaden Kibba Afrikaa fi kan hawaasa Oromoo Ottaa Norway, akkasumas qophiilee odeeffannoo qaban hordofaa

Kibba Lixa Shawaa M/B Haruu Culullee Keessatti Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Kaasan Gara Aanaatti Babaldhate.

Gabaasa Qeerroo Amboo Bitootessa 21,2014 

Diddaan sirna mootummaa Wayyaanee gaafa Bitootessaa 18/2014 godina kibba lixaa Shawaa Aanaa Sadan Sooddootti FDG qabsiifameen ummannii fi loltooti mootummaa Wayyaanee walitti bu’aa jiraachuun beekame.

Goototni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina gochaa abbaa irrummaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti gaafa baasee ilmaan Oromoo barnoota irraa arii’atu, balleessa malee qabee mana hidhatti darbatuu fi mirgaa uummata Oromoo ukkamsee jiraachuu barbaadu balaaleffachuun hiriira mormii mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessan.

Sababi guddaan hiriira mormii kana kaases mootummaan abbaa irree Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee OPDO’n barataa sabboonaa Oromoo Barataa Gabbisaa Tammiruu barataa kutaa 12ffaa kan baratuun ati kayyoo ABO tu si keessa jira kayyoo diinaa baattee barachuu hin dandeessu jechuun M/B irra arii’atamuun FDG kana qabsiisee jiraachuun beekame.

Gootootni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee gochaa diinummaa Wayyaanee balaaleffaachuun hanga barataan Oromoo balleessaa malee arii’amee kun barnootatti deebi’utti barnoota hin barannu jechuun hiriira mormii gochaa diinummaa sirna Wayyaanee balaaleffachuun gaggeessuun, dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhuun, ajjeesuun, barnoota irraa arii’achuun nurraa dhaabbachuu qaba jedhuufi kannee mirgii dhala namaa fi dimookiraasii kabajamuu qaba jedhu dhageesisuun hiriirichaa magaalaa Harbuu Culullee keessa nanna’uun sagalee isanii dhageesifata.

Sabaaba kanaan walqabatee M/b Harbuu Culullee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keessatti sirni baruuf barsiisuu dhaabbatee jiraachuun
gabaafamera. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii kanatti haalan rifachuun soochii warraaqsaa FDG baratootaa kana duuban keessa jirtu jechuun barsiisota mana barumsicha qorannoo fi doorsiisan dararamaa jiraachuu maddeen keenya kibba lixa shawaa irraa gabaasa jiru, sochii FDG kanas ukkaamsuuf humna waraanaa fi poolisaa guddaa magalittii irra qubsiisuun jiruuf jireenya uummataa hunkuraa jira.

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Bifa Adda Ta’een Qindaayee Itti Fufe.

 Bitootessaa 20/2014 Adeemsi FDG fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf sochiin Warraaqsaa dargaggoota Oromoo ”Qeerroo Bilisummaa Oromoo” Gareen hoggansa Dhihaa Oromiyaa” Qeerroo gootootni baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, tokkummaa uummataa isanii jabeessuu fi haalaan qabasoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf kan onnate yoo ta’u, yeroo amma kanatti, walleelee warraqsaa kallattii Oromiyaa hunda irra tamsaasuun qabsoo bilisummaa Oromootti xummura gochuuf uummata Oromoo hundaa abbaa irree irratti dammaqsuuf kan socho’aa jiru ta’uu hubachiisa.

