Qeerroo !
Qeerroo jechuun dardara,
Dargaggeessa,gayeessa isa gaayelaan dura,
Mee waa’ee qeerroon eera,
Na hambisaa ija’rraa.
Qeerroo durii kan gadaa,
Kan warra saba guddaa,
Warra gootummaan adda.
Foollee,Raabaafi kuusa,
Isaantu diina adamsa,
Isaantu biyya tiksa,
Kun egaa dhugaadhuma, seenaatu mirkaneessa.
Kuusaa gadaa abbaa duula,
Qeerroo ogeessa lola,
Wal ta’eetu diina haleela,
Injifannoodhaan gala.
Qeerroo sanyii qeerransaa,
Osoo inni lubbuun jiru,eenyitu tuqa biyya’saa?
Qeerroon aadaatti bulu,kan gadaan masakamu,
Sabboontich Oromoo,gonkumaa hingabroomu.
Sirna gadaatu laaffate,
Qorqalbiitu hir’ate,
Yaanni addadda baate,
Wanti halagaas nu seente,
Yartuun nu gabroomfatte,
Yaa qeerroo koo hubatte?
Namatu of jijjiire,
Orma jala hiriire,
Lukkeetu nu gurgure,
Yartuutu nu darare,
Yaa qeerroo yaa addadure,
Maal wayya maal goonu’ree?
Yaa qeerroo yaa utubaa,
Lammii kee isa wayyaba,
Yartuut’ yaabee irraa sirba,
Sabbicuutu hidhee reeba,
Malli maali yaa gurba?
Cunqursituu yartitti,
Sabbicuu kijibditti,
Hanga yoom nu dararti?
Jajjabaadhu yaa qeerroo amma yeroon geesseetti.
Yaa qeerroo yaa qeerransoo,
Haafiniinsinu qabsoo,
Jajjabaadhu obboleessoo.
Yaa qeerroo qaroo nama,
Yaa butaa akka harangama,
Yaa dutaa akka jarlama,
Yaa goota irree jirma,
Sumatu diina tuma,
Sit’ xumura gabrummaa,
Akka ‘saatu akkanuma,
Kun hinoolu tasumaa.
Qeerroo tokkoomee ka’e,wal ta’ee wal ijaare,
Tooftaafi tarsiimoo baase kan qabsaa’ee hiriire,
Lammii gabrummaan miite,cunqursaa’rraa baraare,
Kaayyoon deebi’aa jirti kunoo ijaan agarre,
Kan keenyas yeroon geesse,haataanu abbaa dabaree.
Qaama hawaasaa isa qaroo,
Qeerroo qoricha roorroo,
Obboleessa dubaroo,
Qabsoo finiinsaa jira,haatumsin yaa dhiiroo.
Yaa qeerroo yaa abbaa seena,
Wal taanee waliin kaanee,haadhabamsiisnu diina.
Yaa qeerroo sammmuu qara,
Cunqursaa bara baraa,
Fincilatu nu fura,
Qabsootu nu baraara,
Jajjabaadhu adaraa.
Qeerroo abbaa kallacha,
Abbaa mirgaa abbaa faacha,
Isatu nu hoofkalcha,
Harkuma harkaan gumaacha.
Yaa qeerroo kaayyoo gaarii,
Tooftaafi tarsiimoo hori,
Hawaasa kee ijaari,
Kanuma keeti barri,
Lammii isa yartuun miite,cunqursaa’rraa baraari,
Bittaafi dhiibbaan halagaa,haaraawwatu xumuri.
Cimsi diddaa gabrummaa,
Falli’saa finciluma,
Furmaan’saas kanuma,
Yeroon’saa’llee ammuma,
Haafincillu yaa jama.
Walta’insa cimsina,
Fincila finiinsina,
Diina nidhabamsiisna,
Mirga hiree murteeffannaa,
Qabsoo keenyaan gonfanna,
Hinshakkinu nimoona.
Yaa qeerroo yaa abbaa xiiqi,
Yeroon geessee warraaqi,
Golgaa gabrummaa saaqi,
Diina lafa’rraa dhiqi,
Boollatti gadi naqi,
Lammii cunqursaan mite,imimmaan irraa haqi,
Oromiyaa bilisoomsi,injifannoon burraaqi.
Yaa qeerroo Yaa abbaa duula,
Abbaa malaa abbaa fala,
Dammaqsi dhiiraafi dhala,
Kan baadiyyaafi magaala,
Baasi tooftaa fincila,
Fincilli waliigala,
Diina nibuusa boolla,
Injifannoodhaan galla,
Kun hinoolu battata.
Qeerroo goofaree tuuta,
Yaa goota sanyii goota,
Dimokiraasii dhugaa qabsoon bu’uuressita,
Jabaadhu nimilkoofta.
Yaa qeerroo yaa qeerrole,
Ammaa tola yoo tole,
Waltaanee waliin duulle,
Marti keenya fincille,
Diina haabuusnu qile.
Harka wal haaqabannu,
Gabrummaa haadhabamsiisnu,
Lammii yartuun darartu, qaanii keessaa haabaasnu!
Alamaayyoo Qubee
Caamsaa 4, 2011
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...