Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Girjjoo Fittee Keessatti Guyyaa Har’aa Amajjii 12,2016 FXG Ta’een Barattooti Hedduun Loltoota Wayyaaneen Butaman.

Aside

Amajji 12,2016 Gabaa Jimaataa
Humni waraanaa abbaa irree  Waayyaane Uummata gidirsuu itti fufe Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffa Girjjoo Fitteetti Barttoota kaan mana barumsaarraa ariyaa kaan mana adabaatti hedduminaan loltoota Wayyaaneen  guuraa jiraachu beekame.Qeerroon Jimaatarra barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Mohaammad Muusaa yakka tokko malee gaaffi mirgaa waan gaafateef manni barumsaa Garjjii adaba waggaa lama (2) kan laate yoo ta’u yakkisaani kan isa naasise erga murtoo kana argatee bakki buuteesaa dhabame.haatisaas namoota kanaan yakkasaan ala waan na dura dhabamsiiftanii lubbuusaa itti gaafatamaan isini sababa jedhaniif qofa mana hidhaa Guuteetti gidirfamaa akka jiranidha kan dubatamu.

Yuniverstiin Jimmaa Mooraa Qubsuma Waraana Wayyaanee Taatee Halkan Kana Konkolaataan 7 Loltooti Qubatan.FXG Gootummaa Barattotaan Itti Fufe.

Aside

Amajjii 12,2016 Jimmaa
Humni waraana Wayyaanee mooraa Yunibarsiitiwwani kan duraarra daran dhunfatee Yuniverstiin Jimmaa Mooraa waraanaa malee barataa akka hin taane muldhata yeroo ammaa Yunibarsiitii Jimma keessa yoo xiqqaate humni waraanaa Wayyaanee konkolaataa 7 olitti tilmaamama jedhu barattoonni mooraa guddaa Kanaan walqabate kan aarse barattoota main campus FXG akka kaasaan gochaa jiraachuu dubbatu. Galgala kanas bifa jabaatee fi qindaayeen FXG itti fufa.

Karaa biraa Amboo keessatti dargaggoo Saamu’el Kumaa rasaasa Wayyaaneen gara jabeenyaan dhahamee lubbuun isaa uummata Oromoof jecha gootummaan wareega kafalee jira.

Wallagga Horroo Guduruu Magaalaa Kiiramuu Keessatti Har’a Amajjii 12,2016 Diddaan Sirna Wayyaanee Itti Fufe.

Aside

Amajjii 12,2016 Wallagga Anfilloo Magaalaa Muggii Keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Gaggeefamaa Jira.

Aside

SBO AMAJJII 2016. Oduu, Gabasa kabajaa Guyyaa WBO Amajjii 1 Hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa, Ibsa Gaazzexaa Tumsa Bilisummaa fi Dimokraasii Ummatootaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Har’a Amajjii 12,2016 Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo Keessatti Hiriirri Yeroo Sadaffaa Adeemsifamaa Jira

Aside

Mana barumsaa sadarkaa duraa, fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Qassootti Barattoonni fi jiraattoti waliin ta’uun,ganama har’aa sa’atii sadii irraa hanga sa’a jahaatti hiriira geggeessaniin

  1. Ajjeestonni seeratti haa dhiyaatan
  2. Abbaa  biyyummaa keenya barbaanna
  3. Wayyaaneen nun bulchitu ABOtu abbaa biyyaa dha,
  4. Waamikaa ,Waamalee
  5. Dhiira hin waamankaa!

ABO yaamikaa WBO koo waamichaa
Jechaa akka oolan beekameera
Humni Waraanaas,magaalaa Naqamtee irraa gara sanatti heddumminaan ergamee akka jiru Qeerroon gabaasa

Magaalaa Naqamtee Keessatti Kanneen Waraqaa Eenyummaa Hin Qabne Magaala Keessa Sosso’uuf Rakkoo Ta’aa Jira.

