Amajji 12,2016 Gabaa Jimaataa
Humni waraanaa abbaa irree Waayyaane Uummata gidirsuu itti fufe Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffa Girjjoo Fitteetti Barttoota kaan mana barumsaarraa ariyaa kaan mana adabaatti hedduminaan loltoota Wayyaaneen guuraa jiraachu beekame.Qeerroon Jimaatarra barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Mohaammad Muusaa yakka tokko malee gaaffi mirgaa waan gaafateef manni barumsaa Garjjii adaba waggaa lama (2) kan laate yoo ta’u yakkisaani kan isa naasise erga murtoo kana argatee bakki buuteesaa dhabame.haatisaas namoota kanaan yakkasaan ala waan na dura dhabamsiiftanii lubbuusaa itti gaafatamaan isini sababa jedhaniif qofa mana hidhaa Guuteetti gidirfamaa akka jiranidha kan dubatamu.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist