Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati (Kan dabreerraa kan itti fufe)

Aside

Waxabajjii 29,2015 Finfinnee

barruuHariiroo Jorgoo – Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Oromiyaa!

Lafa kana kan uume Waaqa yoo ta’ellee, lafa Oromiyaa kana irratti eenyuuyyuu dura kan uumame Oromoo waan ta’eef, lafti kun kennaa Waaqni Oromoof kennedha. Kanaaf lafti kun kan Oromooti! Akkasumatti Waaqxi ardiilee kaanittis biyyoota hundatti uummata uumeera. Biyyootni kunneen lafa Waaqxi isaaniif kenne seera ittiin tikfatan niqaban.  Lafti uumaa waaqaa ta’us, abbaan arge akkuma arge utaalee biyya namaatti hin seenu.

Kankeenya garuu lafuma keenya irratti; biyya abbaa keenyaa irratti kan silaa warra kaan gabbarsiisnee of jalatti seera keenya keessatti bulchuu malletti nuti halagaa biyya keenya seeraa ala humnaan nudhaaltee koloneeffatte gabbarree bulaa jirra.  Yeroo har’aa biyyattii kana irratti kan gibira ol aanaa kaffallu Oromoodha. Kan vaatiifi taaksii kkf biyyattiif galchu Oromoodha. Sharafa biyya alaatiis kan argamsiisu qabeenyaa Oromoofi Oromiyaati! Albuuda Oromoof Oromiyaa kanneen akka warqee Shaakkisoo,pilaatiniyeemii Yuubdoo, Oppaalota Harargeefi godinaalee hedduu saamanii gurgurachaa jiru.

Bunaafi jimaa gogaa beeyladaa, oomishoonni qibaa kanneen akka nuugii, salixaafi suufii kkf Oromiyaarraa maddan. Lafeen dugdaa dinagdeefii jiruu biyyattii kanaa Oromoofi  :- Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo jaarraa 21ffaati

Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa(RSQWO)

Aside

Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa  Ebla 13, 2015 jalqabee karaa marsariit http://www.independentoromia.org/ darbaa jiru dhgeessanii jirachuun keessan ni mala. Radiyoo kana yeroo dhihoo keessatti “short wave” dhaan Oromiyaatti tamsaasuuf qophiinsa xumuramee jira.

Akeeknii Raadiyoo Sagalee Qabsoo Walabummaa Oromiyaa (RSQWO) kaayyoo qabsoo walabummaa Oromiyaa kan biyya walaba fii  uummata bilisa ta’ee argamsiisuuf jedu  jajjabeessuuf carraaquu dha.

Sabbonumma Oromoo kunuunsuu, guddina inni argsiisa jiru jajjabeessu, caalatti, tokkummaa sochii saboontoota Oromoo, warra  Oromiyaa  walaboomsuuf hojettan haaroomsuu fii cimsuun akkeekasa keessa isa isa duraa ti.. Akeeka raadioo kanaas e-mail kanatti uddellee erginee jirra.

Yoo raadiyoo kana amma ammatii hindhgeenyee ta’ee http://www.independentoromia.org/ dhaquun sagalee addaa (unique) ta’ee kana akka caqafatan kabajsan isin afeera.

Qopheessitoota RSWO.

Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Irraa Hojjettooti 18 Filmaata Filuu Waakkattan Sababaa Jedhuun Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Waxabajjii 29,2015 Gabaasa Qeerroo Qassoo
election_tplf_styleGodina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaluu jedhamu keessaa filmaata filuu diddaan sababaa jedhuun ilmaan Oromoo hojjettooti  mootummaa kudha saddeet hojiirraa ari’aman.
Hojjettooti kun badii tokko malee filmaata mootummaa Wayyaanee filuu diddanii fi fimaatas kan filuu waakkattan sababaa ilaalchi keessan ABO ta’eef maqaa jedhuun yoo ta’u gariin isaaniimmoo filmaata kun kijiba mootummaa Wayyaanee hin filiina jettanii uumata ilaalcha ABO qaban nurratti kaftan kun ammo misaansa ABO waan taataniif filmaata utuu hin filatin haftani jedhamuun hojiirraa kan ari’aman yoo ta’u miindaa ji’a kana dhorkatamuu isaaniitiinis keessaayyuu dargaggoonni reef maatiirra adda ba’anii ramadaman rakkoo humnaa olii keessa bu’uu gabaasi Qeerroo Qassoorra nugahe addeessera
Namoota ari’aman keessaa:-

  1. Kiisaa Addunyaa, Waajjira albuudaafi Inerjii irraa
  2. Dargaggoo Warqinaa w/ra Qonnaa irraa
  3. Dassuu. Waajjira Qonnaa irraa
  4. Tamasgeen w/ra hojii gamtaa irraa
  5. Durbee Tigist. w/ra dhimma lafaarraa
    kanneen jedhaman keessatti argamu.

Guyyaa Eebba Barattoota Yuuniverstii Wallaggaa FDG Ka’uun Siidaan Aksum Galma Mooraa Y.Wallaggaa Keessaatti Fannifame Gutummaatti Cirame. Dr,Kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf Kennames Mormii Guddaan Dura Dhaabbatame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Y.Wallaggaa Waxabajjii 29,215

DiddaaYuunibarsiitii Wallaggaatti eebba barattoota gaggeeffame irratti mootummaan Wayyaanee waraana humnaa olii magaalaa fi mooraa Yuunibarsiitii marsuun eebba barattoota utuu hin ta’iin eebba waraanaa fakkeessee jira. Magaalaan Neqemtee guutummaa torbee kanaa raafamaa fi sakkatta’insa guddaa keessa kan turte caalmatti immoo guyyaa eebba barattoota sochiin uummataa waan Wayyaanee yaaddesseef humna waraanaa guddaan eegichi jabaatee itti fufe .

Addatti immoo fakkii siidaa Aksum gootota barattoota Oromoon cicciramuu fi yeroo Dr kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf kennametti sagaleen mormii dhageesifamuun ittumaa mootummaa Wayyaanee kan yaaddeesse ta’uu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaasan. Dr kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf kennamee kun gatii ijoollee Oromoo dhiiga dhangalaasise, gatii Oromiyaa dabarsee gurguraa jiruu, gatii Oromoo
mirga abbaa biyyummaa dhabsiise, gatii ilmaan Oromoo jumlaan hiisise fi gatii master planii Finfinnee Wayyaanee waliin qindeessaniif kan kennameef ta’uu irraan barattootni fi uummatni sagalee mormii iyyuu fi abbaan duulaa gantuu, hattuu fi abbaa irreedha jedhu dhageesisan.
Haala kanaan wal qabatee hanga guyyaa har’aatti magaalaan Neqemtee fi Yuunibarsiitiin Wallaggaa humna waraanaan eegamaa jiraachuutu ibsame. Uummatni maatiin barattoota ijoollee keenya moo waraana eebisiisuu dhufne jechuun utuu dheekkamuu kan galaan ta’uun ibsame.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa ‘’Nuti kan barannuu uummata keenyaaf, kan jiraannuus uummata keenyaaf, kan hojjetnuu uummata keenyaaf addatti qabsoo bilisummaa Oromoo haal duree tokko malee kan finiinsinu ta’a, hanga Oromiyaan Bilisoomstee Uummatni Oromoo biyya abbaa isaa irratti mirgi isaa kabajamuufi ofiin of bulchinutti qabsoon haala fedheen iyyuu itti fufa’’ jechuun jechuun
dhaamsa isaanii uummataaf dabarsan.

Walumaa galatti haaluma FDG ka’een wal qabatee barattooti Nursing baratan 11 fi puplic administration 4 sababa hin beekamneef eebbarra dhorkamaniiru.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF Warreen Hoggantoota Boordii Filannoo Sobaaf Haala Mijeessaa Turan Aangawoota Anaa Fi Godinaalee Taasisee Isaan Muuduuf Jedhcha Walgahii Magaalaa Jimmaatti Yaamaa Jira.