Aside

Amajji 12,2016 Naqamte
Humni waraanaa mootummaa TPLF Uummata Nagaa doorsisuuf gidirsuu itti fufe Dhiha Oromiyaa Magaalaa Naqamtee keessatti humni waraanaa gabroonfattootaa hojii idilee godhachuun kan uummatatti bobbaafaman erga gaafa warraaqsi uummataa egaleeti ganama,guyyaa,galgala,oso hin jenne hidhata guutuun uummata doorsisaa jiru.achuma magalatti bakkeewwan tokko tokkotti imaltoota karaas ta’e jiraata achi eenyumessiti guyyaadhumaan gaafachuu itti fufan kan eenyumaa hin qabnes hidhudhaan gidirsuutti bobbaa’an

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Moraa Kitoo Furdisaatti Rasaasa Wayyaaneen Madaayanii Mana Yaalaa Jiran Akka Hin Dubbifamneef Wayaaneen Dhorkaa Godhe.

Aside

Amajjii 2,2016 JIMMA
Mootummaan shororkeessaa Itiyophiyaa (Wayyaanee)n har’as akkuma bare Oromoota FDG irratti  miidhamanii mana yaala galan hiriyoonnis ta’e maatiin isaanii akka deemani hin gaafanne dhorkaa jira. Kanumaan wal qabatee “barattoota Yunibarsiiti Jimmaa mooraa Kitoo Furdisaatti kanneen Amajji 10,2016 Bonbiin haleele mana yaala ciisaa jiran hiriyoonnisaani akka deemani hin dubbifneef dhorka jira” jedhu kannen dubbisuuf deemani dhorkaman.akkasumas kanne hidhamani jirani deemani dubbisuu sodaa guddaa keessa nu galcheera jedhu.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 11, 2016

Aside

Dhaamsa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif, Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif

Haa ga’u dhaamsi keenya, jaallan qabsoo bilisummaa, miseensota waldaa dubartoota Oromoo biyya UK fi ilmaan Oromoo biyya keessan keessa bilisummaadhaan jiraachuu dadhabdanii biyya ormaa jiraattan hunda. Oduu hiriira nagaa gaafa Amajji 5, 2016 biyya UK-tti geggeessitanii fi Amajji 5 hanga 7, 2016tti qorra gannaa (winter) nama goggogsu keessa buluudhaan nu ilmaan keessan rasaasa mootummaa fashistii Wayyaanee dura dhaabannee falmaa hadhaawaa geggeessaa jirru faana dhaabbachuu keessan yammuu dhageenyu imimmaan gammachuu fi gaddaan walmakaa tu hudhee nu qabe. Hangamuu dararaan nutti baay’atu, hangamuu nutti roorrifamu, yammuu lammiin keenya biyya ambaa akkasitti kutatee wareegama fedhe kafalee mrannoodhaan nu faana dhaabatee falmuu isaa yammuu dhageenyu gammachuu keenya dachaa taasisa. Karaa biraatiin, nu warri biyya dictaatarummaan keessatti dagaage akka empaayera Itoophiyaa keessa jiraannu, akka keesanitti balbala Muummicha Ministeeraa  taa’aa buluun hafnaan, mana barnootaa keenya keessallee teenyee sa’atii tokkoof mormii dhageessisuun, yookiin mallattoo mormii bifa kamiinuu muli’suun kan wareegama lubbuu nu gaafatu ta’uu yammuu yaadannu, gadda kana hin jedhamneen guutamna.

Jaallan lammii keenya biyya ambaa jiraattan,

Nu ilmaan keessan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa hanga dhaabbata ol’aanaa keessa jirru jiruuf jireenyi nutti hadhaawee jira. Biyyuma abbaa keenyaa irratti alagaa biyya keenya weeraree qabateen dararamaa jirra. Nagaadhaan manaa baanee galuun hafnaan, manuma keenya keessa jiraachuu hin dandeenye. Kana caalaatti kan nagaa nu dhowwaa jiru ammoo biyyi keenya gurguramaa waan jirtuuf qalbii ittiin teenyee barannu dhabne. Biyya hin qabnu taanaan barachuunis hiikaa nuuf dhabe. Biyya baratanii hojii argachuudhaaf ergamaa diinaa ta’anii, sammuu ofii fi saba ofii gurguruun dirqama namatti ta’etti barachuun gatii maalii qaba? Kanaaf jennee, diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbannee falamachuudhaaf murteeffanne. Xalayaa Galataa Waldaa Dubartoota Oromoo UK