Bifuma kanaan goototni dargaggootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti walleelee warraaqsaa kan Shukurii ”Miniliik nuf diinaa” , Hirphaa Gaanfurree ”Ka’ii Qeerroo Lammii koo”, Hacaaluu Hundeessaa”Suma Abdiin koo yaa Qeerransoo koo”,Hayiluu Kitaabaa ”Qeerroo Lolii” fi Adinaan Mohaamed ”baala adaamii …”jechuun walleelee warraaqsaa haalan qabsoof na kakkasanii fi nama onnachiisaaniin balaaleffaanna sirna nafxanyaa kaleessa fi nyafxanyaa har’a bifa haaraan mirga uummata Oromoo sarbaa jiru balaaleffatan.
Walleelee Warraaqsaa qabsiifamee jiruunis Qeerroon bilisummaa Oromoo, WBO fi ABO halduree tokko malee dargaggoota Oromootiin farfamuun uummataa Oromoo garaa raasuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun, garbummaa bara dhibbeetti xummura gochuuf kan jiran ta’uun gabaafamera.
Kana Malees Bitootessa 15/2017 goototni dargaggootni sabboontotni baratootni Oromoo gumii guddinaa fi dagaagina seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Stadium mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti
qopheeffachuun walleelee warraqsaan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun faarfatan. Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Seenaa ,Aadaa fi Afaan Oromoo akkuma maqaa isa haala jajjabeessa irratti argama. Ilmaan Oromoo sabboontotni eenyummaa fi Oromummaan boonaan illee gumicha keessatti qooda guddaa fudhachuun seenaa, aadaa, fi Afaan isani guddisuu, walbarsiisuu fi tokkummaa Oromoo jabeessuu irratti argamu.

Kibba Afriikaa Keessatti Hiriirro Mormii Guddaan Hawaasa Oromoo fi Ogaadeniin Gaggeefame.

photo (32)Gaafa Bitootessa 18,2014 ummanni Oromoo fi Ogaadeen kibba Afriikaa jiraatan walgahii mootummoonni Afriikaa 54 guyyaa hundeeffama Pan-African Prliament kabajachuuf torbaan lamaaf Afirikaa kibbaa magaalaa Johannesburg bakka Midrand  jedhamutti yeroo gaggeefatan hawaasi Oromoo fi Ogaadeen tokkummaan ta’uun miidhaa mootummaan Wayyaanee fi abbaa irree EPRDF uumattoota Ithiopia irraan gahaa jiru balaaleffachuun sagalee mormii jabaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan manni dhaabbataan African Parliament jedhamu salgalee mormii uumanni dhageessise kana dhagahuun waan barbaachisu maraan gaaffiin cunqurfamtootaa akka dhagahamu akka taasisaniif gaaffiin dhihaatee jira.

Walga

hii Pan Africa kana irratti mootummaa Ethiopia bakka bu’ee kan argamu muummicha ministeera H/Mariyam Dassalenyii fi ministeera haajaa alaa akkasumas nama biro tokko ture. Haala kanaan H/Mariyam Dassaleny walgahii kana irratti kan argamuuf ture guutummaatti haquun walgahii kana irraa osoo hin hirmaatiin hanqachuu gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.

photo (33)

Godina Gujii mana barumsaa Shaakkisoo keessatti diddaan mootummaa Wayyaanee irratti jabaatee itti fufe.Wayyaaneenis diddaa dura dhaabbachuuf kaan rasaasaan rukkutaa kaan Jumlaan mana hidhaatti guuraa jirti.

Gabaasa Qeerroo Gujii Bitootessa 19,2014
Qeerroo OromiyaaDhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu jabaachaa kan dhufe tahus diddaan Uummataa fi Ilmaan Oromoo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaatee itti fufe. Mootummaan wayyaanee gaaffii Uummataa fi barattoota Oromoo saaminsi warqee haa dhaabbatu, Ilmaan oromoo qabeenya isaanii irraa fayyadamtoota haa tahan malee miidhamtoota tahuu hin qaban kan jedhu dura dhaabbachuuf wayyaaneen barattootaa fi Uummata rasaasaan tume. Ilmaan Oromo rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamanis

1. Dargaggoo Bezzaabbish Gurmeessaa
2. Dargaggoo Dastaa Waaree
Barattootni baay’inaan shantamaa ol tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, kanneen keessaa
1.Barataa Caarii Caanaa
2. Barataa Ahmed Waariyoo
3. Barataa Booruu Duubee
4. Barataa Nageessoo Geedoo
5. Barataa Geetachoo Damissee
6. Barataa Wandimmuu Areerii
7. Barataa Gammachiis Biluu
8. Barataa Jamaal Aagaa
9. Barataa Bayyanaa Jaarsoo
10. Barattuu Falmattuu Galgaloo
11. Barataa Balii Caaccuu
12. Barataa Bunoo Shaggoolaa
13. Barataa Shaambal Galchuu
14. Barataa Kiflee Areerii
15. Barataa Waaree Kottollaa
16. Barataa Badhaadhaa Jamaal
17. Barataa Kiflee Jiisoo
18. Barataa Hoteessaa Sooree
19. Barattuu Caaltuu Birbirsaa
20. Barataa Guyyoo Bakkalchaa
21. Barataa Tamasgeen Addunyaa
22. Barataa Sanyii Dinqaa
23. Barataa Bakkalchaa Oddoo
Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf duula hidhaa Jumlaan gaggeessitus diddaa jabaatee itti fufuun mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisee jira. Mootummaa wayyaanee butute harka wal qabannee dhuma itti haa goonuun dhaamsa qeerroo Godina Gujiiti.

Mormiin Sirna Mootummaa Wayyaanee Qabsiifame Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaan Itti Fufe Jira.

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Bitootessa 17,2014

OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 16/2014 Adeemsi FDG fi warraaqsi qabsoo bilisummaa Oromoo haala jajjabeessaa ta’een Qeerroo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gotota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, Bitootessaa 15/2017 Qeerroon goototni baratootni oromoo kun gumii guddinaa fi dagaagina seenaa aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Studeum mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti qopheeffachuun waleelee warraqsan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun
farsan, Walleelee warraqsaa kan dhiyeenyaa kana artistootni Oromoo lama sirban, kan Artist Shukurii ” Miniliik nuf diinaa yaa Teedii maal baacaa” jechuun sirbee fi kan artisti Qamar Yosuuf wallisee” Miniliiki binensa” jechuun wallisee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’uun dhiichisanii sirbuun uummataaf barnoota guddaa dabarsuun, diinota Oromoo fi habashaa miniliikiin dhaadattutti eenyummaa dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo ifatti diinatti soda tokkoo malee agarsiisan. Goototni ilmaan Oromoo kun lafeen lammiiwwaan koo bakka jirtuu iyyitee jechuun habashaan nurratti hin dhiichiiftuu, kanaan boodaa abbaan irree nu hin bulchituu, minilikii nuf diinaa gocha isaa ni beekna, hashaan habadhuma, Oromoon lamuu hin gowwominaa jechuun diina garaa guban, sochii sabboontota Qeerroo dargaggoota Oromoo kanatti wayyaaneen rifachuun humna poolisaa humna ol halkaniin
doorsisaaf mooraa yuunivarsiitiitti ol haa galchu iyyuu malee goototni baratootni Oromoo sodaa tokkoo malee Oromummaa , sabboonummaa fi eenyummaa Oromoo dabaree dabaree walleewwaan kanneen farsuun diinatti mul’isan.

Sochiin kun Bitootessaa 16/2014 jabaachuun itti fufee; guyyaa kana immoo sabboontotni fi Goototni Qeerroo baratootaa Oromoo Ayyaanaa Dhangalaasaa kan hordoftootnif Leelliftootni fi deeggartootni amantaa waaqeffaanna qopheessan irratti uuffata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa uffachuun eenyummaa, fi aadaa isaanitti boonuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan. sagantaa kanaa booda Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa wal qindeessuun magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa hunda keessa nanna’uun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi adeemsaa FDG argisiisuu sirbuun uummataa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argamuu garaa raasuun barnoota guddaa uummataaf dabarsan.

Haaluma kanaan uummaanni gariin baratootatti makamuun walleen warraqsaa itti fufe. yeroo kanatti walleen warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Uummataan qabsiifamee addatti ABO fi WBO kan faarsuudha. qeerroon ” sirraa hin ollee WBO koo nan ture malee” jedhuu fi Ballammii yaa gurraacha garbuu WBO ABO beektaa qeerransa kutee bira darbuu” jechuun sabboonummaa fi gootummaa qabsoo bilisummaa oromoof qaban ifatti mul’ifatan addattis ABO faarsatan.Adeemsa warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun waraana wayyaanee marsee gootota baratoota oromoo eegaa oluuf illee sodaa tokko akka hin qabneef argisiisan.

Mootummaan Wayyaanee haala kana irraa sodaa guddaa keessa
seenuun humna waraanaa qabuu fi poolisoota qabu magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti bobbaasuun eeggicha cimaa taasisaa jira.

LEENCA GURMUUN BOBBA’E – Dirree Qabsoo

LEENCA GURMUUN BOBBA’E GALLI – MILKIIDHA!!

Jiituu Lammii – Dirree Qabsoo, Zoonii kibbaarraa

Nan baasa gumaa gootowwan koo;

Nan baasa gumaa!

Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;

Nan baasa gumaa!…..”

Hanga ijji koo danda’uttan bitaa mirga koo ilaale. Mukkeen gammoojjii aduu dadhabanii baalli irraa harca’ee qoraattii qofti ittafe malee waan ijji koo irra qubattun dhabe. Hundee mukaa tokko jalatti siqeen ammas ija kootiin waa barbaaduu ittifufe. Simbirroota lamaa- sadi ta’anii takka siiquun wal waamaa, takkammoo weedduun wal faarsaa mukarraa mukkatti ce’aa jireenya uumamaa waliin waldhaansoo qaban qofatu miira abdii wayii keessa namaatti yoo uume malee sagaleen abdii tokkollee waan jiru namatti hinfakkaatu. Iccitiin manaa nabaase garuu dhugaa kana waan geeddaruuf lafa lafa onaa fakkaatu kana keessa qalbiin koo waa dhaggeeffachuu hinlakkifne. Gammoojjii gogaa, bakkuma gurri namaa sagalee abdii dheebotu kana keessa abdii abdii caalutu jira. Abdii nam-tokkee qofa osoo hintaane, abdii saba guddaa, abdii saba roorroo ormaa hadheeffatee furmaataaf sochiitti jiruutu achi keessa jira. Otoon kanuma yaadaan buusee baasuu, “…geenyeerra!” jedhe namni karaa na qajeelchaa ture fuula gara kootti deeffachaa. Haltokko gara isaa miil’adheen ijaafi qalbii kootiin akka qeerransa beela’ee waa adamsuu bosona fuuldura koo jiru sakkatta’uutti deebi’e. Waan ijji koo argu dhugaa ta’uu isaa mameen miiraa gammachuufi rifaasuu walkeessoo tokkoon ka’ee dhaabadhe. Namoonni lama uffata bifti akka magariisuu uffatanii, qawwee gateettirra godhatanii, muka keessaan ulluuqaa gara keenyatti yoo dhiyaatanin arge. Inni dura deemu umriin ga’eessa yoo ta’u, qawween ani kanaan dura argee hinbeekne gateettiirra buufatee nama karaa na qajeelchaa ture nagaa gaafachaa miilaan gara kootti qajeele. Inni ittaanu kaa’ima reefuu yoo ta’u mataan cibiramee gurmuu keessa ciisu waliin yoo irra galchanii ilaalan leenca dheekkame fakkaata. Akka ilmoo haadhaarraa gargar turteen fiigee dabaree dabareen lamaan isaaniittuu harka maradhe. Qalbiin koo giduutti waa hedduu yaadattee imimmaan xiiqii ija koo keessaa harca’uu jalqabnaanan ciniinnadhee gadi dhoowwachaa jara gidduu bu’ee karaa ittifufe. Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kana booda yeroofis ta’u keessummaa WBO ta’uuf jirtuutii yaadaaf qalbiin dhiyaadhaa!

Imala gabaabaa booda moonaa gootaa –goota daabee jigaa, kallacha qabsoo Oromoo, leenca roorroo jibbee gurmuun bosonatti gale, abdii Oromoofi Oromiyaa – WBO geenye. Waraan bakka bakka isaatti battala qabatee of eeggannoon sochii jiru hordofu yoon argu moonaan kun moonaa adda waraanaatti dhiyeenyaan jiru ta’uun tilmaame. Lafa qubsumaa gahee, gaaddifni boqqonnaa erga naaf tolfamee booda bishaan qabbanaawaan naaf dhiyaate. Ittaansuun shaayiin aannan waliin danfe naa gololchamee, dhangaa WBOn qopheesse waliin fuuldura koo gahe. Keessummaa WBO ta’uun akkam nama boonsa seetan! Dhangaa dhiyaate lilliqimsaa yaada sammuu kiyyaa dhaggeeffachuu ittifufe. “….edaa ilmaan saba kiyyaa rasaasa rasaan qolachuutti jiru! ….edaa ilmaan haadha kiyyaa mudhii jabeeffatanii sibiila hidhatanii, diina afaan qawween dabaree wal furee roorroof qe’ee saba isaanii dhuunfate afaan qawweetiin buqqisuuf murannoon diina waliin waldhaansoottii jiru! …edaa goota qabna…! Edaa dhiigni ilmaan Oromo nama gumaa baasuuf qaba! …edaa dhaadannoon diinaa goluma keessattii…..!?” Sammuun koo waa meeqa na yaade seetan.

