Amajjii 15/2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Ilmaan Oromoo Miseensota OPDO taanii sirnicha Keessa jiran Illee Oromummaan Yakkee Hojjettoota Hedduu Hidhaatti Guuruu Eegalee jira, Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Hogganaa Wajjira Dargaggootaa fi Ispoortii kan ture Kabbadaa Qoroo Camadaa Oromummaan Yakkamee Mormii gaggeffamaa jiru keessatti qooda qabda jedhamuun Humna Waraana Agaaziin Ukkaanfamee Mana Hidhaa Maaikalaawwiitti darbamee jiraachuun ifa taee jira.
Dargaggoo Kabbadaa Qoroo Camadaa Bara 2005/1997 Fulduraa yeroo garaagaratti Oromummaan Hidhamee dararama kan turee fi Bara 2005 Humnootaa Tikaan qabamee Maaikalaawwiitti hidhamuun dararama guddaa keessa kan turee fi Bara 2009 Kan Gadhiifamee fi Miseensa OPDO Yoo taate malee hin jiraattu jedhamuun Miseensa OPDO baruma kana tauun Wajjira Milishaa Aanaa Midaa qanyii irratti Ramaduun akka yakka raawwatuuf dargaggoota Oromoo Aanaa Midaa Qanyii waliin walitti buusuuf shira guddaan irratti dalagamuun ni yaadatama. Boodarraa dargaggoota biratti fudhatama qabaachaa gaafa inni dhufuu, Shakkii guddaa keessa galuun waajjira Milishaa irraa kaasuun Wajjira dargaggoof Isport irratti ramadamuun utuu hojjechaa jiruu, Sochii Warraaqsaa FDGfi Mormii Master Pilaanii Finfinnee keessatti qooda qabda jedhamuu Humnoota agaaziin Ukkaanfamee kan mana hidhaatti darbamee jiru tauun saaxilame, kana Malees Kaabinootni Aanaa Midaa Qaanyii, Calliyaa, Aamboo, GINcii, Jalduu, Xuuqur Incinnii, Gindabarat, Adaaaa Bargaa, Meetaa Roobii, Mogorii fi Dandii hundii rakkoo ilaalchaa qabduu, Fincila mootummaa irratti gaggeeffamu keessa harka qabdu jedhamuun hidhamuuf Doorsifamaa jiraachuun ibsame jira!!