
Mootummaan Baraaraa Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona

(Ibsa ABO, Caamsaa 30, 2021)
ABO yeroo dheeraaf humni hidhate biyya alaa kan Eritiraa dhimma Itophiyaa keessa seennuun nageenya biyyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa walxaxaa akka taasisu ibsaa ture. Qooda fudhannaan loltoota Eritiraa ol’aantummaa biyyaa (sovereignty) cabsuu qofa utuu hin taane amallii fi gochaan loltootni kuni Ummata siviliirratti raawwachaa jiran badii daangaa hin qabnee fi dhiitta mirga namaa hamaa fidaa jira. Gochaa suukkanneessan ummata Tigirayi irratti raawwatamee fi Ummata Adunyaatiin Mirkanaawe amma biyya Oromiyaa keessatti bal’inaan mul’achaa jira.
Akkuma waliigaltee dhoksaa Gartuun Itophiyaa bulchina jedhanii fi mootummaa Eritiraa gidduutti ta’etti humni Eritiraa kan hidhate biyya Oromiyaa fi naannoo Benishangul-Gumuzitti bobba’ee gochaa suukkanneessaa kaaba Itophiyaatti raawwatame naannoo kanattis dabalaa jira. Ragaa qabatamaan jiru Baatii Ebla 2021 keessa Kutaan Waraana Eritiraa (Battalions) gara Zoonilee Oromiyaa- Horroo Guduruu, Qeellam Wallaggaa,Dhiha Wallaggaa, Gujii, Booranaa fi naannoo Matakkal (Benishangul-Gumuz) bobbaauudhan Ummata Sivilii reebuu, ajjeessuu, meeshaa saamuu, dubartii fi ijoollee gudeeduu fi juumlaan nama hidhuu isaanii ti. Continue reading