Ilmaan Oromoo kaayyoo dhiigaan isaan qaqqabe dhiigaan galmaan gahuuf karaarra jiru. Ijoolleen WBO- fedhii namummaafi jireenya dhuunfaa hunda tuffatanii qooqa hidhatanii, hidhannoo jabeeffatanii, bilisummaa sabaafi walabummaa biyyaa dhugoomsuu akeeka godhachuun of kennaanii, diina saba isaanii goolu abiddaan kaaraa dhufettii godaansisuuf kuffisanii kufaa jiru. Isaaniif: haadhaa – abbaarra, obbooleessaa – obboleettiirra, dhalaa – ilmoorra, qabeenyaa – qananiirra…. kaayyoo sabaatu caala. Kaayyoof taanaan, wanti isaan waakkatan hinjiru. Tarii warri ammas mamiitti jirtan, akka kiyyaa fagaattanii otoo hindeemneyyuu ilmaan Oromoo mudhii hidhatanii sibiila qabatanii diina haadhaa fuulduratti tarkaanfachaa jiran qe’uma keessanittuu isin qaqqabuuf jiruutii – obsaa…!!

Anumaa akkuman callisetti waa hedduu of keessatti dhageeffachaa jiruu jaalli tokko gara kootti siqee “…hinceeka’iin…! Jedhe. Akka loqoda gara biraatti ‘hinmukaayiin…!’ jechuudha. Kabajamtoota keessumma WBO, jaallummaan ijoollee WBO biratti ulfina jabaa ta’uu qalbiitti qabadhaatii amma gara yaada harkaa qabnutti deebina. Jaalli kun qawwee isaa qomatti hirkifatee tamboo isaa harkisaa ijaan karaa bal’aa battala gama keessa qaxxaamuru fageenyarraa ilaalaa innis yaadaan fagaate. Aduun gamoojjii gogaa qaama isaa qaqee cilaattesseerra. Jajjabinni qaama isaa garuu alaalumaa beeksisa. Takka haala kanaan erga turree booda, haala qabsoon hidhannoo irra jiruufi sochiin uummataa maal akka fakkaatu odeessa gabaabduu walii qoonnee, baakki amma jirru kun lafa waraanni itti ka’uu danda’u ta’uu natti himee mooraa biraatti akka na dabarsan ijoollee WBO sadi waliin na geggeesse.

Fuuldura kiyya imala dheeraatu jira. Bakkan gahe hundatti sochii WBO daawwachaa, lafa dhiyetti, tokkos lamas bulaa, bubbulaa, fedhu aanan fedhu damma, fedhu foon gadamsaa, ykn. saalaafi gugguuftuu kan fedhe murachaa, kalaankalee ciffachaa, akka ilmoo leencaa sooramaa, akka mucaa dhabaa ururfamaa jabina jajjabee, tumsa hawaasaa, jaalala jaallumaa ….. haalkanii guyyaa otuman dinqisiifadhuu dadhabbii qaama koo madaa barruu miila koo otoon hindhaggeeffatiin amna dheertuu deeme. Biyya, bal’aa dirree bilisa wayyaaneef waraanni ishii abjuu baddeenillee garas miil’achuu hinfeene, kan to’annaa WBOfi leenca gammoojjiin qofaa bulu deemee… deemee… waliin gahuu dhiisii ijaanuu ilaalee akkan hinfullaafne ergan hubadhee booda bakka tokko qubadhee waanan arge xiinxaluu murteeffadhe. Feetan achuma waliin turra.