Aside

Waxabajjii 29,2015 Jimmaa

OPDO.jpg saamtuuGuyyaa har’aa kana hoggantootni boordii filannoo Aanotaa fi Godinaalee Lixa Oromiyaa:Godina Bahaa Wallaggaa, Lixaa Wallaggaa, Qeellam Wallaaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Jimma irraa magaalaa Jimmatti walga’ii waamuun badhaasa sagalee uummataa dura dhaabbatanii fi ukkamsaniif kennuufiif kan jiruu fi leenjii dabbalummaa kennuufiif kan jiru ta’ee dabballootaa kanas hogantoota godinaa fi aanaalee taasisuun akka muuduuf karoorfatee jiru Qeerroon gabaasa argateen saaxilee jira.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/n Aangoo afaan qawwee fi waraanaan dhuunfatee jiruu , dimookiraasiitti fakkeessuuf filannoo marsaa 5ffaa gaggeesseen uummata hidhaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisa kan as ga’ee kun filannoo waliin dha’aa fi sobaa barana gaggeessee kanaa haalduree tokko malee akka dabballee olaanaa mootummaatti kan sagalee uummataa ukkamsaa ture fi mootummaan Wayyaanee olaantummaa abbaa irrummaa isaa akka mirkaneeffatuuf haala mijeessaa kanneen turan keessa tokko kan ta’ee maqaaf waajjira boordii filannoo biyyooleessaa, naannoo fi kanneen aanotaa garaagaraa irra jiran ta’uun haqa qabatamaa eenyumtii iyyuu haaluu hin dandeenye ta’uun beekamera. Mootummaan Wayyaanees olmaa dabballoota boordii filannoo sobaa isaa kanaaf bakka kennuun kanarraa hojii abbaa irrummaa baatanii deemuu akka danda’anitti aangessuuf kan kan karoorfate ta’uun saaxilame.

Maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo adeemsa Wayyaanee kana jala bu’uun akka nuuf saaxilaa jiranitti Mootummaan Wayyaanee guyyoota sadii fuldura irraa eegalee Akka guutummaa Oromiyaatti koree boordii filannoo aanaa keessatti warraa amanamoo ta’anii fi ergama diinummaa Wayyaanee EPRDF hojiitti hiikuuf kanneen duubatti hin deebine keessa namoota lama lama filatee Godina Jimmaa Xoollaa’ii mooraa Leenjii
waraanaa keessaatti galchuun leenjii basaastummaa fi dabballummaa kennaafii kan jiruu yoo ta’uu namootni kun akkuma achii ba’aniin Aanaa irratti ramadamuun uummata basaasuuf kanneen qophii gochaa jiran ta’uun beekamee , Qeerroon Bilisummaa Oromoo dabballoota kana jala bu’uun maqaa isaanii waliin kan uummataaf saaxiluu fi akeekaa diinummaa qabatanii jiran kan fashaleessuu ta’uu beeksise.

Ethiopian Election 2015: Is Democracy Prosperous or Destitute?

Aside

HRLHA Press Release

June 28, 2015 Public, For Immediate Release

HRLHAEthiopia holds general elections every five years; the most recent one was held on May 24, 2015. The ruling TPLF/EPRDF party, which has been in power for the past twenty-four years, officially announced on this past Monday, June 22, 2015 that the government and its allies ((political organizations created by EPRDF) won a landslide victory in the country’s parliamentary elections. In the announcement, the ruling party proudly declared itself, not just the winner, but that it was also more victorious than ever before by taking all seats in both the federal and regional parliaments with its allies. In the months and weeks leading to the elections, under very restrictive conditions and in some places even where detentions were common, campaigns by the opposition parties were very intense, and the public response in support of the parties was far beyond expectations. Read More:- June 28, HRLHA PR – Elections 2015

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa Keessatti Jiraatoti Sirna Abbaa Irree Wayyaanee Morman Hidhaman.

Aside

Waxabajjii 29,015 Ammayya

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti saboontonni ilmaan Oromoo saamicha mootummaan sagalee ummataa gaggeesse irratti mormii dhaggeessisuuf ufata gaddaa uffachuun yeroo mormii isaanii ibsatanii ka’anitti mootummaan abbaa irree gufachiisuf qabsaa’a ilma Oromoo kan ta’e Obboo Daamana (Yoom) Himanuu Tooba gaafa guyyaa 26/6/2015 halkan keessa sa’aa 4:00tti mana inni jiraatu baasun Waajjira Poolisii Aanaa Ammayyaa keessatti hiriira situ qindeesse jechuun itti roorisaa jiru. Qabsaa’a kun Part MADRAK’f taajabaa ta’ee achuma Magaalaa Gindootti yeroo ta’eetti yeroo samicha sagalee gaggeessuf yaalanitti dhorkuuf yeroo yaalu reebbicha irratti taasifamuu jira.  Sa’uma sana waraanan yeroo qabsiisuuf yaalanitti hirkaa cabsee baduu ni yaadatama.

Qeerroon Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa Eebba Eebbifamtoota Barattoota Oromoo Ilaalchisuun Qophii Addaa Marsaa 2ffaa Taasisan.

Aside