Amma lafan bubbulee haala jiru xiinxalu gaheera. barruun miila koo hangi lafa tuqu hundi bishaan abbuuqatee lafa ejjachuu na sodaachuutti jira. Bishaan dhiqadhee uffata ergan jijjiirradhee booda haala jiru hordofuuf qophaa’e. Anumaa reefu dugda lafaan gahee sammuun xiqqoo akka shilim jechuu na kajeeluuti wanti tokko deebisee qalbii koo hawate. Waraanni gaaddisa qubatee gariin saddeeqa gariin ammo akkuma fedhii isaatti taphachaa ture huursee lafaa ka’ee “ ….dhiiroo bishaanii …. bishaani…” yoo jedhan dhaga’een “…maaltu maalte’e…!?” jedee anis lafaa ol ka’ee gara jaraattifuula deebise ilaale. Waraana furgaatuu bobbaarra turtee deebitu simachuutti jiraachuun hubadhe. Gaaddisa boqonnaa mijeessaniifi, bishaan dhugaatiin dheebuu erga baasanii booda, ammas warrii kaan bishaan buufatanii warra dadhabee dhufe toora galchanii miila dhiquu aansan. Gochaan inni kun akka isa kaanii ilaalee callisuuf na hindandeessifne. Qalbii guutuunan raajeffadhe. Jaala qabsoo jechuun waa hundaa oli. Jaallummaa faayidaarratti hundaa’u miti. Hariiroo naaf godhii – siifan godhaa of keessaa hinqabu. Hariiroo kaayyoofi wal abdachuu, hanga wareegamaatti wal kunuunfachuu….hariiroo dhala namaa gidduutti uumamu keessaa isa fixee ta’uun mirkaneeffadhe.

Amma doo’annaa koo gara xumuruu gaheera. Ta’us garuu dhimmoota lamaan boruuf hinbulfanneen harkaa qaba. Mooraan amma ittargamu kun mooraa madoon keessatti waldhaanamaa jirani. Qabsoo saabaa keessatti sabaa ofiif dhiiga ofii dhangalaasuun, qaamaa- ittihir’achuun, lubbuu- ittiwareegamuun, miira akkamii akka namatti uumu bakkatti argamanii abbichaarraa baruu caalaa ragaan dhiyaatu hinjiru. Kanaaf madoowwan naannoo kiyya jiran xinxaluun jalqabe. Namni nan madaaye jedhee kulkulfatu tokkolleen ijaan barbaadee dhabe. Kaayyoo bahaniifitu laalaa madaa nama hindhaggeeffachiifneef malee, madaatu madaa laafaa ta’eetu miti. Rasaasa qaama keessatti hafte akkuma nama qoraattii walii baasuu achumatti baqaqsanii wal keessaa guru. Warra muratee bayetu akka kana. Madaa ofii otoo hintaane madaa saba isaaniit dhukkbsatu. Isaaniif qabsoorraa hafuun kan danda’amu gaafa lubbuun isaanii wareegamte qofa. Gaafas ulfinaan gaalmee seenaa barri hinmoofessinerraa yaadatamu. Kanaaf kan madaaye yoom akka fayyee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatee dhimma baheefitti deebi’u qofa yaada.

Yaada kana qalbiitti qabachuun akka toluuf jecha seenaa gabaabduu tokko waliin ilaalla. Kanaaf ammo madoo jiran keessaa namtokkon fildhe. Maqaan Murataadha. Haala isaarraa ka’uunan moggaaseef malee maqaan isaa akkas miti. Asumaanis ammo iccitii eeguuf dirqama qabaachuu koos hindagatiinaa. Murataan baatii muraasa dura luqqeettuu isaarra rasaasaan madaaye. Ammaa jaallan qabsoorraa waldhaansa argachaa jira. Madaan isaa fayyee yoo ejjetu qofa xinnuma miilaan gartokkotti dhiibbata. Gaaddifni keenya wal fuullee waan ta’eef warra kaan dura dafee natti madaqe. Hunduma caalammoo amala kolfee taphachuu waan qabuuf moora hunda mukuu baasa. ‘Daamaa’ taphatee yoo qoofu gara kiyya dhufa. Akkaataa roorroon diinaa qabsootti isa baase, milkii duula gaafa innii madaa’ee (humna diinaa guyyaa sana rukutame, meeshaa booji’ame…) tokkoo lamaan naaf seenessa. Murataan amma waa hunda caala guyyaa guutummaatti fayyee muraasa isaatti deebi’ee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatu abdiin eega. Kolfaaf gammachuu miira isaarraa dubbifamuun alatti sirbootaaf faaruu qabsoo afaan isaa keessaa hinbu’u.

Nan baasa gumaa gootowwan koo;

Nan baasa gumaa!

Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;

Nan baasa gumaa!…..”

Jechuun yoo inni maqaa gootota dirree qabsootti wareegamaniifi barattoota meesha maleeyyii diinaan ajjeefaman dabaree dabaareen waamee faarfatu dhaggeeffachuun waan hunda caala nagammachiisa. Miira xiiqii keessa kootti uuma. Gaafa deemmiin kiyya dhiyaachuu dhagahu waa tokko natti dhaammate. Dhaammannoo isaa kan koo qofa otoo hintaane kan kan Oromoo hunda ilaallatu waan ta’eef xumurattan ittideebi’aa amma seenaa fakkeenyummaa gaarii qabu tokottan deebi’a.

Daa’ima ganna sagaliiti. Yaanniif qalbiin isaa garuu nama jabaa caala. Ammaaf maqaa isaas iccitumaan qabnee yeroof ‘ Ganamoo’ haajennuun. Daa’ima sadarkaa umrii kanarra jiruuf maaltu akka barbaachisu mee sadarkaa guddina hawaasa keessa jirtanirraa ka’aatii yaadadhaa. Ganamoon garuu hiree kana hundayyuu hinarganne. Sababni isaammoo hawaasin inni keessaa dhalate qaama saba gabrummaa jala jiruu ta’uudha. Ganamoon diiramtuu ka’ee warraa isaa biraa gaala waliin bobba’a. Tikseedha. Tarii wanti inni manaa fudhatee bobba’u yoo guddate bishaan xiqqoo kobolaatti naqatu qofa. Yoo waareen ho’u, gaala isaa lafa baalli jirutti geesseetu gara hojii isaa, tarii kan irribaa yoo ka’ellee yaaddatutti fuulleffata. Kobolaa bishaan ittifudhatee bobba’e keessaa bishaan gadi xuruursee gaala haawwicha mirgisaa filatee elma. Kobolaan isaa yoo guutu aannan litira shan gateettirra godhatee gara WBO dhiyeenya isaa jirutti fiiga. Ammaammoo qabsaawaadha! Qoree saphansaafi sigirsoo bineensallee rarraasee qabu gidduu lo’ee WBOtti makama. Yoo waraannillee lafa geeddarate Ganamoon lafa WBOn jiru hinwallaalu. Afuura WBO beeka, jalatti guddate waan ta’eef foolii isaa dhagaha. Hangan achi turetti Ganamoon guyyutti aanan litira shan qabatee qabsoof gumaacha. Nama fuula hinbeekne naannichatti yoo arge fiigee WBOtti hima. Yoo aduun galgalaa’u gala isaa ooffatee warraatti deebi’a. kana kaasuun koo waa irraa barannaafi. “Tarii keessi keenya xiiqomaa laata ….!?” Jedheen. Abbumaaf dhiifna.

Amma doo’annoo koos xumureera, kan na hafe, boruuf milkii hawwee har’aaf nagaa dhaammachuudha Isa dura garuu “ ….. qabsoo sabaa galmaan gahuuf ilmaan Oromoo hundi bakka jiranitti waan danda’aniin hirmaachuu qabu. Waan dirreerra jiru atuu ija keen agarteetta. Oromoon human guddaa qaba. Humna kana warraaqsuun garuu hojii tokkoon tokkoon keenyaa ta’uu qaba. Gaafas warri har’a gargar qoodanii human saba kanaa laaffisuu yaalan abdii kotatu. Sabni keenya ulfinatti baha…” kuni dhaamsa Jaal Murataatti .. Anis kana caala waanan jedhu hinqabu. Akka adaa WBOtti dirqamaafi gaafa bobba’an “injifannoodha!” jechuun jaallan hafanitti nagaa dhaammatu. Anis “Injifannoodha!” jechaan hangan saganntaa dhibiitiin sinitti deebi’utti nagaa dhaammadha.

%d bloggers like this: